Cuuphaa

“Dhugaa Dhugaan sinan jedha namni bishaani fi Afuuraa irraa yoo dhallate malee gara mootummaa Waaqayyootti seenuu hin danda’u” Yoh.3:5
Qopheessan :- Lammessaa Guuttataa
Jecha kana kan dubate Abbaa jireenya,jaalalaa ,qulqullummaa,fayyinaa,dhugaa fi nageenya kan ta’e Waaqa keenyaa Gooftaa Iyesus Kiristoosidha.Sababa balleessa fi cubbuu dhalli namaa hojeteef waada Addaamif galeen foon dhala namaa uffatee yeroo nama ta’etti waggaa 33 fi ji’a 3fi addunyaa irra dedeebi’eera.Yeroo kanatti raajii fi dinqiiwwan hedduu raawwateera.Dhibamtoota fayyiseera,sagalee Isaas barsiisera.Bara sanattis uummanni gabaa 5 ol ta’u isa hordofaa turan. Garuu uummani kunneen hundi kaayyoo hedduu kan qaban turan.Barreedina (miidhagina) Isaan harkifamuun Isa ilaaluf,Isa dinqisiifachuuf,nyaata xiqoo baay’isuun uummata nyaachisa wan tureef nyaata fi dhugaati fooniif jecha,fayinaf,raajii fi dinqii Inni raawwatu hubbachuuf jecha,isa qoruufis kan Isa hordofan namoonni hedduun turan.


Kiristaanummaa jechuun hordofuu (hordofaa ta’uu),dinqisiiffachuu jechuu qofa mitti.Kiristaanummaan jireenya,qulqullummaa,lubbuu fi fayyinadha.Tokkummaa fi jaalaladha kiristaanummaan.Beekumsi qofaan amantaa qabaachun qofa,amantaa hordofuun qofa nama hin fayyisu,fayyuuf, mootummaa Waaqayyoo dhaaluun jireenya barabaraa argachuuf amantaa qabaachuun,amantaas gara hojiitti jijjiirun,lubbuun ittiin jiraachuun murteesaadha.Kanaafidha kitaabni Qulqulluun “Amantaan hojjii hin qabne ofii isaan kan du’edha “ jechuun kn inni ibsuuf. Ya’i.2:14.
Gooftaan keenya jecha armaan olitti caqasame kan Inni dubate nama Niiqodimoos jedhamuufidha.Niqoodimoos nama beekaa fi barsiisaa Ayhuud kan turedha.Nama beekumsas qabu kan turedha. Hojii Gooftaa keenyaa ,raajii fi dinqii (raajii) Inni raawwatun kan ajaa’ibsiifachaa turedha.Dhuma irratti Gooftaan keenya fedhaa fi hawwii garaa isaa hubbachuun inni fayyuu akka qabuuf waa’ee iccittii cuuphaa isa barsiise.Waaqni keenya Waaqa jaalalaa,kan fayyinaa,Waaqa jireenya,kan qulqullumaati.Fayyina,jireenya fi qulqullummaa dhala namaa malee baddinsa keenya hin barbaadu.Kanaafidha fedha isaa hubbachuun kan Inni isa barsiise.
Dhalli namaa fayyuuf dirqama Waaqatti amanuu ,cuubamun akka irra jiru Gooftaan keenya isa barsiise.Kanas iccittii isa barsiise.Akkas jechuun “Namni lammata yoo dhallate malee mootummaa Waaqayyoo dhaaluu ,fayyuu fi arguu hin danda’u” ittiin jechuun isa barsiise.Inni garuu barnoota Gooftaa hubbachuu waan dadhabeef waa’ee dhalloota foonii kan barsiisu itti fakkaate.Gooftaas ni gaafate Innis namni bishaan fi Afuura irraa yoo dhallate malee ittiin jechuun waa’ee dhalloota foonii ottoo hin ta’iin waa’ee iccittii cuuphaa isa barsiise.
Lammata dhallachuu jechuun gaafaa guyyaa 40 fi 80 bishaaniin cuuphamuu,aangoo muccumaa Sillaasee argachuu,miseensa mana Kiristaanaa ta’uu,kanneen hin amanne irraa adda bahuun maqaa Gooftaa keenya Iyesuusiin Kiristaanaa ta’uu jechuudha.
