{"id":4000,"date":"2019-04-01T08:41:30","date_gmt":"2019-04-01T08:41:30","guid":{"rendered":"http:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=4000"},"modified":"2019-04-01T08:41:30","modified_gmt":"2019-04-01T08:41:30","slug":"sooma-fi-sirna-mana-kiristaanaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/sooma-fi-sirna-mana-kiristaanaa\/","title":{"rendered":"Sooma fi Sirna Mana Kiristaanaa"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: right\"><em>Lammessa Guuttataa<\/em><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Hundeen (burqaan) seera soomaa Waaqayyodha. Manni Kiristaanaa immoo mana Waaqayyooti.Waan ta\u2019eefis gabaabummatti seera soomaa, kadhannaa, gaabbii yeroo jennu seera Waaqayyoo ajaja Waaqayyoo, danbii Waaqayyoo, abboommii Waaqayyoo jechuu keenyadha.Waaqni maaliif seera, ajaja, aboommii nuuf kenna yeroo jennu akka jalaa hin miidhamneef \u00a0\u00a0lubbuunis ta\u2019e fooniin akka jalaa hin benneef \u00a0jennee fudhachuu ni dandeenya. \u00a0Seerrii Waaqayyoo, ajajni Isaas hundee fayyinaa, nageenya, jireenya fi qulqullummaati. Kanaafidha Qulqullichi Daawit \u201cSeerri kee miilla koof ifadha\u201d jechuun kan inni ibseef (Faar.118:105). Manni Kiristaanaa hundee (madda fi burqaa) seeraati; hundeen ishee immoo Waaqadha. Manni Kiristaanaa hundee jireenya fayyinaa fi qulqullummaa waan taateef namoota gara daandii fayyinaa, jireenya tokkummaa fi qulqullummaatti kan geesitudha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Mootummaan maaliif seera,ajaja,daanbii ittiin bulmaata biyya fi uummata isaaf baasa? Maalif kenna? yeroo jennu, nageenya tasgabbii tokkummaa lammillee isaa eeguf jecha, lammiillee isa yaaddoo fi sodaa\u00a0 foonii \u00a0irraa eeguf jecha, lammillee jidduuti jaalala tokkummaa nageenya wal-gargaarruu,wal-danda\u2019uu, walii galuu eegsisuuf ta\u2019uun ifadha. Mootummaan garu lafaa (dachee) lammiilee isaaf dhimma fooniif qofa yaada; waa\u2019ee lubbuu yaaduu hin dandaa\u2019u; kuni gahee Mana Kiristaanaatihoo.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Waaqni garuu Waaqa jaalalaa, kan dhiifama, tokkummaa, nageenya fi Qulqullummaa waan ta\u2019eef, Waaqa fooniif kan lubbuus waan ta\u2019eef, fayyina keenya malee rakkachuu keenya waan hin barbaannef luubu fi foon keenyaaf ni yaada. Waan ta\u2019eefis wantoota lubbuu keenyas ta\u2019e foon keenya miidhu dandaa\u2019an irraa akka of eegnuf wantoota lubbuu keenyaafis ta\u2019e foon keenyaaf fayyadan akka raawwannu nu ajaja. Wantoota nu fayyadan keessa fi akka raawwannu ajajamne keessaa kennaawwan afuuras kan ta\u2019an keessaa, dirqamoota afuuraa keessaa inni tokko soomadha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Uummanni fi namni seera hin qabne kamiyyuu seera dhabbeessa ta\u2019a; seeraan alas ta\u2019a. Amantaa, mul\u2019ata, kaayyoo, karoora, abdii hin qabu. Ka\u2019umsa fi bakka gahumsa isaas hin beeku. Maaliif akka jiraatu akkamiinis akka jiraatu hin beeku. Biyya seerri keessa hin jirre keessatti nageenyi, jaalalli, tasgabbiin, naamusni hin jiru. Wal-kabajuun, wal-dhageeffachuun hin jiru; lammiileenis qajeelcha jireenyaa hin qaban. Namni raawwi dirqamoota jireenya Kiristaanummaa (soomafa\u2019a) irraas adda bahe akkasumadha. Jireenya hin qabu, tasgabbiis hin qabu, obsa,qulqullummaas hin qabu. Jireenya eebba irraas fagaatee jiraata. Tasgabbii fi obsas hin qabu. Waaqni jaalala Isaa akka nuuf kennuf,jireenyas akka argannuf,du\u2019a jalaas akka baanufis ta\u2019e bilissummaan akka jiraanuf jecha seera,ajaja, abboommii,sirna Isaa