Keessummaa Qaanaa
Wiirtuu Finoota Salaamiin
“Tajaajila irratti yommuun hirmaadhu sammuun koo inni dadhabe ni haaromfama”.
Bara 2009 Yunivarsiitii adda addaa keessatti barachaa turaniifi eebbifaman keessaa baay’een isaanii qabxii ol’aanaa fiduun meedaaliyaa waancaa akka badhaafaman taa’anii jiru.Waancaa fi meedaaliyaa argatan barnoota baruumsa Mana Kiristaanaa isaan barsiisaa ture Waldaa Qulqullotaaf kennaadhan gumaachun firii isaa agarsiiseera.
Barattoota kanneen keessaa yunvarsiitii Dabra Maariqoos kaampaasii buree koollajjii qonnaatti kutaa baruumsa misooma bosonaa/forestry/tti barattuu kan turte Asaayyech Aggidaw ishee tokko turte.
Barattuun Asaayech Aggidew bara 2009 yunvarsiitii Dabra Maariqoos irraa qabxii 3.85 fiduudhaan dubartoota keessaa tokkoffaa ta’uun badhaasaa waancaa argattee jirti.Waancaa argatteefis ka ana gargaare Waaqayyo jechuun Waldaa Qulqullootaa, Wiirtuu Finoota i gumaachitee jirti.
Har’a keessummaa Gubaa’ee Qaanaa taasifnee isiniif dhiyeessineerra; dubbisa gaarii
Gubaa’ee Qaanaa:-Muuxannoon qo’annaa kee akkam?
Barattuu Asaayyech:-Yeroo koo qoqqoodeen haala gaarin itti fayyadama.Ganamaa kaasee hanga sa’atii ja’aa baruumsa daree hordofee laaqana ergan nyaadhee booda iddoo waca hin qabne filadhee hanga sa’aa kudha tokkootti nan qo’adha. Kana boodas gara Mana Kiristaanaa deemuun sagantaawwaan nan hordofa. Gaafa sagantaawwan adda addaa jiraatan hanga galgala sa’aa lamaatti Mana Kiristaanaa turuun danda’a. Kanaan alatti garuu yeroo baa’yee kadhannaa koo godheen dhiyana (irbaata) nyaachuun gara naannoo sa’aatii tokkoo qo’annaa galagalaa ni jalqaba. Yeroo baay’ee galgala galgala mana kitaabaa keessatti qo’achuun yommuu natti tolu guyyaa garuu dormii fi iddoo ispeesiii keessatti nan qo’adha
Yommuun qo’adhu iddoo tokko qofa taa’ee otoo hin taane sa’aatii walakkaa doormii, isa hafe immoo ispeesitii yookaan iddoo biraatti nan qo’adha.
Otoo of hin cinqiin tasgabbaa’ee kanan qo’adhu yoo ta’u hiriyyoota koo waliin wal gargaaraa qo’achuun garuu caalmaatti barumsa koo ifa naaf taasisa.Kunis kophaa keenya taanee yaada adda ta’een akka nu hin rakkannee fi qalbii keenya sassaabannee wanta dubbisne akka hin irranfanneef faayidaa cimaa qaba.
Gubaa’ee Qaanaa:-Barumsa idilee fi tajaajila hafuurawaa akkamitti wal-simsiistee adeemsista?
Barattuu Asaayyech:-Wantootni lamaan kan walitti hin buune fi akka ilkaani fi arrabaa wal-simanii kan deeman dhimmoota faayidaa qaban. Wanta hundaafuu yeroon waan jiruuf sa’aatii tajaajilaatti kan tajaajilaa, akkasumas sa’aatii baruumsa idileetti baruumsa koo rakkoo tokko malee nan adeemsisa. Tajaajilli jira jedhee baruumsi idilee kiyya akka miidhamuu carraa hin kennuuf. Qo’annaas ta’u kutaa barumsaa jechuudha. Haa ta’u malee qo’annaan qaba jedhee tajaajila hafuurawaa hin miidhu; lamaanuu yeroo isaanitiin wantan adeemsisuuf.
Gubaa’ee Qaanaa:-Tajaajilli Yaa’ii Mooraa baruumsa idilee kee si jalaa hin saammatu ture?
Barattuu Asaayyech:-Yeroo har’aa kana namootni baay’een maatii,ijoollee, daldala, baruumsa,jireenya hawaasaa,hojii fi tajaajila kana fakkaatan dhimma hedduu haala gaarin qajeelchun milkaawaa jiru.Anis wantoota lamaan kana akkamittiin waliin qajeelchuu dadhaba jechuun ejjennoo cimaa wantan qabuuf tajaajilli baruumsa kiyya irratti yeroo kiyyaa ana jalaa hin saammatu. Tajaajilli yeroo kiyya kan na jalaa saammatu otoo hin ta’iin sammuu koo haaromsuuf akka boqonnaatti na gargaara. Barumsa idilee kiyyaan yommuun dadhabu fi sammuun kiyya cinqamu gara Mana Kiristaanaa deemun tajaajila irratti hirmaachuun sammuu haaromfamee fi qarameen gara mooratti deebi’a. Maatiwwan keenya bira tanee hanga kutaa kudha lammaffaatti yommuu barannu hojii manaa baay’ee ni dalagna ture. Yunvarsiititti garuu barumsaa fi tajaajila hafuurawaa qofa waan qabnuuf sa’aatii digdamii afur haala tooftaadhaan nama itti fayyadamuu danda’eef baay’ee gahaadha.
