Dargaggootaa fi Jireenya Qulqullummaa

Lammessaa Guuttataa

Kitaaba Qulqulluu keessatti akkuma keenya dargaggoota ta’anii cubbuu mo’atanii kan jiraatan kanneen gonfoo Qulqullinaatiif gahan dargaggoota baay’ee fakkeenyummaadhaaf kaasuu ni dandeenya. Bara Qulqullummaa isaaniitti bilisummaan amantaa hin turre. Waaqayyoon waaqessuun, galateeffachuun, Isaaf bitamuun hin danda’amu ture. Seeraan kan dhorkamee fi kan daangeffame waan tureef Isa waaqeffatee, galateeffatee, Isaaf jilbeenfatee kan argame hunduu ni adabama, ni hidhama, ni reebama, irbaata ibiddaa fi leencaas ni ta’a ture. Isaan garuu jaalala fi inaaffaa Isaaf qaban irraa kan ka’e, jabina amantaa isaaniif jedhanii waaqa tolfamaadhaaf hin saganne; hin waaqessines. Xumura irrattis gonfoo Qulqullummaatiif gahaniiru.

Har’a nuti amantaa keenya haala barbaadneen gaggeeffachuuf haalli mijachuu baatullee waqtiilee duraanii waliin yoggu madaallu walabummaa qabna. Fedha keenyaan ala Waaqayyoon dhiifnee kan biraa akka waaqessinu qaamni nu dirqisiisu hin jiru. Haa ta’u garuu, fedhii fi hawwii mataa keenyaatiin harkifamnee, mucummaa Isaa jalaa akka hin baane, jireenya baraa baraa irraas akka nu hin foone of eeggannoo gochuu qabna. Kanaafis kanneen akka Daani’eelii fi Ijoolleewwan sadeenii fakkeenya kaasuu ni dandeenya.

Isaan bara dargaggummaa isaaniitti jireenya Qulqullummaa jiraachuu danda’aniiru. Yooseef sagaagalummaa hin hojjedhu kan jedhe Qulqullummaa fi kabaja eenyummaa isaa eegee kan jiraate, kabajaa, angoo fi angafummaadhaaf kan gahe, haala jireenyaa isaaf hin mijoofne keessatti Waaqayyoon yaaduu isaatiini dha. Har’a unuun dirqamaan cubbuu raawwadhu kan nuun jedhu hin jiru. Cubbuu kan hojjennu fedhii mataa keenyaatiin, yaada mataa keenyaatiin kakaanee, yaadnee fi karoorsinee ti. Dirqamnee yeroo cubbuu hojjennu jiraatullee mudannoon kuni muraasa dha. Kun immoo kabaja keenya baraa baraa keessaa kan nu baasu waan ta’eef itti yaadamuu qaba.

Garuu gaabbiidhaan immoo Qulqulaa’uun ni danda’ama. Xumurri cubbuu immoo du’a dha. Kiristaanni jireenyaaf malee uumama du’aaf uumamee miti. Haalli uumamaa isaas uumamtoota biroo irraa addaa, ajaa’ibaa fi bareeda ta’ee fakkeenya Waaqayyoon kan uumamedha. Haalli uumama isaas kabaja yeroodhaaf osoo hin taane jireenya baraa baraafidha. Kabaja kanaaf gahuuf immoo cubbuu, waan hamaa, jallinaa fi inaaffaa irraa of eeguu qabna. Mataa keenya jallina, hammina, wal-qoqqooduu fi sanyummaa irraa of eeguun kabajaaf akka geenyu jaalalaa fi eeyyama Isaa nuuf haa ta’u. Ameen!

Qulqullummaa

Lammessaa Guuttataa

Jechi Qulqullummaa jedhu, qulqulleessee, Waaqayyoof adda ta’uu, eebbifamuu, kabajamuu, ol ol qabuu, cubbuu irraa foo’amuu, adda baa’uu, Waaqayyoof of kennuu, filatamuu, qabeenya Waaqayyoo of taasisuu, hiika jedhu nuuf kenna.

Abbaan burqaa Qulqulummaa fi bu’uurri Qulqullummaa Waaqayyo yommuu ta’u Qulqullummaan Isaas amala qabeenyummaa Isaati. Kana irratti dabalataan kanneen biroon fakkenyaaf Namni, Guyyoonni, Meeshaaleen, Iddoowwan, Waantonni fi kkf yeroo addaan ba’ani (fo’amanii) Waaqayyoof dhiyaatan Qulqulluu ni ta’u. Qulqullummaan isaaniif kennamu kun kan Waaqayyoo kan argatan ta’uu isaan irraan kan ka’een  Qulqullummaa kennaa jedhamuun beekama. Qulqullummaan Waaqayyoo garuu amala qabeenyummaa Isaati. Qulqullummaan bakka lamatti qoodama: Qulqullummaa amallumaa (kan Waaqayyoo) fi kan kennaa (qulqulloota Waaqayyoon uumaman) jechuudha.

Yaadota armaan olitti eeraman bu’uuraa isaanii yeroo ilaallu abbaan qabeenyaa Qulqullummaa Waaqayyoo ta’uu Isaa fi namoonnis akka Qulqullaa’aniif fedhii Isaa akka ta’e ni hubanna. Ergaan Qulqulluu Phaawuloos gara warra Qolaasiyaasitti ergames ergaa ibsametti dabalataan namoota gara Qulqullummaatti kan geessu karaa gaarummaa argisiisa. Isaan kunis dhiifamaa fi gara laafummaa, gaarummaa fi gad of qabuu, garraamummaa, obsa, dhiifama waliif gochuu fi jaalala, galateeffachuu fi sagalee Isaa isa Qulqulluu barachuu, ofiin of barsiisuuf of ceepha’uu gara teessoo Qulqullummaatti kanneen geessan ta’uu isaanii caffatticha irraa hubachuu dandeenya. Qola. 3:12-18

Nageenyaaf, nagaan haa hojjennu!

Lammessaa Guuttataa

Har’a biyya keenya keessatti kanneen nageenya booressan rakkoolleen hedduun kan jiran yommuu ta’an isaan keessaa:- seenaalee dogoggora haasa’uu, gartummaa uumuu, mankaraarsummaa dinagdee, mankaraarsummaa amantaa, mankaraarsummaa siyyaasaa fi barbaacha fiixee aangoo, addaa addumaa yaadaa waliif kabajuu dhiisuu, wal-dhaggeeffachuu dhiisuu, walii galuu dhabuu, sabummaan qarqaratti bahe ta’uu, sanyummaan, dheebuun aangoo kanneen gurguddoo fa’adha. Angafoonni fakkeenya nuuf ta’uun isaan irraa eegama. Faayidaa/fedhii dhuunfaa keenyaa fi garee irra uummata fi biyya dursisiisuun nurraa eegama. Keessumaa Kiristaanni nama hunda waliin nageenyaan, tokkummaan, jaalalaan, walii galuun, wal dhaggeeffachuun, wal danda’uun, rakkoowwan mariidhaan furuun kanneen biroofis fakkeenya ta’uun addaa addummaa balleessuun kanneen wal lolan araarsuun jiraachuu qaba. Kun immoo dirqama keenyadha; barbaachisaadhas.

Kitaabni Qulqulluun “kanneen araarsan eebbifamtoota dha” jedha waan ta’eef. Gama biraatiin “Yoo isiniif danda’ame gama keessaniin nama hundaa waliin nagaan jiraadhaa”. (Rom 12:18) jedhamuun isaa nageenyi bu’uura hundaa ta’uu isaa argisiisa. Kiristaanonni hundi keenya bakka jirru hundatti kanneen nageenya balleessuu danda’an hundaa irraa fagaachuu qabna. Dubbiiwwan obsaan, ogummaa fi hubannoodhaan irra darbuun barbaachisaa dha. Falmii Kiristaanummaa hin barbaachifne irraas fagaachuun barbaachisaadha. Nageenya barbaaduu, dubbii dhiisuu, dhiifamaafis mo’amuun barbaachisaa dha. Dhiifama gochuu fi dhiifama gaafachuun qaroomina fi bilchina malee mo’amuu miti. Kun immoo safartuu Kiristaanummaa keessaa isa tokko dha.

