{"id":3985,"date":"2019-01-17T12:57:56","date_gmt":"2019-01-17T12:57:56","guid":{"rendered":"http:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=3985"},"modified":"2019-01-17T12:57:56","modified_gmt":"2019-01-17T12:57:56","slug":"hara-magaalaa-daawit-keessatti-qoricha-kan-tae-kiristoos-isiniif-dhalateera-luq-211","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/hara-magaalaa-daawit-keessatti-qoricha-kan-tae-kiristoos-isiniif-dhalateera-luq-211\/","title":{"rendered":"\u201cHar\u2019a Magaalaa Daawit Keessatti Qoricha kan Ta\u2019e Kiristoos isiniif Dhalateera\u201d (Luq.2:11)"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: justify\"><strong><em>Qopheessan:- Lammessaa Guuttataa.<\/em><\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Nama ta\u2019ee foon keenyas uffatee dhallachuu \u00a0Goofta keenya Iyesuus Kiristoosif sababa kan ta\u2019e badii fi balleessa Addaamiti.Addaam gaafa guyyaa 6ffaa erga uumamtoonni hundi uumamanii booda kan uumamedha.Uumamtooni biroon faayidaa dhala namaaf kan uumaman yoo ta\u2019an \u00a0dhalli namaa (Addaam) garuu Waaqayyoon tajaajilun,isaaniis \u00a0kabajuun,jireenya fi qulqullummaa raawwachuun,cubbuu fi badii irraas of eegun mootummaa Waaqayyoo dhaale jireenya barabaraas akka argatuuf,mootummaa Waaqayyoo akka dhaaluf,jireenya gammachuu fi boqonnaa barabaraas akka argatuufidha.<\/p>\n<p><!--more--><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Addaam yeroo uumametti \u00a0uumattoota biroo irraa \u00a0adda ta\u2019uun ,akkaataa fakkeenya fi fakkii Waaqayyoon \u00a0ture,Waaqni \u00a0uumatoota karaa sadii uume isaaniis yaadun,dubbachuun fi gochaa(raawinidha).Gosa uumamtoota keessaa adda ta\u2019uun ,sammuu yaadu,xinxaluu danda\u2019u ,wan hamaa fi gaarrii,wan qulqulluu fi xuraa\u2019a ta\u2019e addaan baasu danda\u2019u ,hamaa fi gaarii ta\u2019es addaan baasuu danda\u2019un isaaf kennamuun kan uumame dhala namaa (Addaam) qofaadha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Waaqni Addaamiin uume dhamaati,bu\u2019aa ba\u2019ii fi dadhabbii tokko malee Ganata keessati Waaqayyoon galateeffachaa \u00a0akka jiraatuuf Ganata keessa \u00a0isa kaa\u2019e,yeroo kanattis \u00a0ajaja isaaf kennee ture,firii muka Ganata keessa jiran hundaa nyaadhu, garuu firii hamaa fi gaarii \u00a0akka addaan bastee beektu si gootu baala muka Iste Balas garuu hin nyaatin ,yoo nyaate garuu du\u2019a barabaraa ni duuta ittin jedhe.As irratti baala muka balas wan hamaa fi gaarii addaan baase akka beeku isa taasisu yeroo jennutu Addaam yeroo uumameti wan gaarii fi qulqullummaa malee wan hamaa fi xuraa\u2019ummaa hin beeku ture.Erga baala muka Sanaa nyaate booda garuu Addaam wan gaarii ,qulqullummaa qofaa malee wan hamaa ,baddii,balleessa,cubbuu raawwachu eegale jechuudha.Nyaachu isaan wan hamaa bare jechuu keenyadha,Waaqni wan gaarii isaaf kenne,inni immoo baala sana nyaachu isaan hamii bare jechuu keenyadha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Addaam yeroo kana ajaja Waaqayyoo ni dagate,,fedha fi hawwii (ajaja) Waaqayyoo dhiisun kan haadha manaa isaa yaada,jecha fi hawwii Hewwaan dhaga\u2019uun ,gorsa fi jecha hammii kan du\u2019aa ta\u2019e seexana dhaga\u2019uun cubbuu raawwate,Waaqayyoonis gaddisiise,Waaqa irraas adda bahe,jireenya Gannataas ni dhabe.Achi ,keessaas ni arii\u2019ame ni bahe,gara jireenya addunyaatti darbatame,jireenya gaarii keessaa bahuun gara jireenya hammeenyatti,jireenya afuurummaa irraa adda bahuun gara jireenya fooniti gatame (darbatame).