{"id":3964,"date":"2018-12-21T08:38:10","date_gmt":"2018-12-21T08:38:10","guid":{"rendered":"http:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=3964"},"modified":"2018-12-21T08:38:10","modified_gmt":"2018-12-21T08:38:10","slug":"amaloota-sirna-waaqeffannaa-ortodooksii","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/amaloota-sirna-waaqeffannaa-ortodooksii\/","title":{"rendered":"Amaloota Sirna Waaqeffannaa Ortodooksii"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: justify\"><strong><em>\u2026Dn. Miikiyaas Asras\u2026<\/em><\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">\n<ol style=\"text-align: justify\">\n<li><strong>Gara Samiitti \u00a0kan nama baasudha<\/strong><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify\">Sirni waaqeffannaa Ortodooksi Kiristaanota ardii itti uumaman irraa kaasee gara samiitti \u00a0kan geessudha. Kiristaanotni dhugooman galata laphee irraa burqeen qalbiidhaan samii gahanii iccitii Waaqayyoo arguun kabaja Isaa dhandhamataniiru. Hayyuun qulqulluun Yaareed waan kanaaf fakkeenya gaaridha. Boodas sababa galata kanaatiin kennaadhaan kabajni Waaqayyoo isaan dhandhamatan bara baraan argachuuf addunyaa dabru kana irraa gara addunyaa hin darbineetti seenaniiru. Nutis galata samiirraa ta\u2019e kana yommuu galateeffannu isaan hordofuun bu\u2019aa gaarii akka nuuf kennu Waaqa keenya ni kadhanna. Kadhaa Mana Kiristaanatti\u00a0<strong> \u201c\u1280\u1260 \u1270\u122d\u1285\u12c8 \u1308\u1290\u1275 \u12c8\u1280\u1260 \u1270\u1290\u133d\u1348 \u12d5\u1228\u134d\u1275 \u12ed\u12ad\u134d\u1208\u1290 \u1290\u1200\u1209 \u12cd\u1235\u1270 \u1260\u12a0\u1276\u1219 \u1208\u1245\u12f1\u1233\u1295\u1364<\/strong> Iddoo jireenya qulqullotaa ishee taatee Gannata banamtetti, bakka boqotaa ishee qophoofte keessa jiraachuf Waaqayyo nuuf haa eeyyamu ( Kitaaba Sa\u2019aataatii) akkuma jedhame.<\/p>\n<p><!--more--><\/p>\n<ol style=\"text-align: justify\">\n<li><strong>Tajaajila Yeedaloodhaan dhiyaatudha<\/strong><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify\">Uumamni hundi uumaa isaanii ni galateeffatu. Keessumattuu Ergamootni fi ilmi namaa afuurawaa kan ta\u2019e fi Waaqayyo irraa kan kennameef jireenya bara baraa argachuuf sababa kan ta\u2019u qabeenya yeedaloo fi faaruu ni qabu. Hayyuun qulqulluun Yaared samii irraa sagalee addaa ittiin faarfatu dhaga\u2019uu isaa ibsuuf <strong>\u201c\u12cb\u12ed \u12dc\u121b \u12d8\u1230\u121b\u12d5\u12a9 \u1260\u1230\u121b\u12ed \u12a5\u1218\u120b\u12a5\u12ad\u1275 \u130d\u1293\u12ed\u201d<\/strong> (Samii Ergamoota irraa yeedalloo dhaga\u2019ee) jechuun ragaa ni baha. Kadhannaa Qiddaasee irrattis <strong>\u201c\u1270\u1348\u1225\u1211 \u1260\u12a5\u130d\u12da\u12a0\u1265\u1214\u122d \u12d8\u1228\u12f5\u12a0\u1290 \u12c8\u12e8\u1265\u1261 \u1208\u12a0\u121d\u120b\u12a8 \u12eb\u12d5\u1246\u1265 \u1295\u1225\u12a1 \u1218\u12dd\u1219\u1228 \u12c8\u1200\u1261 \u12a8\u1260\u122e \u1218\u12dd\u1219\u122d \u1210\u12cb\u12dd \u12d8\u121d\u1235\u1208 \u1218\u1230\u1295\u1246\u201d<\/strong> (\u201cWaaqa nu gargaareetti haa gammadnu; Waaqa Yaa\u2019iqoobis galateefadhaa; faaruu qabadhaa, dibbees kennaa; faaruun baganaa waliin kan walsimatudha\u201d jechuun ni galateeffanna. Miidhaginni yeedaloo kan itti hin calaqisne tajaajilli Sirna waaqeffannaa Ortodooksii hin jiru.Yeroo adda addaatti kan ka\u2019an abbootiin nama akka Ergamootaa kan taasisu, qulqulluu Yaareediin isa samiirraa dhufe \u00a0sagaleen suni tajaajila Mana Kiristaanatiif akka oolu \u00a0gama isaaniin hiree gumaachaniiru.