Nuti Kiristaanonni isa xiqqaas isa guddaas, bakka hojiitti, mana barumsaatti, jireenya hawwaasummaa keenya keessatti tokkumaa, nageenya, jaalala fi araaraa irratti fakkeenya gaarii fi sababa ta’uu qabna malee walitti bu’iinsaaf, garaa garummaaf, wal falmiif, lolaa fi jeequmsaaf ka’umsa ta’uu hin qabnu. Sooriyaa, Liibiyaa fi Sudaaniin yaadachuu qabna. Jaalala qabaachaa kan turan, seenaa waliiniis kanneen qaban, hiyyeessota gargaaraa kanneen turan, har’a garuu maqaan isaanii fi seenaan isaanii akka hin jirre ta’eera. Guutummaa dachee isaanii irraas baduudhaaf kan dhiyaatan ta’eera. Lammiiwwan isaaniis nageenya dhabuudhaan biyyoota irratti faca’aniiru. Lammiiwwan Yemenii fi Sooriyaa sababa dhabiinsa nageenyaatiin jireenya mijaa’aa isaanii keessaa ba’aniiru, hedduunis lubbuun isaanii darbiteetti, godaansaanis biyyoota irratti burjaaja’oota ta’aniiru. Daandiiwwan Finfinnee keessattillee kadhannaa irratti bobba’aniiru. Kuni hunduu dhabiinsa nageenyaatiin rakkoo dhufe dha. Kanaan ala lammiiwwan biyyoota hedduu nageenya dhabuudhaan biyya keenya gaaddisa godhataniiru. Kun unuuf barnoota guddaa ta’uu qaba.

Nageenya argachuudhaaf hojii gaarii hojjechuun, hamminaa fi jallina irraa fagaachuu akka qabnu, akkasumas nageenya hawwuu fi barbaaduun, raawwii keenya akka ta’e irraanfachuu hin qabnu. Nageenya kan kennu Waaqayyo dha. Kun kan ta’u immoo yoo nuti nama nagaa taane qofaa dha. Kanneen nageenya hin barbaanne hamoota dha. Isaan garuu hamoota obbolaawwan gidduutti lola, falmii kanneen facaasan, Waaqayyo biratti kanneen hin jaallatamne, dabalataanis kanneen jibbamanii dha. Garaagarummaa fi waraanaa, shakkii fi hamii kanneen facaasani dha. Isaan gufuuwwan jaalalaa, tokkummaa fi nageenyaati. Lammiiwwan gidduutti jalala, tokkummaa, wal danda’uu, wal tumsuu, wal dhaggeeffachuu kanneen balleessani dha. Raawwiiwwan akkanaa immoo Waaqayyo biratti nama gaafachiisu.

Namni jaalala biyyaa qabu mallattoon isaa nama nagaa ta’uu qofaatiin dha. Namni jaalala biyyaa qabu kan araara barbaadu, nama laphee dhiifamaas kan qabu dha. Waaqayyo kanneen lola facaasaniin ni jibba. Mootummaa Waaqayyoo irraa kan addaan bahan, isaan waliinis tokkuummaa, gamtaa kan hin qabne,ijoollee dukkanaati. Kanaaf nagaa fi gammachuu kan qaban fakkaachuu danda’u. Garuu sammuun isaanii hammina isaanii waan itti himuuf nageenyaan jiraachuu, bahanii galuu, ciisanii ka’uu, jireenya gammachuu ta’e jiraachuu hin danda’an. Kanas kitaabni “Hamoonni nageenya hin qaban” jechuun ibsa. Gama biraatiin hojii garii kan raawwatan hundaaf galannii fi kabajni, nageenyis isaaniif ni ta’a. Isaan Waaqa biratti kabaja fi galatas kan qabanidha.(Room.2:9-10). Hundi keenya nageenyaaf, nagaan haa hojjennu, haa kadhannu, biyya keenyaafis nageenya, jaallala, tokkumaa, walii galtee, wal danda’uu akka nuuf kennuu eeyyamaa fi jaalala Waaqa nuuf haa ta’u. Ameen!

‹‹Nageenya Kanneen Barbaadan Nageenya Raawwatu!››

Lammessaa Guuttataa

“Isin keessaa ogeessii fi hubataan eenyudha? Haala jireenyaa qajeelummaa isaatiin hojii isaa ogummaa garraamummaatiin haa argisiisu. Garuu inaaffaa hadhaa’aa fi gartummaan laphee keessan keessa yoo jiraate itti hin amaniinaa, dhugaa irrattis hin sobiinaa. Ogummaan akkasii samiirraa kan bu’u miti, garuu kan dacheeti, kan fooniti, kan seexanaatis, bakka inaaffaa fi gartummaan jirutti holollii fi hojiin jallinaa hunduu ni jira. Ogummaan isheen olii garuu jalqaba Qulqulluu dha, boodas araaramaa, gaarii, tole jedhaa, araarrii fi firiin gaariin kan itti guute, shakkii fi hammeenyummaan kan keessa hin jirredha. Firiin Qulqullummaas namoota nageenya raawwataniif nageenyaan facaasa”. (Ya’i 3:13-18)

Nageenyi Firii Afuura Qulqulluuti. Nageenya argachuudhaaf Waaqayyoon sodaachuun, seera isaa fi akkaataa abboommii Isaatti deemuun, hammeenyaa fi jallina irraa fagaachuun, qajeelummaa hojjechuun barbaachisaa dha. Nageenyi wal-gahiidhaan, Aangoodhaan, marii fi hiriira nagaadhaan kan dhufu miti; nama nagaa ta’uun, gaarummaa hojjechuun, jallina jibbuutiin malee. Amantaadhaan, laphee guutuun, nama nagaa ta’uun, kan argamu dha nageenyi. Kanaafidha kitaabnis “Jabeessii nageenya waliin bu’i, nageenyas barbaadi; duukaas bu’i” kan jedhuuf (2ffaa Ximo 2:22, Far. 34:14) .

Kiristaanni nama nagaa ta’uu qaba. Nageenya, tokkummaa fi jaalala waantoota booressan yaadaa fi gocha dabalatee irraa fagaachuu qaba. Yeroo hundaas waa’ee nageenyaa, waa’ee jaalalaa, waa’ee tokkummaa kadhachuu qaba. Kanneen nageenya booressan irraa fagaachuun ala namoota gorsuu, barsiisuu fi itti dheekamuu qaba. Kiristaanummaan jireenya nageenyaa fi jaalalaati. Kana raawwachuudhaaf garuu fedhii dhuunfaa keenyaa dhiisuu qabna. Kitaabni kana yeroo ibsu Ibro. 12:14 irratti “Namoota hundaa waliin nageenyan duukaa bu’aa, akka Qulqullootaniifis barbaadaa; isa malee Gooftaa arguu kan danda’u waan hin jirreef” jechuun ibseera. Namni  waa’ee jaalalaa, waa’ee uummataa, waa’ee biyya  isaa hawwu jecha isaatiin nageenya, laphee isaa fi raawii isaatiin wantoota faallaa ta’anii argaman  hin raawwatu. Rakkoon namoota baay’ee yeroo ammaa garuu kana dha. Jechaa fi afaaniin nageenya lallabu, raawwiin isaanii garuu baay’ee kan nama gaddisiisuudha. Baay’een isaanii kanneen nageenya boorressan keessa jiru.

Nageenyi ilma namaatiif bu’uura jireenyaati. Nageenyi waan hundaaf bu’uura dha. Nageenyaan ala misooma misoomsuun, barachuun, hojjetanii jijjiiramuun haa hafuutii ciisanii ka’uun, bahanii galuun, hojjetanii jiraachuun hin danda’amu. Uumaa Waaqessuuf, barachuuf, guddachuuf, jijjiramuuf, matii hundeeffachuudhaaf nageenyi ni barbaachisa. Nageenyi jireenya dhuunfa fi maatii irraa kan eegalu bu’uura jireenyaati. Umuriin namni biyya lafaa irratti jiraatu baay’ee gabaabaa dha. Umurii jireenyaa gabaabaa kanatti jireenya tasgabbaa’aa jiraachuun, hojii garii hojjetanii darbuun nurraa eegama. Kanaaf immoo nageenyi ni barbaachisa. Nageenyi yoo hin jiraanne gartuun uummataa hin miidhamne hin jiru. Waraanaa fi lola, jeequmsa irraa bu’aan gariin argamu tokkoyyu hin jiru. Nageenya yeroo dhabdu jireenyi keenya ni bada. Tasgabbiin hin jiraatu. Wal amanuun ni bada. Gidduu keenyattiis wal shakkiin ni bal’ata. Kana gidduutti waliin wal fixuun ni dhufa.

