{"id":3955,"date":"2018-12-20T07:50:27","date_gmt":"2018-12-20T07:50:27","guid":{"rendered":"http:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=3955"},"modified":"2018-12-20T12:47:43","modified_gmt":"2018-12-20T12:47:43","slug":"sirna-waaqeffannaa-ortodooksawaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/sirna-waaqeffannaa-ortodooksawaa\/","title":{"rendered":"Sirna Waaqeffannaa Ortodooksawaa"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: justify\"><strong><em>\u2026Dn. Miikiyaas Asras\u2026<\/em><\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Ifa addunyaa kan ta\u2019e qulqulluun Phaawuloos Kiristaanota Roomaatiif \u201cObboleewwan koo qaama keessan\u00a0 Waaqayyoodhaaf jiraataa, qulqulluu akkasumas aarsa gammachiisaa \u00a0taasistanii akka dhiyeessitan gaarummaa Waaqayyoon isin nan kadhadha. Kunis sammuudhaaf kan tolu tajaajila keessani dha (Room. 12:1) jedhee kan dubbate kana barumsa keenyaaf mat-duree ka\u2019umsaa taasisnee gara qabxiiwwan birootti yaa dabarru. Duuka bu\u2019aan jaalatamaan jechoota armaan olitti kaasneen Mana Kiristaanaatti tajaajila sammuuf toluu fi Kiristaanonni qaama isaanii qulqulluu taasisanii kan dhiyeessaniin sirna waaqeffannaa Ortodooksii ni dubbata. Sirni waaqeffannaa Ortodooksii\u00a0 amantaan Otodooksii baruumsa qajeelaa ta\u2019uu isaaf ragaadha.<\/p>\n<p><!--more--><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Wanta amannu hojiin kan ragaa itti baanu tajaajila tokkummaati. Sirna waaqeffannaa keessatti kan jiran yeedaloowwan, galateeffannaa fi jechi Waaqayyoo isuma Waaqayyoo irraa fudhannee fedhii keenyaan deebisnee Waaqayyoof kan dhiyeessinudha. Dhimmi nuti itti daballu yoo jiraate fedhii keenyaan \u00a0itti dhiyeessuu qofaa dha malee kan biroo hundinuu\u00a0 kan isa irraa fudhanne ta\u2019uu isaa hubachuun barbaachisaadha. Hayyichi Abbaa Giyoorgis zagaasicaan Sa\u2019aataatii halkanii irratti <strong>\u201c\u1235\u1265\u1210\u1272\u1201 \u12d8\u12a5\u121d\u1280\u1264\u1201\u1364 \u12c8\u12cd\u12f3\u1234\u1201 \u12a5\u121d\u12da\u12a3\u1201 \u12a0\u1283\u12dc \u12d3\u1208\u121d \u1208\u120a\u1201\u1364<\/strong> Galatni Isa irraati faarfannaanis Isuma irraati\u00a0 (kitaaba Sa\u2019aataatii) jedhee kan ibses kanuma.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Namni kan itti uumames kaayyoon inni duraa Waaqa isaa galateeffatee, galateeffachuunis hirmaataa ulfina Isaa ta\u2019uuf akka ta\u2019e kan beekamuudha. Namni erga uumamee jalqabee galateeffataa (Doxological Being) ta\u2019ee akka jiraatuuf waan ta\u2019eef galateeffannaa dhiisnaan Waaqayyoo irraa gargar baha. Galatni kunis fedhii ofiin fi Waaqayyo jaalachuun otoo ta\u2019ee kennaa irratti kennaa, kabaja irratti kabaja mi\u2019aawina irratti mi\u2019aawinni kennamaaf; Waaqayyo waliinis bara baraan akka jiraatu ni ta\u2019a. Amalummaan kan guddaa ta\u2019e Waaqni galataa fi kabajaa uumamaatiin kabaja amalummaan gonfate irratti wanta Isaaf dabalamu hin jiru;kabajni kan dabalamuuf kan Isa galateeffatuuf malee. Akkana taanan jireenya bara baraa akkamitti argachuu danda\u2019a? Galateeffannaa dhugaa kana duuba of-jaalachuun kan hin jirreefi kasoominaafi \u00a0jaalala kennuudhaan ibsamutu \u00a0jiraachuu qaba. Jalqabuma irraayyuu uumamnis kan uumame Waaqayyo uumama Isaa sababa jaalateen akkuma ta\u2019e, uumamnis jireenyi isaa kan itti fufu sababa jaalala deebisee Waaqayyoof kennuunidha. Seerri hundinuu jaalalaan guutuu akka ta\u2019u baruumsa duuka bu\u2019ootaati.