‹‹Nageenya Kanneen Barbaadan Nageenya Raawwatu!››
Lammessaa Guuttataa
“Isin keessaa ogeessii fi hubataan eenyudha? Haala jireenyaa qajeelummaa isaatiin hojii isaa ogummaa garraamummaatiin haa argisiisu. Garuu inaaffaa hadhaa’aa fi gartummaan laphee keessan keessa yoo jiraate itti hin amaniinaa, dhugaa irrattis hin sobiinaa. Ogummaan akkasii samiirraa kan bu’u miti, garuu kan dacheeti, kan fooniti, kan seexanaatis, bakka inaaffaa fi gartummaan jirutti holollii fi hojiin jallinaa hunduu ni jira. Ogummaan isheen olii garuu jalqaba Qulqulluu dha, boodas araaramaa, gaarii, tole jedhaa, araarrii fi firiin gaariin kan itti guute, shakkii fi hammeenyummaan kan keessa hin jirredha. Firiin Qulqullummaas namoota nageenya raawwataniif nageenyaan facaasa”. (Ya’i 3:13-18)
Nageenyi Firii Afuura Qulqulluuti. Nageenya argachuudhaaf Waaqayyoon sodaachuun, seera isaa fi akkaataa abboommii Isaatti deemuun, hammeenyaa fi jallina irraa fagaachuun, qajeelummaa hojjechuun barbaachisaa dha. Nageenyi wal-gahiidhaan, Aangoodhaan, marii fi hiriira nagaadhaan kan dhufu miti; nama nagaa ta’uun, gaarummaa hojjechuun, jallina jibbuutiin malee. Amantaadhaan, laphee guutuun, nama nagaa ta’uun, kan argamu dha nageenyi. Kanaafidha kitaabnis “Jabeessii nageenya waliin bu’i, nageenyas barbaadi; duukaas bu’i” kan jedhuuf (2ffaa Ximo 2:22, Far. 34:14) .
Kiristaanni nama nagaa ta’uu qaba. Nageenya, tokkummaa fi jaalala waantoota booressan yaadaa fi gocha dabalatee irraa fagaachuu qaba. Yeroo hundaas waa’ee nageenyaa, waa’ee jaalalaa, waa’ee tokkummaa kadhachuu qaba. Kanneen nageenya booressan irraa fagaachuun ala namoota gorsuu, barsiisuu fi itti dheekamuu qaba. Kiristaanummaan jireenya nageenyaa fi jaalalaati. Kana raawwachuudhaaf garuu fedhii dhuunfaa keenyaa dhiisuu qabna. Kitaabni kana yeroo ibsu Ibro. 12:14 irratti “Namoota hundaa waliin nageenyan duukaa bu’aa, akka Qulqullootaniifis barbaadaa; isa malee Gooftaa arguu kan danda’u waan hin jirreef” jechuun ibseera. Namni waa’ee jaalalaa, waa’ee uummataa, waa’ee biyya isaa hawwu jecha isaatiin nageenya, laphee isaa fi raawii isaatiin wantoota faallaa ta’anii argaman hin raawwatu. Rakkoon namoota baay’ee yeroo ammaa garuu kana dha. Jechaa fi afaaniin nageenya lallabu, raawwiin isaanii garuu baay’ee kan nama gaddisiisuudha. Baay’een isaanii kanneen nageenya boorressan keessa jiru.
Nageenyi ilma namaatiif bu’uura jireenyaati. Nageenyi waan hundaaf bu’uura dha. Nageenyaan ala misooma misoomsuun, barachuun, hojjetanii jijjiiramuun haa hafuutii ciisanii ka’uun, bahanii galuun, hojjetanii jiraachuun hin danda’amu. Uumaa Waaqessuuf, barachuuf, guddachuuf, jijjiramuuf, matii hundeeffachuudhaaf nageenyi ni barbaachisa. Nageenyi jireenya dhuunfa fi maatii irraa kan eegalu bu’uura jireenyaati. Umuriin namni biyya lafaa irratti jiraatu baay’ee gabaabaa dha. Umurii jireenyaa gabaabaa kanatti jireenya tasgabbaa’aa jiraachuun, hojii garii hojjetanii darbuun nurraa eegama. Kanaaf immoo nageenyi ni barbaachisa. Nageenyi yoo hin jiraanne gartuun uummataa hin miidhamne hin jiru. Waraanaa fi lola, jeequmsa irraa bu’aan gariin argamu tokkoyyu hin jiru. Nageenya yeroo dhabdu jireenyi keenya ni bada. Tasgabbiin hin jiraatu. Wal amanuun ni bada. Gidduu keenyattiis wal shakkiin ni bal’ata. Kana gidduutti waliin wal fixuun ni dhufa.