Wal-qooduun mallattoo Kiristoos irraa foxxoquu ti!

Maqaa Abaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen.

Qulqulluun Phaawuloos amantoota Galaatiyaa warra barsiisaa dhugaa fi Waaqa isaanii ta’e Kiristoosiin dhiisanii warra eenyummaa namoota isaan barsiisaniin boonaa turaniif “Karaa amantii hundi keessan Kiristoos Iyyesuusiin ijoollota Waaqayyootihoo; Kiristoos waliin tokko akka taataniif kan cuuphamtan hundi keessan Kiristoosiin uffattaniittuti. Namni Yihuudaa yookaan kan Giriik hinjiru; gabri yookaan booranni hinjiru; dhiirri yookaan dubarris hinjiru; hundi keessan Kiristoos Iyyesuusiin nama tookodha” jechuun itti dubbatateera (Gal.3:27-28).

Dhugaan kutaa ergaa isaa kana keessarraa hubannu bu’uurri tokkummaa keenyaa karaa Cuuphaa fi amantii hundi keenyayyuu qaama Kiristoos ta’uu keenyadha. Kana jechuunis Kiristaanota hunda kan tokko taasise Kiristoositti amanuu isaanii fi amantiidhaan tokko ta’uu isaaniiti malee akkuma nama kamiiyyuu bifaan, aadaadhaan, bakka itti dhalatanii guddatani fi sadarkaa barumsa isaaniin tokko ta’uu akka hindandeenye ni beekama. Keessumaayyuu nuyi warri Ortodooksawoon hundi akkuma namoota kaanii qabxiilee duraan eeraman hundaan addadda taanullee, Waaqa tokko jennee waan amannuuf, gadameessa (haadha) Yordaanos tokkitti fi Afuura Qulqulluu (Abbaa) tokkicha irraa Cuuphaa tokkittiidhaan dhalannee ijoollota Waaqayyo tokkichaa waan taaneef, Amantaa Kiristaanaa tokkummaadhaan waan fudhannuuf, Mana Kiristaanaa tokkittii keessas waan jiraannuuf tokko dha.

Kanaafuu, Kiristaanotni Cuuphaa tokkittiidhaan Kiristoos tokkicha uffatan hundi sababa uffatawwan aadaa uffataniin addadda ta’uu hindanda’an; eenyummaan biyya lafa kanaa isa samiirraa isaanitti hincaaluuti. Amantootni funyoo jaalalaa tokkichaan walitti hidhaman addaddummaa qooqa isaaniin tokkummaan isaanii sarbamuu hinqabu; meeshaan waliigaltee Kiristaanotaa inni guddaan jaalaladha malee qooqa mitiiti.

Qulqulluun Phaawuloos karaa amantoota Galaatiyaa “Namni Yihuudaa ykn Giriik hinjiru” jedhee yoggu nugorsu lammummaa itti dhalanne nugansiisuuf miti; bakka itti dhalanne caalaa biyyatti ishee samiirraa ishee Kiristaana taanee, hojiilee Kiristaanummaa hunda raawwannee dhaallu sana waliin yoggu madaalamu hedduu gad-aanaa ta’uu agarsiisuuf malee.

Haaluma wal-fakkaatuun “Gabri ykn booranni hinjiru” yoggu jedhus bara sanatti namootni haala kanaan wal-qooduu isaanii ibsuurra darbee “Kiristaanummaa keessatti namni hundu ‘nama’ ta’uusaatiin qofa wal-qixadha malee wal-caaluun akka hinjirre” hubachiisa. Inumaayyuu tokkummaan karaa Kiristaanummaa argamu saala “dhiira” ykn “dubara” jedhamullee kan nama dagachiisu, tokkummaa gonka qaama tokko nama taasisu akka mirkaneessu qulqulluun Phaawuloos jala-muree kan dubbate sirna uumamaa dagatee miti; Kiristaanni Kiristoosiin tokko ta’e hundi wantoota nam-tolchee ta’aniin wal-qooduu miti daangaan uumamaallee tokkummaa afuuraa sana akka diiguu hindandeenye agarsiisuufidha.

Maatiin afuurawaa haaluma kanaan gartee tokko ta’e immoo laphee tokkoon yaadee, afaan tokkoon dubbatee tokkummaa afuurawaa gonka ta’een bara-baraan jiraata malee barri yoggu jijjiiramu, ololli (oduun dharaa) yoggu babal’atu sababoota xixiqoodhaan wal-hinqoodu. Kiristaanota gidduu tokkuummaa malee wal-qoqqooduun jiraachuu akka hinqabaanne qulqulluun Phaawuloos “Garuu yaa obbolootaa, hundi keessanuu jecha tokko akka dubbattan, laphee tokkoo fi yaada tokkoon akka wal-simattan malee qoqqoodinsi isin gidduutti akka hin uumamne maqaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin isin nan kadhadha” jechuun haala kadhaatiin kan dubbateefis kanaaf (1Qor.1:10).

