{"id":3996,"date":"2019-03-01T08:48:07","date_gmt":"2019-03-01T08:48:07","guid":{"rendered":"http:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=3996"},"modified":"2019-03-01T08:48:07","modified_gmt":"2019-03-01T08:48:07","slug":"tajaajila-afuuraa-duuka-buummaa-fi-qormaata-isaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/tajaajila-afuuraa-duuka-buummaa-fi-qormaata-isaa\/","title":{"rendered":"Tajaajila Afuuraa, Duuka-bu\u2019ummaa fi Qormaata isaa"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: right\"><em>\u00a0Lammessaa Guuttataa<\/em><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Jireenyi Kiristaanumaa jireenya qulqullummaatti. Qulqullummaan isaan kan argamu immoo inni tokko karaa tajaajila afuuraatti. Dhalli namaa keessumaa Kiristaanni kan inni uumame qulqullummaa isaa eegun hojii fayyinaa kan jireenya fi qulqullummaa raawwachuun Waaqayyoonis tajaajiluun cubbuu irraas of eegun Mootummaa Waaqayyoo dhaale jireenya barabaraa akka argatuufidha. Tajaajilli afuuraa cubbuu irraa of eeguf, hojii fayyinaa jireenya fi qulqullummaa raawwachuun Mootumaa Waaqayyoo dhaalle jireenya barabaraa argachuuf ni fayyada. Kana malees haala jiruu fi jireenya keenya akkaata sagalee, seeraa, ajaja, abboomii fi fedha Waaqayyootti gaggeessuf ni fayyada. Tajaajila afuuraa yeroo jennu daandii fayyinaa kan jireenya fi qulqullummaatti jechuudha. Waaqa waliin tokko ta\u2019uuf gara isaatti dhiyaachuf,jireenya Kiristaanummaan, sooman, kadhannaa fi sagadaan cimnee dhaabbachuuf ni fayyada.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Jireenyi tajaajillmmaa fi duuka bu\u2019ummaa jireenya qormaata adda addaan guutamedha. Qulqulluun Phaawuloos kana yeroo ibsu akkana jedha:<\/p>\n<p style=\"text-align: center\"><em>\u00a0\u201cDadhabbiin baay\u2019isee, reebamuun baay\u2019isee, hidhamuun \u00a0\u00a0du\u2019aaf yeroo hedduun ta\u2019e, Ayhuud yeroo tokko hir\u2019atu reebicha afurtama yeroo shan na reeban. Yeroo sadiin uleen reebame, yeroo tokko dhagaan na dhahan, dooniin koo yeroo sadii na jalaa cabe, guyyaa fi halkan galaana keessan ture, yeroo hedduus daandii irran deeme, karaa galaanan soda, karaa hattootaan sodaa,karaa sanyii koos sodaa, karaa warreen hin amannees sodaa,karaa magaalas sodaa,karaa daandiis sodaa, karaa obboloota sobduus sodaan narra turre; dadhabbii fi dadhabbiin yeroo hundaas ciisicha dhabuun, beelaa fi dheebbuudhaan yeroo hedduus soomaan, qorra fi\u00a0 qullaa ta\u2019uun, kanneen hunda hafan otoo hin lakkaa\u2019iin guyyaa guyyaan kan na yaaddessuu waa\u2019ee dhimma Manneen Kiristaanootatti\u201d jechuun ni ibsa. 2Qor.11:22-29.<\/em><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Jechi kun kan nu hubachiisu jireenyi Kiristaanummaa afuuraa fi tajaajilli dadhabbii, qormaata fi bu\u2019aa bahii hedduu akka qabaatu, nutis otoo hin laafiin\/hin dadhabiin, amantaa keenya irraas gara boodatti otoo hin deebi\u2019iin hanga dhumaatti cimnee dhaabbachuu akka qabnu dha. Kanaafidha Goftaan keenya \u201cHanga dhumaatti cimee kan dhaabbate ni fayya\u201d kan jedhe (Maat.10:22).