“Har’a Magaalaa Daawit Keessatti Qoricha kan Ta’e Kiristoos isiniif Dhalateera” (Luq.2:11)

Qopheessan:- Lammessaa Guuttataa.

Nama ta’ee foon keenyas uffatee dhallachuu  Goofta keenya Iyesuus Kiristoosif sababa kan ta’e badii fi balleessa Addaamiti.Addaam gaafa guyyaa 6ffaa erga uumamtoonni hundi uumamanii booda kan uumamedha.Uumamtooni biroon faayidaa dhala namaaf kan uumaman yoo ta’an  dhalli namaa (Addaam) garuu Waaqayyoon tajaajilun,isaaniis  kabajuun,jireenya fi qulqullummaa raawwachuun,cubbuu fi badii irraas of eegun mootummaa Waaqayyoo dhaale jireenya barabaraas akka argatuuf,mootummaa Waaqayyoo akka dhaaluf,jireenya gammachuu fi boqonnaa barabaraas akka argatuufidha.

Addaam yeroo uumametti  uumattoota biroo irraa  adda ta’uun ,akkaataa fakkeenya fi fakkii Waaqayyoon  ture,Waaqni  uumatoota karaa sadii uume isaaniis yaadun,dubbachuun fi gochaa(raawinidha).Gosa uumamtoota keessaa adda ta’uun ,sammuu yaadu,xinxaluu danda’u ,wan hamaa fi gaarrii,wan qulqulluu fi xuraa’a ta’e addaan baasu danda’u ,hamaa fi gaarii ta’es addaan baasuu danda’un isaaf kennamuun kan uumame dhala namaa (Addaam) qofaadha.

Waaqni Addaamiin uume dhamaati,bu’aa ba’ii fi dadhabbii tokko malee Ganata keessati Waaqayyoon galateeffachaa  akka jiraatuuf Ganata keessa  isa kaa’e,yeroo kanattis  ajaja isaaf kennee ture,firii muka Ganata keessa jiran hundaa nyaadhu, garuu firii hamaa fi gaarii  akka addaan bastee beektu si gootu baala muka Iste Balas garuu hin nyaatin ,yoo nyaate garuu du’a barabaraa ni duuta ittin jedhe.As irratti baala muka balas wan hamaa fi gaarii addaan baase akka beeku isa taasisu yeroo jennutu Addaam yeroo uumameti wan gaarii fi qulqullummaa malee wan hamaa fi xuraa’ummaa hin beeku ture.Erga baala muka Sanaa nyaate booda garuu Addaam wan gaarii ,qulqullummaa qofaa malee wan hamaa ,baddii,balleessa,cubbuu raawwachu eegale jechuudha.Nyaachu isaan wan hamaa bare jechuu keenyadha,Waaqni wan gaarii isaaf kenne,inni immoo baala sana nyaachu isaan hamii bare jechuu keenyadha.

Addaam yeroo kana ajaja Waaqayyoo ni dagate,,fedha fi hawwii (ajaja) Waaqayyoo dhiisun kan haadha manaa isaa yaada,jecha fi hawwii Hewwaan dhaga’uun ,gorsa fi jecha hammii kan du’aa ta’e seexana dhaga’uun cubbuu raawwate,Waaqayyoonis gaddisiise,Waaqa irraas adda bahe,jireenya Gannataas ni dhabe.Achi ,keessaas ni arii’ame ni bahe,gara jireenya addunyaatti darbatame,jireenya gaarii keessaa bahuun gara jireenya hammeenyatti,jireenya afuurummaa irraa adda bahuun gara jireenya fooniti gatame (darbatame).

 Addaam yeroo uumametti mirga guutun isaaf kennameetudha.Kanaaf waan gaariis ta’e hamaa,wan qulqullummaas ta’e cubbuu hojechuuf fedha fi eeyyama guutu kan qabu ture.Wan hojetu hundaafis sababa dhiyeessu hin dandaa’u ture.Sababni isaas inni uumamtoota hundaa irraan adda bahuun sammuu beeka,hubataa,qajeela ta’e isaaf kennamuun nama uumame kan turedha.Kanaaf balleessa raawwateef,cubbuu raawwateef yoo sababa illee dhiyeesse itti gaafatamummaa irraa garuu bilisa ta’uu hin dandeenye.

Addaam yeroo Ganata keessa jiraata turetti cubbuus ottoo hin hojetiin dura jireenya malee du’a hin beeku ture,nageenya fi gammachuu malee,gadda fi jeequmsa hin beeku ture,qulqullummaa malee cubbuu fi xuraa’ummaa hin beeku ture,jaalala malee hammeenya fi jibba tokko illee hin beeku ture .Garuu yeroo ajaja Waaqayyoo darbuu cubbuu hojetetti keennawwan kunneen hundaa ni dhabe.