<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">\n<p style=\"text-align: justify\">\u00a0Addaam yeroo uumametti mirga guutun isaaf kennameetudha.Kanaaf waan gaariis ta\u2019e hamaa,wan qulqullummaas ta\u2019e cubbuu hojechuuf fedha fi eeyyama guutu kan qabu ture.Wan hojetu hundaafis sababa dhiyeessu hin dandaa\u2019u ture.Sababni isaas inni uumamtoota hundaa irraan adda bahuun sammuu beeka,hubataa,qajeela ta\u2019e isaaf kennamuun nama uumame kan turedha.Kanaaf balleessa raawwateef,cubbuu raawwateef yoo sababa illee dhiyeesse itti gaafatamummaa irraa garuu bilisa ta\u2019uu hin dandeenye.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Addaam yeroo Ganata keessa jiraata turetti cubbuus ottoo hin hojetiin dura jireenya malee du\u2019a hin beeku ture,nageenya fi gammachuu malee,gadda fi jeequmsa hin beeku ture,qulqullummaa malee cubbuu fi xuraa\u2019ummaa hin beeku ture,jaalala malee hammeenya fi jibba tokko illee hin beeku ture .Garuu yeroo ajaja Waaqayyoo darbuu cubbuu hojetetti keennawwan kunneen hundaa ni dhabe.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Addaam qulqullummaa,jaalala,eebba,kabaja,ulfina fi jireenya dhabe,Waaqayyoo irra \u00a0baqate adda bahe cubbuu hojechuu isaan qullaa ta\u2019uu isaa bare,cubbuu hojjechuu isaaniis ni qaana\u2019e ,salphachuu isaas ,kabaja fi ulfina Waaqa biraatis qabu akka dhabe ni hubate.Ni dhokate,ni qaana\u2019e,ni booye,ni gadde,cubbuu hojjechuu isaaniis Waaqayyoof sababa dhiyeesse,garuu itti gaafatamuu irraa bilisa ta\u2019uu hin dandeenye.Uum.3:1.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Har\u2019as namoonni hedduun sababa adda addaan cubbuu hojechuu ni dandeenya.Cubbuu,balleessa fi baddii \u00a0keenyaaf gaabbii \u00a0galuu qabna.Gaabbiin \u00a0cubbuu,balleessa fi badii keenya irraa nu dhiqa,nu qulqulleessa,gara kabajaatti,gara qulqullummaa fi \u00a0ulfinaatti \u00a0nu geessa.Kanaafidha kitaabni qulqulluu \u201cHundi keessan gaabbii yoo hin galle akkasuma ni baddu \u201c kan jedhuuf.Luq.13:3.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Seera keessa diibi 30:19 iraatti Waaqni dhala namaaf bilissummaa guutuu isaaf kennee akka uume ni ibsa.Kanatti fayyadamuun balleessaa hujjetuuf akka itti gaafatamu yoo wan gaarrii hojjete immoo akka ittiin eebifamu akka ittiin kabajamu ni ibsa.Kanas\u201cFuuldura keessanitti\u00a0 jireenya fi du\u2019a\u00a0 eebba fi abaarsa \u00a0akkan kaa\u2019e \u00a0ana har\u2019a\u00a0 samii fi dachee sirrattan raggaasisa eegaa atti fi\u00a0 sanyiin keenya\u00a0 lubbuun akka jiraataniif\u00a0 jireenya filadhu \u201c jechuun ni ibsa.Lubbuun akka jiraatuf jechuun isaa ajaja fi abboomii Waaqayyoo eegu akka qabnu,cubbuu,xuraa\u2019ummaa,hammeenya ,firii foonii,yaada,hawwii fi raawwi cubbuu irraa of eegu akka qabnu,hojii fayyinaa,kana jireenya fi qulqulluus raawwachu (hojjechuu) akka qabnu kan ibsudha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Addaam yeroo uumamee Ganata keessa akka jiraatuf ta\u2019etti jireenya daanga dhumaa hin qabu ture.Inni garuu sababa cubbuu raawwateef,sababa ajaja fi abboomii Waaqayyoo cabseef,sababa Waaqayyoon gaddisiisef , \u00a0Ganata keessa waggaa 7f qofa ture kan inni jiraate.Waaqnis\u00a0 gara kabaja,ulfina fi qulqullummaa isaatti akka isa deebisuf ni kadhate,gaabis ni gale .