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Maaliif Soome?

Gabre Igzi’aabiher Yikunoo

Sababoota tsoomaa jedhamanii kan caqasaman keessaa fedhii foonii fedha lubbuuf bichisiisuu, humna afuurummaa gonfachuuf ta’uun isaa beekamaa dha. Haa ta’uutii, Gooftaan keenya kan tsoome akka namootaa sababa kanaaf (fedhii foonii lubbuuf bichisiisuuf) miti. Maaliif guyyaa afurtama fi halkan afurtama maalif tsoomeree?

1) Tsoomuu Isaatin tsooma keenya eebbisuuf

Duursee qulqulloota abbootifii haadholiin tsoomni raawwatamaa kan ture boodarra Gooftaan fi fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos raawwachuun jabeessee jira. Gooftaan keenya kan tsoomef humna afuurummaa argachuuf yaadee yookiin kanfaltii hin kanfallee ofirraa qabaatee ofirraa haquuf osoo hin taane tsooma isaatin tsooma keenya eebbisuuf kabajee qulqulleessuf nuuf seera taasisee kennuuf jedheetudha. Galaana Yoordaanositti cuuphamee Cuuphaa keenya akkuma nuuf eebbise, gadaamiittis tsoomee tsoomii keenya nuuf eebbiseera. Seera kan nuuf hojjate jecha qofaan osoo hin taane gochaanis waan ta’eef.

2) Tsoomii fi kadhannaadhaan angafootni cubbuu sadan akka moo’aman nu barsiisuf
Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa afurtamaa fi halkan afurtaamaaf erga tsoomeen booda qorumsa diinni fidee dhufe hundaa injifatee jira. Diina keenya seexanas qaanessee deebiseera. Angafoonni cubbuuwwanii jireenya dhala namaa qoran sadan sassatuu (waakkatuu), of-tuulummaa fi jaalala qarshii/horii fa’a. Isa waakkannaadhaan dhufe obsaan, of-tuulummaan kan dhufe kasoominaan akkasumas jaalala qarshiin kan dhufe jibbiinsa qarshiin injifatee jira. Nuyis haaluma kanaan akka diinota keenya moo’annu nu barsiisuuf tsoome.

3) Fakkeenya nuuf ta’uuf
Wangeela Qulqulluu keessatti Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos “Fariisonnii fi barreessitoonni teessoo Musee irra ta’aanii jiru. Kanaafuu waan ajajan hundayyuu raawwadhaa, eegaas; haa ta’u malee osoo dubbatanii hin raawwatan waan ta’eef akka hojii isaanii hin raawwatiinaa. Ba’aa ulfaata fi dadhabsiisaa guuranii gateettii namaa irratti ni fe’u. Ofii isaanii garuu quba isaaniin illee xuquu hin jaalatan” jedheera. Maat 23:2-4.

Ajaja Gooftaa kana irraa yoo xiqqaate dhimmoota sadi hubachuu ni dandeenya:
(i) barreessitoonni fi fariisonni erga teessoo Musee irra ta’anii waan nuun jedhan raawwachuu akka qabnu;
(ii) gochoonnii fariisotaa fi barreessitootaa jaalala Waaqayyoo irraan adda waan ta’eef gochaan isaan fakkaachuu akka hin qabne; fi
(iii) amaloonni isaanii beekamuu isaati.

Jecha Waaqayyoo dubbatamu keessaa tokkollee hin raawwatani waan ta’eef fakkeenyummaa isaanii hordofuu akka hin qabne kan nu hubachiise Gooftaan “Isin dadhabdoonni ba’aan keessan kan isinitti ulfaate hunduu gara kootti koottaa; anis isinin boqachiisa. Ana irraas baradhaa; ani gad-of qabaadha. Laphee kootinis kasoomadha waanan ta’eef” jedheera. /Mat. 11:28/ Akka isaanii osoo hin taane kasoomina gonkaan gad of-qabee miila tajaajiltoota Isaa dhiqu dabalatee barumsa gochaan kan nu barsiise Gooftaan tsoomaa Isaatiinis akka Isa fakkaannu sirna tsoomaa gochaan nuuf hojjatee jira.

4) Tsoomii jalqaba hojii keessanii taasisaa jedhee nu gorsuuf
Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos erga cuuphameen booda osoo hin oolin, osoo hin buliin gara gadaama /kawaala Qorontoos seene. Kunis fakkeenyadha. Gooftaan keenya Cuuphaan booda kallattumaan gara Wangeela lallabuutti, raajii hojjechuutti hin seenne. Akkuma kana nutis gara hojii keenya hundaatti seenun dura tsoomu fi kadhachuu akka qabnu nu hubachiiseera.

Gudunfa:
Gooftaan keenya Waaqayyoo raajicha Eermiyaas irra bulee, “kanan isiniif yaadu ani nan beeka; kunis xumuraa fi abdii akkan isiniif kennuuf yaada nagaati malee yaada hamaa miti” jedhee jira. Eerm. 29:11. Bu’uura kanaan abbootin duraanii (Addaamifi Hewaanin) eegalee kan nu fayyadu sirna tsoomii nuuf hundeessee jira. Kunis akka beekamuu Addaam fi Hewaan yeroo Gannata keessa jiraatan baala sana (ዕፀ በለስ) akka hin nyaanne ajajuun isaa sirna tsoomii hundeessuu Isaati ture.

Isaan boodas bara abbootii, bara raajotaa, bifa adda addaatin sirna tsoomii raawwachaa tureera. Hundaan ol bara araaraa (Kakuu Haaraa) ofii Isaatii Gooftaan keenya yeroo fooniin addunyaa kana irratti deddeebi’aa turetti tsoomeera. Egaa Gooftaa fi Fayyisaan keenya jechaanis, gochaanis kan waa’ee tsoomii nu barsiise kana fakkeenya taasifannee jaalala gonkaa fi tokkummaan tsoomuutu nu barbaachisa. Waa’ee Isaa hundaaf arjummaan Waaqayyo jabaa, araarsummaan Giiftii keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamii, kadhannaan Qulqulloota hundaa nurraa adda hin ba’iin. Ameen.

Sooma: maalummaa, faayidaa fi kaayyoo

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen

Gabre Igzi’aabiher Yikunoo

Arjummaan Isaa daangaa kan hin qabne, humna gargaarummaa Isaatiin kan nurraa adda hin baane, galateeffamaa fi kabajamaa kan ta’e Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos arjaa Abbaa Isaa Waaqayyo Abbaa waliin, jireenya amalummaa Isaa Afuura Qulqulluu wajjiin galanni yaa ta’uuf ameen.  Oolmaa tsooma keenyaas eebbisee qulqulleessee nagaan akka nu xumursiisu, tsoomichas kan ittiin cubbuu keenya nurraa haqu, Mootummaa Isaa akka ittiin dhaallu taasisee arjummaa Isaatin nuuf yaa simatu. Biyya keenyaaf nagaa, uummata isheef jaalala, tokkummaa nuuf haa kennu. Ameen.

Maalummaa Soomaa

Sooma jechuun lagachuu, of dhorkuu jechuu dha. Seeraa fi dambii ittiin bulmaata Mana Kiristaanaa keenyaa kan ta’e “Fithaa Negesti” tsooma yeroo ibsu: “Tsoomni haadha kadhannaa, obboleettii callisaa (armimoo) bu’uura imimmaaniti”. Dabalataanis jalqabbiin qabsuura gaarii hundaa ta’uu isaa Kitaabilee Qulqulluun kan hubatame, dhimma beekamedha.

