Maalummaa Umrii Dargaggummaa fi Qormaata isaa

                                                                                                                                                     Lammeessaa Guuttataa

Barreeffama kanaan maalummaa umrii dargaggummaa, mallattoo (ibsa) isaa fi qormaatawwan yeroo (bara) umrii dargaggummaa keessatti nu mudatan ilaalla. Umriin dargaggummaa yeroo jijjiiramni qaamaa, fedhaa, umrii, yaada saffisaan itti mul’atan, yeroo sadarkaa jireenya umrii ijjoollummaa irraa gara dargaggummaatti ceenudha. Karaa biraas hirkattummaa irraa yeroo gara of danda’utti ceenudha. Yeroo of bulchuuf,of to’achuuf, yeroo of gargaaruuf itti dandeenyudha. Yeroo cee’umsa fi jijjii rraa kana sababa godhachuun jijjiiramoonni hedduun ykn qormaatileen hedduun itti nu mudatanidha.

Kanneen keessas dhiibban hiriyyummaa,fedhiin fedha foonii yeroo itti dabalu,jijjirama fedha fi hawwii adda addaa,dursa hubbachuuf  rakkisaa kan ta’an ilaalcha fi fedhiiwwan  adda addaa yeroo itti mul’atanidha. Kana malees  dhimmoota hawwaassummaa fi falaasamoota adda addaaf yeroo itti xiyyeeffannaa guddaa kenninu fi isaaniifis saaxila itti baanudha. Ofis hiriyyoota keenya waliin yeroo wal-dorgomsiifnu, yeroo, to’annaa maatii fi hiriyyoota keenya jalaa bahuun “Bilisummaan” of to’achuun (of bulchuun) jiraachuf yeroo itti feenudha. Yeroo fi barri umriin dargaggummaa yeroo itti barannu yeroo beekumsa,muuxannoo fi oogummaa adda adda itti horannu (barannu) ta’uu qaba. Bara umrii kanatti qormaatileen hedduun nu muddachuu ni danda’u,keessummaa qormaattileen karaa hiriyyoota keenya nu muddatan hedduu waan ta’aniif hiriyyoota hamoo irraa of eegu qabna.Kana yeroo inbsu kitaabni “Hawwii fedha umrii dargaggummaa irraa baqadhu” jechuun ni ibsa.

Dhimoota armaan olitti ibsaman alatti umuriin dargaggummaa qormaata ofisaa fiduun alatti yeroon nutti  keessatti argamnu (yeroo fi umriin dargaggummaa) qormaata nutti ta’a. Kana  malees dhiibbaan maatii , haawassa,naannoo fi hiriyyoota keenya irratti dabalatee yeroo keenya qormaata keessa galchuu fi rakkisaas taasisuu ni dandaa’a.Yeroo kana kiristaanni tokko akkamiin jiraachu qaba jennee gaafachuun gaariidha.Kunis jireenya gaarii gammachuun, tokkummaan, jaalalan, obsaan, tasgabbiin, qalbii jijjiirannaan, qulqullummaan guutamee jiraachuf barbaachisaa waan ta’eef jechuudha.

Dargaggeessi Kiristaanaa ta’e tokko akkamiin jiraachu qaba yeroo jennu,nama kaayyoo ta’uun kaayyoon jiraachu qaba.Maaliif akka jiraatu ,maaliif akka uumame beekuu qaba. Kan nama kabaju, Waaqayyoonis kan soodaatu, seera, ajaja fi abboommii Isaas kan kabaju, hojjii cubbuu irraa kan of eegu, hojjii fayyinnaa kan jireenya fi qulqullummaa raawwachuun kan jiraatu ta’uu qaba. Kana malees jireenya naamuusaan guutame fi kaneen biroofis fakkeenya ta’u horachuun jiraachu qaba.Jireenyi isaa kan kitaaba barsiisu ,tokkummaa,jaalala,obsa,gammachuu kan barsiisu ta’uu qaba. Callisse hiriyyoota fi namoota kaayyoo hamaa ta’e qabaniin oofamu hin qabu.

Kitaabni Qulqulluu jireenya fakkeenyummaa guutame jiraachu akka qabnu yeroo ibsu “Jechaa fi jireenyan jaalalaanis, amantaanis, qulqullummaanis, kanneen amananiif fakkeenya ta’i“ jechuun ni ibsa.1Xiim.4:11

Kanaan dura ibsuuf akkuma yaalletti dargaggeessi Kiristaana ta’e tokko maaliif akka uumame beeku qaba. Kunis jireenya keenya akkamiin gaggeessu akka qabnu akkamiinis jiraachu akka qabnu waan nu fayyaduuf jechuudha. Dargaggeessi Kiristaana ta’e tokko nama kaayyoo qabu fi kaayyoonis kan jiraatu ta’uu qaba. Ilaalcha dhiphummaa, sanyummaa, naannuummaa, ilaalcha wal-qoodinsa irraa bilisa ta’uun namoota hundaa waliin tokkummaan, jaalalaan, wal-kabajuun, wal-gargaarruun jiraachuu qaba. Inni nama afuuraati, mucaa Waaqayyooti malee nama foonii wan hin taanef jechuudha. Namni afuuraa immoo nama hundaa waliin jaalalan, tokkummaan kan jiraatu ta’uu qaba. Gaabbii galuun jiraachu qaba. Hojiiwwan (firiiwwan) foonii irraas of eegu qaba.

                                                                                                                                                       Galatni Waaqayyoof haata’u!