Sirna Waaqeffannaa Ortodooksawaa

…Dn. Miikiyaas Asras…

Ifa addunyaa kan ta’e qulqulluun Phaawuloos Kiristaanota Roomaatiif “Obboleewwan koo qaama keessan  Waaqayyoodhaaf jiraataa, qulqulluu akkasumas aarsa gammachiisaa  taasistanii akka dhiyeessitan gaarummaa Waaqayyoon isin nan kadhadha. Kunis sammuudhaaf kan tolu tajaajila keessani dha (Room. 12:1) jedhee kan dubbate kana barumsa keenyaaf mat-duree ka’umsaa taasisnee gara qabxiiwwan birootti yaa dabarru. Duuka bu’aan jaalatamaan jechoota armaan olitti kaasneen Mana Kiristaanaatti tajaajila sammuuf toluu fi Kiristaanonni qaama isaanii qulqulluu taasisanii kan dhiyeessaniin sirna waaqeffannaa Ortodooksii ni dubbata. Sirni waaqeffannaa Ortodooksii  amantaan Otodooksii baruumsa qajeelaa ta’uu isaaf ragaadha.

Wanta amannu hojiin kan ragaa itti baanu tajaajila tokkummaati. Sirna waaqeffannaa keessatti kan jiran yeedaloowwan, galateeffannaa fi jechi Waaqayyoo isuma Waaqayyoo irraa fudhannee fedhii keenyaan deebisnee Waaqayyoof kan dhiyeessinudha. Dhimmi nuti itti daballu yoo jiraate fedhii keenyaan  itti dhiyeessuu qofaa dha malee kan biroo hundinuu  kan isa irraa fudhanne ta’uu isaa hubachuun barbaachisaadha. Hayyichi Abbaa Giyoorgis zagaasicaan Sa’aataatii halkanii irratti “ስብሐቲሁ ዘእምኀቤሁ፤ ወውዳሴሁ እምዚኣሁ አኃዜ ዓለም ለሊሁ፤ Galatni Isa irraati faarfannaanis Isuma irraati  (kitaaba Sa’aataatii) jedhee kan ibses kanuma.

Namni kan itti uumames kaayyoon inni duraa Waaqa isaa galateeffatee, galateeffachuunis hirmaataa ulfina Isaa ta’uuf akka ta’e kan beekamuudha. Namni erga uumamee jalqabee galateeffataa (Doxological Being) ta’ee akka jiraatuuf waan ta’eef galateeffannaa dhiisnaan Waaqayyoo irraa gargar baha. Galatni kunis fedhii ofiin fi Waaqayyo jaalachuun otoo ta’ee kennaa irratti kennaa, kabaja irratti kabaja mi’aawina irratti mi’aawinni kennamaaf; Waaqayyo waliinis bara baraan akka jiraatu ni ta’a. Amalummaan kan guddaa ta’e Waaqni galataa fi kabajaa uumamaatiin kabaja amalummaan gonfate irratti wanta Isaaf dabalamu hin jiru;kabajni kan dabalamuuf kan Isa galateeffatuuf malee. Akkana taanan jireenya bara baraa akkamitti argachuu danda’a? Galateeffannaa dhugaa kana duuba of-jaalachuun kan hin jirreefi kasoominaafi  jaalala kennuudhaan ibsamutu  jiraachuu qaba. Jalqabuma irraayyuu uumamnis kan uumame Waaqayyo uumama Isaa sababa jaalateen akkuma ta’e, uumamnis jireenyi isaa kan itti fufu sababa jaalala deebisee Waaqayyoof kennuunidha. Seerri hundinuu jaalalaan guutuu akka ta’u baruumsa duuka bu’ootaati.

Amaloota Sirna Waaqeffannaa Ortodooksii

  1. Kan waldaati

Manni  Kiristaanaa waldaa Kiristaanotaa qulqullooftedha. Maatin Waaqayyoos waldaan ta’anii Waaqayyoon ni galateeffatu, waa’ee addunyaa maraaf Waaqayyoon ni kadhatu. Dursamee raajiidhaan “Yaa Gooftaa  waldaadhaan sin galateeffadha” ( Faar 26:12) jedhamee akkuma dubbatame Kiristaanotni  waliin waldaadhaan galatni fi ararri isaan taasisan tajaajila Mana Kirstaanatiif dhimma barbaachisaadha. Nuti Kiristaanotni tokkummaa keenya kana akka nuuf cimsuuf Manni Kiristaanaa kadhaa hundumaa keessatti Waaqa ishee ni kadhatti. “ቅዱስ ሥሉስ ዘኅቡር ህላዌከ ዕቀብ ማኅበረነ በእንተ ቅዱሳን ኅሩያን አርዳኢከ፤  jireenyummaan tokko kan taate yaa Qulqulluu Sillaasee qulqulloota duuka bu’oota kee filatteef jedhii waldaa keenya eegi. /Sirna Qiddaasee/ jechuun qiddaaseee irratti erga ergaan Wangeelaa dubbifamee booda galatteeffachuun keenya kana agarsiisa. Karaa biraatiin Sirni waaqeffannaa Mana Kiristaanaa  waldaawaa (hawaasawaa) ta’uu isaa kan ittiin hubatamu kadhannaan Kiristaanotaa baay’een “nuti” jechuun waan dhiyaatufidha. Kiristaanni tokko qofaa isaa illee kadhannaaf yommuu dhaabbatu “Yaa abbaa keenya, samiiwwan irraa kan jiraattu” jedha malee qofaa koo kadhannaaf waan dhaabbadheef   “Yaa abbaa koo, samiiwwan irra kan jiraattu” jechuu hin danda’u. Qofaa isaa kan jiru itti fakkaatu illee tokkummaan Ergamoota qulqullaa’oo  fi qulqulloota biroo isa irraa adda hin bahan. Abbaan qofaa isaa gammoojjii keessatti adda bahee jirullee /baahitaawwii/ kophummaan isaa namoota irraa waan adda baheefidha malee kadhannaadhaan kan isa yaadatan qulqullootni akkasumas Ergamootni isa gargaaran isa waliin ni jiru. Amala guutuu Mana Kiristaanaa yommuu hubannu Waaqayyoon kan hundeeffamte, isaanis dhaabbattee kan jiraattu waltajjii qulqulluudha. “ተዘከር ማኅበረከ ዘአቅደምከ ፈጢረ” (waldaa kee ishee dursitee uumte yaadadhu). (Faar.73፡ 2) jedhamtee hundeeffamuu isheetif Manni Kirstaanaa Sirna waaqeffannaa isheetin raga ni baati.