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong>Amaloota Sirna Waaqeffannaa Ortodooksii<\/strong><\/p>\n<ol style=\"text-align: justify\">\n<li><strong>Kan waldaati<\/strong><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify\">Manni \u00a0Kiristaanaa waldaa Kiristaanotaa qulqullooftedha. Maatin Waaqayyoos waldaan ta\u2019anii Waaqayyoon ni galateeffatu, waa\u2019ee addunyaa maraaf Waaqayyoon ni kadhatu. Dursamee raajiidhaan \u201cYaa Gooftaa \u00a0waldaadhaan sin galateeffadha\u201d ( Faar 26:12) jedhamee akkuma dubbatame Kiristaanotni \u00a0waliin waldaadhaan galatni fi ararri isaan taasisan tajaajila Mana Kirstaanatiif dhimma barbaachisaadha. Nuti Kiristaanotni tokkummaa keenya kana akka nuuf cimsuuf Manni Kiristaanaa kadhaa hundumaa keessatti Waaqa ishee ni kadhatti.<strong> \u201c\u1245\u12f1\u1235 \u1225\u1209\u1235 \u12d8\u1285\u1261\u122d \u1205\u120b\u12cc\u12a8 \u12d5\u1240\u1265 \u121b\u1285\u1260\u1228\u1290 \u1260\u12a5\u1295\u1270 \u1245\u12f1\u1233\u1295 \u1285\u1229\u12eb\u1295 \u12a0\u122d\u12f3\u12a2\u12a8\u1364<\/strong> \u00a0jireenyummaan tokko kan taate yaa Qulqulluu Sillaasee qulqulloota duuka bu\u2019oota kee filatteef jedhii waldaa keenya eegi. \/Sirna Qiddaasee\/ jechuun qiddaaseee irratti erga ergaan Wangeelaa dubbifamee booda galatteeffachuun keenya kana agarsiisa. Karaa biraatiin Sirni waaqeffannaa Mana Kiristaanaa\u00a0 waldaawaa (hawaasawaa) ta\u2019uu isaa kan ittiin hubatamu kadhannaan Kiristaanotaa baay\u2019een \u201cnuti\u201d jechuun waan dhiyaatufidha. Kiristaanni tokko qofaa isaa illee kadhannaaf yommuu dhaabbatu \u201cYaa abbaa keenya, samiiwwan irraa kan jiraattu\u201d jedha malee qofaa koo kadhannaaf waan dhaabbadheef \u00a0\u00a0\u201cYaa abbaa koo, samiiwwan irra kan jiraattu\u201d jechuu hin danda\u2019u. Qofaa isaa kan jiru itti fakkaatu illee tokkummaan Ergamoota qulqullaa\u2019oo \u00a0fi qulqulloota biroo isa irraa adda hin bahan. Abbaan qofaa isaa gammoojjii keessatti adda bahee jirullee \/baahitaawwii\/ kophummaan isaa namoota irraa waan adda baheefidha malee kadhannaadhaan kan isa yaadatan qulqullootni akkasumas Ergamootni isa gargaaran isa waliin ni jiru. Amala guutuu Mana Kiristaanaa yommuu hubannu Waaqayyoon kan hundeeffamte, isaanis dhaabbattee kan jiraattu waltajjii qulqulluudha. \u201c\u1270\u12d8\u12a8\u122d \u121b\u1285\u1260\u1228\u12a8 \u12d8\u12a0\u1245\u12f0\u121d\u12a8 \u1348\u1322\u1228\u201d (waldaa kee ishee dursitee uumte yaadadhu). (Faar.73\u1361 2) jedhamtee hundeeffamuu isheetif Manni Kirstaanaa Sirna waaqeffannaa isheetin raga ni baati.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>\u2026Dn. Miikiyaas Asras\u2026 Ifa addunyaa kan ta\u2019e qulqulluun Phaawuloos Kiristaanota Roomaatiif \u201cObboleewwan koo qaama keessan\u00a0 Waaqayyoodhaaf jiraataa, qulqulluu akkasumas aarsa gammachiisaa \u00a0taasistanii akka dhiyeessitan gaarummaa Waaqayyoon isin nan kadhadha. Kunis sammuudhaaf kan tolu tajaajila keessani dha (Room. 12:1) jedhee kan dubbate kana barumsa keenyaaf mat-duree ka\u2019umsaa taasisnee gara qabxiiwwan birootti yaa dabarru. Duuka bu\u2019aan jaalatamaan [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3955"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3955"}],"version-history":[{"count":3,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3955\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":3963,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3955\/revisions\/3963"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3955"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3955"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3955"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}