Karaa biraatiin tsoomni karaa afuuraa gara Waaqayyootti ittiin deebinu/dhi’aannu/ ta’uu Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsameera. Kun akka beekamuuf Waaqayyo jabaan raajaa Isaa irra bulee “Laphee keessan guutudhaan, tsoomafii boo’ichaan gara kootti deebi’aa” jedheera. Iyyu 2:12 “Gara kootti deebi’aa” jecha jedhu keessatti karaawwan gara booyichaan ittiin deebinu keessa tsooma fi gaabbii ta’uun isaa beekamee jira. Jireenyi afuurummaa tsooma, kadhannaa fi gaabbii malees hin raawwatamu.

Barbaachisummaa Tsoomaa

Qabeenya keenya afuurummaa keessaa tsoomni lubbuu keenyaaf qofa osoo hin taane foon keenyaaf illee bu’aa ni buusa. Tsoomni gara Waaqayyootti kan ittiin deebinu karaa afuurati. Akkana erga ta’ee yakkaan, cubbuu fi balleessaa keenyaan Waaqayyoo irraa kan fagaate dhalli namaa tsoomii, kadhannaa fi gaabbiidhan immoo gara Waaqayyootti ittiin ni deebi’a. Tsoomni kara afuuraa fedhii fi yaada Waaqayyootti ittiin deebinu ta’uu armaan olitti agarree jirra. Karaa kanaan arjaa fi fayyisaa kan ta’e gara Waaqa keenyaatti  akka deebinu kan nu taasistu waan taateef tsoomni ilmi namaa gara Waaqayyootti kan ittiin deebi’u fi itti dhi’aatu karaa gaarii taatee ni tajaajilti.

Tsoomni Humna Afuurummaa Gonfachiisti

Tsoomni fedhii foonii lubbuuf bichisiistee cubbuu irratti aangoo akka argannu kan taasiftudha. Qulqulluun Phaawuloos “Kan birootiif egan lallabee booda ofii ammoo akkan hin gatamneef foonkoo adabeetan bichisiisa” akkuma jedhe fedhii foonii keenya fedhii lubbuuf bichisiisuf ga’een tsoomii olaanaa dha. Fedhiin foonii tsoomii, kadhannaafi sagadaa akkasumaas gochoota afuuraa kan birootin yoo bitamuu hin dandeenye akkamitti gonfoo afuurummaa gonfachuu danda’a?   1Qor. 9:27.  Nama biraaf mitii ofiifiyyuu ta’uu hin danda’u. Kitaabni “Fith Manfasawi” (Haqa Afuurawaa) bu’aa tsoomin argamu keessaa inni tokko Ergamoota afuurawoo fakkaachuuf jedhee nuuf ibsa.

Abbootii qulqulloota keessaa tokko Qulqulluun Phaawuloos Kiristaanota Qorontoos dhimmoota ittiin akeekachiise keessaa tokko akka Isa fakkaatan gorsuu dha. “Akkan ani Kiristoos fakkaadhe isin immoo anaan fakkaadha” jedheera. 1Qor. 11:1. Egaa kan ittiin qulqulloota fakkaannuun keessaa inni tokko tsooman ta’uu kitaabilee Qulqullaa’oon ni ragga’u.

Kaayyoo Soomaa: yaada xumuraa

Kaayyoon Soomii inni bu’uurri gosoota nyaataa irraa of qusachuu, nyaachuu fi nyaachuu dhiisuu qofaa osoo hin taane nyaata irraa fagaachuun bu’aa irraa argamu irrati xiyyeeffachuudha. Bu’aan isaas fedhii foonii mo’achuudhaan Ergamaa afuuraa fakkaatanii jiraachuu ykn ta’uu dha. Akkasumas mataa ofii, Yaada hamaa, raawwii hamaa fi hawwii hamaa mo’achuudhaan nama afuuraa ta’uun Waaqayyoof  of-bichisiisuudha.

Sooma irraa bu’aa argachuudhaaf amantaa qabachuu qabna. Sooma keenyas jaalalaan, raawwii amantaa amantaadhaan raawwachuun nurraa eegama. Warra beela’aniif yaaduun, warra dhiphataniif birmachuun, namoota abdii kutaniif abdii ta’uun nu barbaachisa. Sooma keenyas jireenya gaabbiidhaan, kadhannaadhaan raawwachuu qabna. Dabalataanis fedhii foonii mo’achuudhaan fi fedhii lubbuu raawwachuudhaan ta’uu qaba. Of-tuulummaa irraa fagaachuun gad of qabuummaan raawwachuutu nurraa eegama. Soomicha Soomnee mootummaa Isaaf akka nu geessisu eeyyama Waaqa keenyaa nuuf haa ta’u Ameen!

Moggaasa Torbeewwan Sooma Guddaa Keessatti Argaman fi Hiila Isaanii

Gabre Igzi’aabiher Yikunoo

Qulqulluun Yaared maqaaan isaa bal’inaan kan inni ittiin beekamu ykn ka’u keessaa inni guddaan  torbeewwan ji’oota sooma guddaa keessa jiraaniif  moggaasa maqaa isaaniif kenuunidha. Qulqulluun Yaareed moggaasa maqaa kan inni isaaniif kenne hojiiwwan dhiifama fi jaalala, raajiiwwan, hojii dhiifamaa, fayyinaa fi jaalalaa Gooftaan keenya raawwate, barumsa Inni barsiise itti fayyadamuunidha. Waluumaagalatti sooma guddaa keessa torbeewwan sagal kan jiran yoo ta’an moggaasa fi hiikkoo isaanii akkaata armaan gaddiiti ilaaluf yaalla.

  1. ዘወረደ-Zewerede:

“Zewerede” jechuun bu’uu jechuudha. Samii irraa bu’uu Gooftaa waan dubbatuuf mooggaasa kana argateera. Torbeen kun guyyoota Gooftaan keenya samii irraa bu’uun nama ta’uu Isaa, foon dhala namaas uffaachuu Isaa itti himamudha. Torbeewwan kanneen keessatti barnoonni kennaman, kitaaboleen dubbifaman, faarsaawwan faarfataman, wangeelli hiikaman hundi waa’ee dhima kanaa irraatti kan xiyyeeffatanidha.

Wangeela torbee kana keessatti dubbifaman yeroo ilaallu irra jireessaan wangeelli Yohaanis ni caqafama. Fakkeenyaaf: “Yoon waa’ee addunyaa isinitti himu yoo hin amanne yoon waa’ee samii isinitti himu akkamiin amantu? Samii irraan kan bu’een alatti gara samiitti ol kan bahe tokko illee hin jiru; Innis samii irra kan jiraatu dhala namaatti” jedhameera (Yoh.3:12-13).  Dhala namaa jechuun kan waamame qaama addaan nama ta’uun kan ibsame Gooftaa keenya Iyesuus Kiristoosidha.

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos gidiraa foonii fi lubbuu Addaam fi dhala namaa hundaa qaqqabe  irraa bilisa isa gochuuf, isa fayyisuuf  gara addunyaa kan dhufe  kan yaade hundaas raawwachuun gara Abbaa Isaatti  kan deebi’edha. Walumaagalatti torbeen “ዘወረደ-zeweredee” samii irraa bu’uu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos kan itti himamu, kan itti yaadatamudha. Gooftaan keenya jaalalaa fi kasoomina (gad of-qabuu) dhugaan gara addunyaa kanaatti bu’uu Isaa qormaata fannoo Isarra gahe yaadachaa nutis kanneen badii keessatti argaman tuffachaa fi ceepha’aa otoo hin ta’iin jaalalaan itti dhiyaachaa fi isaan tajaajilaa itti dhiyaachuu akka qabnu hubachuu qabna.

