Faayidaa fi Barbaachisummaa Qannonaa (kutaa lammaffaa)

Qopheessan :- Lammeessaa Guttataa

Gabaabumatti  qannonaan mana kiristaanaafis ta’e tokkummaa fi lubbuu dhuunfaa kiristaanotaaf faayidaa hedduu qaba. fkn:-

  • Yeroo,baraa fi bakka irratti hundaa’uun gaaffiiwwan ka’aniif deebii kennuuf
  • Tokkummaa fi jaalala kiristaanootaa eeguuf
  • Shakkitootaa (diinota) mana kiristaanaa fi ijoollee ishee addaan baasnee beekuuf
  • Tajaajilli mana kiristaanaa seeran kan gaggeeffamu taasisuuf,tokkummaa manneen kiristaanootaa eeguuf
  • Bakka hundaatti seera mana kiristaanaa tokkoo fi wal-fakkataa ta’e uumuf
  • Waanta kan mana kiristaanaa  ta’e fi   hin taane irraa adda baasnee beekuuf.Yoh.15:1-29.

Qannonaan Mana Kiristaanaa Eenyuun Murteeffama/eenyuun Tumama ?

Amalummaa  qannonaa keessa jijjiiramuu fi fooyya’u kan danda’u ta’uu isaati .Kanaanis doogmaa irraa adda ni ta’a.Kan fooyya’u garuu nama dhuunfaan otoo hin ta’iin,tajaajilaa tokkoon otoo hin ta’iin  wal-gahii abbootii qulqulluu Sinoodoosiin qofaadha.  Wal-gahiin qulqulluu Sinoodoosii abbaa murtee isa dhumaati karaa seera mana kiristaanaa keenyan. Kan inni  gaggeeffamus Afuura Qulqulluunidha.

  1. Daddarboo :- Jechuun dhalootaa irraa gara dhalootaatti daddarbaa kan dhufe jechuudha. 1Qor.15:3. Daddarboon dhaaluu fi dhaalchisuu jechuudha. Jecha daddarboo jedhu bal’inaan kan ilaalluu yoo ta’e barattoonni Gooftaa irraa kan fudhatan,kan baratan,kan dhaga’an,kan ilaalan,afuuraa qulqulluun hubachuun kan tuman, bu’uuri amantaa fi mana kiristaanaa kan ta’an kanneen doogmaa,qannonaa,daddarboo jechuun waamnu isaan abbootii isaan booda ka’aniif kan dabarsan fi abbootii irraa gara abbootiitti dadarbuun har’a kan gahee fi dhaloota boriifis kan daddarbu jechuudha. Kana malees qabeenya Afuura Qulqulluu abbootii fi mana kiristaanaaf kenname otoo hin jijjiiriin ittis otoo hin dabaliin,irraas otoo hin hir’isiin dhalootaaf dabarsuu jechuudha. Yihuda.1:3

Daddarboo bakka sadiitti qoodne ilaaluu ni dandeenya. Tokkoffaa kan qaqabamuun daddarbuu danda’an yoo ta’an fkn manneen kiristaanaa,meeshaawwan qulqulluu fi kitaabolee adda addaa ilaaluu ni dandeenya.Inni lammaffaa jechaan kan daddarbaa dhufan jechuu ni dandeenya. Kunneen  barnootaa fi ergaawwan adda addaan kan daddarbaa dhufan hundaa kan hammatee jirudha.Inni saddaffaa immoo kan ilaaluun/arguun ,dhaga’uun daddarbaa dhufanidha.

Kitaaboleen otoo hin barreeffamiin dura abbootiin gurguddoo qulqulluu jedhamuun ka’an kanneen akka Adaam,Abeel,Abrihaam,Noohi,Yaa’iqoob,Yooseef,Yisihaaq kan isaan jiraacha turan amantaas kan isaan fudhachaa turan daddarboonidha.Sababni isaa immoo bara jireenya isaanii keessattii fi isaaniin dura kitaabni barreeffame tokko illee kan hin jirre waan ta’eefidha.  Fkn Abeel Waaqayyoof  kan inni aarsaa qulqulluu ta’e dhiyeessuu danda’e Waaqni qulqulluu ta’uu isaa abbaasaarraa barachuun ,dhaga’uun malee kitaaba dubbisee miti.Noohi hojii cubbuu fi xuraa’ummaa irraa of eeguun seera fi ajaja Waaqayyoos eegun kan inni jiraate baratee otoo hin ta’iin abbootii isaa irraa dhaga’uun isaaf darbeetudha.Yooseef kan inni Waaqa fulduratti cubbuu hin hojjedhu jedheef cubbuu hojjechuun badinsa akka ta’e abbootii isaa irraa dhaga’uunidha.Um.39:1-9.

Abrihaamii fi Yaa’iqoob aarsaa fi balchaa Waaqayyoof kan isaan dhiyeessaa/baasaa turan  baratanii ykn kitaaba dubbisanii  miti seera lapheen fayyadamuun, abbootii isaanii irraas barachuunidha.Um.14:20,28:22.Gooftaan keenya mana barumsaa banee,kitaaba barreesse barattoota isaa hin barsiifne afaaniin/jechaan isaan barsiise malee. Isaanis addunyaa irraa naanna’uun barsiisa turan. Mat.28:1-19. Barattoonni Gooftaa irraa  kan baratan,kan dhaga’an,kan argan barsiisaan ni dabarsan.Kanaafidha kan isaan “Nuti kan arginee fi   dhageenye  dubbachuu irraa hin callisnu “ jechuun  kan ibsaniif.Yoh.4:20.  Daddarboon keenya dhugaa fi sirrii ta’uu isaanii kan nuuf mirkanneessan sagalee Waaqayyoo/kitaaba qulqulluu,Wal-gahiiwwan abbootii qulqulluu Sinoodoosii,barnoota hundee fi bu’uura mana kiristaanaa kan ta’anii fi jechawwan abbootiitti.

Seera ,dogma fi qannoonnaa mana kiristaanaan chimnee dhaabbannee hogii gaarii hojjechuun naamusa fi amala gaarii horachuun amantaanis cimnee dhaabbachuu mootumaa Waaqayyoo dhaalle jireenya barabaraa akka arganu mootummaa isaas akka dhaalu Waaqni Qulqulloota nu haa gargaaru ameen !