Sooma: maalummaa, faayidaa fi kaayyoo
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen
Gabre Igzi’aabiher Yikunoo
Arjummaan Isaa daangaa kan hin qabne, humna gargaarummaa Isaatiin kan nurraa adda hin baane, galateeffamaa fi kabajamaa kan ta’e Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos arjaa Abbaa Isaa Waaqayyo Abbaa waliin, jireenya amalummaa Isaa Afuura Qulqulluu wajjiin galanni yaa ta’uuf ameen. Oolmaa tsooma keenyaas eebbisee qulqulleessee nagaan akka nu xumursiisu, tsoomichas kan ittiin cubbuu keenya nurraa haqu, Mootummaa Isaa akka ittiin dhaallu taasisee arjummaa Isaatin nuuf yaa simatu. Biyya keenyaaf nagaa, uummata isheef jaalala, tokkummaa nuuf haa kennu. Ameen.
Maalummaa Soomaa
Sooma jechuun lagachuu, of dhorkuu jechuu dha. Seeraa fi dambii ittiin bulmaata Mana Kiristaanaa keenyaa kan ta’e “Fithaa Negesti” tsooma yeroo ibsu: “Tsoomni haadha kadhannaa, obboleettii callisaa (armimoo) bu’uura imimmaaniti”. Dabalataanis jalqabbiin qabsuura gaarii hundaa ta’uu isaa Kitaabilee Qulqulluun kan hubatame, dhimma beekamedha.
Karaa biraatiin tsoomni karaa afuuraa gara Waaqayyootti ittiin deebinu/dhi’aannu/ ta’uu Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsameera. Kun akka beekamuuf Waaqayyo jabaan raajaa Isaa irra bulee “Laphee keessan guutudhaan, tsoomafii boo’ichaan gara kootti deebi’aa” jedheera. Iyyu 2:12 “Gara kootti deebi’aa” jecha jedhu keessatti karaawwan gara booyichaan ittiin deebinu keessa tsooma fi gaabbii ta’uun isaa beekamee jira. Jireenyi afuurummaa tsooma, kadhannaa fi gaabbii malees hin raawwatamu.
Barbaachisummaa Tsoomaa
Qabeenya keenya afuurummaa keessaa tsoomni lubbuu keenyaaf qofa osoo hin taane foon keenyaaf illee bu’aa ni buusa. Tsoomni gara Waaqayyootti kan ittiin deebinu karaa afuurati. Akkana erga ta’ee yakkaan, cubbuu fi balleessaa keenyaan Waaqayyoo irraa kan fagaate dhalli namaa tsoomii, kadhannaa fi gaabbiidhan immoo gara Waaqayyootti ittiin ni deebi’a. Tsoomni kara afuuraa fedhii fi yaada Waaqayyootti ittiin deebinu ta’uu armaan olitti agarree jirra. Karaa kanaan arjaa fi fayyisaa kan ta’e gara Waaqa keenyaatti akka deebinu kan nu taasistu waan taateef tsoomni ilmi namaa gara Waaqayyootti kan ittiin deebi’u fi itti dhi’aatu karaa gaarii taatee ni tajaajilti.
Tsoomni Humna Afuurummaa Gonfachiisti
Tsoomni fedhii foonii lubbuuf bichisiistee cubbuu irratti aangoo akka argannu kan taasiftudha. Qulqulluun Phaawuloos “Kan birootiif egan lallabee booda ofii ammoo akkan hin gatamneef foonkoo adabeetan bichisiisa” akkuma jedhe fedhii foonii keenya fedhii lubbuuf bichisiisuf ga’een tsoomii olaanaa dha. Fedhiin foonii tsoomii, kadhannaafi sagadaa akkasumaas gochoota afuuraa kan birootin yoo bitamuu hin dandeenye akkamitti gonfoo afuurummaa gonfachuu danda’a? 1Qor. 9:27. Nama biraaf mitii ofiifiyyuu ta’uu hin danda’u. Kitaabni “Fith Manfasawi” (Haqa Afuurawaa) bu’aa tsoomin argamu keessaa inni tokko Ergamoota afuurawoo fakkaachuuf jedhee nuuf ibsa.
Abbootii qulqulloota keessaa tokko Qulqulluun Phaawuloos Kiristaanota Qorontoos dhimmoota ittiin akeekachiise keessaa tokko akka Isa fakkaatan gorsuu dha. “Akkan ani Kiristoos fakkaadhe isin immoo anaan fakkaadha” jedheera. 1Qor. 11:1. Egaa kan ittiin qulqulloota fakkaannuun keessaa inni tokko tsooman ta’uu kitaabilee Qulqullaa’oon ni ragga’u.
Kaayyoo Soomaa: yaada xumuraa
Kaayyoon Soomii inni bu’uurri gosoota nyaataa irraa of qusachuu, nyaachuu fi nyaachuu dhiisuu qofaa osoo hin taane nyaata irraa fagaachuun bu’aa irraa argamu irrati xiyyeeffachuudha. Bu’aan isaas fedhii foonii mo’achuudhaan Ergamaa afuuraa fakkaatanii jiraachuu ykn ta’uu dha. Akkasumas mataa ofii, Yaada hamaa, raawwii hamaa fi hawwii hamaa mo’achuudhaan nama afuuraa ta’uun Waaqayyoof of-bichisiisuudha.
Sooma irraa bu’aa argachuudhaaf amantaa qabachuu qabna. Sooma keenyas jaalalaan, raawwii amantaa amantaadhaan raawwachuun nurraa eegama. Warra beela’aniif yaaduun, warra dhiphataniif birmachuun, namoota abdii kutaniif abdii ta’uun nu barbaachisa. Sooma keenyas jireenya gaabbiidhaan, kadhannaadhaan raawwachuu qabna. Dabalataanis fedhii foonii mo’achuudhaan fi fedhii lubbuu raawwachuudhaan ta’uu qaba. Of-tuulummaa irraa fagaachuun gad of qabuummaan raawwachuutu nurraa eegama. Soomicha Soomnee mootummaa Isaaf akka nu geessisu eeyyama Waaqa keenyaa nuuf haa ta’u Ameen!