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">\n<ol style=\"text-align: justify\">\n<li><strong>Kennaan qulqulluun kan itti dhiyaatudha<\/strong><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify\">Sirni waaqeffannaa Ortodooksii namni eeyyama isaatiin qaama isaa qulqulluu taasisee akka aarsaatti kan tajaajilaaf \u00a0dhiyeessudha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Miirri qaama namaa hundi Waaqayyoof bitamuudhaan kaayyoo itti uumamaniif kan itti milkeessan Sirna samii gubbaati. Ijji \u00a0waan gaarii ta\u2019e hunda ilaala, afaan Waaqayyoon galateeffata, funyaan kadhannaan kan itti olbahu foolii ixaanaa ni urgeeffata, jilbi ni jilbeeffata , gurri jecha Waaqayyoo dhaga\u2019uun ni gammada. Kanaan alas dafqaa fi dadhabbiin kan argate (horate) irraa Waaqayyoof kennaa ni laata. Akka Qaayeel kan hin taane gaarummaan akka Abeelitti kan ta\u2019e tajaajila aarsaa gaarii ni dhiyeessa.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong>Walumaagalatti<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Mana Kiristaanaa Ortodooksii beekuf yookaan caalmaatti hubannoo ishee gonfachuuf Sirna waaqeffannaa ishee xiinxaaluu fi gadi-fageenyaan qorachuun dirqama. Manni Kiristaanaa bara duuka bu\u2019ootaatii eegaltee qabattee eegdee kan jirtu amantaan Ortodooksii baruma duuka bu\u2019ootaatii jalqabdee kan fudhatte sirna waaqeffannaatiin ibsaa ni jiraatti. Amantaadhaan kan ishee fakkaatan waliin sirna waaqeffannaa fudhatteen waliin akka kadhatan, aarsaa dhiyeessaniifi jireenya akka argatan tokkummaa afuurawaa ni\u00a0 laatti. Amantaan garuu kan ishee irraa adda bahaniin sirna fi iccitii ishee irraa gargar ni baasti.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Bakka amantaan tokko hin taanetti sirni waaqeffannaaa tokkummaan waan \u00a0hin qabaanneef \u00a0kana ni raawwatti. Kanaafuu yeroo hundumaa gaarummaa Waaqayyoo fi bareedina iccitii Mana Kiristaanaa hubachuuf dhaaba amantaatiin gara Mana Kiristaanaa fiduun nu irraa eegama. Mana Kiristaanaa ala taa\u2019anii hubachuun waan hin dandaa\u2019amneef, ishee waliin jiraachu fis ta\u2019ee fayyadamuuf gara \u00a0tajaajila ishee \u00a0dhufuun ni barbaachisa. Achittis Waaqayyo qulqulloota waliin dhugumatti ni arganna.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><em>Burqaa:- \u00a0Gubaa\u2019ee qaanaa irraa kan fudhatame<\/em><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>\u2026Dn. Miikiyaas Asras\u2026 Gara Samiitti \u00a0kan nama baasudha Sirni waaqeffannaa Ortodooksi Kiristaanota ardii itti uumaman irraa kaasee gara samiitti \u00a0kan geessudha. Kiristaanotni dhugooman galata laphee irraa burqeen qalbiidhaan samii gahanii iccitii Waaqayyoo arguun kabaja Isaa dhandhamataniiru. Hayyuun qulqulluun Yaareed waan kanaaf fakkeenya gaaridha. Boodas sababa galata kanaatiin kennaadhaan kabajni Waaqayyoo isaan dhandhamatan bara baraan argachuuf [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3964"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3964"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3964\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":3965,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3964\/revisions\/3965"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3964"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3964"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3964"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}