  1. ቅድስት-Qiddisti (Qulqulleettii):

Qulqulluun Yaared torbee lammaffaa sooma guddaaf moggaasa inni kenne “Qidisti” kan jedhudha. Jechi “Qidisti” kun isa Gi’iiziin “ቀደሰ” jedhu irraa kan dhufe yoo ta’u hiikni isaas adda baase, foo’e, calale, filate, kabaje jechuudha. Kana irraas “Qidisti” jechuun eebifamtuu, kabajmtuu hiika jedhu arganna. Jechi qulqulluu jedhu Qulqulummaa amalaa Waaqa irraa argamuun Qulqulloota Waaqni isaan filate fi kennaan qulqullummaas isaaniif kennameef kan tajaajiludha. Fakkeenyaf qulqulloota namoota, qulqulloota ergamoota, bakkeewwan qulqullaa’oo, kitaabolee qulqullaa’oo kaasuu ni dandeenya. Haaluma kanaan qulqullummaa guyyaa Sanbataa ilaalchisee barnoota Gooftaan keenya barsiise weedduu fi dubbisan kaasuun kanas sababa godhachuun torbee sooma guddaa lammaaffaa maqaa kanaan moggaaseera.. Kanas “እግዚአብሔርሰ ሰማያተ ገብረ፤ አሚን መሠናይት ቅድሜሁ፤ ቅድሳት ወዕበየ ስብሐት ውስተ መቅደሱ” Waaqayyoo garuu samiiwwan hojjete; galanni fi miidhaginni fuuldura Isaati; Qulqullummaan Isaa fi kabajni Isaas mana Qulqullummaa Isaa keessatidha” isa jedhu irraa ka’uun kan faarfatamutu ni lallabama. (Farsa Dawit 95፥5-6)

Torbee sooma guddaa lammaffaa “Qidisti” jedhamtu kanatti barnoonni Gooftaa wangeela Mat.6:16-25  irratti argamutu ni barsiifama, ni lallabama, ni hiikamas.

  1. ምኩራብ-Mikuraab:

Bakka sirni waaqeffannaan Waaqayyoo itti raawatamu fi sabni Israa’eel walitti qabaman keessaa inni tokko “Mikuraab” ture. Qulqulluun Yaareed torbee sooma guddaa sadaffaa kan inni “Mikuraab” jechuun moggaasse Gooftaan keenya Mikuraab keessatti argamuun kabaja Mana Kiristaanaa eegsisuu isaanidha. Torbee kana keessatti sagaleen Waaqayyoo dubbifamu jecha faarsaa Daawit 68:9-10 irra jiru “እስመ ቅንዐተ ቤትከ በልዐኒ፤ ትዕይርቶሙ ለእለ ይትዔየሩከ ወድቀ ላዕሌየ፤ ወቀጻእክዋ በጾም ለነፍስየ” (“hinaaffaan mana kee na nyaateera; namoonni na arabsanis arabsoon isaanii naratti kufeera; lubbuukoos sooman nan adabe” jechuudha).

Mana kadhannaa kan taate Mana Kiristaanaa keessatti namoonni hojii foonii, daldaalaas keessati raawwachaa waan turaniif namoota keessatti kana raawwachaa turan hunda qacceen isaan garafee erga isaan arii’een booda bineeldota sanas baaseera (Yoh.2:12). Fakkeenyuma kanaan qaama dhala namaa isa Mana Qulqullummaa Waaqayyoo jedhame kan xurreessu Waaqni akka isa adabu torbeetti baranudha (1Qor.6:16-17)

  1. መጻጉ-Matsaagu:

Torbeen kun Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos hojiiwwan fayyinaa dhibamtoota foonii raajiin, kanneen lubbuu immoo barnootaan fayyinaa Inni raawwate bal’inaan kan itti himamu dha. “Matsaaguu” jechuun dhibamaa, dhukkubsataa jechuu dha. Gooftaan keenya nama ta’uun, foon dhala namaas uffachuun gara addunyaatti dhufee dhibamtoota fayyisuu Isaa kana qulqullichi Yaared “Matsaguu” jechuun moggaasa isaaf kenneera.

Torbee Matsaaguutti kutaalee kitaabotaa dubbifaman keessaa inni guddaan diyaaqoniin sagalee isaa ol kaasun “እግዚአብሔር ይረድኦ ውስተ ዐራተ ሕማሙ፤ ወይመይጥ ሎቱ ኵሎ ምስካቤሁ እም ደዌሁ፤ አንሰ እቤ እግዚኦ ተሣሃለኒ” jechuun erga faarseen booda wangeelli Qulqulluu Yohaanis booqonnaa 5 irra jiru ni dubbifama. Namoonni dhibee fooniinis ta’e dhibee lubbuun qabamuun rakkatan hundi dhiifama Waaqa isaanii akkka argatan abdii kan itti argatanidha.

Walumaagalatti nuti seenaa kana irraa waantota baay’ee ni baranna. Inni jalqabaa nama jaalachuu fi kabajuu dha. Fayyina namaaf jecha gad-of qabuus ni baranna. Jireenyi Kiristaanummaa jireenya jaalalaa, jireenya tokkummaa fi jireenya nageenyaati. Jireenya ofiif qofa jiraatan otoo hin ta’iin fayyina namoota biraafis gad jedhan waan ta’eef nutis ayyaana kana yeroo kabajnu soomas yeroo soomnu kana ilaalcha keesa galchuun ta’uu qaba.

  1. ደብረ ዘይት-Debire Zeyit:

“Debire Zeyiti” kan jedhu jecha Gi’iizii yommuu ta’u hiikkaan isaa Tulluu (Gaara) Zayitaa jechuu dha. Tulluu sana irrattis Ejersi baay’inaan waan argamuuf moggaasa isaas gamuma kanaan argateera. Tulluu Debire Zeyit irratti Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos xumurri addunyaa kanaa maal akka fakkaatu barsiiseera. “Innis Debire Zeyit irra taa’aa osoo jiruu Duukaa buutonni Isaa qofaa Isaatti itti dhiyaatanii: nutti himi kun yoom raawwataa? Mallattoon dhufaatiikee fi kan xumura addunyaa kanaa maalii? jedhani” (Mat 24:3). Xumurri addunyaa kanaa yoom akka ta’ee fi mallattoon isaas maal akka ta’e gaaffii gaafatameef Gooftaan keenya deebii kenneera. Xumurri addunyaa kanaa Waaqayyo qofaa biratti kan beekamtu malee ilma namaaf ammatti akka hinbeekamne hubachiiseera.

Addunyaan Kun Kan Darbitu Yoomii?

Gooftaan keenyaa fi Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa fi sa’aatii dhufaatii Isaa ibsuu caalaa “Kana beekaa; Abbaan manaa yeroo hattuun itti dhuftu osoo beekee  dammaqee yeroo manni isaa qofforamu hin dhiisu ture. Kanaafuu isin immoo qophaa’aa jiraadhaa; ilmi namaa yeroo isin hin beeknetti dhufaati” jechuun hubachiiseera (Maat 24:43-44). Qabeenyaa fi meeshaa mana isaa keessa jiru akka jalaa hin fudhanneef abbaan isaa dammaqinaan akkuma eeggatu, hattuutti kan fakkeeffamu ergamaan du’aa jireenyi amantootaa gaabbiidhaan osoo hin qophaa’iin akka hin fudhatamneef gaabbii fi soomaan, kadhannaa fi sagadaan akkasumas Fooni fi Dhiiga Isaatiin murtaa’anii akka jiraataniif dubbateera. Namoonni bara Nooh turan Waaqayyo yeroo gaabbiidhaaf isaaniif kenne (bara dhibba tokkoof digdama) itti fayyadamuu hinfeene. Inumaayyuu cubbuu kan biraa raawwachuudhaaf yerittii sana qoddachaa turan: waggaa dhibba tokkoof fedhii foonii raawwatanii waggaa digdama haftutti qalbii jijjiirrachuudhaaf osoo karoorfataniis mul’ataniiru. Sababa kanaanis bishaan badisaa akka tasaa samii irraa roobee isaan balleesse. Dheekkamsichi namoota bara Nooh akkuma tasaa isaan argate Ergamaan du’aa akka tasaa akka isin bira akka hin geenye qophaa’aa jiraadhaa jedheera. Maat 24:44

Mallattoon Darbuu Addunyaa Kanaa Maalii?

Gooftaan keenyaa darbuu addunyaa kanaa ilaalchisee gaaffiiwwan Isaaf dhiyaatan keessaa tokko mallattoo dhufaatii Isaati. Gooftaan keenyas dhufaatii Isaa isa lammaffaan dura dhimmoota toorbaa ol kan ta’an mallattoodhaan kan mul’atan ta’uu isaanii ibseera. Isaan keessaas:- ka’uu raajota sobduu, badisaa bakka qulqullaa’aatti mul’achuu, qabbanaa’uu jaalalaa akkasumas waraanaa fi dhagahamuun oduu waraanaa kanneen mallattoodhaaf dhiyaatan keessaa kanneen gurguddoodha.

