Dubbii Mana Kiristaanaa

Dn. Miikiyaas Asiras

Kabajni haa ta’uufii Fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos foon Maariyaamiin mul’achuun Isaa addunyaa fayyisuuf akka ta’e bu’uura amantii keenyaa dha. Addunyaaa sababa badiitiin du’a bitu irraa jireenya haaraa kennee akka fayyisu Ilma Waaqaa Mucaa Maariyaam ta’e, Waaqayyo nama ta’uu Isaanis amalli namaa Waaqa ta’e. Waaqummaa sirrii Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiinii fi namummaa sirriin akkasumas fayyisummaa Isaatti kan amanan galmee kennaa kan jedhamtu Mana Kiristaanaatti dabalamaa kennaan kabaja, kabaja kabajaa argataniiru, ni argatus. Akkana yoo jennu Kiristoositti amananii dhugaan Isa kan fakkaatan Kiristaanota Qulqulloota jechuu keenya dha.

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos fooniin yeroo mul’ate jireenya haaraa kenne, jireenya Inni kenneen kan jiraatanii fi jiraachuuf fedha jabaan Kiristaanotni qabsaa’an maatii Kiristoos jedhamanii bakki isaan jiraatan immoo Mana Kiristaana jedhamti.  Isheen kun immoo warra biyya lafaa biratti yeroo kanatti abaluun jalqabamte kan hin jedhamne garuu hundeessaan ishee fooniin mul’atee kasummaa/danboobummaa Isaa kan agarsiise Waaqni samii kan hundeesse, qaama Isaa kan taasifate Mana Kiristaanaa Tewaahidoo Ortodooksii dha.

Yaadni Mana Kiristaanaa Ortodooksummaa yaada kanneen biroo maqaa Kiristaanummaatiin waamaman Mana Kiristaanummaa Ortodooksii ala jiranii waliin addaan kan fagaatu dha. Warreen biroo biratti Manni Kiristaanaa hiikkaa ishee amanaa dhuunfaa irraa kaastee fakkeenyummaa biyya lafaa irratti argamtu malee amanamummaa fi icciitummaa kan hin qabne dhaaba namoota fayyaniiti. Yaada Ortodooksummaadhaan Manni Kiristaanummaa Kiristoosiin kennamtee, karummaa Isaatiin gara Ofii Isaa gara Kiristoos, gara Abbaa Isaa akkeenyaa gara Abbaa, gara jireenya Isaa akkeenyaa gara Aafuura Qulqulluu Kiristaanota maatummaa afuuraa tokkoon kan geggeessitu, icciitooftuu, yaa’ii afuurawaa (tokkummaa/waldaa) dha.

Kana irraa kan ka’e isheen dhugaan qaama Kiristoos ta’uu isheen bultoo Qulqulleettii Sillaasee, icciitiiwwan dinqisiisoo kan itti raawwatu argama araaraa fi kennaa dha. Dhugaan qaama Kiristoos ta’uu isheen icciitiiwwan isheen raawwattus amanamtoota malee fakkeenyawwan miti. Kanaafis Mana Kiristaanaa kana keessa ta’anii amantootni humna/kennaa dhufu ni dhandhamu. Kabaja samii abdiidhaan eeggatu.

Icciitii jettee amantee Cuuphaan isheen raawwattu dhugaan humna mucummaa kennuu kan qabu, lubummaa duuka buutummaa abbootiif kennameen raawwataan Afuura Qulqulluu kan ta’e, bishaan yeroo Kiristoos fannifame cinaacha Isaa keessaa dhangala’een Cuuphaa amanamaa raawwatamu dha. Aarsaan dhiheessinu angafni lubootaa Kiristoos abboota luboota irra hafuuraan bulee (Inni) Ofii Isaan aarsaa dhiheessu dha. Icciitii Isaa dhoksaan nyaata foon Isaa, wayinii dhiiga Isaa taasisee kan kennu Isa dha. Qulqulluu icciitii kanaan nyaata fi dhugaatii wayinicha qofaa kan hin taane, galata Isaa fi qulqulluu icciitii irraa kan hirmaannu nu hunduma keenyas tokkummaan qaama Isaa taasisee kabajaa Isaa kan nu dhaalchisu Isa dha. -kadhannaa Mana Kiristaanaa “Malka’aa Qurbaan” jedhamu irratti ““… ማዕከለ ዛቲ ቅድስት ቤተ ክርስቲያኑ፣ ይወልጦሙ በቅጽበት አባላተ ክርስቶስ ይኩኑ፣ በኃይለ ጥበቡ መንክር፡ ወዕጹብ ኪኑ፡፡ Mana Kiristaanaa qulqulleettii kana keessatti miseensota  Kiristoos akka ta’aniif isaan jijjiira; humna ogummaa dinqisiifamaa ta’een”  kan jedhame kana agarsiisuufi dha. Karaa kanaan sadarkaa hundummaan yaa’ii qulqulleettii dha jennee ni hubanna, ni amannas.