Addaam qulqullummaa,jaalala,eebba,kabaja,ulfina fi jireenya dhabe,Waaqayyoo irra  baqate adda bahe cubbuu hojechuu isaan qullaa ta’uu isaa bare,cubbuu hojjechuu isaaniis ni qaana’e ,salphachuu isaas ,kabaja fi ulfina Waaqa biraatis qabu akka dhabe ni hubate.Ni dhokate,ni qaana’e,ni booye,ni gadde,cubbuu hojjechuu isaaniis Waaqayyoof sababa dhiyeesse,garuu itti gaafatamuu irraa bilisa ta’uu hin dandeenye.Uum.3:1.

Har’as namoonni hedduun sababa adda addaan cubbuu hojechuu ni dandeenya.Cubbuu,balleessa fi baddii  keenyaaf gaabbii  galuu qabna.Gaabbiin  cubbuu,balleessa fi badii keenya irraa nu dhiqa,nu qulqulleessa,gara kabajaatti,gara qulqullummaa fi  ulfinaatti  nu geessa.Kanaafidha kitaabni qulqulluu “Hundi keessan gaabbii yoo hin galle akkasuma ni baddu “ kan jedhuuf.Luq.13:3.

Seera keessa diibi 30:19 iraatti Waaqni dhala namaaf bilissummaa guutuu isaaf kennee akka uume ni ibsa.Kanatti fayyadamuun balleessaa hujjetuuf akka itti gaafatamu yoo wan gaarrii hojjete immoo akka ittiin eebifamu akka ittiin kabajamu ni ibsa.Kanas“Fuuldura keessanitti  jireenya fi du’a  eebba fi abaarsa  akkan kaa’e  ana har’a  samii fi dachee sirrattan raggaasisa eegaa atti fi  sanyiin keenya  lubbuun akka jiraataniif  jireenya filadhu “ jechuun ni ibsa.Lubbuun akka jiraatuf jechuun isaa ajaja fi abboomii Waaqayyoo eegu akka qabnu,cubbuu,xuraa’ummaa,hammeenya ,firii foonii,yaada,hawwii fi raawwi cubbuu irraa of eegu akka qabnu,hojii fayyinaa,kana jireenya fi qulqulluus raawwachu (hojjechuu) akka qabnu kan ibsudha.

Addaam yeroo uumamee Ganata keessa akka jiraatuf ta’etti jireenya daanga dhumaa hin qabu ture.Inni garuu sababa cubbuu raawwateef,sababa ajaja fi abboomii Waaqayyoo cabseef,sababa Waaqayyoon gaddisiisef ,  Ganata keessa waggaa 7f qofa ture kan inni jiraate.Waaqnis  gara kabaja,ulfina fi qulqullummaa isaatti akka isa deebisuf ni kadhate,gaabis ni gale .

Kitaabni qulqulluu namni kan facaase isuma haamata (sababa) jechuun ni ibsa. Gal.6:7. Addaam cubbuu  hojechuu isaan  Waaqayyoo waliin qofaa ottoo hin ta’iin  uumamtoota biroo waliinis  walitti bu’e,kan isaaf ajajamaa turan isaaf ajajamuu dhiisan,eegumsa ergamootas ni dhabe,sababa cubbuu isaafis waggaa 5500 guutus jireenya  garbummaa,bittaa seexana fi dhiphina si’ool keessatti jiraachuf dirqame.Bu’aan cubbuu xuraa’umaadha,gubbanaadha. Kana yeroo ibsu kitaabni qulqulluu “Miindaan cubbuu du’adha”jechuun ni ibsa.Rom.6:23 .Sababa Addaam balleessa raawwaten cubbuu hojeteen dhalli namaa hundi waggaa 5500 guutuf jireenya dhiphinaas,garbummaa,bittaa seexanaa keessa (jalatti) jiraachuf dirqame.

Jireeya dhiphinaa kana keessa Waaqni akka isaan baasuuf gara jireenya kabaja,ulfina fi qulqullummaati akka isa deebisuuf waggaa hedduuf abbootiin hundi kadhachaa turan.Waaqni fayyina namaa malee badinsa keenya waan hin barbaannef dhala dhala Addaam irraa dhalachuun nama ta’uun akka isa fayyisu waada isaaf gale.Waada isaas kan raawwatu Waaqni keenya yeroo yeroon isaa gaheti karaa qulqulluu ergamaa Gabri’eel misiraacho himsiisun haadha keenya durbee Qulqulleetti Maariyam irraa dhallachuun nama ta’uun foon dhala namaas uffachuun nu fayyise.Luq.1:1.

