{"id":3980,"date":"2019-01-11T06:12:08","date_gmt":"2019-01-11T06:12:08","guid":{"rendered":"http:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=3980"},"modified":"2019-01-11T06:12:08","modified_gmt":"2019-01-11T06:12:08","slug":"doogmaaqannonaa-fi-dadarboo-kutaa-tokkoffaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/doogmaaqannonaa-fi-dadarboo-kutaa-tokkoffaa\/","title":{"rendered":"Doogmaa,Qannonaa fi Dadarboo (kutaa tokkoffaa)"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: justify\">Qopheessan :- <strong>Lammeessaa Guttataa<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Manni kiristaanaa dhaabbilee amantaa fakkataan irraa\u00a0 kan isheen adda baatu karaa seenaa,aadaa,doogmaa,qannonaa,seera,daddarboo isheetiinidha.\u00a0\u00a0 Akkataa barnootaa fi seera mana kiristaanaa keenyan doogmaa,qannoonaa fi daddarboon utubaawwan sadan amantaa jedhamuun beekamu. Sababni isaas\u00a0 mana kristaanaa keessatti waantonni raawwataman,mul\u2019atan kana malees manni kiristaanaa kan isheen gageeffamtu,kan ittiin bultu\u00a0 kanneen irratti\u00a0 hundeeffamuun waan ta\u2019eefidha. Hundee barnoota,sirna waaqeffaannaa amantaa mana kiristaanaa beekuf waantota sadan kanneen hundaa beekuu qabna.Waantonni mana kiristaanaa keessatti raawwataman hundi kanneen sadaniin\u00a0 ala hin bahan.<\/p>\n<p><!--more--><\/p>\n<ol style=\"text-align: justify\">\n<li><strong><u>Doogmaa :-<\/u><\/strong> Jechi doogmaa jedhu jecha Tsir\u2019ii (Giriik) irraa kan argame yoo ta\u2019u hiika heedduus of keessaa qaba.Fkn:- Ilaalcha, nama tokkoof waanta gaarii fi siirrii ta\u2019e ittii fakkaatu, namni tokko dhugaadha jechuun kan fudhatu kanneen jedhaman isaanii muraasadha. Kanaafuu akkataa barnoota mana kiristaanaa keenyan doogmaa jechuun kan hin jijjiiramne,fooyya\u2019uus kan hin dandeenye, bu\u2019uura amantaa fi mana kiristaanaa jechuudha.Fakkeenyaf utubaawwan shanan mana kiristaanaa,kabajaa,ulfinaa fi qulqullummaa dubree haadha keenya Maariyaam,kabajaa fi ulfinaa qulqullootaa akka fakkeenyatti kaasuu dandeenya. Kanneen\u00a0 hundi kan hin jijjiiramne, fooyya\u2019uus kan hin dandeenyedha.Doogmaan qaama kamiin illee fooyya\u2019uu fi jijjiiramu kan hin dandeenyedha.Itti dabaluunis kan hin danda\u2019amnedha.<\/li>\n<li><strong> <u>Qannonaa<\/u> :-<\/strong> Jecha Tsir\u2019ii (Giriik) \u201c Kaanon \u201d jedhamu irraa kan dhufe yoo ta\u2019u hiikni isaa seera,danbii,ittiin bulmaata,murtee,hanga,safartuu jechuudha. Jechi kun tajaajila mana kiristaanaaf,bulchiinsa addunyaa fi siyaasaa keessattis ni fayyada. Kana malees kiristaanonni balleessaa fi cubbuu raawwatan hundaaf Waaqa irraa dhiifamaa fi araara argachuuf adabbiin soomaa kan kadhannaa,sagadaa fi kkf kan luba irraa isaaniif kenamus qannonaa jedhamuun beekamu. Kanneen hundi nama gaabbii galee gara daandii sirrii,kan fayyina,jireenyaa fi qulqullummaatti kan isa deebisudha.<\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify\">Gabaabumatti qannonaan seera mana kiristaanaati jechuu ni dandeenya. Fakkeenyaf seera iccitii qurbaana,seera kadhannaa,yeroo mana kiristaanaa adeemnu of eegannoon taasifnu,kophee baasuun, seera soomaa fi sagadaaf goonu ilaaluu ni dandeenya.