{"id":3966,"date":"2018-12-27T12:58:05","date_gmt":"2018-12-27T12:58:05","guid":{"rendered":"http:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=3966"},"modified":"2018-12-27T12:58:05","modified_gmt":"2018-12-27T12:58:05","slug":"keessummaa-qaanaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/keessummaa-qaanaa\/","title":{"rendered":"Keessummaa Qaanaa"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: justify\"><em><strong>Wiirtuu Finoota Salaamiin<\/strong>\u00a0 \u00a0\u00a0 <\/em><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong>\u201cTajaajila irratti yommuun hirmaadhu sammuun koo inni dadhabe ni haaromfama\u201d.<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Bara 2009 Yunivarsiitii adda addaa keessatti barachaa turaniifi eebbifaman keessaa baay\u2019een isaanii qabxii ol\u2019aanaa fiduun meedaaliyaa waancaa akka badhaafaman taa\u2019anii jiru.Waancaa fi meedaaliyaa argatan barnoota baruumsa Mana Kiristaanaa isaan barsiisaa ture Waldaa Qulqullotaaf kennaadhan gumaachun firii isaa agarsiiseera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Barattoota kanneen keessaa yunvarsiitii Dabra Maariqoos kaampaasii buree koollajjii\u00a0\u00a0 qonnaatti kutaa baruumsa misooma bosonaa\/forestry\/tti barattuu kan turte Asaayyech Aggidaw ishee tokko turte.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Barattuun Asaayech Aggidew bara 2009 yunvarsiitii Dabra Maariqoos irraa qabxii 3.85 fiduudhaan dubartoota keessaa tokkoffaa ta\u2019uun badhaasaa waancaa argattee jirti.Waancaa argatteefis ka ana gargaare Waaqayyo jechuun Waldaa Qulqullootaa, Wiirtuu Finoota i gumaachitee jirti.<\/p>\n<p><!--more--><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Har\u2019a keessummaa <em>Gubaa\u2019ee Qaanaa<\/em> taasifnee isiniif dhiyeessineerra; dubbisa gaarii<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong><em>Gubaa\u2019ee Qaanaa<\/em><\/strong>:-Muuxannoon qo\u2019annaa kee akkam?<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong><em>Barattuu Asaayyech<\/em><\/strong>:-Yeroo koo qoqqoodeen haala gaarin itti fayyadama.Ganamaa kaasee hanga sa\u2019atii ja\u2019aa baruumsa daree hordofee laaqana ergan nyaadhee booda iddoo waca hin qabne filadhee hanga sa\u2019aa kudha tokkootti nan qo\u2019adha. Kana boodas gara Mana Kiristaanaa deemuun sagantaawwaan nan hordofa. Gaafa sagantaawwan adda addaa jiraatan hanga galgala sa\u2019aa lamaatti Mana Kiristaanaa turuun danda\u2019a. Kanaan alatti garuu yeroo baa\u2019yee kadhannaa koo godheen dhiyana (irbaata) nyaachuun gara naannoo sa\u2019aatii tokkoo qo\u2019annaa galagalaa ni jalqaba. Yeroo baay\u2019ee galgala galgala mana kitaabaa keessatti qo\u2019achuun yommuu natti tolu guyyaa garuu dormii fi iddoo ispeesiii keessatti nan qo\u2019adha<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Yommuun qo\u2019adhu iddoo tokko qofa taa\u2019ee otoo hin taane sa\u2019aatii walakkaa doormii, isa hafe immoo\u00a0 ispeesitii yookaan iddoo biraatti nan qo\u2019adha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Otoo of hin cinqiin tasgabbaa\u2019ee kanan qo\u2019adhu yoo ta\u2019u hiriyyoota koo waliin wal gargaaraa qo\u2019achuun garuu caalmaatti barumsa koo ifa naaf taasisa.Kunis kophaa keenya taanee yaada adda ta\u2019een akka nu hin rakkannee fi qalbii keenya sassaabannee wanta dubbisne \u00a0akka hin irranfanneef faayidaa cimaa qaba.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong><em>Gubaa\u2019ee Qaanaa<\/em><\/strong>:-Barumsa idilee fi tajaajila hafuurawaa akkamitti wal-simsiistee adeemsista?