Duuni karaa (sababa) Addaam irraan kan ka’een kan dhufedha,Waaqni jireenya malee du’a hin uumne,fayyaa malee dhibee hin uumne,jireenya malee du’a hin uumne,gammachuu malee gadda hin uumne,jaalala malee jibba hin uumne,tokkummaa malee  garaagarummaa hin uumne,Kunis kan dhufe  ajaja Waaqayyoo  dhaga’uu dhiisu irraan kan maddedha.Amaalootni kunneen hundi uumama Addaam dura kan hin turedha, amaloonni kunneen hundi balleessa fi baddii Addaam uumeen booda kan dhufanidha.Rakkinni,gadaddoon,dhiphinni,garaagarummaan,wal-qoodinsi,wal-jibbuun kan dhufe erga Addaam cubbuu raawatee boodadha.Kunis kan dhufe ajaja Waaqayyoo  dhaga’uu dhiisu irraan kan maddedha.

Addaam bilissummaa isaaf kennametti fayyadamuunidha kan inni cubbuu raawwate,eenyu illee isa hin dirqamsiifne.Waaqani yoo mal godhe jireenya akka argatu yoo maal raawwates du’a barabaraa akka raawwatu isatti himeera,kanaafis immoo seera fi ajaja isaaf kenneera.Inni Waaqa jaalalaa,Waaqa bilisa ta’uu isaa ibsuuf fedha keenyan malee dirqamana nu bulchuu (nu jiraachisuu akka hin feene) ibsuufidha kana hundaa kan inni raawwate.Kana yeroo ibsu kitaabni Qulqulluu Ya’i.1:13 irratti “ Eenyu illee yeroo qoramu  Waaqayyoon qorame akka hin jenne ,Waaqni hamaan nama hin qoruutti,Inni ofiisa eenyun illee hin qoru,garuu tokkon tokkoon keenya  fedha ofii keenyan harkkifamaa butamaa fi gooyomfamaa  ni qoramna.Kana booda yaadni (fedhiin) ulfooftee cubbuu ni deessi,cubbuunis erga guddatee booda du’a ni deessi “ jechuun ni ibsa.

Hedduun keenya har’a sababa kanaan cubbuu hedduu keessa galleera.Cubbuun karaa sadii raawwatama,isaaniis yaadun(fedha fi hawwiin),dubbachuu fi raawwachuunidha.Dhumni isaa immoo du’adha.Addaam kanaafidha kan inni adabame.Kana yeroo ibsu kitaabni Qulqulluu “Miindan cubbuu du’adha” jechuun kan inni ibsu.Karaa biraas “Namni kan facaase haamata” jedhamuun isaa dhumni cubbuu rakkoo,gadaddoo,dhiphina ta’uu isaa ni mul’isa.Kanaafuu raawwii cubbuu irraa of eegu qabna.

Abbootiin Addaam irraa hanga dhaloota Gooftatti turan raajotas dabalatee du’a,gadaddoo fi rakkina sababa cubbuun dhufe irraa Waaqni akka isaan baraaru ,bilisa akka isaan baasu,gara jireenya fayyinaa,qulqullummaatti akka isaan deebisuuf kadhachaa turan.Ni kadhatan malee garuu dhalachuu Isaa ijjaan hin argine.Garrumaan isaanii,qulqullummaan isaanii akka xuraa’umaati isaanitti lakka’amun rakkachaa turan.Kana hundaa irraa bilisa bahuuf kadhachaa turan,ni hawwan ni fedhan malee  arguu hin dandeenye. Kanaafidha raajichi Isaayas “Hundi keenya akka xuraa’oota taanera,qulqullummaan keenya hundaas  akka huchuu abaarsa (uffataa) ta’eera,hundi keenya akka baala mukaatti harcaaneera, balleessan keenyas akka bubbee qilleensaati nu fudhateera“  jechuun ni ibsa. Isay.64:6

Waaqni waadaafayyina dhala namaaf galeen nama ta’e foon keenyas ni uffate. Waa’ee kabaja,ulfina fi nama ta’uu Isaas yeroo duuka bu’oota Isaaf hubbachiisu (ibsu) Gooftaan keenya “Ijji keessan kan mul’atu argan qulqullootadha,Isininan jedha kan isin argitan raajotni fi moototni hedduun ilaaluf hawwan garuu  hin argine, kan dhageessan dhaga’uuf fedhan garuu hin dhageenye “ jechuun isati himeera.Luq.10:24.

