{"id":3977,"date":"2019-01-09T06:36:51","date_gmt":"2019-01-09T06:36:51","guid":{"rendered":"http:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=3977"},"modified":"2019-01-09T06:36:51","modified_gmt":"2019-01-09T06:36:51","slug":"dubbii-mana-kiristaanaa-2","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/dubbii-mana-kiristaanaa-2\/","title":{"rendered":"Dubbii Mana Kiristaanaa"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: justify\"><strong><em>Dn. Miikiyaas Asiras<\/em><\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong>B. Mana Kiristaanaa: Qaama Kiristoos<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Waaqayyo mootichi ol\u2019aanaan baay\u2019ina arjummaa Isaa irraan kan ka\u2019e nama yoo uumu jalqaba Addaam, karaa Addaamiin Hewaan uume. Hewaan Qaama Addaam irraa kan argamte ta\u2019uu isheen qaama isaa jedhamti. Akkasuma Addaam lammataa Kiristoos addunyaa fayyisuuf qaamaan yeroo mul\u2019ate Hewaan lammataa Mana Kiristaanaa Fannoo irra osoo jiruu argamsiise. Gooftaan Fannoo irratti yeroo fannifamu cinaacha Isaa waraaname keessaa bishaanii fi dhiigni jechuunis icciitiin Cuuphaa fi icciitiin qurbaanaa argaman. Manni Kiristaanaa ibsamoota isheen (icciitiiwwan) mul\u2019atte. Sababa kanaanis barumsa duuka bu\u2019ootaan Manni Kiristaana qaama Kiristoos jedhamte. Qaamummaan ishees amanamaadha malee fakkeenyummaa miti.<\/p>\n<p><!--more--><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Jaalatamaan duuka bu\u2019aan Phaawuloos waa\u2019ee Mana Kiristaanaa \u201cisheenis qaama Isaa fi hundumaa waan hundaan kan guutu guutama Isaati\u201d jechuun barsiisa (Efe. 1; 23). Manni Kiristaanaa qaama Kiristoos yoo taatu Kiristoos immoo mataa Mana Kiristaanaati. Kana jechuun kan ishee eegu Isa dha, kan ishee sooru Isa dha, kan ishee kunuunsu diinaanis akka hin hubamne (miidhamne) kan ishee golgu Isa dha. Mataa ta\u2019uu jechuun itti gaafatamummaa fudhachuu jechuu dha. Manni Kiristaanaas qaama Isaatihoo, ofii ishee qulqullinaan ni eeggatti. Kiristoos irraan kan hafe mataa biraa barbaacha hin deemtu. Ofii ishee Kiristoosiin amanuun jabaattee jiraatti.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong>C. Mana Kiristaanaa: Misirroo Kiristoos<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">\u201cMisirrottii kan qabu Inni ofii Misirroodha\u201d \u00a0(Yoh. 3; 29) jedha wangeelli qulqulluun. Misirroo ta\u2019uun Kiristoos amaleeffannaa biyya lafaan kan yaadnu miti, misirroo samii (\u1218\u122d\u12d3\u12ca \u1230\u121b\u12eb\u12ca) dha malee. Hewaan Addaam irraa argamtee qaamaa fi misirroo isaa akka jedhamte akkasuma Manni Kiristaanaas Kiristoos irraa argamtee qaamaa fi misirroo Isaa jedhamteetti (Efe. 5; 24). Misirrottiin Manni Kiristaanaa tajaajilli ishee misirroo ishee Kiristoosiin tajaajiluun jiraachuu dha. Beektotni Mana Kiristaanaa faarfanna Sanbataa Guddaa keessatti \u201c\u1275\u12cc\u12f5\u1236 \u1218\u122d\u12d3\u1275\u201d (Misirittiin Isa Galateeffatti) jechuudhaan Manni Kiristaanaa yeroo hunda misirrooshee Kiristoosiin galateeffachaa akka jiraattu ta\u2019uu ishee dhugaa ni ba\u2019u.