nuuf kennera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Yeroon (ji\u2019oonni lameen) amma keessa jirru kun yeroo sooma Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos yaadachaa jirrudha. Inni \u00a0fakkeenya nuuf ta\u2019uuf jecha, barnoota nuuf kennuuf jecha, nuufis jireenya, fayyina, qulqullummaa nuuf ta\u2019uuf jecha nama ta\u2019e; foon keenyas uffate, Giiftii keenya dubree Qulqulleetti Maariyaam irraas dhalate; nama ta\u2019uun dallaa loonii keessatti dhalate, ni cuuphame, gadaama Qoronxoosis deemee ni soome, foon namaa uffateenis ni kadhates. Sooma, kadhannaa, jireenya gadaamis eebisee qulqulleessuun nuuf kennuuf jecha kana raawwate malee wantonni kunneen Isaaf kanneen barbaachisan ta\u2019anii waan argamaniif miti. Inni Waaqa Qulqulluu, Waaqa jaalalaa,Waaqa dhiifamaati.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Gaggeessaan lammii isaaf fakkeenya ta\u2019uu qaba.Wanta dubbatu inni duraan dursee raawwachuu qaba. Gooftaan keenya kanaafidha kanneen hundaa kan raawwatef. Abbootiin har\u2019a jirru, lubooni, tajaajiltooni hundi keenya lammiilee tajaajillu hundaaf fakkeenya ta\u2019uun tajaajiluu qabna. Kun immoo wanta dubbannu hojjiin raawwane argisiisu irraa eegala.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Uummataaf jaalala,tokkummaa, dhiifama barsiifnee nuti garuu otoo hin ta\u2019iin yoo argamne baay\u2019ee nama qaanessa. Yeroo Kiristaanonni gara sirna kadhannaa qidaassee adeeman,yeroo gara Mana Kiristaanaa adeeman nuti garuu kaaffee keessa kan teenyu yoo ta\u2019e of ilaluun gaariidha.Yeroo uumanni dadhabdoota gargaaru,yeroo bakka qubannaa (mana jireenya) ijaaru nuti garuu kan keessa hin jirre (irratti hin hirmaanne) yoo ta\u2019e of ilaalun gaariidha. Fakkeenyummaa keenyan gaafii keessa kan galchu waan ta\u2019eef jechuudha. Kanneen amananiifis gufuu ta\u2019a.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Jireenya Goofta keenya irraa namoota barsiifnuuf karaa hundaa fakeenya ta\u2019uu akka qabnu irraa baranna. Kitaabni Qulqulluun kana yeroo ibsu \u201cHordooftoota keef fakkeenya ta\u2019i\u201d jechuun ibsa (1Pheex.4:11). Karaa biraas \u201cJireenyaanis, jaalalaanis amantaanis qulqullummaanis kanneen amananiif fakkeenya ta\u2019i\u201d jechuun ibsa.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong><u>Faayidaa Soomaa<\/u><\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Soomni seera, ajaja, abboomii, fedha, eeyyama Waaqayyoo raawwachuuf, Isaaf bitamuuf, qormaata irraa of eeguf, addunyaa keessaa bahuuf, hojjii qulqullummaa\u00a0\u00a0 raawwachuuf, amantaan, naamusaan, qulqullummaan, tajaajilaan, jireenya afuurummaan cimnee dhaabachuuf\u00a0 ni fayyada.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Soomuu dhiisuun nama foonii (addunyaa) nama taasisa. Fedha fooniif, yaada xuraa\u2019aaf, hawwii addunyaaf akka bitamnu nu taasisa. Kanaafis soomuun kallattiilee hundaanuu gaariidha; dirqama Kiristaanumaatis. Rom.12:14; 1Qor.6:12-13; Yoh.6:7.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Namni yeroo seera soomaan of bichisiise jireenya (lubbuu) isaa kadhannaa, gaabbiin yeroo gaggeesutti yeroo gara Waaqayyootti adeemuuf tataafattutti obsi, tasgabbiin, nageenyi, boqonnaan lubbuu isa ni barbaachisa. Soomni jireenya foonis ta\u2019e lubbuuf ni barbaachisa, ni fayyadas.Soomni amaloota fedha fi hawwii foonii irratti ol aantummaa gonfachuuf ni fayyada. Qormaata keessa injifannoon darbuuf, yaada diinaa (foonii) moo\u2019achuuf ni gargaara. Afuura foonii, cubbuu,xuraa\u2019ummaa,shakkii moo\u2019achuuf ni fayyada. Amamntaa ni cimsa; Waaqa waliinis tokko ni taasisa.1Qor.7:7, 8:8.