Lallabaa (Misbaakii) fi Wangeela

Gaafa Debire Zeyitii lallabni lallabamu ‹‹እግዚአብሔርሰ ገሃደ ይመጽእ፤ ወአምላከነሂ ኢያረምም፤ እሳት ይነድድ ቅድሜሁ›› (“Waaqayyo Ifa ta’ee ni dhufa; Waaqni keenya ni dhufa, hin callisus; fuula Isaa duraa abiddi ni boba’a”) Far 49:3 isa jedhudha. Barreeffamni Wangeela Maatiyoos 24 irratti barreeffamee jiru hiikamee barumsi bal’inaan ni kennama.

  1. ገብርኄር-Gebire Heer:

Toorbeen Sooma Guddaa inni jahaffaan “Gebire Heer” kan jedhamudha. Tajaajilaa gaarii ta’e raawwatee Waaqayyo irraa ragaa kan argate hunduu maqaa kanaan waamama. Gooftaan keenyaa fi fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa murtii “Koottaa isin eebbifamtoonni Abbaako: yeroo addunyaan uumamte irraa eegalee Mootummaan isiniif qopheesse dhaalaa” jedhee gara mootummaa Isaatti kan isaan galchu tajaajiltoota amanamoo ta’uu beeksiseera (Mat 25:34). Tajaajiltoota gaarii kanneen jedhaman hojii qajeelummaa amantaadhaan raawwataniini dha. Kana jechuunis “Uumaan keenya akka raawwannuuf kan nu ajaje dalaga qulqullaa’aa dha. Gargaarsaa fi gaarummaa isaatiin hojii kana hojjennee bu’aa irraa arganna, ittis fayyadamna” amantaa jedhuun hojii gaarii hojjetanii kan dhaalanidha. “Tajaajilaa gaarii” jedhamanii Waaqa biratti galateeffamuus ta’e Mootummaa Waaqayyoo dhaaluun gaarummaa Waaqayyootiin qofaa osoo hin ta’iin hojii qajeelaa Kiristaanummaa raawataniini dha.

Raawwii Kiristaanummaa nama Galateeffachiisu

Kiristaanummaan kamiyyu ykn amantaan Kiristaanaa kan ibsamu amanuudhaan qofaa osoo hin taane amanamuudhaan kan ibsamu hojii qajeelummaadhaan ykn ittiin jiraachuu dabalateeti. Amanuun qofaa isaatti nama hin galateeffachiisu. Isumayyuu hojii gaarummaa irraa kan hafe amantaa qofaa qabaachuun homa tokkollee akka hin fayyadne Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii jiru.

Amantaan Kiristaanummaa immoo hojii gaarummaa dabalataan gaafata; amantaan qofti, hojii irraa kan adda ta’e nama kamiinuu Kiristaana hin taasisu. Ajaja fi seera Isaa hunda raawwachuun akka barbaachisu Duukaa bu’ichi “Abboommii Isaa kan raawwattan ta’aa malee ofii of argisiiftanii kan jiraattan qofaa hin ta’iinaa” jechuudhaan yaadachiiseera (Ya’i 1:22). Kana waan ta’eef Mootummaa Waaqayyoo dhaaluudhaaf kan nama geessisuu fi amantaadhaan raawwachuu kan qabu hojii gaarii hojjechuutu barbaachisa. Kanaafidha “Eeyyama Abbaakoo kan raawwatu malee Gooftaakoo Gooftaakoo kan naan jedhu hunduu Mootummaa Waaqayyoo kan dhaalan miti” Mat.7:21 jechuudhaan Gooftaan keenya kan barsiise.

Mootummaa Waaqayyoo Dhaaluu

Kiristaanonni hunduu bu’aa ajjeefamuu isaaniifii kaayyoo uumamuu isaanii kan milkeessan Mootummaa Waaqayyoo dhaalunidha. “Wareegamtoonni mi’aa biyya lafaa dhugumaan tuffatani; dhiiga isaaniis waa’ee Waaqayyoof dhangalaasani, waa’ee Mootummaa Waaqayyoofis du’a hadhaa’aa obsani” jedhamee isaaniif dubbatameera (Galata Maariyaamii guyyaa Kamisaa). Egaan itti seenanii jennaan kan keessaa hin baane, yoo argatan kan hin dhabne gaddi, rakkoo fi duutii fi rakkooleen kana kana fakkaatan kan itti hin beekamne Mootummaan Waaqayyoo kan ati dhaaltu hojii gaarii fi dadhabbiidhaan qofaadha. “Gara Mootummaa Waaqayyoo gidiraa baay’eedhaan galuutu nurraa eegama” kan jedhu jechi Duukaa bu’aa kan nu hubachiisu Mootummaa Waaqayyo­o dhaaluudhaaf raawwii nurraa barbaadamudha. Hoj. 14:21

Lallaba (Misbaakii) fi Wangeela

Guyyaa “Gebire-heer” irratti lallabni lallabamu Faarsaa 39 :8-9 irra kan jirudha. Kunis “ከመ እንግር ፈቃድከ መከርኩ አምላኪየ፤ ወሕግከኒ በማዕከለ ከርሥየ፤ ዜኖኩ ጽድቀከ በማኅበር ዐቢይ፤ Yaa Waaqakoo eeyyamakee raawwachuun jaalladhe; Seerrikees lapheekoo keessadha; Yaa’ii guddaa irrattis gaarummaakeen odeesse” kan jedhu. Yeroo kanatti wangeelli dubbifamu Duukaa bu’ichii fi Wangeellaawwicha qulqulluun Maatiyoos kan barreess Mat 25:14-31 irra kan jirudha.

  1. ኒቆዲሞስ- Niqoodimoos:

Qulqulluun Yaareed guyyoota Soomaa yeroo moggaasu waantota inni ka’umsa taasifate barumsaa fi raajii Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos kanneen hordofaniin ta’uun isaa ifa dha. Fakkeenyaaf Matsaaguu fi Niqoodimoos moggaasonni jedhaman ni eeramu. Matsaaguunis dhukkubsataa jechuu akka ta’e moggaasa torbee afuraffaa ka’umsa taasifannee ilaalleera. Torbeen inni toorbaffaan immoo barsiisaa Ayihuud yommuu ta’u halkan halkan Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos bira dhufuun barachaa kan ture moggaasa Niqoodimoos jedhamuun moggaafameera.

Niqoodimoos qomoo warreen Fariisotaa keessaa yommuu ta’u nama hogganaa Yihuudotaa turedha. Hoogganummaan isaas Barnootaan, Muudamaan fi Abbaa qabeenyummaatiin yommuu ta’u Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoositti nama dhiyaatee baratu ture. Jireenya Niqoodimoos keessatti jabinnii fi amantaan ifa bahanii mul’atan qabeenyota amantaatiini dha. Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa ijoollonni ishee hundi jabina isaanii jireenya isaanii hundaan akka mul’ataniif ni barsiifti.

Niqoodimoos barnoota barateen, qabeenyaa walitti-qabatee fi Aangoo qabuun hoogganaa Yihuudotaa yoo ta’eyyuu waan hundumaatiin olitti waan isa barbaachisu argachuudhaaf gara Gooftaa keenya Iyyeesuus Kiristoositti yeroo hunda nama deddeebi’u ture. Niqoodimoos nama waan hunda qabu fakkaatus qabeenyaa ishee guddoo garuu hin qabu ture. Qabeenyittiin kunis kennaa mucummaa kan kennisiiftu Cuuphaadha.  Gooftaan keenyaa fi qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos “Namni biyya lafaa kana hundaa osoo buufatee lubbuu isaas osoo hir’isee maal isa fayyadaa?” (Maat. 16:26) jechuudhaan akkuma barsiise lubbuu isaatiin akka hin miidhamne jireenya baraa baraa kan kennisiiftu cuuphaa Kiristaanummaa nama hawwudha. Qabeenya horateen, aangoo qabateen, barnoota barateen qofaa irratti hundaa’uun gammachuu itti dhagahamee kan jiraatu akka hin taane nama qabatamaadhaan argisiisedha. Keessumaayyuu qabeenyaan gara Mootummaa Waaqayyootti kan nama galchitu mucummaa fi maqaa Kiristaanummaa kan namaaf kennisiiftu Cuuphaa baay’isee kan barbaadu ta’eera. Kanas ifatti addunyaa Qulqulluun Phaawuloos “Yaa obboloottan koo ani ammayyu akkan hin qabaanneetti lakkaa’a; garuu waan tokko nan raawwadha: isa booddeekoo jiru hirraanfachaa isa fuuldurako jiru qabachuudhaaf nan diriirsa” Filp 3:13 jechuudhaan kan dubbate fi nama kam irraayyuu kam eegamu barbaacha dha.

