Qulqullummaa
Lammessaa Guuttataa
Jechi Qulqullummaa jedhu, qulqulleessee, Waaqayyoof adda ta’uu, eebbifamuu, kabajamuu, ol ol qabuu, cubbuu irraa foo’amuu, adda baa’uu, Waaqayyoof of kennuu, filatamuu, qabeenya Waaqayyoo of taasisuu, hiika jedhu nuuf kenna.
Abbaan burqaa Qulqulummaa fi bu’uurri Qulqullummaa Waaqayyo yommuu ta’u Qulqullummaan Isaas amala qabeenyummaa Isaati. Kana irratti dabalataan kanneen biroon fakkenyaaf Namni, Guyyoonni, Meeshaaleen, Iddoowwan, Waantonni fi kkf yeroo addaan ba’ani (fo’amanii) Waaqayyoof dhiyaatan Qulqulluu ni ta’u. Qulqullummaan isaaniif kennamu kun kan Waaqayyoo kan argatan ta’uu isaan irraan kan ka’een Qulqullummaa kennaa jedhamuun beekama. Qulqullummaan Waaqayyoo garuu amala qabeenyummaa Isaati. Qulqullummaan bakka lamatti qoodama: Qulqullummaa amallumaa (kan Waaqayyoo) fi kan kennaa (qulqulloota Waaqayyoon uumaman) jechuudha.
Yaadota armaan olitti eeraman bu’uuraa isaanii yeroo ilaallu abbaan qabeenyaa Qulqullummaa Waaqayyoo ta’uu Isaa fi namoonnis akka Qulqullaa’aniif fedhii Isaa akka ta’e ni hubanna. Ergaan Qulqulluu Phaawuloos gara warra Qolaasiyaasitti ergames ergaa ibsametti dabalataan namoota gara Qulqullummaatti kan geessu karaa gaarummaa argisiisa. Isaan kunis dhiifamaa fi gara laafummaa, gaarummaa fi gad of qabuu, garraamummaa, obsa, dhiifama waliif gochuu fi jaalala, galateeffachuu fi sagalee Isaa isa Qulqulluu barachuu, ofiin of barsiisuuf of ceepha’uu gara teessoo Qulqullummaatti kanneen geessan ta’uu isaanii caffatticha irraa hubachuu dandeenya. Qola. 3:12-18