Cuuphaan aangoo mucummaa Waaqayyoo argachuuf ,dhiifama cubbuu argachuuf,cubbuu,balleessaa fi xuraa’ummaa keenya irraa qulqullaa’uf ,dhiqamuuf ,dhiifama,araraa Waaqa irraa argachuuf,Waaqa waliin tokko ta’uuf Isa waliin araaramuuf,miseensa mana Kiristaanaa ta’uuf,tokkummaa kiristaanota argachuuf ni fayyada.Kanaafidha yeroo qulqulluun Yohaanis uummata cuuphaa turetti uumanni hedduun biyyoota Iyeruusalem,Yihuudaa,Yoordaanos keessa jiraacha turan cubbuu isaanii Yohaanisiiti himaa cuubama kan isaan turaniif. Maat.3:1.
Cuuphaan dhiifama cubbuu Waaqa irraa argachuuf,qulqullaa’uf ,Waaqa irraa araaraa,arjummaa argachuuf ni fayyada.Jireenya barabaraa argachuun mootummaa Waaqayyoo dhaaluuf ni fayyada.Kana yeroo ibsu kitaabni “ Kana amanee cuuphame ni fayya, kan hin amanne garuu itti ni murtaa’a “ jechuun ni ibsa.Maar.16:16.
Cuuphaan kan mucumaa fi aangoo Silaassee ittin argannu, kan qalbii jijjiirannaa ta’uu ni dandaa’a.Cuuphaan (aangoo mucummaa aangoo Sillaasse ittin argannu) yeroo tokko qofaa raawwatama jechuunis cuuphan tokkodha jechuudha.Hin dabalamu.”Waaqa tokko amantaa tokko cuuphaa tokko”Eef.4:5 kan jedhamuufis kanaafidha.
Cuuphaan faayidaa hedduu kan qabu yoo ta’u kanneen armaan gadii akka fakkenyaatti ilaaluu ni dandeenya.
1. Kiristoos waliin tokko ta’uuf.
Manni kiristaanaa keenyaa cuuphaan fakkeenyummaa du’aa fi du’aa ka’umsa Gooftaa waliin fakkeenyummaa akka qabu ni barssiftti. Kana yeroo ibsu Qulqullichi Phaawuloos “Du’a Isaa waliin tokko ta’uuf jecha cuuphamnee Isa wajjin awaallamna” jechuun ibseera. Rom.6:34. Kana malees iccittii cuuphaan kennaawwan kan fayyinaa, kan jireenyaa,kan qulqullummaa fi kan tajaajilaa ittiin ni arganna. Karaa biraas fiiriiwwan Afuuraa Qulqulluu ittiin ni horanna,humna,dandeeettii fi obsa Afuura Qulqulluus ittiin ni arganna.Qormaata addunyaa,diinaa fi fedha foonii irra nu muddatanis ittii mo’uu ni dandeenya.Aangoo,bittaa fi garbummaa seexanaa jalaas ittiin ni baana bilisummaa afuuraas ittiin ni arganna.
2. Fayyina,jireenyaa fi qulqulluummaa ittiin ni arganna.
Cuuphaan fayyina,jireenya fi qulqullummaa kan samii (lubbuu) fi kan barabaraa kan ittiin argannudha. Kun kennaa kan jaalala Waaqa keenya irraa nuuf kennamedha.Kanaafidha Gooftaan keenya “kan amanee cuuphame ni fayya” jechuun kan ibseef. Maar.16:16. Cuuphaa malee fayyinni,jireenyi fi qulqullummaa dhugaa fi kan barabaraa hin jiru.