Yunvarsiitii keessatti barumsa idilee qofa qabatanii deemuun faayidaa irra miidhaa isaatu caala.Hafuurawaan itti dabaluu dhiisuun sammuu keenya kan dhiphisuu jedheen amana.
Waggaa lammaffaa jalqabee hangan eebbifamee bahutti itti gaafatamaa kutaa qorannaa fi leenjii Yaa’ii Mooraa ta’ee hojii gaggeessaa ta’uun tajaajileera.Hanga tokko dhiibbaa tajaajilaa jiruun yeroon bade yoo jiraate illee sammuu qaramee fi qalbii tasgabbaa’een qo’achuuf sa’aatii hirriibaa koo hir’isuun dubbisaaf nan fayyadama.
Gubaa’ee Qaanaa:-Yaa’iin mooraa siif maali inni?
Barattu Asaayyech:- Yaa’iin Mooraa anaaf hundee jireenyaati. Obsa,heerawwan,tasgabbaa’uu, jaalalaafi firii hafurawaa kan taa’an kan biroo gonfadhee akkan bahuuf yaa’in mooraa anaaf yunvarsiitii afuurawaati turte. Har’a irra dhaabadhee otoon jalqabaa kaasee yaa’ii mooraa keessatti hirmaachuu dhiisun eebbifamee turee nama akkamii ta’ee akkan bahuu yommuun yaadu baay’ee na dhiphisa.
Gubaa’ee Qaanaa:-Baruumsa idileetin akkam turte?
Barattuu Asaayyech:-Barnoota sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa keessattis barattuu sadarkaa ta’een badhaafamaati kan ture.Yunvarsiitii keessatti baruumsa barsiistonni kennan cal’iseen kan hordofu yommuu ta’u wanta anaaf hin gallee yoo jiraate akka na darbu wantan hin barbaannef gaafadheen nan qayyabadha.Booda dubbiseen qayyabadha jechuun daree keessa taa’ee sammuu kiyyaaf hojii manaa kennee hin bahu.
Gubaa’ee Qaanaa:-Tajaajila Mana Kiristaanaa keessatti hirmaachuu kan jalqabde yoomi?
Barattuu Asaayyech:-Tajaajila Mana Kiristaanaa keessatti hirmaachuu kanin jalqabe Yaa’ii Mooraa keessatti jechuun ni dandaa’ama.Kutaa 1ffaa-8ffaa kanin baradhe maatii kiyya biratti waan ta’eef ani illee fedhii qabaadhu sababa baay’ina hojiitinii fi maatin kootis waan naaf hin eeyyamneef fedhiin ala jireenya afuurawaa hin qabu ture. Kutaa 9-10ffaa yommuun baradhu garuu maatii irraa fagachuun gara magaalatti wantan galeef gadi-fageenya dhabus yaa’ii galgalaa fi darbee darbee marii bulmaataa irratti hirmaaachuu jalqabe. Barattuu qophaa’inaa/ preparatory/ ta’ee kutaa faaruu keessatti tajaajiluu akkasumas Waldaa Qulqullotaatti kutaa meeshaalee Wiirtuu Aanaa ta’uun akkaan tajaajile Yaa’ii Mooran durallee koorsii kennamu darbee darbee nan hordofa ture. Haa ta’u malee Yunvarsiitii lixee waggaa jalqabaa irraa kaasee jireenya afuurawaa qayyabannoo waliin adeemsisuu jalqabe.Kana jechuun jireenya afuurawaa kiyyaan ani gahaadha jechuu kiyyaa otoo hin ta’iin jireenyi afuurawaa maalin isa jedhu qayyabachuuf karaa jalqabeera jechuuf.
Gubaa’ee Qaanaa:Waldaa Qulqullootaaf waancicha gumaachuuf maaltu si kakaase?
Barattu Asaayyech:-Waancan ani badhaafame kan kiyya otoo hin ta’iin firii Yaa’ii Mooraati. Kennuu koof sababa qaba. Jalqaba irratti gara mooraa yunvarsiitii yoommuun galu “baga nagaan dhuftan” jechuun sagntaa qopheessanii barattoota yaa’ii mooraa duraanitiini fi obboleewwan hangafootan gorsi yommuu nuuf kennamu akka milkaahun nu irraa eegamu nutti himan. Yommuu sana ture kutaa baruumsa baradhuun bu’a qabeessa akkan ta’u of amansiise kan ture. Inni lammaffaan Yaa’ii Mooraatiif maxxanfamtee kan baatu Gubaa’ee Qaanaa bitee yoon dubbisu yunvarsiitii fi koolajjii adda addaa irraa tajaajilaan kan cimanii fi yunvarsiiticha irraa qabxii ol’aanaa argachuun badhaasa waancaa fi meedaaliyaa badhaafaman Waldaa Qulqullootaaf gumaachuu isaanii dubbisuun anis mataa kiyyaaf “Yaa Waaqayyo anas kabaja kanaan yommuu na geesse isan badhaasamu Waldaa Qulqullootaf nan kenna” jechuun ofii kootif waadaa seene; Kunoo Waaqayyos na gargaare anis waancicha wiirtuu kanaaf gumaache.