<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Kitaabni qulqulluu namni kan facaase isuma haamata (sababa) jechuun ni ibsa. Gal.6:7. Addaam cubbuu \u00a0hojechuu isaan\u00a0 Waaqayyoo waliin qofaa ottoo hin ta\u2019iin \u00a0uumamtoota biroo waliinis\u00a0 walitti bu\u2019e,kan isaaf ajajamaa turan isaaf ajajamuu dhiisan,eegumsa ergamootas ni dhabe,sababa cubbuu isaafis waggaa 5500 guutus jireenya\u00a0 garbummaa,bittaa seexana fi dhiphina si\u2019ool keessatti jiraachuf dirqame.Bu\u2019aan cubbuu xuraa\u2019umaadha,gubbanaadha. Kana yeroo ibsu kitaabni qulqulluu \u201cMiindaan cubbuu du\u2019adha\u201djechuun ni ibsa.Rom.6:23 .Sababa Addaam balleessa raawwaten cubbuu hojeteen dhalli namaa hundi waggaa 5500 guutuf jireenya dhiphinaas,garbummaa,bittaa seexanaa keessa (jalatti) jiraachuf dirqame.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Jireeya dhiphinaa kana keessa Waaqni akka isaan baasuuf gara jireenya kabaja,ulfina fi qulqullummaati akka isa deebisuuf waggaa hedduuf abbootiin hundi kadhachaa turan.Waaqni fayyina namaa malee badinsa keenya waan hin barbaannef dhala dhala Addaam irraa dhalachuun nama ta\u2019uun akka isa fayyisu waada isaaf gale.Waada isaas kan raawwatu Waaqni keenya yeroo yeroon isaa gaheti karaa qulqulluu ergamaa Gabri\u2019eel misiraacho himsiisun haadha keenya durbee Qulqulleetti Maariyam irraa dhallachuun nama ta\u2019uun foon dhala namaas uffachuun nu fayyise.Luq.1:1.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Duuni karaa (sababa) Addaam irraan kan ka\u2019een kan dhufedha,Waaqni jireenya malee du\u2019a hin uumne,fayyaa malee dhibee hin uumne,jireenya malee du\u2019a hin uumne,gammachuu malee gadda hin uumne,jaalala malee jibba hin uumne,tokkummaa malee\u00a0 garaagarummaa hin uumne,Kunis kan dhufe\u00a0 ajaja Waaqayyoo \u00a0dhaga\u2019uu dhiisu irraan kan maddedha.Amaalootni kunneen hundi uumama Addaam dura kan hin turedha, amaloonni kunneen hundi balleessa fi baddii Addaam uumeen booda kan dhufanidha.Rakkinni,gadaddoon,dhiphinni,garaagarummaan,wal-qoodinsi,wal-jibbuun kan dhufe erga Addaam cubbuu raawatee boodadha.Kunis kan dhufe ajaja Waaqayyoo \u00a0dhaga\u2019uu dhiisu irraan kan maddedha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">\n<p style=\"text-align: justify\">\n<p style=\"text-align: justify\">Addaam bilissummaa isaaf kennametti fayyadamuunidha kan inni cubbuu raawwate,eenyu illee isa hin dirqamsiifne.Waaqani yoo mal godhe jireenya akka argatu yoo maal raawwates du\u2019a barabaraa akka raawwatu isatti himeera,kanaafis immoo seera fi ajaja isaaf kenneera.Inni Waaqa jaalalaa,Waaqa bilisa ta\u2019uu isaa ibsuuf fedha keenyan malee dirqamana nu bulchuu (nu jiraachisuu akka hin feene) ibsuufidha kana hundaa kan inni raawwate.Kana yeroo ibsu kitaabni Qulqulluu Ya\u2019i.1:13 irratti \u201c Eenyu illee yeroo qoramu \u00a0Waaqayyoon qorame akka hin jenne ,Waaqni hamaan nama hin qoruutti,Inni ofiisa eenyun illee hin qoru,garuu tokkon tokkoon keenya\u00a0 fedha ofii keenyan harkkifamaa butamaa fi gooyomfamaa \u00a0ni qoramna.Kana booda yaadni (fedhiin) ulfooftee cubbuu ni deessi,cubbuunis erga guddatee booda du\u2019a ni deessi \u201c jechuun ni ibsa.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Hedduun keenya har\u2019a sababa kanaan cubbuu hedduu keessa galleera.Cubbuun karaa sadii raawwatama,isaaniis yaadun(fedha fi hawwiin),dubbachuu fi raawwachuunidha.Dhumni isaa immoo du\u2019adha.Addaam kanaafidha kan inni adabame.Kana yeroo ibsu kitaabni Qulqulluu \u201cMiindan cubbuu du\u2019adha\u201d jechuun kan inni ibsu.Karaa biraas \u201cNamni kan facaase haamata\u201d jedhamuun isaa dhumni cubbuu rakkoo,gadaddoo,dhiphina ta\u2019uu isaa ni mul\u2019isa.Kanaafuu raawwii cubbuu irraa of eegu qabna.