<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Jireenyi tajaajilummaa afuuraas ta\u2019e Kiristaannummaa jireenya bu\u2019aa bahii, qormaata fi dadhabbii adda addaan guutamedha. Jireenya fedha foonii (addunyaa) raawwachaa jirannuu otoo hin ta\u2019iin soomaan, gaddaan, qormaata adda addaan guutameen kan jiraannudha. Dhumni isaa immoo gammachuu fi jireenya barabaraati. Jireenyi Kiristaanummaa fi tajaajilli afuuraa jireenya qulqulloota ittiin fakkaannu keessa isa tokkodha. Kunis jireenya qormaata fi bu\u2019aa bahii akkasumas dadhabbii hedduun guutameen kan ibsamudha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Qormaanni jireenya Kiristaanummaa keenya ni cimsa, ni jaabbessa, akka jireenya soomaan, kadhannaa fi gaabbiin cimnee dhaabbannu nu taasisa. Yeroo hundaas gara Mana Waaqayyootti akka deddeebinu, haala jiruu fi jireenya keenyas akkaata sagalee Waaqayyoon akka gaggeessinu kan nu taasisudha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Qormaanni karaa amantaa, soomaa, kadhannaa, gaabbiin, tajaajila fi duuka bu\u2019ummaan nutti dhufu nu cimsa; amantaan akka dhaabbanus nu taasisa. Qormaata kana ala fayyinni waan hin jirreef jechuudha. Gooftaan keenya yeroo fooniin addunyaa kanarra dedeebi\u2019aa turetti foon uffachuu Isaan nama ta\u2019uu Isaan kana malee nuuf fakkeenya nuf ta\u2019uuf jecha qorameera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Qulqulloonni fi duuka bu\u2019oonni Isaas fakkeenyummaa Isaa erga hubatanii booda qormaata hedduu keessa darbaniiru. Qulqulluun Phaawuloos kana yeroo ibsu: \u201cAni Kiristoosin akkuman fakkaadhuu isinnis anaan fakkaadha\u201d jechuun ibseera 1Qor.11:1. Jireenyi Kiristaannummaa fi tajaajilli afuuraa jireenya fedha foonii raawwachuun ittiin jiraannu miti. Hojjii jireenya fayyinnaa fi qulqullummaa ittiin raawwachun qormaatas ittiin fudhachuun kan ittiin jiraanudha. Kanaafidha\u00a0 Kitaabni Qulqulluun \u201cWaa\u2019ee isaas qormaata akka ittiin fudhannuf \u00a0malee Isatti qofaa amanuuf hin waamamne\u201d jechuun kan inni ibsuuf. Filip.1:29<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Waluumaa galatti tajaajiluun dirqama keenyadha. Tajaajilummaan daandii sagalee Waaqayyoo ittiin baay\u2019isnu, kan ittiin babal\u2019isnu, karaa namoonni gara Mana Kiristaana dhufan, sagalee Waaqayyoo barachuun jireenya fayyinaa qulqullummaa fi gaarummaa ta\u2019e jiraachuun mootummaa Waaqayyoof akka qophaa\u2019an kan ittiin taasisnudha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Yeroo tajaajillu immoo qormaanni karaa adda addaa, sababa adda addaaf nu mudachuu danda\u2019a. Tajaajila irratti qormaanni qaama tajaajila keenya isa tokko ta\u2019uu isaa hubachuun ottoo abdii hin kutiin Waaqayyoon abdachaa amantaan, jireenya afuurummaan, soomaa fi kadhaannaan cimuun tajaajila keenyatti itti-fufuu qabna. Yoo sana ta\u2019e ni fayyina; kanneen biroos akka fayyaniif ni gargaarra. Tajaajila keenyatti cimnee dhaabbannee, hojii gaariis hojjennee mootummaa Waaqayyoo akka dhaallu Inni nu haa gargaaru; ameen.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>\u00a0Lammessaa Guuttataa Jireenyi Kiristaanumaa jireenya qulqullummaatti. Qulqullummaan isaan kan argamu immoo inni tokko karaa tajaajila afuuraatti. Dhalli namaa keessumaa Kiristaanni kan inni uumame qulqullummaa isaa eegun hojii fayyinaa kan jireenya fi qulqullummaa raawwachuun Waaqayyoonis tajaajiluun cubbuu irraas of eegun Mootummaa Waaqayyoo dhaale jireenya barabaraa akka argatuufidha. Tajaajilli afuuraa cubbuu irraa of eeguf, hojii fayyinaa jireenya [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3996"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3996"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3996\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":3997,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3996\/revisions\/3997"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3996"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3996"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3996"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}