Gubaa’ee Qaanaa:-Nama fakeenya godhatte qabdaa?
Barattuu Asaayyech:-Yunvarsiitiitti qofa otoo hin ta’iin kutaa gadi aanatii jalqabee namoota bu’a qabeessa taa’an yommuun argu baay’een hawwa/inaafa/ture. Anis akkas otoon ta’ee jedhee nan hawwa ture.Yunvarsiitii ergan lixeen boodas obboleewwanii fi obboleettiwwan hangafootni jireenya afuurawaa isaaniin hojjetani kan nama hojjechiisan fakkeenya taa’aanii isinis akkana ta’aa kan jedhanii fi kennaa caaluuf kan na kakaasan gorsa baay’ees kan naaf laatan waan turaniif isaan fakkeenya taasifadheen anis tarkaanfadheera. Inni biroo barsiistotni Waldaa Qulqullootaa-Wiirtuu fi barruulee Gubaa’ee Qaanaa irratti keessummaan kan dhiyaatan obboleewwanii fi obbleettiwwan anaaf fakkeenya turan.
Gubaa’ee Qaanaa:-Qorumsi si quunname jiraa laata? Akkamittis dabarte?
Barattuu Asaayyech:-Jireenya aafuurawwaatti jalqabduu ta’uu kiyyaan qoruumsi na quunnameera jechuu hin danda’u.Kan hojjetuu fi jireenya Kiristaanummaa kan jiraatu caalmaatti ni qorama. Haa ta’u malee ana garuu qorumsi baay’en na hin muudanne. Tarii mooraa keessatti fedhiin saala fi filannoon hiriyaa rakkoo ture. Obboleessa tokkoon otoon hin loliniin, hin arrabsiin obbolummaan teenyee mar’achuu fi wal gorsuun rakkoo keessa jiru keessaa akka bahu taasiseera.Sana booda mataa isaatiin dhiifama na gaafachuun nagaan barachuu dandeenyee jirra.
Hiriyyaan tiyya isheen biroo takkas wanta bu’aa hin qabneef akkasumaan karaa irra namoota waliin dhaabbachuun yeroo keenya yommuu gubdu cal’isee irraa gargar bahuu waan hin barbaachisneef gorsa kenneefin ture. Haaluma kanaan isheenis dhiifama gaafachuun gorsa kiyyaaf baay’ee galata galshitee nagaan eebbifamtee mooraa baateerti. Kanaan ala gamakootiin qorumsa cimaa ta’ee himamuu kan danda’u hin jiru.
Gubaa’ee Qaanaa:- Barattoota Yaa’ii Mooratiif ergaan dabarsitu yoo jiraate?
Barattu Asaayyech:-Yaa’ii Mooraf wantin dabarsu jalqaba irraa kaasee nama kaayyoo qabu ta’uun barbaachisaadha. Amantaa shakkii hin qabne, namummaa ejjenna qabu ta’uu, nama amanuu fi hundi ni dandaa’ama jechuun kaka’uumsanii fi abdiidhaan hojii carraaqanii hojechuun faayidaa qaba. Baruumsa lamaaniin isa idilee fi afuurawaatin albee qara lamaa taa’anii bahuuf akkuma “kaaffeetti” ciree, laaqana fi dhiyana keenyaf dhiyaannu sana sagantaa Yaa’ii Mooraa keessatti gaggeeffaman irrattis hirmaannee nyaachuu qabna. Abdii kutachuun dursinee injifamuu irra injifannoo argachuuf kan nu dandeessisu karoora adda addaatti fayyadamnee bu’a qabeessa ta’uu qabna. Barattootni baay’een araada adda addaaf gabra taa’ani kan bitaman, amantaa isaanii kan jijjiiran, baruumsa isaanitiin kan hin milkoofne fi jireenya isaanii kan balleessan hiriyaa isaan fayyadu filachuu wallaalunifi addunyaa tana jaalachuudhan.
Barattootni Yaa’ii Mooraa hiriyyoota jireenya isaanii gara daandii Waaqayyootti qajeelchan filachuun fayyadamuu qaban.
Daandii sirrii kan taate Manni Kiristaanaa, sababa keenyaan akka hin hamatamnee fi hin arrabsamne eenyummaan keessa fi ala keenyaa namoota biroof fakkeenyummaa akka qabu gochuun barbaachisaadha.
Gubaa’ee Qaanaa:- Gaaffii fi deebii kanaatiif eeyyamakee nuu kennuukeetiif galatoomi.
Barattuu Asaayyech:- Anis isin galateeffadha.