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong><u>Gosoota Sooma<\/u><\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Akkaataa seera Mana Kiristaanaa keenyaan soomni sooma dhuunfa fi gamtaa jedhamuun bakka lamatti qoodama.<\/p>\n<ol style=\"text-align: justify\">\n<li><strong><u>Sooma dhuunfaa<\/u><\/strong><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify\">Kun Kiristaanni tokko abbaa lubbuu (luba) isaa waliin marii\u2019achuun \u00a0waa\u2019ee dhimma cubbuu raawwateef, balleessaa, badii isaaf jecha Waaqa irraa dhiifama, araara, arjummaa argachuuf jecha, cubbuu irraa dhiqamuuf, aaraa galfii lubbuu argachuuf jecha kan soomudha. Soomni kun sooma dhiifamaa, sooma qulqullummaaf jecha kan raawatamudha. Otoo qaamni biraa soomu keenya hin beekiin kan raawwatamudha. Gabaabumatti soomni kun sooma dhimma (sababa) waa\u2019ee balleessaa, cubbuu fi xuraa\u2019ummaa keenyaaf jecha Waaqni dhiifama akka nuuf kennuf jecha dhiifamaan, araaraan fi arjummaan akka nutti deebi\u2019uuf kan raawwanudha.<\/p>\n<ol style=\"text-align: justify\" start=\"2\">\n<li><strong><u>Sooma Gamtaa (tokkumaa)<\/u><\/strong><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify\">Soomni gamtaa sooma tokkumaati. Sooma Kiristaanota hundaa ilaalattudha. Namni gaafaa guyyaa 40 fi 80 tti cuuphamee miseensa Mana Kiristaanaa ta\u2019e, namni aangoo mucummaa Sillaasee argate kamiyyuu, kan umriin isaa waggaa 7 ol ta\u2019e hundi \u00a0rakkoo fi dhibee humnaan ol ta\u2019een kan dhibame yoo ta\u2019e malee soomota tokkummaa kanneen soomuu qaba. Walumaagalatti akkaataa seera Mana Kiristaanaa keenyaan sooma gamtaa (tokkummaa) jedhamuun kanneen beekaman bakka 7 tti qoodamu. Isaanis :-<\/p>\n<ol style=\"text-align: justify\">\n<li>Soomaa Gooftaa (Hudaadee, Sooma Guddicha)<\/li>\n<li>Sooma duukaa bu\u2019ootaa<\/li>\n<li>Sooma Gannaa (Sooma Raajotaa)<\/li>\n<li>Sooma Filsetaa (Sooma Maariyaam)<\/li>\n<li>Sooma Gahaad (guyyaa jala-bultii Cuuphaa kan soomamu)<\/li>\n<li>Sooma Nanawwee fi<\/li>\n<li>Sooma Fayyinaa (sooma Roobii fi Jimaataa)<\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify\">Kiristaanni hundi soomota kanneen tokkummaan, jaalalan, gaabbi galuun, cubbuu keenya irraas deebi\u2019uun soomuu qabu. Gaabbii galuun qalbiis jijjiirachuun soomnee fooniis ta\u2019e lubbuun akka fayyadamnuuf fedha fi eeyama Waaqayyoo nuuf haa ta\u2019u, amen.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Lammessa Guuttataa Hundeen (burqaan) seera soomaa Waaqayyodha. Manni Kiristaanaa immoo mana Waaqayyooti.Waan ta\u2019eefis gabaabummatti seera soomaa, kadhannaa, gaabbii yeroo jennu seera Waaqayyoo ajaja Waaqayyoo, danbii Waaqayyoo, abboommii Waaqayyoo jechuu keenyadha.Waaqni maaliif seera, ajaja, aboommii nuuf kenna yeroo jennu akka jalaa hin miidhamneef \u00a0\u00a0lubbuunis ta\u2019e fooniin akka jalaa hin benneef \u00a0jennee fudhachuu ni dandeenya. \u00a0Seerrii Waaqayyoo, [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4000"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4000"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4000\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4001,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4000\/revisions\/4001"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4000"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4000"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4000"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}