<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong><em>Barattuu Asaayyech<\/em><\/strong>:-Wantootni lamaan kan walitti hin buune fi akka ilkaani fi arrabaa wal-simanii \u00a0kan deeman dhimmoota faayidaa qaban. Wanta hundaafuu yeroon waan jiruuf sa\u2019aatii tajaajilaatti kan tajaajilaa, akkasumas sa\u2019aatii baruumsa idileetti baruumsa koo rakkoo tokko malee nan adeemsisa. Tajaajilli jira jedhee baruumsi idilee kiyya akka miidhamuu carraa hin kennuuf. Qo\u2019annaas ta\u2019u kutaa barumsaa jechuudha. Haa ta\u2019u malee qo\u2019annaan qaba jedhee tajaajila hafuurawaa hin miidhu; lamaanuu yeroo isaanitiin wantan adeemsisuuf.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong><em>Gubaa\u2019ee Qaanaa<\/em><\/strong>:-Tajaajilli Yaa\u2019ii Mooraa baruumsa idilee kee si jalaa hin saammatu ture?<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong><em>Barattuu Asaayyech<\/em><\/strong>:-Yeroo har\u2019aa kana namootni baay\u2019een maatii,ijoollee, daldala, baruumsa,jireenya hawaasaa,hojii fi tajaajila kana fakkaatan dhimma hedduu haala gaarin qajeelchun milkaawaa jiru.Anis wantoota lamaan kana akkamittiin waliin qajeelchuu dadhaba jechuun ejjennoo cimaa wantan qabuuf tajaajilli baruumsa kiyya irratti yeroo kiyyaa ana jalaa hin saammatu. Tajaajilli yeroo kiyya kan na jalaa saammatu otoo hin ta\u2019iin sammuu koo haaromsuuf akka boqonnaatti na gargaara. Barumsa idilee kiyyaan yommuun dadhabu fi sammuun kiyya cinqamu gara Mana Kiristaanaa deemun tajaajila irratti hirmaachuun sammuu haaromfamee fi qarameen gara mooratti deebi\u2019a. Maatiwwan keenya bira tanee hanga kutaa kudha lammaffaatti yommuu barannu hojii manaa baay\u2019ee ni dalagna ture. Yunvarsiititti garuu barumsaa fi tajaajila hafuurawaa qofa waan qabnuuf sa\u2019aatii digdamii afur haala tooftaadhaan nama itti\u00a0 fayyadamuu danda\u2019eef baay\u2019ee gahaadha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Yunvarsiitii keessatti barumsa idilee qofa qabatanii deemuun faayidaa irra miidhaa isaatu caala.Hafuurawaan itti dabaluu dhiisuun sammuu keenya kan dhiphisuu jedheen amana.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Waggaa lammaffaa jalqabee hangan eebbifamee bahutti \u00a0itti gaafatamaa kutaa qorannaa fi leenjii Yaa\u2019ii Mooraa ta\u2019ee hojii gaggeessaa ta\u2019uun tajaajileera.Hanga tokko dhiibbaa tajaajilaa jiruun yeroon\u00a0 bade yoo jiraate illee sammuu qaramee fi qalbii tasgabbaa\u2019een qo\u2019achuuf sa\u2019aatii hirriibaa koo hir\u2019isuun dubbisaaf nan fayyadama.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong><em>Gubaa\u2019ee Qaanaa<\/em><\/strong>:-Yaa\u2019iin mooraa siif maali inni?<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong><em>Barattu Asaayyech<\/em><\/strong>:- Yaa\u2019iin Mooraa anaaf hundee jireenyaati. Obsa,heerawwan,tasgabbaa\u2019uu, jaalalaafi firii hafurawaa kan taa\u2019an kan biroo \u00a0gonfadhee akkan bahuuf yaa\u2019in mooraa anaaf yunvarsiitii afuurawaati turte. Har\u2019a irra dhaabadhee otoon jalqabaa kaasee yaa\u2019ii mooraa keessatti hirmaachuu dhiisun eebbifamee turee nama akkamii ta\u2019ee akkan bahuu yommuun yaadu baay\u2019ee na dhiphisa.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong><em>Gubaa\u2019ee Qaanaa<\/em><\/strong>:-Baruumsa idileetin akkam turte?<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong><em>Barattuu Asaayyech<\/em><\/strong>:-Barnoota sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa keessattis barattuu sadarkaa ta\u2019een badhaafamaati kan ture.Yunvarsiitii keessatti baruumsa barsiistonni kennan cal\u2019iseen kan hordofu yommuu ta\u2019u wanta anaaf hin gallee yoo jiraate akka na darbu wantan hin barbaannef gaafadheen nan qayyabadha.Booda dubbiseen qayyabadha jechuun daree keessa taa\u2019ee sammuu kiyyaaf hojii manaa kennee hin bahu.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong><em>Gubaa\u2019ee Qaanaa<\/em><\/strong>:-Tajaajila Mana Kiristaanaa keessatti hirmaachuu kan jalqabde yoomi?