Dubbii Mana Kiristaanaa
Dn. Miikiyaas Asiras
B. Mana Kiristaanaa: Qaama Kiristoos
Waaqayyo mootichi ol’aanaan baay’ina arjummaa Isaa irraan kan ka’e nama yoo uumu jalqaba Addaam, karaa Addaamiin Hewaan uume. Hewaan Qaama Addaam irraa kan argamte ta’uu isheen qaama isaa jedhamti. Akkasuma Addaam lammataa Kiristoos addunyaa fayyisuuf qaamaan yeroo mul’ate Hewaan lammataa Mana Kiristaanaa Fannoo irra osoo jiruu argamsiise. Gooftaan Fannoo irratti yeroo fannifamu cinaacha Isaa waraaname keessaa bishaanii fi dhiigni jechuunis icciitiin Cuuphaa fi icciitiin qurbaanaa argaman. Manni Kiristaanaa ibsamoota isheen (icciitiiwwan) mul’atte. Sababa kanaanis barumsa duuka bu’ootaan Manni Kiristaana qaama Kiristoos jedhamte. Qaamummaan ishees amanamaadha malee fakkeenyummaa miti.
Jaalatamaan duuka bu’aan Phaawuloos waa’ee Mana Kiristaanaa “isheenis qaama Isaa fi hundumaa waan hundaan kan guutu guutama Isaati” jechuun barsiisa (Efe. 1; 23). Manni Kiristaanaa qaama Kiristoos yoo taatu Kiristoos immoo mataa Mana Kiristaanaati. Kana jechuun kan ishee eegu Isa dha, kan ishee sooru Isa dha, kan ishee kunuunsu diinaanis akka hin hubamne (miidhamne) kan ishee golgu Isa dha. Mataa ta’uu jechuun itti gaafatamummaa fudhachuu jechuu dha. Manni Kiristaanaas qaama Isaatihoo, ofii ishee qulqullinaan ni eeggatti. Kiristoos irraan kan hafe mataa biraa barbaacha hin deemtu. Ofii ishee Kiristoosiin amanuun jabaattee jiraatti.
C. Mana Kiristaanaa: Misirroo Kiristoos
“Misirrottii kan qabu Inni ofii Misirroodha” (Yoh. 3; 29) jedha wangeelli qulqulluun. Misirroo ta’uun Kiristoos amaleeffannaa biyya lafaan kan yaadnu miti, misirroo samii (መርዓዊ ሰማያዊ) dha malee. Hewaan Addaam irraa argamtee qaamaa fi misirroo isaa akka jedhamte akkasuma Manni Kiristaanaas Kiristoos irraa argamtee qaamaa fi misirroo Isaa jedhamteetti (Efe. 5; 24). Misirrottiin Manni Kiristaanaa tajaajilli ishee misirroo ishee Kiristoosiin tajaajiluun jiraachuu dha. Beektotni Mana Kiristaanaa faarfanna Sanbataa Guddaa keessatti “ትዌድሶ መርዓት” (Misirittiin Isa Galateeffatti) jechuudhaan Manni Kiristaanaa yeroo hunda misirrooshee Kiristoosiin galateeffachaa akka jiraattu ta’uu ishee dhugaa ni ba’u.
Kitaaba Qulqulluutti Manni Kiristaanaa yeroo baay’ee mana cidhaan fakkeeffamaa ibsamuun ishee kana waliin kan wal simu dha. Bakka misirroo fi misirrottiin mana cidhaa argamanitti firootni isaanii ni argamu, tokkummaa ni qabaatu. Nyaataa fi dhugaatiin ni jira. Mana Kiristaanaattis Ergamootni qulqullootnii fi ijoolleen Addaam sababa misirroo fi misirrottiin tokkummaa ni qabaatu. Nyaatni Foon Waaqayyoo, dhugaatiin Dhiigni Waaqayyoo jira. Misirroo fi misirrittii afuuraa ta’uun kan jiru isaani dha hoo. Kiristoos kaadhimummaa qulqulluu Foonii fi Dhiiga Isaan Mana Kiristaanaaf misirroo isheef ta’eera. Mataa waan isheef ta’eefis hanga du’aatti dabarsamee kennameeraaf. “ “ዘበእንቲአሃ ለቤተ ክርስቲያን ተጸፋዕከ በውስተ ዐውድ ከመ ትቀድሳ በደምከ ክቡር፤ dhiiga kee qulqulluun akka ishee qulqulleessituuf walgahii uummataa irratti Mana Kiristaanaaf kabalamteef” jedha qulqulluun Yaareed.
