{"id":3974,"date":"2019-01-02T06:55:12","date_gmt":"2019-01-02T06:55:12","guid":{"rendered":"http:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=3974"},"modified":"2019-01-02T06:55:12","modified_gmt":"2019-01-02T06:55:12","slug":"dubbii-mana-kiristaanaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/dubbii-mana-kiristaanaa\/","title":{"rendered":"Dubbii Mana Kiristaanaa"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: justify\"><em>Dn. Miikiyaas Asiras<\/em><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Kabajni haa ta\u2019uufii Fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos foon Maariyaamiin mul\u2019achuun Isaa addunyaa fayyisuuf akka ta\u2019e bu\u2019uura amantii keenyaa dha. Addunyaaa sababa badiitiin du\u2019a bitu irraa jireenya haaraa kennee akka fayyisu Ilma Waaqaa Mucaa Maariyaam ta\u2019e, Waaqayyo nama ta\u2019uu Isaanis amalli namaa Waaqa ta\u2019e. Waaqummaa sirrii Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiinii fi namummaa sirriin akkasumas fayyisummaa Isaatti kan amanan galmee kennaa kan jedhamtu Mana Kiristaanaatti dabalamaa kennaan kabaja, kabaja kabajaa argataniiru, ni argatus. Akkana yoo jennu Kiristoositti amananii dhugaan Isa kan fakkaatan Kiristaanota Qulqulloota jechuu keenya dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos fooniin yeroo mul\u2019ate jireenya haaraa kenne, jireenya Inni kenneen kan jiraatanii fi jiraachuuf fedha jabaan Kiristaanotni qabsaa\u2019an maatii Kiristoos jedhamanii bakki isaan jiraatan immoo Mana Kiristaana jedhamti.\u00a0 Isheen kun immoo warra biyya lafaa biratti yeroo kanatti abaluun jalqabamte kan hin jedhamne garuu hundeessaan ishee fooniin mul\u2019atee kasummaa\/danboobummaa Isaa kan agarsiise Waaqni samii kan hundeesse, qaama Isaa kan taasifate Mana Kiristaanaa Tewaahidoo Ortodooksii dha.<\/p>\n<p><!--more--><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Yaadni Mana Kiristaanaa Ortodooksummaa yaada kanneen biroo maqaa Kiristaanummaatiin waamaman Mana Kiristaanummaa Ortodooksii ala jiranii waliin addaan kan fagaatu dha. Warreen biroo biratti Manni Kiristaanaa hiikkaa ishee amanaa dhuunfaa irraa kaastee fakkeenyummaa biyya lafaa irratti argamtu malee amanamummaa fi icciitummaa kan hin qabne dhaaba namoota fayyaniiti. Yaada Ortodooksummaadhaan Manni Kiristaanummaa Kiristoosiin kennamtee, karummaa Isaatiin gara Ofii Isaa gara Kiristoos, gara Abbaa Isaa akkeenyaa gara Abbaa, gara jireenya Isaa akkeenyaa gara Aafuura Qulqulluu Kiristaanota maatummaa afuuraa tokkoon kan geggeessitu, icciitooftuu, yaa\u2019ii afuurawaa (tokkummaa\/waldaa) dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Kana irraa kan ka\u2019e isheen dhugaan qaama Kiristoos ta\u2019uu isheen bultoo Qulqulleettii Sillaasee, icciitiiwwan dinqisiisoo kan itti raawwatu argama araaraa fi kennaa dha. Dhugaan qaama Kiristoos ta\u2019uu isheen icciitiiwwan isheen raawwattus amanamtoota malee fakkeenyawwan miti. Kanaafis Mana Kiristaanaa kana keessa ta\u2019anii amantootni humna\/kennaa dhufu ni dhandhamu. Kabaja samii abdiidhaan eeggatu.