Doogmaa,Qannonaa fi Dadarboo (kutaa tokkoffaa)
Qopheessan :- Lammeessaa Guttataa
Manni kiristaanaa dhaabbilee amantaa fakkataan irraa kan isheen adda baatu karaa seenaa,aadaa,doogmaa,qannonaa,seera,daddarboo isheetiinidha. Akkataa barnootaa fi seera mana kiristaanaa keenyan doogmaa,qannoonaa fi daddarboon utubaawwan sadan amantaa jedhamuun beekamu. Sababni isaas mana kristaanaa keessatti waantonni raawwataman,mul’atan kana malees manni kiristaanaa kan isheen gageeffamtu,kan ittiin bultu kanneen irratti hundeeffamuun waan ta’eefidha. Hundee barnoota,sirna waaqeffaannaa amantaa mana kiristaanaa beekuf waantota sadan kanneen hundaa beekuu qabna.Waantonni mana kiristaanaa keessatti raawwataman hundi kanneen sadaniin ala hin bahan.
- Doogmaa :- Jechi doogmaa jedhu jecha Tsir’ii (Giriik) irraa kan argame yoo ta’u hiika heedduus of keessaa qaba.Fkn:- Ilaalcha, nama tokkoof waanta gaarii fi siirrii ta’e ittii fakkaatu, namni tokko dhugaadha jechuun kan fudhatu kanneen jedhaman isaanii muraasadha. Kanaafuu akkataa barnoota mana kiristaanaa keenyan doogmaa jechuun kan hin jijjiiramne,fooyya’uus kan hin dandeenye, bu’uura amantaa fi mana kiristaanaa jechuudha.Fakkeenyaf utubaawwan shanan mana kiristaanaa,kabajaa,ulfinaa fi qulqullummaa dubree haadha keenya Maariyaam,kabajaa fi ulfinaa qulqullootaa akka fakkeenyatti kaasuu dandeenya. Kanneen hundi kan hin jijjiiramne, fooyya’uus kan hin dandeenyedha.Doogmaan qaama kamiin illee fooyya’uu fi jijjiiramu kan hin dandeenyedha.Itti dabaluunis kan hin danda’amnedha.
- Qannonaa :- Jecha Tsir’ii (Giriik) “ Kaanon ” jedhamu irraa kan dhufe yoo ta’u hiikni isaa seera,danbii,ittiin bulmaata,murtee,hanga,safartuu jechuudha. Jechi kun tajaajila mana kiristaanaaf,bulchiinsa addunyaa fi siyaasaa keessattis ni fayyada. Kana malees kiristaanonni balleessaa fi cubbuu raawwatan hundaaf Waaqa irraa dhiifamaa fi araara argachuuf adabbiin soomaa kan kadhannaa,sagadaa fi kkf kan luba irraa isaaniif kenamus qannonaa jedhamuun beekamu. Kanneen hundi nama gaabbii galee gara daandii sirrii,kan fayyina,jireenyaa fi qulqullummaatti kan isa deebisudha.
Gabaabumatti qannonaan seera mana kiristaanaati jechuu ni dandeenya. Fakkeenyaf seera iccitii qurbaana,seera kadhannaa,yeroo mana kiristaanaa adeemnu of eegannoon taasifnu,kophee baasuun, seera soomaa fi sagadaaf goonu ilaaluu ni dandeenya. Bu’uurri qannonaa kitaaba qulqulluudha. Manni kiristaanaa seeraan akka gaggeeffamtu abbootiin keenya seera tumuun darbaniiru. Kana yoo ibsu kitaabni “Obboleessa seeran ala adeemu irraa akka adda baataniif maqaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin isin ajajna” jechuun ibseera.2Tas.3:6.Sochiiwwan mana kiristaanaa keessatti raawwataman hundi bu’uurri isaanii kitaaba qulqulluudha.Kana malees kiristaanonni hundi sochiin isaan haala jiruu fi jireenya isaanii keessatti taasisan hundi kitaaba qulqulluu bu’uura kan godhatedha.
Seerii mana kiristaanaa kiristaanni tokko kan ittiin beekamu, hundee fi bu’uura amantaa, mucaa Waaqayyoo ta’uun isaa kan ittiin mirkanaa’udha. Kanas karaa uffannaa,dubbii,ejjannoo ,adeemsa isaa,karaa naamusaa fi amala gaarummaa isaa kan ibsudha. Namoota adeemsa akkasiin ala adeeman irraas adda akka baanuu fi of eeguun akka jiraannu ni ibsa kitaabni. 2Tas.5:14 irratti “yaa obboloota seeran ala kan adeeman gorsaa” jechuun isaas kanaafidha. Namoonni tokko tokko irra caalaatiin kan foon isaaniif qofa yaadan/bulan , mana kiristaanaaf ilaalcha gaariis kan hin qabaanne seerrii mana kiristaanaa kitaaba qulqulluu waliin kan wal-faallessu kan itti fakkaatuu ni jiru. Sochiin mana kiristaanaa kam-illee taanaan ka’umsi isaa kitaaba qulqulluudha.Manni kiristaanaa kitaaba qulqulluun ala socho’uu hin dandeessu.Yeroo hundaa doogmaan,qannonaa fi seerii mana kiristaanaa tokkummaan,wal-deeggaruun kan waliin adeemannidha.
Kiristaanoota akkaata ajaja,abboomii , sagalee,yaada fi fedha Waaqayyoon adeeman,kan naamusaa fi amala gaarii qaban,namoota biroof fakkeenya ta’uu kan danda’an horachuu keessatti ,tokkummaa mana kiristaanaa fi jaalala kiristaanota eeguuf seeri mana kiristaanaa bakka guddaa qaba.Manni kiristaanaas taate ijoolleen ishee mirga seeran ala jiraachuu hin qaban qabaachuus hin danda’an. Kiristaanni yaada,fedhaa fi ajaja Waaqa isaa eegee akka jiraatufidha kan Inni uumame. Kanaafidha kitaabni “Hundi seeran haa ta’u “ jechuun kan ibsuuf.1Qor.14:40.Seeran ala akkataa yaada,fedha fi ilaalcha ofiin jiraatanii kiristaanummaan hin jiru.
Jireenya afuurummaa fi hawwaasummaa keenya hundaaf seera qabaachuun dirqama kiristaana hundaati. Akka yaada,fedhaa fi hawwii ofiitti jiraachuun hin danda’amu.Hundi daangaa fi seera ni qaba. Akkataa seera mana kiristaanaa keenyatti burqaa qannonaa jedhamuun kan beekaman wal-gahii fi murtee Sinoodoosii duukaa bu’oota,wal-gahii Niiqiyaa (325),wal-gahii Qusxinxiniyaa(381),wal-gahii Eefeesyoon (431),wal-gahii fi murtee abbootii qulqulluu Sinoodoosii fa’a.