Maalummaa /eenyummaa/ Mana Kiristaanaa

  1. Yaa’ii /waldaa/ qulqulleettii

Dura iyyuu Manni Kiristaanaa waldaa jabootaa Ergamoota bira turte. Waaqeffannaan kan jabaatte, galataanis kan waltaatu turte. Boodas ijoollee Addaam boodas dhaloota qulqulloota waliin turte. Kana yeroo argu faarfatichi qulqulluun Daawit “ተዘከር ማኅበረከ ዘአቅደምከ ፈጢረ፤  waldaa kee ishee dursitee uumte sana yaadadhu” (Faar. 71; 2) jedhee hafuura raajiin dubbate. Bara isaa boodas Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos fooniin mul’atee yeroo barsiisuuf jedhu bartoota godinaalee isaan jiran irraa walitti qabee yaa’ii/waldaa tokkittii taasisuuni dha. Yaa’ii bartootaa ta’uun Manni Kiristaanaa mul’atte.

Nutis “walitti qabamni keenya akka walitti qabama bartootaa kee haa ta’u” (ቅዳሴ ዘሠለስቱ ምዕት)  jennee kadhachuun keenya tokkummaa aafuurawaa akka nuu jabeessuufi dha. Lammaffaas kadhannaa  qiddaaseedhaan yeroo hunda ““ጸልዩ በእንተ ሰላመ ቤተ ክርስቲያን አሐቲ ቅድስት ጉባኤ እንተ ሐዋርያት ርትዕት በኀበ እግዚአብሔር፤  Waaqa biratti kan qajeelte, qulqulleettii yaa’ii duuka bu’ootaa kan taate waa’ee nageenya Mana Kiristaanaaf kadhadhaa” kan jedhu jira. Hiikkaan bu’uuraa Mana Kiristaanaa yaa’ummaa /waldummaa malee dhuunfaa/dhuunfummaa akka hin taane, barumsa ishees ta’e sirna waaqeffannaa ishee ka’umsa Waaqummaa akka qabu akkasumas ragaa qulqulloota samii fi Kitaaba Qulqulluu kan qabu dha malee bara ta’e sababa ta’een ilaalcha dhuunfaan nama ka’een kan ibsamtu miti.

Yaa’iin qulqullummaa Mana Kiristaanaa kadhaa araaraa “በእንተ ቅድሳት” jedhamu keessatti ibsamee ni argina. Kadhichi yeroo jalqabu hundumaa dursee waa’ee tokkummaa aafuura Foonii fi Dhiiga Kiristoosiin jabaatu nagaa ta’uu kadhaa dhiheessa. “Foonii fi  Dhiiga Isaa tokko taasiftuuf Waaqayyo dhiifama Isaan tokko nu haa taasisuuf nageenya ni kadhanna” jedha. Miseensota qulqulleettii waldaa/yaa’ii kan ta’an waa’ee duuka bu’ootaa, waa’ee wareegamtootaa, waa’ee angafa Phaaphaasotaa, waa’ee Phaaphaasichaa, waa’ee lubootaa … jechaa kadhachuu keenyaan dura waa’ee tokkummaa Mana Kiristaanaa Waaqayyoon kadhanna.

Sirna waaqeffannaa Mana Kiristaanaa kana keessa Manni Kiristaanaa tokkummaa  qulqulloota biyya lafaa fi Ergamoota samii ta’uu ishee kan agarsiisu lubootnii fi sabootni/amantootni wal harkaa fuudhaa galatni galateeffatan jira. “ዝውእቱ ጊዜ ባርኮት ወዝ ውእቱ ጊዜ ዕጣን፤ kun yeroo galateeffannaati, kun yeroo ixaanaa itti olbaasani dha.” jechuun jalqaba. Achiis miseensota Mana Kiristaanaa kana ta’an raajota qulqulloota, duuka buutota, qulqulloota hunda irra kan kabajamte qulqulleettii qulqullootaa Giiftii keenyaa fi Mana Kiristaanaa qulqulloota Ergamoota eegan kennaa fi kabajni Waaqa mooticha irraa kennameef dhugaa ni ba’ama. Mana Kiristaanaa gaafa jennu tokkummaa afuurawaa kanneen hundaa jechuu keenya dha.

Tokkummaa afuuroftuu kana keessa amantootni jiran yaa’ii qulqulleettii kana keessa ammma jiraatanitti qofa tokkoon tokkoon isaanii “Mana Kiristaanaa”, “Taabota Kakuu Hafuura Qulqulluu” jedhamu. Qulqulleettii Mana Kiristaanaa aarsaa amanamaa qabdu irraa yoo adda ba’an garuu Mana Kiristaanaa jedhamuun isaanii ni hafa. Akka qurxummoolee galaana keessaa ba’anii ta’uu isaanii dha.

Yaa’ii /waldaa/ qulqulleettiin Mana Kiristaanaa akka jedhamtu akkasuma aarsaan kan itti dhihaattu, utuu addaan hin kutiin Waaqayyoon kan itti galateeffamtu gamoonis Mana Kiristaanaa jedhamti.

Maddi maxxansa gubaa’ee qaana bara 2010 irraa kan fudhatame