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Icciitii jettee amantee Cuuphaan isheen raawwattu dhugaan humna mucummaa kennuu kan qabu, lubummaa duuka buutummaa abbootiif kennameen raawwataan Afuura Qulqulluu kan ta\u2019e, bishaan yeroo Kiristoos fannifame cinaacha Isaa keessaa dhangala\u2019een Cuuphaa amanamaa raawwatamu dha. Aarsaan dhiheessinu angafni lubootaa Kiristoos abboota luboota irra hafuuraan bulee (Inni) Ofii Isaan aarsaa dhiheessu dha. Icciitii Isaa dhoksaan nyaata foon Isaa, wayinii dhiiga Isaa taasisee kan kennu Isa dha. Qulqulluu icciitii kanaan nyaata fi dhugaatii wayinicha qofaa kan hin taane, galata Isaa fi qulqulluu icciitii irraa kan hirmaannu nu hunduma keenyas tokkummaan qaama Isaa taasisee kabajaa Isaa kan nu dhaalchisu Isa dha. -kadhannaa Mana Kiristaanaa \u201cMalka\u2019aa Qurbaan\u201d jedhamu irratti \u201c\u201c\u2026 \u121b\u12d5\u12a8\u1208 \u12db\u1272 \u1245\u12f5\u1235\u1275 \u1264\u1270 \u12ad\u122d\u1235\u1272\u12eb\u1291\u1363 \u12ed\u12c8\u120d\u1326\u1219 \u1260\u1245\u133d\u1260\u1275 \u12a0\u1263\u120b\u1270 \u12ad\u122d\u1235\u1276\u1235 \u12ed\u12a9\u1291\u1363 \u1260\u1283\u12ed\u1208 \u1325\u1260\u1261 \u1218\u1295\u12ad\u122d\u1361 \u12c8\u12d5\u1339\u1265 \u12aa\u1291\u1361\u1361 Mana Kiristaanaa qulqulleettii kana keessatti miseensota \u00a0Kiristoos akka ta\u2019aniif isaan jijjiira; humna ogummaa dinqisiifamaa ta\u2019een\u201d \u00a0kan jedhame kana agarsiisuufi dha. Karaa kanaan sadarkaa hundummaan yaa\u2019ii qulqulleettii dha jennee ni hubanna, ni amannas.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong>Maalummaa \/eenyummaa\/ Mana Kiristaanaa<\/strong><\/p>\n<ol style=\"text-align: justify\">\n<li><strong>Yaa\u2019ii \/waldaa\/ qulqulleettii<\/strong><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify\">Dura iyyuu Manni Kiristaanaa waldaa jabootaa Ergamoota bira turte. Waaqeffannaan kan jabaatte, galataanis kan waltaatu turte. Boodas ijoollee Addaam boodas dhaloota qulqulloota waliin turte. Kana yeroo argu faarfatichi qulqulluun Daawit \u201c\u1270\u12d8\u12a8\u122d \u121b\u1285\u1260\u1228\u12a8 \u12d8\u12a0\u1245\u12f0\u121d\u12a8 \u1348\u1322\u1228\u1364 \u00a0waldaa kee ishee dursitee uumte sana yaadadhu\u201d (Faar. 71; 2) jedhee hafuura raajiin dubbate. Bara isaa boodas Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos fooniin mul\u2019atee yeroo barsiisuuf jedhu bartoota godinaalee isaan jiran irraa walitti qabee yaa\u2019ii\/waldaa tokkittii taasisuuni dha. Yaa\u2019ii bartootaa ta\u2019uun Manni Kiristaanaa mul\u2019atte.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Nutis \u201cwalitti qabamni keenya akka walitti qabama bartootaa kee haa ta\u2019u\u201d (\u1245\u12f3\u1234 \u12d8\u1220\u1208\u1235\u1271 \u121d\u12d5\u1275) \u00a0jennee kadhachuun keenya tokkummaa aafuurawaa akka nuu jabeessuufi dha. Lammaffaas kadhannaa \u00a0qiddaaseedhaan yeroo hunda \u201c\u201c\u1338\u120d\u12e9 \u1260\u12a5\u1295\u1270 \u1230\u120b\u1218 \u1264\u1270 \u12ad\u122d\u1235\u1272\u12eb\u1295 \u12a0\u1210\u1272 \u1245\u12f5\u1235\u1275 \u1309\u1263\u12a4 \u12a5\u1295\u1270 \u1210\u12cb\u122d\u12eb\u1275 \u122d\u1275\u12d5\u1275 \u1260\u1280\u1260 \u12a5\u130d\u12da\u12a0\u1265\u1214\u122d\u1364 \u00a0Waaqa biratti kan qajeelte, qulqulleettii yaa\u2019ii duuka bu\u2019ootaa kan taate waa\u2019ee nageenya Mana Kiristaanaaf kadhadhaa\u201d kan jedhu jira. Hiikkaan bu\u2019uuraa Mana Kiristaanaa yaa\u2019ummaa \/waldummaa malee dhuunfaa\/dhuunfummaa akka hin taane, barumsa ishees ta\u2019e sirna waaqeffannaa ishee ka\u2019umsa Waaqummaa akka qabu akkasumas ragaa qulqulloota samii fi Kitaaba Qulqulluu kan qabu dha malee bara ta\u2019e sababa ta\u2019een ilaalcha dhuunfaan nama ka\u2019een kan ibsamtu miti.