3. Dhiifama cubbuu ittiin arganna.
Dhumni cubbuu Waaqa irraa adda bahuu fi gara gubbannaa barabaraatti seenuudha. Kana jalaa bahuuf cuuphaa fi gaabbiin bakka guddaa qaba. Kanaafidha barattoonni Gooftaa “Gaabbii galaa cubbuun keessaan akka haqamuuf tokkon tokkoon keessaan maqaa Iyyesuus Kiristoosin cuuphaamaa” jechuun kan ibsaniif.Ho.2:32. Karaa biraas kitaabni Qulqulluu faayidaa cuuphaa yeroo ibsu “Amma maaliif turta ka’iiti maqaa Isaa waamaa cuuphaami cubbuu kee irraas dhiqami “ jechuun faayidaa iccittiin cuuphaa qabu dhiifama cuubbu argachuu irraatti bal’innaan ni ibsa.Hoj.22:1-16,9:1-16. Karaa biraas iccittii kanaan kennaan aangoo muccummaa Sillaasee ittiin ni arganna.Yoh.3:1.
4. Jireenyaa,qaamaa fi afuuraa/lubbuu haaraa ta’e ittiin arganna.
Cubbuu hojjenneen qaamni keenya ni moofaa’a, ni xuraa’a garuu cuuphaan ni haaromsa. Akkuma beekamu qaamni keenya mana kabajaa fi qulqullummaa Kiristoosidha. Kana yeroo ibsu Qulqullichi Phaawuloos “Mana Qulqullummaa Waaqayyoo akka taatan, Afuurri Waaqayyoos akka isin irra jiru hin beektanii ? namni kamiyyuu mana Qulqullummaa Waaqayyoo kan diigu yoo jiraate Waaqni isa ni diiga. Manni Qulqullummaa Waaqayyoo Qulqulluudha innis isinidha” jechuun ni ibsa.1qor.3:16,6:19. Mana kabajaa fi qulqulluu kan ta’e kana eeguun gaariidha cuubbuun yoo xuraa’e iccittii cuuphaan haaromfamuu qabna.Cuubbu hojjechuun Waaqa ,sagalee,tajaajila fi jireenya afuurummaa akkasumas kan qulqullummaa irraa adda ni baana cuphaan gara isaatti ni deebinna.

Kana malees cuphaan jireenya fi tajaajila afurummaa akkasumas amantaa keenyatti cimnee akka jiraannu ni taasisa.Rom.6:1.Karaa biraas miseensa mana kiristaaanaa nu taasisa,aangoo mucummaa Sillaasees ittiin ni arganna. Kana yeroo ibsu Qulqulluun Phaawuloos “Kiristoos waliin tokko ta’uuf jecha kan cuphamtan hundi keessan Kiristoosiin uffattaniittu “ jechuun ni ibsa.Gal.3:23. Egaa gabaabumatti faayidaan cuuphaa muraasni kana yoo ta’an kanneen hafan kitaabolee biroo dubbisuun ,barachuun beekumsaa keenya gabbifachuu qabna.

Fakkeenya Cuphaa Kitaaba Qulqulluu Keessatti.
Kakuu moofaa keessatti cuphaa kakuu haaraaf akka fakkeenyaatti tajaajilaa kan turan waantotni hedduun ni jiru.Fkn:
1. Bishaan badinsaa bara Qulqulluu Nooh:-
Akkuma beekamu namoonni bara Noohi keessa jiraachaa turan balleessaa raawwataniinni baduun isaanni ni beekama. Qulqullichi Noohi garuu ajaja Waaqayyoon bidiruu hojjetee fayyuun isaa ni beekama.Bidiruu/Dooni/ Noohi bishaan badinsaa irraa ittiin fayye fakkeenya mana kiristaanaa yoo ta’u bishaan badinsaa fakkeenya cuphaatti ,yeroo sana bishaan mallattoo badinsaa kan ture amma meeshaa fayyina,kan jireenya fi qulqulluummaa ta’uun ni tajaajila. Nooh badinsa foonii jalaa akka bahe nutti har’a cuuphaan badinsaa lubbuu jalaa ittiin ni baana jechuudha.Cubbuu keenya irraas ittiin ni qulqulloofna.1phex.3:1-21.Uum.6:1.
