{"id":3991,"date":"2019-02-19T07:15:31","date_gmt":"2019-02-19T07:15:31","guid":{"rendered":"http:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=3991"},"modified":"2019-02-19T07:15:31","modified_gmt":"2019-02-19T07:15:31","slug":"maalummaa-umrii-dargaggummaa-fi-qormaata-isaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/maalummaa-umrii-dargaggummaa-fi-qormaata-isaa\/","title":{"rendered":"Maalummaa Umrii Dargaggummaa fi Qormaata isaa"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: right\"><em>\u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0Lammeessaa Guuttataa<\/em><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Barreeffama kanaan maalummaa umrii dargaggummaa, mallattoo (ibsa) isaa fi qormaatawwan yeroo (bara) umrii dargaggummaa keessatti nu mudatan ilaalla. Umriin dargaggummaa yeroo jijjiiramni qaamaa, fedhaa, umrii, yaada saffisaan itti mul\u2019atan, yeroo sadarkaa jireenya umrii ijjoollummaa irraa gara dargaggummaatti ceenudha. Karaa biraas hirkattummaa irraa yeroo gara of danda\u2019utti ceenudha. Yeroo of bulchuuf,of to\u2019achuuf, yeroo of gargaaruuf itti dandeenyudha. Yeroo cee\u2019umsa fi jijjii rraa kana sababa godhachuun jijjiiramoonni hedduun ykn qormaatileen hedduun itti nu mudatanidha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Kanneen keessas dhiibban hiriyyummaa,fedhiin fedha foonii yeroo itti dabalu,jijjirama fedha fi hawwii adda addaa,dursa hubbachuuf\u00a0 rakkisaa kan ta\u2019an ilaalcha fi fedhiiwwan \u00a0adda addaa yeroo itti mul\u2019atanidha. Kana malees\u00a0 dhimmoota hawwaassummaa fi falaasamoota adda addaaf yeroo itti xiyyeeffannaa guddaa kenninu fi isaaniifis saaxila itti baanudha. Ofis hiriyyoota keenya waliin yeroo wal-dorgomsiifnu, yeroo, to\u2019annaa maatii fi hiriyyoota keenya jalaa bahuun \u201cBilisummaan\u201d of to\u2019achuun (of bulchuun) jiraachuf yeroo itti feenudha. Yeroo fi barri umriin dargaggummaa yeroo itti barannu yeroo beekumsa,muuxannoo fi oogummaa adda adda itti horannu (barannu) ta\u2019uu qaba. Bara umrii kanatti qormaatileen hedduun nu muddachuu ni danda\u2019u,keessummaa qormaattileen karaa hiriyyoota keenya nu muddatan hedduu waan ta\u2019aniif hiriyyoota hamoo irraa of eegu qabna.Kana yeroo inbsu kitaabni \u201cHawwii fedha umrii dargaggummaa irraa baqadhu\u201d jechuun ni ibsa.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Dhimoota armaan olitti ibsaman alatti umuriin dargaggummaa qormaata ofisaa fiduun alatti yeroon nutti \u00a0keessatti argamnu (yeroo fi umriin dargaggummaa) qormaata nutti ta\u2019a. Kana\u00a0 malees dhiibbaan maatii , haawassa,naannoo fi hiriyyoota keenya irratti dabalatee yeroo keenya qormaata keessa galchuu fi rakkisaas taasisuu ni dandaa\u2019a.Yeroo kana kiristaanni tokko akkamiin jiraachu qaba jennee gaafachuun gaariidha.Kunis jireenya gaarii gammachuun, tokkummaan, jaalalan, obsaan, tasgabbiin, qalbii jijjiirannaan, qulqullummaan guutamee jiraachuf barbaachisaa waan ta\u2019eef jechuudha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Dargaggeessi Kiristaanaa ta\u2019e tokko akkamiin jiraachu qaba yeroo jennu,nama kaayyoo ta\u2019uun kaayyoon jiraachu qaba.Maaliif akka jiraatu ,maaliif akka uumame beekuu qaba. Kan nama kabaju, Waaqayyoonis kan soodaatu, seera, ajaja fi abboommii Isaas kan kabaju, hojjii cubbuu irraa kan of eegu, hojjii fayyinnaa kan jireenya fi qulqullummaa raawwachuun kan jiraatu ta\u2019uu qaba. Kana malees jireenya naamuusaan guutame fi kaneen biroofis fakkeenya ta\u2019u horachuun jiraachu qaba.Jireenyi isaa kan kitaaba barsiisu ,tokkummaa,jaalala,obsa,gammachuu kan barsiisu ta\u2019uu qaba. Callisse hiriyyoota fi namoota kaayyoo hamaa ta\u2019e qabaniin oofamu hin qabu.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Kitaabni Qulqulluu jireenya fakkeenyummaa guutame jiraachu akka qabnu yeroo ibsu \u201cJechaa fi jireenyan jaalalaanis, amantaanis, qulqullummaanis, kanneen amananiif fakkeenya ta\u2019i\u201c jechuun ni ibsa.1Xiim.4:11<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Kanaan dura ibsuuf akkuma yaalletti dargaggeessi Kiristaana ta\u2019e tokko maaliif akka uumame beeku qaba. Kunis jireenya keenya akkamiin gaggeessu akka qabnu akkamiinis jiraachu akka qabnu waan nu fayyaduuf jechuudha. Dargaggeessi Kiristaana ta\u2019e tokko nama kaayyoo qabu fi kaayyoonis kan jiraatu ta\u2019uu qaba. Ilaalcha dhiphummaa, sanyummaa, naannuummaa, ilaalcha wal-qoodinsa irraa bilisa ta\u2019uun namoota hundaa waliin tokkummaan, jaalalaan, wal-kabajuun, wal-gargaarruun jiraachuu qaba. Inni nama afuuraati, mucaa Waaqayyooti malee nama foonii wan hin taanef jechuudha. Namni afuuraa immoo nama hundaa waliin jaalalan, tokkummaan kan jiraatu ta\u2019uu qaba. Gaabbii galuun jiraachu qaba. Hojiiwwan (firiiwwan) foonii irraas of eegu qaba.<\/p>\n<p style=\"text-align: right\">\u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0<em>Galatni Waaqayyoof haata\u2019u!<\/em><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>\u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3991"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3991"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3991\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":3992,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3991\/revisions\/3992"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3991"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3991"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3991"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}