<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong><em>Barattuu Asaayyech<\/em><\/strong>:-Tajaajila Mana Kiristaanaa keessatti hirmaachuu kanin jalqabe Yaa\u2019ii Mooraa keessatti jechuun ni dandaa\u2019ama.Kutaa 1ffaa-8ffaa kanin baradhe maatii kiyya biratti waan ta\u2019eef ani illee fedhii qabaadhu sababa baay\u2019ina hojiitinii fi maatin kootis waan naaf hin eeyyamneef fedhiin ala jireenya afuurawaa hin qabu ture. Kutaa 9-10ffaa yommuun baradhu garuu maatii irraa fagachuun gara magaalatti wantan galeef gadi-fageenya dhabus yaa\u2019ii galgalaa fi darbee darbee marii bulmaataa irratti hirmaaachuu jalqabe. Barattuu qophaa\u2019inaa\/ preparatory\/ ta\u2019ee kutaa faaruu keessatti tajaajiluu akkasumas Waldaa Qulqullotaatti kutaa meeshaalee Wiirtuu Aanaa ta\u2019uun akkaan tajaajile Yaa\u2019ii Mooran durallee koorsii kennamu\u00a0 darbee darbee nan hordofa ture. Haa ta\u2019u malee Yunvarsiitii lixee waggaa jalqabaa irraa kaasee jireenya afuurawaa qayyabannoo waliin adeemsisuu jalqabe.Kana jechuun jireenya afuurawaa kiyyaan ani gahaadha jechuu kiyyaa otoo hin ta\u2019iin jireenyi afuurawaa maalin isa jedhu qayyabachuuf karaa jalqabeera jechuuf.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong><em>Gubaa\u2019ee Qaanaa<\/em><\/strong>:Waldaa Qulqullootaaf waancicha gumaachuuf maaltu si kakaase?<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong><em>Barattu Asaayyech<\/em><\/strong>:-Waancan ani badhaafame kan kiyya otoo hin ta\u2019iin firii Yaa\u2019ii Mooraati. Kennuu koof sababa qaba. Jalqaba irratti gara mooraa yunvarsiitii yoommuun galu \u201cbaga nagaan dhuftan\u201d jechuun sagntaa qopheessanii barattoota yaa\u2019ii mooraa duraanitiini fi obboleewwan hangafootan gorsi yommuu nuuf kennamu akka milkaahun nu irraa eegamu nutti himan. Yommuu sana ture kutaa baruumsa baradhuun bu\u2019a qabeessa akkan ta\u2019u of amansiise kan ture. Inni lammaffaan Yaa\u2019ii Mooraatiif maxxanfamtee kan baatu <em>Gubaa\u2019ee Qaanaa<\/em> bitee yoon dubbisu yunvarsiitii fi koolajjii adda addaa irraa tajaajilaan kan cimanii fi yunvarsiiticha irraa qabxii ol\u2019aanaa argachuun badhaasa waancaa fi meedaaliyaa badhaafaman Waldaa Qulqullootaaf gumaachuu isaanii dubbisuun anis mataa kiyyaaf \u201cYaa Waaqayyo anas kabaja kanaan yommuu na geesse isan badhaasamu Waldaa Qulqullootaf nan kenna\u201d jechuun ofii kootif waadaa seene; Kunoo Waaqayyos na gargaare anis waancicha wiirtuu kanaaf gumaache.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong><em>Gubaa\u2019ee Qaanaa<\/em><\/strong>:-Nama fakeenya godhatte qabdaa?<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong><em>Barattuu Asaayyech<\/em><\/strong>:-Yunvarsiitiitti qofa otoo hin ta\u2019iin kutaa gadi aanatii jalqabee namoota bu\u2019a qabeessa taa\u2019an yommuun argu baay\u2019een hawwa\/inaafa\/ture. Anis akkas otoon ta\u2019ee jedhee nan hawwa ture.Yunvarsiitii ergan lixeen boodas obboleewwanii fi obboleettiwwan hangafootni jireenya afuurawaa isaaniin hojjetani kan nama hojjechiisan fakkeenya taa\u2019aanii isinis akkana ta\u2019aa \u00a0kan jedhanii fi kennaa caaluuf kan na kakaasan gorsa baay\u2019ees kan naaf laatan waan turaniif isaan fakkeenya taasifadheen anis tarkaanfadheera. Inni biroo barsiistotni Waldaa Qulqullootaa-Wiirtuu fi barruulee <em>Gubaa\u2019ee Qaanaa<\/em> irratti keessummaan kan dhiyaatan obboleewwanii fi obbleettiwwan anaaf fakkeenya t<strong>u<\/strong>ran.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong><em>Gubaa\u2019ee Qaanaa<\/em><\/strong>:-Qorumsi si quunname jiraa laata? Akkamittis dabarte?<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong><em>Barattuu Asaayyech<\/em><\/strong>:-Jireenya aafuurawwaatti jalqabduu ta\u2019uu kiyyaan qoruumsi na quunnameera jechuu hin danda\u2019u.Kan hojjetuu fi jireenya Kiristaanummaa kan jiraatu caalmaatti ni qorama. Haa ta\u2019u malee ana garuu qorumsi baay\u2019en na hin muudanne. Tarii mooraa keessatti fedhiin saala fi filannoon hiriyaa rakkoo ture. Obboleessa tokkoon otoon hin loliniin, hin arrabsiin obbolummaan teenyee mar\u2019achuu fi wal gorsuun rakkoo keessa jiru keessaa akka bahu taasiseera.Sana booda mataa isaatiin dhiifama na gaafachuun nagaan barachuu dandeenyee jirra.