\u00a0 Bu\u2019uurri qannonaa kitaaba qulqulluudha. Manni kiristaanaa seeraan akka gaggeeffamtu abbootiin keenya seera tumuun darbaniiru. Kana yoo ibsu kitaabni \u201cObboleessa seeran ala adeemu irraa akka adda baataniif\u00a0 maqaa Gooftaa keenya\u00a0 Iyyesuus Kiristoosiin isin ajajna\u201d jechuun ibseera.2Tas.3:6.Sochiiwwan mana kiristaanaa keessatti raawwataman hundi bu\u2019uurri isaanii kitaaba qulqulluudha.Kana malees kiristaanonni hundi\u00a0 sochiin isaan haala jiruu fi jireenya isaanii keessatti taasisan hundi kitaaba qulqulluu bu\u2019uura kan godhatedha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Seerii mana kiristaanaa kiristaanni tokko\u00a0 kan ittiin beekamu, hundee fi bu\u2019uura amantaa,\u00a0 mucaa Waaqayyoo ta\u2019uun isaa kan ittiin mirkanaa\u2019udha. Kanas karaa uffannaa,dubbii,ejjannoo ,adeemsa isaa,karaa naamusaa fi amala gaarummaa isaa\u00a0 kan ibsudha. Namoota adeemsa akkasiin ala adeeman irraas adda akka baanuu fi of eeguun akka jiraannu ni ibsa kitaabni. 2Tas.5:14 irratti\u00a0 \u201cyaa obboloota seeran ala kan adeeman gorsaa\u201d jechuun isaas kanaafidha. Namoonni tokko tokko irra caalaatiin kan foon isaaniif qofa yaadan\/bulan , mana kiristaanaaf ilaalcha gaariis kan hin qabaanne seerrii mana kiristaanaa kitaaba qulqulluu waliin kan wal-faallessu kan itti fakkaatuu ni jiru. Sochiin mana kiristaanaa kam-illee taanaan ka\u2019umsi isaa kitaaba qulqulluudha.Manni kiristaanaa kitaaba qulqulluun ala socho\u2019uu hin dandeessu.Yeroo hundaa doogmaan,qannonaa fi seerii mana kiristaanaa tokkummaan,wal-deeggaruun kan waliin adeemannidha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Kiristaanoota akkaata ajaja,abboomii , sagalee,yaada fi fedha Waaqayyoon adeeman,kan naamusaa fi amala gaarii qaban,namoota biroof fakkeenya ta\u2019uu kan danda\u2019an horachuu keessatti ,tokkummaa\u00a0 mana kiristaanaa fi jaalala kiristaanota eeguuf seeri mana kiristaanaa bakka guddaa qaba.Manni\u00a0 kiristaanaas taate ijoolleen ishee mirga seeran ala jiraachuu hin qaban qabaachuus hin danda\u2019an. Kiristaanni yaada,fedhaa fi ajaja Waaqa isaa eegee akka jiraatufidha kan Inni uumame. Kanaafidha kitaabni \u201cHundi seeran\u00a0 haa ta\u2019u \u201c\u00a0 jechuun kan ibsuuf.1Qor.14:40.Seeran ala akkataa yaada,fedha fi ilaalcha ofiin jiraatanii kiristaanummaan hin jiru.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Jireenya afuurummaa fi hawwaasummaa keenya hundaaf seera qabaachuun dirqama kiristaana hundaati. Akka yaada,fedhaa fi hawwii ofiitti jiraachuun hin danda\u2019amu.Hundi daangaa fi seera ni qaba. Akkataa seera mana kiristaanaa keenyatti burqaa qannonaa jedhamuun kan beekaman wal-gahii fi murtee Sinoodoosii duukaa bu\u2019oota,wal-gahii Niiqiyaa (325),wal-gahii Qusxinxiniyaa(381),wal-gahii Eefeesyoon (431),wal-gahii fi murtee abbootii qulqulluu Sinoodoosii fa\u2019a.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Qopheessan :- Lammeessaa Guttataa Manni kiristaanaa dhaabbilee amantaa fakkataan irraa\u00a0 kan isheen adda baatu karaa seenaa,aadaa,doogmaa,qannonaa,seera,daddarboo isheetiinidha.\u00a0\u00a0 Akkataa barnootaa fi seera mana kiristaanaa keenyan doogmaa,qannoonaa fi daddarboon utubaawwan sadan amantaa jedhamuun beekamu. Sababni isaas\u00a0 mana kristaanaa keessatti waantonni raawwataman,mul\u2019atan kana malees manni kiristaanaa kan isheen gageeffamtu,kan ittiin bultu\u00a0 kanneen irratti\u00a0 hundeeffamuun waan ta\u2019eefidha. Hundee barnoota,sirna [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3980"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3980"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3980\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":3981,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3980\/revisions\/3981"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3980"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3980"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3980"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}