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Kitaaba Qulqulluutti Manni Kiristaanaa yeroo baay\u2019ee mana cidhaan fakkeeffamaa ibsamuun ishee kana waliin kan wal simu dha. Bakka misirroo fi misirrottiin mana cidhaa argamanitti firootni isaanii ni argamu, tokkummaa ni qabaatu. Nyaataa fi dhugaatiin ni jira. Mana Kiristaanaattis Ergamootni qulqullootnii fi ijoolleen Addaam sababa misirroo fi misirrottiin tokkummaa ni qabaatu. Nyaatni Foon Waaqayyoo, dhugaatiin Dhiigni Waaqayyoo jira. Misirroo fi misirrittii afuuraa ta\u2019uun kan jiru isaani dha hoo. Kiristoos kaadhimummaa qulqulluu Foonii fi Dhiiga Isaan Mana Kiristaanaaf misirroo isheef ta\u2019eera. Mataa waan isheef ta\u2019eefis hanga du\u2019aatti dabarsamee kennameeraaf. \u201c \u201c\u12d8\u1260\u12a5\u1295\u1272\u12a0\u1203 \u1208\u1264\u1270 \u12ad\u122d\u1235\u1272\u12eb\u1295 \u1270\u1338\u134b\u12d5\u12a8 \u1260\u12cd\u1235\u1270 \u12d0\u12cd\u12f5 \u12a8\u1218 \u1275\u1240\u12f5\u1233 \u1260\u12f0\u121d\u12a8 \u12ad\u1261\u122d\u1364 dhiiga kee qulqulluun akka ishee qulqulleessituuf walgahii uummataa irratti Mana Kiristaanaaf kabalamteef\u201d jedha qulqulluun Yaareed.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong>D. Mana Kiristaanaa: mootummaa Kiristoos<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos mootummaa Isaa (mootii ta\u2019uu isaa) kan ittiin ibsu yaa\u2019ii afuuraa waan taateef mootummaa Kiristoos jedhamti. Guutummaan Waaqummaa Isaan mootummaan Inni uumama hunduma irratti qabu osoo hin irraanfatamiin, addunyaa fayyisuuf Giiftii keenya irraa dhalatee fedha Isaan gidiraa Fannoo fudhachuun Isaa fi duuti Isaa hojii mootummaa Isaati jennee Ortodooksonni ni amanna. \u201c\u201c\u12a5\u130d\u12da\u12a0\u1265\u1214\u122d\u1230 \u1295\u1309\u1225 \u12cd\u12a5\u1271 \u12a5\u121d\u1245\u12f5\u1218 \u12d3\u1208\u121d\u1364 \u12c8\u1308\u1265\u1228 \u1218\u12f5\u1280\u1292\u1270 \u1260\u121b\u12a5\u12a8\u1208 \u121d\u12f5\u122d\u1364 Waaqayyo addunyaa dursee mootii dha, handhuura (wiirtuu) lafaa gidduuttis qoricha taasise\u201d (Faar. 72; 12) jechuun qulqulluun Daawit ni faarfata. Waaqummaa Isaan addunyaa dursee addunyaan osoo hin uumamiin kanneen itti mo\u2019u osoo hin barbaadin mootii kan ta\u2019e Waaqayyo amma immoo Addaam kufe kaasuuf, fayyisuuf biyya lafaa gidduutti Qeraaniyoo irratti qorichummaa raawwate jechuu dha. Nama ta\u2019uu Isaan, gidiraa fi du\u2019a Isaan qorichummaa raawwate salphina jennee tasuma hin hubannu. Inumaa kabaja dha malee. Beekaan qulqulluun Yohaannis afa-warq \u201c\u12ed\u1275\u1263\u1228\u12ad \u12a5\u130d\u12da\u12a0\u1265\u1214\u122d \u12d8\u1230\u1218\u12e8 \u1215\u121b\u121b\u1270 \u12c8\u120d\u12f1 \u12ad\u1265\u1228 \u12c8\u1235\u1265\u1210\u1270\u1364 gidiraa Ilma Isaa kabajamaa fi galata jedhee kan moggaase Waaqayyo kan galatoome haa ta\u2019u\u201d jechuun gidiraa fi duuti Kiristoos deemsa icciitawwaan kabajamaa akka ta\u2019e nu barsiisa. Abbootiin beektotnis akkasuma \u201cQomoo Yaa\u2019iqoob irratti bara baraan ni mo\u2019a\u201d kan jedhu jecha misiraachoo Ergamichaa fi \u201c\u12a0\u1295\u1230 \u1270\u1220\u12e8\u121d\u12a9 \u1295\u1309\u1220 \u1260\u120b\u12d5\u120c\u1206\u1219 \u1260\u133d\u12ee\u1295 \u1260\u12f0\u1265\u1228 \u1218\u1245\u12f0\u1231\u1364 tulluu qulqullummaa, qulqulluu qulqullootaa kan ta\u2019e Fannoo irratti mootii ta\u2019een nan muudame\u201d (Faar. 2; 6) jedhee qulqulluun Daawiit waa\u2019ee Kiristoos raajii dubbate gidiraan Ilma Waaqayyoo foonawaan akka ta\u2019e hiikanii barsiisu. Manni Kiristaanaas gidiraawwan Isaan addunyaa kan fayyise qaama mooticha Kiristoos waan taateef \u00a0mootummaa Kiristoos jedhamti.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong>Walumaa galatti<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Mana Kiristaanaa haalaan hubachuun mataa ishee kan ta\u2019e Kiristoosiin sirriitti hubachuu dha. Manni Kiristaanaa Kiristoos waliin tokkummaa gadi fagoo fi icciitaawaa qabdi. Kana waan ta\u2019eefis karaa isa dhugaa Kiristoos Isa dhugaa beekuuf dirqama Mana Kiristaanaa beekuu fi ishee keessa jiraachuun barbaachisa. Mana Kiristaanaas beekuu jechuun tajaajila ishee samii keessatti hirmaachuunii fi icciitiiwwan ishee raawwachaa bareedina hafuurawaa keessa ishee jiru ilaalaa gammachuu afuuraatiin jiraachuu jechuu dha malee miila qofaan deddeebi\u2019uun akkasumas amaleeffannaa qofaan hojii nutti kenname hojjechuu miti.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Yeroo hunda haaraa kan taate Mana Kiristaanaa keessa jireenya isa dhugaa yeroo jiraannu ofii keenya cubbuu irraa ni haaressina malee kan isheen qulqulleessitu haa qulqulleessinu jennee hin kaanu, ka\u2019uus hin dandeenyu. Qaama Kiristoosiin, tokkummaa duuka buutota Isaa, tokkummaa qulqullootaa raajeffachuun ishee ilaalla, kennaa Waaqayyoo itti fudhanna malee isheen hir\u2019uu taatee nuti kan ishee guutnu miti. Kana hunda garuu \u201cDhuguma barsiisii fi ilaalchi dubbii Mana Kiristaanaa Ortodooksawaa maali dha?\u201d jedhee laphee qulqullinaan nama barbaaduuf mootichi Waaqayyoo barsiisota ergamoota taasiseefii ergee ni barsiisaan, Isa waliin tokkummaan jiraachuun ni kennamaaf. Hunduma keenyaaf kana nuuf haa hiru\/kennu; ameen.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Dn. Miikiyaas Asiras B. Mana Kiristaanaa: Qaama Kiristoos Waaqayyo mootichi ol\u2019aanaan baay\u2019ina arjummaa Isaa irraan kan ka\u2019e nama yoo uumu jalqaba Addaam, karaa Addaamiin Hewaan uume. Hewaan Qaama Addaam irraa kan argamte ta\u2019uu isheen qaama isaa jedhamti. Akkasuma Addaam lammataa Kiristoos addunyaa fayyisuuf qaamaan yeroo mul\u2019ate Hewaan lammataa Mana Kiristaanaa Fannoo irra osoo jiruu argamsiise. [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3977"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3977"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3977\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":3978,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3977\/revisions\/3978"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3977"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3977"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3977"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}