2. Galaana Diimaa.
Galaanni kun isa uummanni Israa’el cee’anii biyya garbummaa Misir irraa gara biyya isaanii kana’aanitti seenaanidha.Uummanni kun bittaa hamaa mootii Fari’oon waaggaa 400 n booda gara biyya isaaniitti deebi’uun isaanii ni beekama. Uumanni kun galaana kana addaan akka cee’an gara biyya isaaniittis akkuma seenaan nutis cuphaan gara jireenyaa fi fayyina barabaraatti ni seena jechuudha.1qor.10:1.
3. Dhaqna qabaa qulqulluu Abrihaamiif kenname.
Bara kakuu moofaa/seera Oriiti keessaatti namoonni ijoollee Waaqayyoo ta’an namoota kaan irraa adda bahuun kan ittiin beekamaa turan dhaqna qabaan ture. Kun immoo waadaa jaalalaa, kan kabajaa fi fayyina karaa abbaa keenya Abrihaam Waaqa irraa kan nuuf kenname ture. Amma garuu kun cuphaan bakka bu’eera seera kana kan nuuf kenne Waaqa keenyadha. Bara sana keessaatti dhaqna qabaan mallattoo fayyinaa ture amma garuu mitti cuphaan bakka waan bu’eef jechuudha.Uma.17:1-14.
4. Fayyuu Iyyoobii fi Ni’iimaan galaana Yordaanos keessaatti.
Ni’iimaan mootii Sooriyaa kan ture yoo ta’u dhayicha/dheekkamsa isaa irraa bilisa kan ta’e Qulqullichi Iyyoobis dhibee foonii isaa irraa kan ittiin qulqullaa’e galaana Yordaanos keessaatti cuphamuunidha.Nutis qaama moofaa keenya irraa kan ittiin haaromnu ,cubbuu irraas billisa kan ittiin taanu,mootummaa Isaa kan ittiin dhaallu,aangoo mucummaa Sillaasees kan ittiin argunnudha. Kana qofaa otoo hin ta’iin faayidaan cuuphaa hedduu waan ta’eef kan hafan dubbisuun/barachuun gaariidha fayyina keenyaf jechuudha.

Gosoota Cuphaa.
Kaayyoo fi amalli cuphaa tokko dha. Karaa sadiin garuu ni raawwatama.
1. Cuuphaa Bishaanii:-
Bishaan cuuphaaf qophaa’e irratti erga kadhannaan raawwatamee booda dhiirri gaafa guyyaa 40 dubartiin immoo gaafa guyyaa 80 tti sirna cuuphaa ni raawwatu. Kunis guyyaa dhaloota Addaam fi Hewaan bu’uura godhachuun kan raawwatamu dha. Isaan lachanuu kennaa arjummaa isaanii guyyaa kanatti dhabsiisanii waan turaniif (irraa fudhatamee waan tureef) nuti cuuphaan ittiin argachuu keenya ibsuf jecha raawwana. Kana malees dubartiin dhiira kan deesse yoo ta’e gaafa guyyaa 40 durba kan deessee yoo ta’e gaafa guyyaa 80 dhiiga ishee irraa waan qulqullooftuf yeroo kana isheenis ta’e daa’imni ishees gara mana kiristaanaa akka deeman waan ajajuuf Kitaabni Qulqulluu ni raawwanna jechuudha. Ser. Lakk. 12:1 – 8.
2. Cuuphaa Afuuraa fi Abiddaa:-
Barattootni Gooftaa kan cuuphaman Afuuraanidha. Kunis fakkeenya isa guddaa dha. Yeroo tokko tokko namoonni kiristoositti amanan otoo isaan hin cuphamin shakkitoonni otoo isaan ajjeesani abiddaan otoo isaan gubanii abiddi kun akka cuuphaatti isaan gargaara. Hoj. Duuka bu’oota s1:5 irratti “isin Afuura Qulqulluun cuuphamtaniittu” Gooftaan ittiin jechuun Isaas kanaafidha
3. Cuuphaa Dhiigaa :-
Namni tokko amanee otoo cuuphaaf qophaa’aa jiruu yoo shakkitoonni isaa ajjeesanii dhiigni isaa akka cuuphaatti isa ni fayyada.
Cuuphaa Gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristoos.