D. Mana Kiristaanaa: mootummaa Kiristoos
Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos mootummaa Isaa (mootii ta’uu isaa) kan ittiin ibsu yaa’ii afuuraa waan taateef mootummaa Kiristoos jedhamti. Guutummaan Waaqummaa Isaan mootummaan Inni uumama hunduma irratti qabu osoo hin irraanfatamiin, addunyaa fayyisuuf Giiftii keenya irraa dhalatee fedha Isaan gidiraa Fannoo fudhachuun Isaa fi duuti Isaa hojii mootummaa Isaati jennee Ortodooksonni ni amanna. ““እግዚአብሔርሰ ንጉሥ ውእቱ እምቅድመ ዓለም፤ ወገብረ መድኀኒተ በማእከለ ምድር፤ Waaqayyo addunyaa dursee mootii dha, handhuura (wiirtuu) lafaa gidduuttis qoricha taasise” (Faar. 72; 12) jechuun qulqulluun Daawit ni faarfata. Waaqummaa Isaan addunyaa dursee addunyaan osoo hin uumamiin kanneen itti mo’u osoo hin barbaadin mootii kan ta’e Waaqayyo amma immoo Addaam kufe kaasuuf, fayyisuuf biyya lafaa gidduutti Qeraaniyoo irratti qorichummaa raawwate jechuu dha. Nama ta’uu Isaan, gidiraa fi du’a Isaan qorichummaa raawwate salphina jennee tasuma hin hubannu. Inumaa kabaja dha malee. Beekaan qulqulluun Yohaannis afa-warq “ይትባረክ እግዚአብሔር ዘሰመየ ሕማማተ ወልዱ ክብረ ወስብሐተ፤ gidiraa Ilma Isaa kabajamaa fi galata jedhee kan moggaase Waaqayyo kan galatoome haa ta’u” jechuun gidiraa fi duuti Kiristoos deemsa icciitawwaan kabajamaa akka ta’e nu barsiisa. Abbootiin beektotnis akkasuma “Qomoo Yaa’iqoob irratti bara baraan ni mo’a” kan jedhu jecha misiraachoo Ergamichaa fi “አንሰ ተሠየምኩ ንጉሠ በላዕሌሆሙ በጽዮን በደብረ መቅደሱ፤ tulluu qulqullummaa, qulqulluu qulqullootaa kan ta’e Fannoo irratti mootii ta’een nan muudame” (Faar. 2; 6) jedhee qulqulluun Daawiit waa’ee Kiristoos raajii dubbate gidiraan Ilma Waaqayyoo foonawaan akka ta’e hiikanii barsiisu. Manni Kiristaanaas gidiraawwan Isaan addunyaa kan fayyise qaama mooticha Kiristoos waan taateef mootummaa Kiristoos jedhamti.
Walumaa galatti
Mana Kiristaanaa haalaan hubachuun mataa ishee kan ta’e Kiristoosiin sirriitti hubachuu dha. Manni Kiristaanaa Kiristoos waliin tokkummaa gadi fagoo fi icciitaawaa qabdi. Kana waan ta’eefis karaa isa dhugaa Kiristoos Isa dhugaa beekuuf dirqama Mana Kiristaanaa beekuu fi ishee keessa jiraachuun barbaachisa. Mana Kiristaanaas beekuu jechuun tajaajila ishee samii keessatti hirmaachuunii fi icciitiiwwan ishee raawwachaa bareedina hafuurawaa keessa ishee jiru ilaalaa gammachuu afuuraatiin jiraachuu jechuu dha malee miila qofaan deddeebi’uun akkasumas amaleeffannaa qofaan hojii nutti kenname hojjechuu miti.
Yeroo hunda haaraa kan taate Mana Kiristaanaa keessa jireenya isa dhugaa yeroo jiraannu ofii keenya cubbuu irraa ni haaressina malee kan isheen qulqulleessitu haa qulqulleessinu jennee hin kaanu, ka’uus hin dandeenyu. Qaama Kiristoosiin, tokkummaa duuka buutota Isaa, tokkummaa qulqullootaa raajeffachuun ishee ilaalla, kennaa Waaqayyoo itti fudhanna malee isheen hir’uu taatee nuti kan ishee guutnu miti. Kana hunda garuu “Dhuguma barsiisii fi ilaalchi dubbii Mana Kiristaanaa Ortodooksawaa maali dha?” jedhee laphee qulqullinaan nama barbaaduuf mootichi Waaqayyoo barsiisota ergamoota taasiseefii ergee ni barsiisaan, Isa waliin tokkummaan jiraachuun ni kennamaaf. Hunduma keenyaaf kana nuuf haa hiru/kennu; ameen.