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Hiriyyaan tiyya isheen biroo takkas wanta bu\u2019aa hin qabneef akkasumaan karaa irra namoota waliin dhaabbachuun yeroo keenya yommuu gubdu cal\u2019isee irraa gargar bahuu waan hin barbaachisneef gorsa kenneefin ture. Haaluma kanaan isheenis dhiifama gaafachuun gorsa kiyyaaf baay\u2019ee galata galshitee nagaan eebbifamtee mooraa baateerti. Kanaan ala gamakootiin qorumsa cimaa ta\u2019ee himamuu kan danda\u2019u hin jiru.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">\u00a0<strong><em>Gubaa\u2019ee Qaanaa<\/em><\/strong>:- Barattoota Yaa\u2019ii Mooratiif ergaan dabarsitu yoo jiraate?<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong><em>Barattu Asaayyech<\/em><\/strong>:-Yaa\u2019ii Mooraf wantin dabarsu jalqaba irraa kaasee nama kaayyoo qabu ta\u2019uun barbaachisaadha. Amantaa shakkii hin qabne, namummaa ejjenna qabu ta\u2019uu, nama amanuu fi hundi ni dandaa\u2019ama jechuun kaka\u2019uumsanii fi abdiidhaan hojii carraaqanii hojechuun faayidaa qaba. Baruumsa lamaaniin isa idilee fi afuurawaatin albee qara lamaa taa\u2019anii bahuuf akkuma \u201ckaaffeetti\u201d ciree, laaqana fi dhiyana keenyaf dhiyaannu sana sagantaa Yaa\u2019ii Mooraa keessatti gaggeeffaman irrattis hirmaannee nyaachuu qabna. Abdii kutachuun dursinee injifamuu irra injifannoo argachuuf kan nu dandeessisu karoora adda addaatti fayyadamnee bu\u2019a qabeessa ta\u2019uu qabna. Barattootni baay\u2019een araada adda addaaf gabra taa\u2019ani kan bitaman, amantaa isaanii kan jijjiiran, baruumsa isaanitiin kan hin milkoofne fi jireenya isaanii kan balleessan hiriyaa isaan fayyadu filachuu wallaalunifi addunyaa tana jaalachuudhan.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Barattootni Yaa\u2019ii Mooraa hiriyyoota jireenya isaanii gara daandii Waaqayyootti qajeelchan filachuun fayyadamuu qaban.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Daandii sirrii kan taate Manni Kiristaanaa, sababa keenyaan akka hin hamatamnee fi hin arrabsamne\u00a0 eenyummaan keessa fi ala keenyaa namoota biroof fakkeenyummaa akka qabu gochuun barbaachisaadha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong><em>Gubaa\u2019ee Qaanaa<\/em><\/strong>:- Gaaffii fi deebii kanaatiif eeyyamakee nuu kennuukeetiif galatoomi.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong><em>Barattuu Asaayyech<\/em><\/strong>:- Anis isin galateeffadha.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Wiirtuu Finoota Salaamiin\u00a0 \u00a0\u00a0 \u201cTajaajila irratti yommuun hirmaadhu sammuun koo inni dadhabe ni haaromfama\u201d. Bara 2009 Yunivarsiitii adda addaa keessatti barachaa turaniifi eebbifaman keessaa baay\u2019een isaanii qabxii ol\u2019aanaa fiduun meedaaliyaa waancaa akka badhaafaman taa\u2019anii jiru.Waancaa fi meedaaliyaa argatan barnoota baruumsa Mana Kiristaanaa isaan barsiisaa ture Waldaa Qulqullotaaf kennaadhan gumaachun firii isaa agarsiiseera. Barattoota kanneen keessaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[47,64],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3966"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3966"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3966\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":3967,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3966\/revisions\/3967"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3966"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3966"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3966"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}