{"id":3993,"date":"2019-02-25T08:58:08","date_gmt":"2019-02-25T08:58:08","guid":{"rendered":"http:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=3993"},"modified":"2019-02-25T08:58:08","modified_gmt":"2019-02-25T08:58:08","slug":"wal-qooduun-mallattoo-kiristoos-irraa-foxxoquu-ti","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wal-qooduun-mallattoo-kiristoos-irraa-foxxoquu-ti\/","title":{"rendered":"Wal-qooduun mallattoo Kiristoos irraa foxxoquu ti!"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: center\"><em>Maqaa Abaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen.<\/em><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Qulqulluun Phaawuloos amantoota Galaatiyaa warra barsiisaa dhugaa fi Waaqa isaanii ta\u2019e Kiristoosiin dhiisanii warra eenyummaa namoota isaan barsiisaniin boonaa turaniif \u201cKaraa amantii hundi keessan Kiristoos Iyyesuusiin ijoollota Waaqayyootihoo; Kiristoos waliin tokko akka taataniif kan cuuphamtan hundi keessan Kiristoosiin uffattaniittuti. Namni Yihuudaa yookaan kan Giriik hinjiru; gabri yookaan booranni hinjiru; dhiirri yookaan dubarris hinjiru; hundi keessan Kiristoos Iyyesuusiin nama tookodha\u201d jechuun itti dubbatateera (Gal.3:27-28).<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Dhugaan kutaa ergaa isaa kana keessarraa hubannu bu\u2019uurri tokkummaa keenyaa karaa Cuuphaa fi amantii hundi keenyayyuu qaama Kiristoos ta\u2019uu keenyadha. Kana jechuunis Kiristaanota hunda kan tokko taasise Kiristoositti amanuu isaanii fi amantiidhaan tokko ta\u2019uu isaaniiti malee akkuma nama kamiiyyuu bifaan, aadaadhaan, bakka itti dhalatanii guddatani fi sadarkaa barumsa isaaniin tokko ta\u2019uu akka hindandeenye ni beekama. Keessumaayyuu nuyi warri Ortodooksawoon hundi akkuma namoota kaanii qabxiilee duraan eeraman hundaan addadda taanullee, Waaqa tokko jennee waan amannuuf, gadameessa (haadha) Yordaanos tokkitti fi Afuura Qulqulluu (Abbaa) tokkicha irraa Cuuphaa tokkittiidhaan dhalannee ijoollota Waaqayyo tokkichaa waan taaneef, Amantaa Kiristaanaa tokkummaadhaan waan fudhannuuf, Mana Kiristaanaa tokkittii keessas waan jiraannuuf tokko dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Kanaafuu, Kiristaanotni Cuuphaa tokkittiidhaan Kiristoos tokkicha uffatan hundi sababa uffatawwan aadaa uffataniin addadda ta\u2019uu hindanda\u2019an; eenyummaan biyya lafa kanaa isa samiirraa isaanitti hincaaluuti. Amantootni funyoo jaalalaa tokkichaan walitti hidhaman addaddummaa qooqa isaaniin tokkummaan isaanii sarbamuu hinqabu; meeshaan waliigaltee Kiristaanotaa inni guddaan jaalaladha malee qooqa mitiiti.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Qulqulluun Phaawuloos karaa amantoota Galaatiyaa \u201cNamni Yihuudaa ykn Giriik hinjiru\u201d jedhee yoggu nugorsu lammummaa itti dhalanne nugansiisuuf miti; bakka itti dhalanne caalaa biyyatti ishee samiirraa ishee Kiristaana taanee, hojiilee Kiristaanummaa hunda raawwannee dhaallu sana waliin yoggu madaalamu hedduu gad-aanaa ta\u2019uu agarsiisuuf malee.