Jabina Jireenya Niqoodimoos

Nuffii fi dadhabbii tokko malee halkan halkan Gooftaa keenya bira deemuudhaan barnoota wangeelaa kan baratu Niqoodimoos guyyaa guyyaa ummata Isiraa’eliin walitti qabee kan barsiisuu qabeenyaa isaas kan bulchudha. Inumaayyuu kanneen biro barsiisuudhaan qabeenyaa fi maatii isaa bulchuu guyyoota yoo dabarseyyuu dadhabbii isaa obsee firii jireenya isaa gara taateetti gara Gooftaa keenyaatti adeemuu akka addaan hin kunne hubanna. Niqoodimoos gara Gooftaa keenyaatti osoo addaan hin kutiin deddeebi’uu isaatiin qofa kan ibsamu miti: kanaan olitti waanta dhokataa (fagoo) ta’e Cuuphaa fi qabeenyaa Cuuphaatiin argamu ifa isaaf ta’ee hanga hubatutti jabatee barachuu isaatiin malee. Jabina isaa kanaanis miseensa Mana Kiristaanaa, qaama Kiristoos ta’uudhaan jireenya baraa baraa argachuu irra gaheera. Gooftaan keenya qulqulluu Wangeelaa irratti waa’ee barbaachisummaa jabaachuu deddeebisee barsiiseera. Luq 18:1, Mat 26:38, Mar 13:33. Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa jecha Gooftaa keenyaa qabattee ijoolleen ishee hojii gaariidhaan jabaatanii akka jiraataniif ni gorsiti. Hoj. 20:3, Room 12:3.

Amantaa Jireenya Niqoodimoos

Amala Waaqummaa Kiristoositti amanuu isaa ilaalchisee Niqoodimoos dhugaa bahumsa isaa kenneera. Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos biratti dhiyaatee “Yaa barsiisaa barsiisuudhaaf  Waaqayyo biraa akka dhufte ni beekna” Yoh 3:2 jechuun ibseera.

Wangeelaa fi Lallaba

Sanabata Gaafa Niqoodimoos lallabni lallabamu “ሐወጽከኒ ሌሊተ ወፈተንኮ ለልብየ፤ አመከርከኒ ወኢተረክበ ዓመፃ በላዕሌየ፤ ከመ ኢይንብብ አፉየ ግብረ ዕጓለ እመ ሕያው፤ Halkaniinis na daawwatte, lapheekos na qorte; hammeenyis narratti hin argamne; hojii namaas afaanko akka hin dubbanne” Far 16:3-4 kan jedhudha. Wangeelli dubbifamus Yoh. 3:1-12 dha.

  1. ሆሳዕና-Hosaa’inaa:

“Ati yaa mucaa Tsiyoon gammadi, Ati Yaa mucaa Iyyerusaalem Ilil jedhi, Kunoo mootiinkee fayyisaadha. Gad of-qabaas ta’ee harredhaan, ilmoo harrittiidhaanis bukurittii irra taa’ee gara keetti ni dhufa…” jedhamee raajiin dubbatame mootiin raajotaa Iyyessuus Kiristoos Beete Faageetii Gara Iyyeruusaalemitti guyyaa itti deemetti (Bitootessa gaafa guyyaa 22 bara 33) xumura isaa argateera.

Hosaa’inaa jechuun “amma fayyisi” jechuudha. Fayyisuun amalakee kan ta’e Qorichi Iyyesuus Kiristoos koottuuti nu fayyisi jedhanii ijoolleen Addaam hunduu kadhannaa isaan kadhatan agarsiisa. Bara durii sana fardeewwaan irra kan taa’uu suksukee kan deemuu waraanaa dha; harree irraa ta’ee deemuu isaatiin Waaqni keenya Waaqa nageenyaa addunyaa fi Addaamiin fayyisuuf mul’ate ta’uu Isaa misiraachoo himeera.

Gaafa guyyaa Hosaa’inaa daa’immaan harma haadha isaanii hodhan osoo hin hafiin gad jedhanii dugda Harree irra ta’ee gara Iyyerusaalem Isa seena ture sana Gooftaa galateeffataniiru. Kanas waggaa kuma tokkoon dura qulqulluun Daawit “Afaan Daa’imman fi ijoollota harma hodhan irraa galata ofii  qopheessite” jechuudhaan bu’uruma raajii dubbateen kan raawatedha. Daa’imman haa turuutii afaan kanneen hin qabne dhagaawwan Bitaaniyaas “maqaa Waaqayyootiin kan dhufu Ilma Daawit Iyyesuus Kiristoos Waaqa eebbifamaa dha” jechaa galateefataniiru. Far. 8:2-3

Misbaakii fi Wangeela Hosaa’inaa

Misbaakiin guyyaa kanaa isa Faar. 146: 12-13 irra jiru dha: “ትሴብሖ ኢየሩሳሌም ለእግዚእብሔር፤ ወሰብሒዮ ለአምላክኪ ጽዮን፤ እስመ አጽንዐ መናሥግተ ኆኃትኪ፤ Yaa Iyyerusaalem Waaqayyoon galateeffadhu; Tsiyoonis Waaqakeetiif ilil jedhi; cufata balbalakee siif cimseeraati” kan jedhu dha. Wangeelli Isaas keessumaayyuu Maat 21.1-16 irratti argamu dha.

Sooma, Kadhaa fi Jireenya Gaabbii

Lammessaa Guuttataa

Yeroon amma nuti keessa jirru kun Sooma Gooftaan keenya fayyisaan keenyaa fi qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos soome kan itti soomnu dha. Soomichi kan suga, jaalalaa, qorichaa fi sooma jireenyaa ti. Soomichis Sooma Iyyesuus, Sooma Guddichaa, Sooma Hudaadee jedhamee waamama. Soomni, Kadhaa fi Jireenyi gaabbii kan adda adda hin baane bu’ura jireenya Kiristaanummaa ti. Soomni Amantaan fi hojii gaarummaan jabaatanii dhaabbachuuf, yaada hamaa irraa of eeguuf, firii gaarii kennuuf ni gargaara. Soomni Qormaata fedhii foonii dhandhamachuuf, hawwii addunyaa fi hojii ishee jibbuun firii Afuuraa kennuuf, hojii fooniirraa of eeguuf, Mootummaa Waaqayyoo dhaaluuf, Eegumsa Isaas argachhuf nu gargaara. Walumaagalatti Soomni bu’uraa fi jalqabbii hojiiwwan gaarii fi afuuraa ti. Foon keenya lubbuu keenyaaf bichisiisuuf, jireenya afuuraa fi tajaajilaan cimuun Waaqayyoof bitamuuf sirriitti nu gargaara.

Nyaachuuf dhuguun kan fayyadu foon qofaaf dha: garmalee foon jajjabeessa, afuuras ni dadhabsa; cubbuu, yakkaa fi hammeenya ammoo raawwachiisa. Yaada, fedhii fi hawwii addunyaa fi fooniitiif nama bichisisa. Nyaata fi dhugaatiin fedhiin foonii lubbuu keenya irratti akka aanga’uuf taasisa. Soomiin garuu kana hunda irraa nu tiksa. Soomiin hojii gaariif nu tattafachiisaa. Baay’isanii nyaachuu fi dhuguun fedha fooniif nama kakaasa. Inni kun immoo amalaa Ergamumma ilma namaa kan ta’e jireenyi qulqullumma (afuura’oon) akka xuraa’u ni taasisa. Kiristaanni jireenya isaa soomiin, kadhaa fi gaabbiin kan gaggeessu, nama afuura’oo ta’u qaba .Room7:1

Jireenyi soomaa, kadhaa fi gaabbii amala ilma namaa isa biyya lafaa gara amala afuuraa (ergamummaatti) kan jijjiiru dha; jireenya qulqullummaattis nama geessisa; jireenya  afuurawootiif tattaafachiisa, ni cimsas. Dabalatas jireenya qalbeeffannaa nama gonfachiisa; tokkummaa qulqulloota ergamootaattis nama ida’a.