Bu’uuri iccitii cuuphaa kakuu haaraa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosi dha. Inni Ofii Isaa erga cuuphame booda dha akka nuti raawwannu kan nu ajaje. Garuu inni maaliif cuuphame ?
1. Gad-of qabuummaa barsiisuuf jecha :-
Ijoollee isaa gad-of qabuu, namootaafiis ta’e isaaf ajajamuu barsiisuuf jecha harka uumama isaa irratti cuuphame. Mat.3:15. Gad-of qabummaan firii afuuraa, bilchinsa sammuu fi cimina amantaatti, mallattoo obsaa fi fayyinati malee kan sodaa miti. Mallattoon kiristaanummaa inni guddaan gad of qabummaadha .Kana abbootii hedduu irraa illee barachuu ni dandeenya. Fkn;-Abrihaam,Phaawuloos,Daawit faa kaasuun ni danda’ama.
2. Fakkeenya ta’uuf :-
Cuuphaan iccitii ittiin lammata dhalachuun angoo mucummaa Sillaasee ittiin argannu, kan ittiin dhiifama cubbuu argannu dha. Kanaafuu, hundi keenya illee kana ni raawwanna. Soomuun, qoramuun, kadhachuun Isaa fakkeenya nuuf ta’uuf jedheetudha.
3. Tokkummaa fi saddummaa iccitii Sillaasee ibsuuf jecha:-
Sillaaseen tokko yoo ta’u sadii, sadii yoo ta’es tokko dha. Kun iccitiidha. Yeroo cuuphaa ifa ta’eera. Maat. 3:16 .Kana malees xalayaa garbummaa keenya balleessuuf jecha cuuphame Qol: 2:1-15

Maaliif Galaana Yordaanos Keessatti Cuuphaame?
1. Raajii/ragaa/dubbatame raawwachuuf jecha :-
Raajii jechuun raawwii dhimma tokkon dura kan himamu jechuu dha. Faar. 113:6 .Gooftaan galaana Yordaanos keessaatti akka cuuphaamu raajiin kan dubbatame yoo ta’u, yeroo Inni cuuphaames galaanni gara boodaatti ni deebite, tulluuwwan ni utaalan. Waaqa isaanii ta’uu Isaa ibsuuf jecha.
2. Fakkeenya dhugaa taasisuuf:-
Kakuu moofaa keessaatti raajiwwan adda addaa galaana kana keessaatti raawwatamaa turaniiru. Galaanni Yordanos seenaaa ibsa amantaati. Fakkeenyaf Iyoob fi Ni’imaan as keessaatti kan isaan fayyan. Abrahaam maalka-Tsadiq waliin kan wal-arge galaana kana erga ce’ee boodadha. Malka-Tseedeq isaaf kenneera. Malke-Tseedeq fakkeenya Gooftaa keenya, Abrihaam kan luboota,Yordaanos fakkeenya bishaan cuuphaa, kennaan inni kenneef fakkeenya iccitii qurbaanaatti.

Kana malees galaanni Yordaanos seenaa biraas ni qaba. Ka’umsa isaa irratti burqaan isaa tokkodha.Gad siqee garuu Yoor fi Daanos jedhamuun bakka lamatti addaan qoodama.Yoor karaa Israa’el kan jiru yoo ta’u, Daanos karaa shakkitootaa kan jirudha.Erga gad siqee booda lamaan isaanii iyyuu tokko ta’u. Bakka kanatti Gooftaan keenya cuuphame.Yordaanos burqaan/ka’umsi tokko ta’uun isaa burqaa fi hundeen dhala namaa hundaa tokko, innis Addaam ta’uu isaa kan mul’isudha. Gad-siqee bakka lamatti qoodamuun isaa kakuu moofaa keessaatti dhalli namaa bakka lamatti qoodamuun Israa’e/uummata Waaqayyoo fi Ahizaabota/ormoota/kanneen hin amanne/ namoota kanneen Waaqatti hin amanne jedhamuun jiraachaa turuu isaanii kan mul’isudha.Gad siqee tokko ta’uun isaa namoonni hundi Gooftaatti amanuun dhalli namaa hundi tokko ta’uu isaanii kan mul’isudha.Gooftaan kan inni cuuphame bakka inni tokko ta’uttidha.Kunis dhufaatin Isaa dhala namaa hunda tokko taasisuuf dhufuu Isaa kan mul’isudha.