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Abbootiin Addaam irraa hanga dhaloota Gooftatti turan raajotas dabalatee du\u2019a,gadaddoo fi rakkina sababa cubbuun dhufe irraa Waaqni akka isaan baraaru ,bilisa akka isaan baasu,gara jireenya fayyinaa,qulqullummaatti akka isaan deebisuuf kadhachaa turan.Ni kadhatan malee garuu dhalachuu Isaa ijjaan hin argine.Garrumaan isaanii,qulqullummaan isaanii akka xuraa\u2019umaati isaanitti lakka\u2019amun rakkachaa turan.Kana hundaa irraa bilisa bahuuf kadhachaa turan,ni hawwan ni fedhan malee \u00a0arguu hin dandeenye. Kanaafidha raajichi Isaayas \u201cHundi keenya akka xuraa\u2019oota taanera,qulqullummaan keenya hundaas \u00a0akka huchuu abaarsa (uffataa) ta\u2019eera,hundi keenya akka baala mukaatti harcaaneera, balleessan keenyas akka bubbee qilleensaati nu fudhateera\u201c \u00a0jechuun ni ibsa. Isay.64:6<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Waaqni waadaafayyina dhala namaaf galeen nama ta\u2019e foon keenyas ni uffate. Waa\u2019ee kabaja,ulfina fi nama ta\u2019uu Isaas yeroo duuka bu\u2019oota Isaaf hubbachiisu (ibsu) Gooftaan keenya \u201cIjji keessan kan mul\u2019atu argan qulqullootadha,Isininan jedha kan isin argitan raajotni fi moototni hedduun ilaaluf hawwan garuu \u00a0hin argine, kan dhageessan dhaga\u2019uuf fedhan garuu hin dhageenye \u201c jechuun isati himeera.Luq.10:24.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">\n<p style=\"text-align: justify\">\n<p style=\"text-align: justify\">Karaa biraas Gooftan keenya haaluma waadaa Addaamif galeen yeroo isaatti Afuuran haadha keenya durbee Maariyam irraa dhalachuun nama ta\u2019ee nu fayyiseera.Kanaafidha qulqullichi Phaawulos \u201cYeroo yeroon isaa gaheti Waaqni (Abbaan jechuu isaati )\u00a0 mucaa isaa isa durba irraa dhallate kan seeran gad ta\u2019uun dhalate erge \u201c jechuun ni ibsa.Gal.4:4<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Sababa Gooftaa keenyan nama ta\u2019uu Isaan dhalachuu Isaan\u00a0 nageenyi,tokkummaan,gammachuun,fayyinni,jaalali ni ta\u2019e ni raawwate ,namaa fi namni,namaa fi Waaqni,namaa fi ergamooni,nama fi uumamtooni hundi walitti ni araaraman,tokko ta\u2019an kanaan dura kan wal jibbaa turan amma tokko ta\u2019an wal jaallatan.Ergamooni dhalachuu Isaan dhalli namaa gara kabaja fi ulfina isaa isa kanaan duraati deebi\u2019u isaan ni gammadan,foon dhala namaa uffate dhufuu Goofta keenyanis Isaan ni ajaa\u2019ibsiifatan ni dinqisiifatan.Dhalli namaas ni kabajame,ni ulfaate,kabaja,eebba,ulfina kanaan dura qabu tures \u00a0isaaf ni deebi\u2019e qulqullummaa isaas ni argate.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Dhaloota Gooftaa keenya irraa nama ta\u2019uu fi foon dhala namaa uffachuu \u00a0isaan, Waaqa ta\u2019ee moora (dallaa) loon keessatti dhalachuu Isaan dhala namaa hundaaf barumsa hedduu ni kennaaf. Keessaumaa immoo gaarummaa,jaalala,gad of qabummaa Isa irraa ni baranna.Of tuullummaa,wal-jeequn,wal-booreessun,wal-dhiitun,wal-abaarun,wal-qoodun jireenya dhala namaa fi kiristaanummaa keessatti akka hin barbaachifne dhalachuu \u00a0Isaa irraa ni hubanna,Kana malees waliif yaadu waliif gadduus ni baranna.Nama jaalachuun nama kabajuun rakkataa gargaarun \u00a0dirqama keenya ta\u2019uu isaa ni hubanna.Kanaafis nuttis yeroo dhaloota\u00a0 Gooftas ta\u2019e ayaanota Afuura kanneen biroo kabajnu guyyaa qofa kabajuu ottoo hin ta\u2019iin hojjiin ibsuu,lubbuun ittiin jiraachu qabna.