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Haaluma wal-fakkaatuun \u201cGabri ykn booranni hinjiru\u201d yoggu jedhus bara sanatti namootni haala kanaan wal-qooduu isaanii ibsuurra darbee \u201cKiristaanummaa keessatti namni hundu \u2018nama\u2019 ta\u2019uusaatiin qofa wal-qixadha malee wal-caaluun akka hinjirre\u201d hubachiisa. Inumaayyuu tokkummaan karaa Kiristaanummaa argamu saala \u201cdhiira\u201d ykn \u201cdubara\u201d jedhamullee kan nama dagachiisu, tokkummaa gonka qaama tokko nama taasisu akka mirkaneessu qulqulluun Phaawuloos jala-muree kan dubbate sirna uumamaa dagatee miti; Kiristaanni Kiristoosiin tokko ta\u2019e hundi wantoota nam-tolchee ta\u2019aniin wal-qooduu miti daangaan uumamaallee tokkummaa afuuraa sana akka diiguu hindandeenye agarsiisuufidha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Maatiin afuurawaa haaluma kanaan gartee tokko ta\u2019e immoo laphee tokkoon yaadee, afaan tokkoon dubbatee tokkummaa afuurawaa gonka ta\u2019een bara-baraan jiraata malee barri yoggu jijjiiramu, ololli (oduun dharaa) yoggu babal\u2019atu sababoota xixiqoodhaan wal-hinqoodu. Kiristaanota gidduu tokkuummaa malee wal-qoqqooduun jiraachuu akka hinqabaanne qulqulluun Phaawuloos \u201cGaruu yaa obbolootaa, hundi keessanuu jecha tokko akka dubbattan, laphee tokkoo fi yaada tokkoon akka wal-simattan malee qoqqoodinsi isin gidduutti akka hin uumamne maqaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin isin nan kadhadha\u201d jechuun haala kadhaatiin kan dubbateefis kanaaf (1Qor.1:10).<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Hunda caalaammoo kennaan Afuura Qulqulluu Kiristaanotaaf kan kennamu jireenya tokkummaa keessatti ta\u2019uun isaa jireenya duuka bu\u2019ootaan mirkanaa\u2019eeraa: galma Tsiyoon keessatti \u201c\u2026hundisaanii laphee tokkoon waliin osoo jiranii\u2026\u201d Afuurri Qulqulluun akka isaaniif bu\u2019e Kitaabni Qulqulluun dhugaa bahaati (Hoj.2:1). Dabalatas \u201cGamtaa nageenyaan ta\u2019aatii kennaa Afuura Qulqulluu irraa argamu dammaqinaan eeggadhaa. Yoggu waamamtan abdii tokkoof akkuma waamamtan qaamni tokkoo fi afuurri tokko ni jira. Akkasumas Gooftaan tokko, Amantaan tokko fi Cuuphaan tokko jira. Hundaan ol kan ta\u2019e, hunda keessatti kan hojjetu, bakka hundas kan jiraatu Abbaa hundaa kan ta\u2019e Waaqni tokko jira\u201d (Efe.4:3-7) jedhamnee gorfamuu keenyas yoomiyyuu dagachuu hinqabnu.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Kadhannaa amantaa keenya gamtaan kadhatamu keessattis \u201cMana Kiristaanaa tokkittii fi qulqulleettii duuka bu\u2019ootni hundeessanitti ni amanna\u201d jenna; tokkummaan mallatto Mana Kiristaanaa addaatihoo. Manni Kiristaanaammoo adda-durummaan tokkummaa amantoota biyya lafaa kanarra jiraatani fi qulqulloota qabsuura isaanii xumuraniiti. <em>\u201c<\/em><em>\u12a5\u1295\u1270<\/em> <em>\u1260\u121d\u12f5\u122d<\/em> <em>\u1225\u1228\u12ca\u1203<\/em> <em>\u12c8\u1260\u1230\u121b\u12ed<\/em> <em>\u12a0\u12a5\u1339\u1242\u1203<\/em><em>..<\/em><em>\u1364<\/em> <em>hundeen ishee lafarra, dameen ishee ammoo samiirra jiru<\/em>\u201d jechuun qulqulluun Yaareed kan barsiise dhugaa kana mirkaneessa.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Hunda caalaayyuu Foonii fi Dhiiga Kiristoos isa dhugaa warreen fudhatan hundi qaamolee Kiristoos tokkichaa waan ta\u2019aniif tokko dha. <em>\u201c\u2026<\/em><em>\u12ed\u12cc\u120d\u1326\u1219<\/em> <em>\u1260\u1245\u133d\u1260\u1275<\/em> <em>\u12a0\u1263\u120b\u1270<\/em> <em>\u12ad\u122d\u1235\u1276\u1235<\/em> <em>\u12ed\u12a9\u1291\u1364<\/em> <em>\u1260\u1283\u12ed\u1208<\/em> <em>\u1325\u1260\u1261<\/em> <em>\u1218\u1295\u12ad\u122d<\/em> <em>\u12c8\u12d5\u1339\u1265<\/em> <em>\u12aa\u1291\u1364<\/em><em> humna ogummaa Isaa dinqii fi adda ta\u2019een qaamolee Kiristoos akka ta\u2019aniif battalumatti isaan jijjiira\u201d<\/em> akkuma jedhame (Malka\u2019aa Qurbaan). Kiristaanotni haala kanaan tokko ta\u2019an dameewwan addaddaa jirma waynii (Kiristoos)\u00a0 tokkichaati malee biqiltoota addaddaa miti (Yoh.15:5). Kanaafuu, Kiristoosiin Kiristaanota kan jedhaman hundi tiksee dhugaa tokkichaan kan gaggeeffaman gamtaa tokko dha malee addadda miti (Yoh.10\u136116).