Cuuphaan Maaliif Bishaaniin Ta’e ?.
Hundeen cuuphaa Gooftaa keenyadha jenneerra. Inni kan cuuphame bishaaniin waan ta’eef nutis cuuphaa keenya kan raawwannu bishaaniinidha. Sababni isaas:-
1. Faayidaa bishaanii mul’isuuf jecha.
Akkuma beekamu kakuu moofaa bara Noohi keessaatti bishaan mallattoo badinsaa ta’uun beekama. Amma garuu mallattoo fayyina,kan jireenyaa,kan qulqulluummaa ta’uu isaa ibsuuf jecha cuuphaa keenya bishaaniin raawwanna jechuudha.Uum.6:1.
2. Fayyinni namoota hundaaf kan eeyyamame ta’uu isaa beeksisuuf jecha :-
Akkuma beekamu bishaan bakka hundaatti ni argama, sooressis ta’e hiyyeessi hundi wal-qixaan kan itti fayyadamuu danda’udha.Kanaafuu, fayyinni namootaa hundaaf kan eeyyamame ta’uu isaa ibsuuf jecha cuuphaan bishaaniin ta’e jechuudha.
3. Bishaan jireenyaaf, guddinnaaf akka ta’u ibsuuf jecha :-
Kana jechuunis kakuu moofaa keessaatti bishaan mallattoo badinsaa waan tureef jechuudha.
4. Qulqullummaa bishaanii ibsuuf jecha :-
Bishaan akkuma xurii qaamaa fi uffataa namaa irraa baasu (qulqulleessu) namni bishaanin cuuphamuun qulqullummaa lubbuu fi kan foonii akka argatu ibsuuf jecha cuuphaan bishaaniin ta’uu dandaa’era.
5. Bishaan qaama fuula keenya akkuma mul’isu hundaa isinis bishaaniin yoo cuuphamtan maalummaa iccitti Sillaasee ni argittu jechuuf seera cuuphaa bishaanin nuuf hundeesseera.
6. Bishaan abidda ni dhaamsa :-
Isinis bishaanin kan cuuphamtan yoo ta’e gubannaa barabaraa fi samii jalaa ni baatu jechuuf .

7. Bishaan bakka hundaatti ni argama :-
Cuuphaanis addunyaa/namoota hundaaf akka gahu (eyyamameef) ibsuuf jecha bishaaniin hundeesseera cuuphaa. Cuuphaan kan fayyina, kan gaabbii ta’uu ni danda’a. Iccitii cuuphaa raawwachuuf angoo kan qaban luboota qofaa yoo ta’an isaan kana malees cubbuu namootaa hiikuu fi hidhuuf illee angoo guddaa kan qabanidha. Kana kan argatan Gooftaa keenya Iyeesus Kiristoos irraati.Maat.18:1. Cuuphaan maqaa Abbaa kan Ilmaa fi Afuuraa Qulqulluutiinidha kan inni raawwatu kun ajaja Isati.Maat. 28:19.
Eegaa waluumaagalatti manni kiristaanaa keenya wagga waggaan kan isheen kabaja ayaana cuuphaa kabaju yaadanoof malee kan ittin Sillaase argannu ykn iccitii cuuphaa lammataa kan ta’e fi kan dabalamu wan ta’eef mitti.Taabota kabajnee gara bakka cuuphaa deemun keenyas Gooftaan keenya gara galaana cuuphaatti adeemu Isaa kan mul’isudha.Yoo ayaana kana kabajnu fooniin otoo hin ta’iin Afuuran ta’uu qaba.Jaalalan tokkummaan biyya keenyafis tokkummaa ,jaalalaa ,araara kadhachuun ta’uu qaba.Ayaana kana kabajnee eebba irraa akka argannuuf eyyama Waaqaa nuuf haa ta’u Ameen!
Galanni, kabajni fi ulfinni Waaqa jaalalaa fi araara ta’eef haa ta’u !