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Gooftaan keenya kan Inni dhalate dubroo Qulqulleetti haadha keenya Giiftii keenya Maariyam irraati.Isheen xuraa\u2019ummaan,cubbuun,hammiin kan ishee hin tuqnedha.Hammeenya hin beektu,eegumsa,hundaa danda\u2019ummaa ,araara Waaqayyoon eegamtee kan turtedha.Isheen cubbuu karaa yaadan,hawwiin,gochaan raawwataman irraas bilisa kan taate turtedha. Mana Qulqullummaa keessaas jiraacha kan turtedha.Ergamichi Qulqulluun Gabri\u2019eelis yeroo sagalee missiraachoo itti himetti gad of qabummaan jaalalaan obsaan \u201cAtti dubartoota keessaa filatamtee kan eebifamtedha \u201c kan ittin jedheef kanaafidha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">\n<p style=\"text-align: justify\">\n<p style=\"text-align: justify\">\n<p style=\"text-align: justify\">Isheenis Waaqa Abbaa jireenya dhiifama araara ta\u2019e dahuu isheen haadha Waaqa haadha Gooftaa jedhamte dhala namaa fi dubartoota hundaa irraas adda ta\u2019uun eebifamte.Nutis sababa cubbuu keenyaan kabaja,ulfina fi qulqullummaa dhabnee ture arganne Waaqa waliin araaramnee,kabaja fi jireenya barabaaras ittin arganne.Waaqa dhabnee turre,Ganata dhabnee turre karaa ishee wan ittin argannef isheen ni galateeffana.Guyyaa dhalachuu isaas gammachuu guddaan jaalalan,hojiin (gochaa fi raawwii afuurummaan ) gammadaa ni galateeffanna.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Isheetinis\u00a0 yeroo hundaa kadhannaa fi araarsummaa isheen gara Ilma isheetti akka nuuf kadhattuuf akka nu araarsituuf \u00a0Waaqa gammachuu Qulqulloota ta\u2019e kan argamsiifte\u00a0 nuun nu fayyisuuf\u00a0 Waaqa nama ta\u2019e\u00a0 kabaja,kennaa ,ulfina fi Qulqullummaa Isaa \u00a0akka nuuf kennuuf nuf kadhu jechaa ishee ni kadhanna.Isheen Waaqa foon dhala namaa uffachuun nama ta\u2019e gochaa Afuuran garaatti baachuun deessetti \u201ckanaaf Waaqni ofii Isaa mallattoo isiniif kenna kunoo durbeen durbummaan ni deessi\u00a0 Ilma dhiiraas ni deessi maqaa isaas \u00a0Amaanu\u2019eel ittiin jetti \u201c jechuun kitaabni Qulqulluu ni dhugoomsa.Isa.9:6-7..Kabaja guyyaa dhalachuu Gooftaa keenya Iyesuus Kiristoos fooniin ottoo hin ta\u2019iin Afuuraan kabajnee eebbaa,kabaja fi ulfina Isaa akka nuuf kennuuf fedha fi eeyyama Waaqayyoo nuf haa ta\u2019u ameen !<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Qopheessan:- Lammessaa Guuttataa. Nama ta\u2019ee foon keenyas uffatee dhallachuu \u00a0Goofta keenya Iyesuus Kiristoosif sababa kan ta\u2019e badii fi balleessa Addaamiti.Addaam gaafa guyyaa 6ffaa erga uumamtoonni hundi uumamanii booda kan uumamedha.Uumamtooni biroon faayidaa dhala namaaf kan uumaman yoo ta\u2019an \u00a0dhalli namaa (Addaam) garuu Waaqayyoon tajaajilun,isaaniis \u00a0kabajuun,jireenya fi qulqullummaa raawwachuun,cubbuu fi badii irraas of eegun mootummaa Waaqayyoo [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3985"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3985"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3985\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":3986,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3985\/revisions\/3986"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3985"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3985"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3985"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}