<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Tokkummaan afuuraa akkasii immoo kan argamu beekumsa fooni fi dhiigaan miti; amantiidhaan malee. \u201cHundi keenya gara tokkummaa isa Ilma Waaqayyoo amanuu fi beekuun argamutti, gara nama guutuu ta\u2019uuttis\u2026hanga geenyutti\u2026\u201d jedhamee kan ibsames kanaaf (Efe.4\u136112-13). Yoomiyyuu Kiristaana ta\u2019ee tokkummaa amantootaa irraa foxxoqee \u201cguutuu\u201d ta\u2019uu kan danda\u2019u akka hinjiraanne kanaan ifa ta\u2019eera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Nuyi Kiristaanotni \u201cMana Kiristaanaa tokkittii\u201d jennee kan amannu gamtaa afuurawaa ishee tokkummaa Ergamoota samii fi qulqulloota lubbuun fudhatamaniin argannedha. Tokkuummaa keenya namoota biyya lafaa kanarra jirani fi obboloota\/obboleeyyan keenya yeroo hunda arginu waliin qabnu diiguudhaan Waaqayyo fi qulqulloota Isaa warra ijaan arguuf hindandeenye waliin tokkummaa qabna yoo jenne soba ta\u2019a; \u201c\u2026obboleessa isaa isa ijaan arge kan hinjaalanne Waaqayyo isa hinargine akkamiin jaalachuuf danda\u2019a?\u201d jedhameera (1Yoh.4:20).<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Gama kamiinuu tokkummaa obboloota\/obboleeyyan keenya nu waliin tajaajilani fi Mootummaa Waaqayyoo dhaaluuf nu waliin dadhabaa jiran irraa foo\u2019amuun kan nagaa miti. Kennaan Afuura Qulqulluu tokkummaa keessatti akka kennamu dursinee caqasneerra; faallaa kanaan qoqqoodinsa kan facaasu fi tokkummaa diiguudhaan kan gammadu yoo jiraate Seexana qofa dha. Kanaafuu, takka qooqaan, yeroo biraa qomoodhaan, irra darbee ganda itti dhalanneen qoqqoodamnee wal-nyaachuun keenya eenyuun akka gammachiisu hubachuun barbaachisaadha. Hundaan ol maatii Ortodooksawaa ta\u2019uun funyoo jaalalaa afuurawaa yoomiyyuu hin cinneen walitti nuhidhuu qaba; Kiristaanummaa kana irraa adda ta\u2019e hinqabnuuti!<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Maqaa Abaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen. Qulqulluun Phaawuloos amantoota Galaatiyaa warra barsiisaa dhugaa fi Waaqa isaanii ta\u2019e Kiristoosiin dhiisanii warra eenyummaa namoota isaan barsiisaniin boonaa turaniif \u201cKaraa amantii hundi keessan Kiristoos Iyyesuusiin ijoollota Waaqayyootihoo; Kiristoos waliin tokko akka taataniif kan cuuphamtan hundi keessan Kiristoosiin uffattaniittuti. Namni Yihuudaa yookaan kan Giriik hinjiru; [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3993"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3993"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3993\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":3994,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3993\/revisions\/3994"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3993"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3993"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3993"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}