Karaa biraas Gooftan keenya haaluma waadaa Addaamif galeen yeroo isaatti Afuuran haadha keenya durbee Maariyam irraa dhalachuun nama ta’ee nu fayyiseera.Kanaafidha qulqullichi Phaawulos “Yeroo yeroon isaa gaheti Waaqni (Abbaan jechuu isaati )  mucaa isaa isa durba irraa dhallate kan seeran gad ta’uun dhalate erge “ jechuun ni ibsa.Gal.4:4

Sababa Gooftaa keenyan nama ta’uu Isaan dhalachuu Isaan  nageenyi,tokkummaan,gammachuun,fayyinni,jaalali ni ta’e ni raawwate ,namaa fi namni,namaa fi Waaqni,namaa fi ergamooni,nama fi uumamtooni hundi walitti ni araaraman,tokko ta’an kanaan dura kan wal jibbaa turan amma tokko ta’an wal jaallatan.Ergamooni dhalachuu Isaan dhalli namaa gara kabaja fi ulfina isaa isa kanaan duraati deebi’u isaan ni gammadan,foon dhala namaa uffate dhufuu Goofta keenyanis Isaan ni ajaa’ibsiifatan ni dinqisiifatan.Dhalli namaas ni kabajame,ni ulfaate,kabaja,eebba,ulfina kanaan dura qabu tures  isaaf ni deebi’e qulqullummaa isaas ni argate.

Dhaloota Gooftaa keenya irraa nama ta’uu fi foon dhala namaa uffachuu  isaan, Waaqa ta’ee moora (dallaa) loon keessatti dhalachuu Isaan dhala namaa hundaaf barumsa hedduu ni kennaaf. Keessaumaa immoo gaarummaa,jaalala,gad of qabummaa Isa irraa ni baranna.Of tuullummaa,wal-jeequn,wal-booreessun,wal-dhiitun,wal-abaarun,wal-qoodun jireenya dhala namaa fi kiristaanummaa keessatti akka hin barbaachifne dhalachuu  Isaa irraa ni hubanna,Kana malees waliif yaadu waliif gadduus ni baranna.Nama jaalachuun nama kabajuun rakkataa gargaarun  dirqama keenya ta’uu isaa ni hubanna.Kanaafis nuttis yeroo dhaloota  Gooftas ta’e ayaanota Afuura kanneen biroo kabajnu guyyaa qofa kabajuu ottoo hin ta’iin hojjiin ibsuu,lubbuun ittiin jiraachu qabna.

Gooftaan keenya kan Inni dhalate dubroo Qulqulleetti haadha keenya Giiftii keenya Maariyam irraati.Isheen xuraa’ummaan,cubbuun,hammiin kan ishee hin tuqnedha.Hammeenya hin beektu,eegumsa,hundaa danda’ummaa ,araara Waaqayyoon eegamtee kan turtedha.Isheen cubbuu karaa yaadan,hawwiin,gochaan raawwataman irraas bilisa kan taate turtedha. Mana Qulqullummaa keessaas jiraacha kan turtedha.Ergamichi Qulqulluun Gabri’eelis yeroo sagalee missiraachoo itti himetti gad of qabummaan jaalalaan obsaan “Atti dubartoota keessaa filatamtee kan eebifamtedha “ kan ittin jedheef kanaafidha.

Isheenis Waaqa Abbaa jireenya dhiifama araara ta’e dahuu isheen haadha Waaqa haadha Gooftaa jedhamte dhala namaa fi dubartoota hundaa irraas adda ta’uun eebifamte.Nutis sababa cubbuu keenyaan kabaja,ulfina fi qulqullummaa dhabnee ture arganne Waaqa waliin araaramnee,kabaja fi jireenya barabaaras ittin arganne.Waaqa dhabnee turre,Ganata dhabnee turre karaa ishee wan ittin argannef isheen ni galateeffana.Guyyaa dhalachuu isaas gammachuu guddaan jaalalan,hojiin (gochaa fi raawwii afuurummaan ) gammadaa ni galateeffanna.

Isheetinis  yeroo hundaa kadhannaa fi araarsummaa isheen gara Ilma isheetti akka nuuf kadhattuuf akka nu araarsituuf  Waaqa gammachuu Qulqulloota ta’e kan argamsiifte  nuun nu fayyisuuf  Waaqa nama ta’e  kabaja,kennaa ,ulfina fi Qulqullummaa Isaa  akka nuuf kennuuf nuf kadhu jechaa ishee ni kadhanna.Isheen Waaqa foon dhala namaa uffachuun nama ta’e gochaa Afuuran garaatti baachuun deessetti “kanaaf Waaqni ofii Isaa mallattoo isiniif kenna kunoo durbeen durbummaan ni deessi  Ilma dhiiraas ni deessi maqaa isaas  Amaanu’eel ittiin jetti “ jechuun kitaabni Qulqulluu ni dhugoomsa.Isa.9:6-7..Kabaja guyyaa dhalachuu Gooftaa keenya Iyesuus Kiristoos fooniin ottoo hin ta’iin Afuuraan kabajnee eebbaa,kabaja fi ulfina Isaa akka nuuf kennuuf fedha fi eeyyama Waaqayyoo nuf haa ta’u ameen !