Hunda caalaammoo kennaan Afuura Qulqulluu Kiristaanotaaf kan kennamu jireenya tokkummaa keessatti ta’uun isaa jireenya duuka bu’ootaan mirkanaa’eeraa: galma Tsiyoon keessatti “…hundisaanii laphee tokkoon waliin osoo jiranii…” Afuurri Qulqulluun akka isaaniif bu’e Kitaabni Qulqulluun dhugaa bahaati (Hoj.2:1). Dabalatas “Gamtaa nageenyaan ta’aatii kennaa Afuura Qulqulluu irraa argamu dammaqinaan eeggadhaa. Yoggu waamamtan abdii tokkoof akkuma waamamtan qaamni tokkoo fi afuurri tokko ni jira. Akkasumas Gooftaan tokko, Amantaan tokko fi Cuuphaan tokko jira. Hundaan ol kan ta’e, hunda keessatti kan hojjetu, bakka hundas kan jiraatu Abbaa hundaa kan ta’e Waaqni tokko jira” (Efe.4:3-7) jedhamnee gorfamuu keenyas yoomiyyuu dagachuu hinqabnu.

Kadhannaa amantaa keenya gamtaan kadhatamu keessattis “Mana Kiristaanaa tokkittii fi qulqulleettii duuka bu’ootni hundeessanitti ni amanna” jenna; tokkummaan mallatto Mana Kiristaanaa addaatihoo. Manni Kiristaanaammoo adda-durummaan tokkummaa amantoota biyya lafaa kanarra jiraatani fi qulqulloota qabsuura isaanii xumuraniiti. እንተ በምድር ሥረዊሃ ወበሰማይ አእጹቂሃ.. hundeen ishee lafarra, dameen ishee ammoo samiirra jiru” jechuun qulqulluun Yaareed kan barsiise dhugaa kana mirkaneessa.

Hunda caalaayyuu Foonii fi Dhiiga Kiristoos isa dhugaa warreen fudhatan hundi qaamolee Kiristoos tokkichaa waan ta’aniif tokko dha. “…ይዌልጦሙ በቅጽበት አባላተ ክርስቶስ ይኩኑ፤ በኃይለ ጥበቡ መንክር ወዕጹብ ኪኑ፤ humna ogummaa Isaa dinqii fi adda ta’een qaamolee Kiristoos akka ta’aniif battalumatti isaan jijjiira” akkuma jedhame (Malka’aa Qurbaan). Kiristaanotni haala kanaan tokko ta’an dameewwan addaddaa jirma waynii (Kiristoos)  tokkichaati malee biqiltoota addaddaa miti (Yoh.15:5). Kanaafuu, Kiristoosiin Kiristaanota kan jedhaman hundi tiksee dhugaa tokkichaan kan gaggeeffaman gamtaa tokko dha malee addadda miti (Yoh.10፡16).

Tokkummaan afuuraa akkasii immoo kan argamu beekumsa fooni fi dhiigaan miti; amantiidhaan malee. “Hundi keenya gara tokkummaa isa Ilma Waaqayyoo amanuu fi beekuun argamutti, gara nama guutuu ta’uuttis…hanga geenyutti…” jedhamee kan ibsames kanaaf (Efe.4፡12-13). Yoomiyyuu Kiristaana ta’ee tokkummaa amantootaa irraa foxxoqee “guutuu” ta’uu kan danda’u akka hinjiraanne kanaan ifa ta’eera.

Nuyi Kiristaanotni “Mana Kiristaanaa tokkittii” jennee kan amannu gamtaa afuurawaa ishee tokkummaa Ergamoota samii fi qulqulloota lubbuun fudhatamaniin argannedha. Tokkuummaa keenya namoota biyya lafaa kanarra jirani fi obboloota/obboleeyyan keenya yeroo hunda arginu waliin qabnu diiguudhaan Waaqayyo fi qulqulloota Isaa warra ijaan arguuf hindandeenye waliin tokkummaa qabna yoo jenne soba ta’a; “…obboleessa isaa isa ijaan arge kan hinjaalanne Waaqayyo isa hinargine akkamiin jaalachuuf danda’a?” jedhameera (1Yoh.4:20).

Gama kamiinuu tokkummaa obboloota/obboleeyyan keenya nu waliin tajaajilani fi Mootummaa Waaqayyoo dhaaluuf nu waliin dadhabaa jiran irraa foo’amuun kan nagaa miti. Kennaan Afuura Qulqulluu tokkummaa keessatti akka kennamu dursinee caqasneerra; faallaa kanaan qoqqoodinsa kan facaasu fi tokkummaa diiguudhaan kan gammadu yoo jiraate Seexana qofa dha. Kanaafuu, takka qooqaan, yeroo biraa qomoodhaan, irra darbee ganda itti dhalanneen qoqqoodamnee wal-nyaachuun keenya eenyuun akka gammachiisu hubachuun barbaachisaadha. Hundaan ol maatii Ortodooksawaa ta’uun funyoo jaalalaa afuurawaa yoomiyyuu hin cinneen walitti nuhidhuu qaba; Kiristaanummaa kana irraa adda ta’e hinqabnuuti!