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Yaa\u2019iin qulqullummaa Mana Kiristaanaa kadhaa araaraa \u201c\u1260\u12a5\u1295\u1270 \u1245\u12f5\u1233\u1275\u201d jedhamu keessatti ibsamee ni argina. Kadhichi yeroo jalqabu hundumaa dursee waa\u2019ee tokkummaa aafuura Foonii fi Dhiiga Kiristoosiin jabaatu nagaa ta\u2019uu kadhaa dhiheessa. \u201cFoonii fi\u00a0 Dhiiga Isaa tokko taasiftuuf Waaqayyo dhiifama Isaan tokko nu haa taasisuuf nageenya ni kadhanna\u201d jedha. Miseensota qulqulleettii waldaa\/yaa\u2019ii kan ta\u2019an waa\u2019ee duuka bu\u2019ootaa, waa\u2019ee wareegamtootaa, waa\u2019ee angafa Phaaphaasotaa, waa\u2019ee Phaaphaasichaa, waa\u2019ee lubootaa \u2026 jechaa kadhachuu keenyaan dura waa\u2019ee tokkummaa Mana Kiristaanaa Waaqayyoon kadhanna.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Sirna waaqeffannaa Mana Kiristaanaa kana keessa Manni Kiristaanaa tokkummaa\u00a0 qulqulloota biyya lafaa fi Ergamoota samii ta\u2019uu ishee kan agarsiisu lubootnii fi sabootni\/amantootni wal harkaa fuudhaa galatni galateeffatan jira. \u201c\u12dd\u12cd\u12a5\u1271 \u130a\u12dc \u1263\u122d\u12ae\u1275 \u12c8\u12dd \u12cd\u12a5\u1271 \u130a\u12dc \u12d5\u1323\u1295\u1364 kun yeroo galateeffannaati, kun yeroo ixaanaa itti olbaasani dha.\u201d jechuun jalqaba. Achiis miseensota Mana Kiristaanaa kana ta\u2019an raajota qulqulloota, duuka buutota, qulqulloota hunda irra kan kabajamte qulqulleettii qulqullootaa Giiftii keenyaa fi Mana Kiristaanaa qulqulloota Ergamoota eegan kennaa fi kabajni Waaqa mooticha irraa kennameef dhugaa ni ba\u2019ama. Mana Kiristaanaa gaafa jennu tokkummaa afuurawaa kanneen hundaa jechuu keenya dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Tokkummaa afuuroftuu kana keessa amantootni jiran yaa\u2019ii qulqulleettii kana keessa ammma jiraatanitti qofa tokkoon tokkoon isaanii \u201cMana Kiristaanaa\u201d, \u201cTaabota Kakuu Hafuura Qulqulluu\u201d jedhamu. Qulqulleettii Mana Kiristaanaa aarsaa amanamaa qabdu irraa yoo adda ba\u2019an garuu Mana Kiristaanaa jedhamuun isaanii ni hafa. Akka qurxummoolee galaana keessaa ba\u2019anii ta\u2019uu isaanii dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Yaa\u2019ii \/waldaa\/ qulqulleettiin Mana Kiristaanaa akka jedhamtu akkasuma aarsaan kan itti dhihaattu, utuu addaan hin kutiin Waaqayyoon kan itti galateeffamtu gamoonis Mana Kiristaanaa jedhamti.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Maddi maxxansa gubaa&#8217;ee qaana bara 2010 irraa kan fudhatame<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Dn. Miikiyaas Asiras Kabajni haa ta\u2019uufii Fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos foon Maariyaamiin mul\u2019achuun Isaa addunyaa fayyisuuf akka ta\u2019e bu\u2019uura amantii keenyaa dha. Addunyaaa sababa badiitiin du\u2019a bitu irraa jireenya haaraa kennee akka fayyisu Ilma Waaqaa Mucaa Maariyaam ta\u2019e, Waaqayyo nama ta\u2019uu Isaanis amalli namaa Waaqa ta\u2019e. Waaqummaa sirrii Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiinii fi namummaa sirriin [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3974"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3974"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3974\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":3975,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3974\/revisions\/3975"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3974"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3974"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3974"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}