Soomni maali? Soomii jechuun dhiisuu, dhorkamuu fi of dhorku jechuu dha. Kana irratti hundaa’uun soomni soorata foon keenya cubbuudhaaf kan nama kakaasan, gara cubbuuttis kan dhiiban irraa of-qusachuu dha. “Soomuu” jechuunis jireenya afuurummaa fi Kiristaanummaa kan dadhabsiisu firiin foonii akka daraaru kan taasisu  irraa of dhurkuun, gochoota fooni fi lubbuu afuuraa fi jireenya Waaqayyoof bichisiisu danda’an raawwachuu, hojjachuu jechuu dha. Kara birootiin soomii jechuun of-bittuu, cubbuu irra of-eeguu, of-to’achuu, gaabbii galuun cubbuurraa dhiqachuu, gara Waaqayyootti dhiyachuu, dhiifama Isaa argachuuf kasoominaan Isatti deebi’uu jechuu dha.

Cubbuu raawwachuun Waaqayyoo irra fagachuu fi du’uu dha. Soomii, kadhaa fi gabbiin garuu gara Waaqayyootti nama dhiyeessu. Soomiin gochawwan afuura’oo dirqamaa fi qabsuura Kiristaanota keessaa isa tokko dha. Foon akka mo’amu ni taasisa; foonis afuuraf bichisisa. Firii afuura akka buusnu nu taasisa. Kiristanni kammiyyuu jireenya isaa jireenya soomiin, kadhaa fi gabbiin adeemsisuuf dirqama qaba. Jireenya soomii, kadhaa fi gabbiin malee jireenya Kiristanumma gaarii jirachuun, nama afuura’oo ta’un, hojii amantii hojjechuun, amantaan cimuun, suga Afuura Qulqulluu argachuun hin danda’amu. Bu’aa soomii argamsisuuf gabbii galuun, firii afuraa’oo raawwachuun, subaa’ee qabachuun, qanoonaa fudhachuun Kiristaanota hundarraa kan eegamu dha. Walumaagalatti soomiin fooniifis ta’e afuuraf gaariidha. Namni qulqulloota Ergamoota fakkaatee akka jiraatuu isa taasisa. Soomnee nageenya, jaalala, eebba, tokkumma fi nageenya biyyaaf akka gumaachinu eeyyama qulqulluu Waaqa keenyaa nuuf ha ta’u; ameen.

Sooma fi Sirna Mana Kiristaanaa

Lammessa Guuttataa

Hundeen (burqaan) seera soomaa Waaqayyodha. Manni Kiristaanaa immoo mana Waaqayyooti.Waan ta’eefis gabaabummatti seera soomaa, kadhannaa, gaabbii yeroo jennu seera Waaqayyoo ajaja Waaqayyoo, danbii Waaqayyoo, abboommii Waaqayyoo jechuu keenyadha.Waaqni maaliif seera, ajaja, aboommii nuuf kenna yeroo jennu akka jalaa hin miidhamneef   lubbuunis ta’e fooniin akka jalaa hin benneef  jennee fudhachuu ni dandeenya.  Seerrii Waaqayyoo, ajajni Isaas hundee fayyinaa, nageenya, jireenya fi qulqullummaati. Kanaafidha Qulqullichi Daawit “Seerri kee miilla koof ifadha” jechuun kan inni ibseef (Faar.118:105). Manni Kiristaanaa hundee (madda fi burqaa) seeraati; hundeen ishee immoo Waaqadha. Manni Kiristaanaa hundee jireenya fayyinaa fi qulqullummaa waan taateef namoota gara daandii fayyinaa, jireenya tokkummaa fi qulqullummaatti kan geesitudha.

Mootummaan maaliif seera,ajaja,daanbii ittiin bulmaata biyya fi uummata isaaf baasa? Maalif kenna? yeroo jennu, nageenya tasgabbii tokkummaa lammillee isaa eeguf jecha, lammiillee isa yaaddoo fi sodaa  foonii  irraa eeguf jecha, lammillee jidduuti jaalala tokkummaa nageenya wal-gargaarruu,wal-danda’uu, walii galuu eegsisuuf ta’uun ifadha. Mootummaan garu lafaa (dachee) lammiilee isaaf dhimma fooniif qofa yaada; waa’ee lubbuu yaaduu hin dandaa’u; kuni gahee Mana Kiristaanaatihoo.

Waaqni garuu Waaqa jaalalaa, kan dhiifama, tokkummaa, nageenya fi Qulqullummaa waan ta’eef, Waaqa fooniif kan lubbuus waan ta’eef, fayyina keenya malee rakkachuu keenya waan hin barbaannef luubu fi foon keenyaaf ni yaada. Waan ta’eefis wantoota lubbuu keenyas ta’e foon keenya miidhu dandaa’an irraa akka of eegnuf wantoota lubbuu keenyaafis ta’e foon keenyaaf fayyadan akka raawwannu nu ajaja. Wantoota nu fayyadan keessa fi akka raawwannu ajajamne keessaa kennaawwan afuuras kan ta’an keessaa, dirqamoota afuuraa keessaa inni tokko soomadha.

Uummanni fi namni seera hin qabne kamiyyuu seera dhabbeessa ta’a; seeraan alas ta’a. Amantaa, mul’ata, kaayyoo, karoora, abdii hin qabu. Ka’umsa fi bakka gahumsa isaas hin beeku. Maaliif akka jiraatu akkamiinis akka jiraatu hin beeku. Biyya seerri keessa hin jirre keessatti nageenyi, jaalalli, tasgabbiin, naamusni hin jiru. Wal-kabajuun, wal-dhageeffachuun hin jiru; lammiileenis qajeelcha jireenyaa hin qaban. Namni raawwi dirqamoota jireenya Kiristaanummaa (soomafa’a) irraas adda bahe akkasumadha. Jireenya hin qabu, tasgabbiis hin qabu, obsa,qulqullummaas hin qabu. Jireenya eebba irraas fagaatee jiraata. Tasgabbii fi obsas hin qabu. Waaqni jaalala Isaa akka nuuf kennuf,jireenyas akka argannuf,du’a jalaas akka baanufis ta’e bilissummaan akka jiraanuf jecha seera,ajaja, abboommii,sirna Isaa nuuf kennera.

Yeroon (ji’oonni lameen) amma keessa jirru kun yeroo sooma Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos yaadachaa jirrudha. Inni  fakkeenya nuuf ta’uuf jecha, barnoota nuuf kennuuf jecha, nuufis jireenya, fayyina, qulqullummaa nuuf ta’uuf jecha nama ta’e; foon keenyas uffate, Giiftii keenya dubree Qulqulleetti Maariyaam irraas dhalate; nama ta’uun dallaa loonii keessatti dhalate, ni cuuphame, gadaama Qoronxoosis deemee ni soome, foon namaa uffateenis ni kadhates. Sooma, kadhannaa, jireenya gadaamis eebisee qulqulleessuun nuuf kennuuf jecha kana raawwate malee wantonni kunneen Isaaf kanneen barbaachisan ta’anii waan argamaniif miti. Inni Waaqa Qulqulluu, Waaqa jaalalaa,Waaqa dhiifamaati.

Gaggeessaan lammii isaaf fakkeenya ta’uu qaba.Wanta dubbatu inni duraan dursee raawwachuu qaba. Gooftaan keenya kanaafidha kanneen hundaa kan raawwatef. Abbootiin har’a jirru, lubooni, tajaajiltooni hundi keenya lammiilee tajaajillu hundaaf fakkeenya ta’uun tajaajiluu qabna. Kun immoo wanta dubbannu hojjiin raawwane argisiisu irraa eegala.

Uummataaf jaalala,tokkummaa, dhiifama barsiifnee nuti garuu otoo hin ta’iin yoo argamne baay’ee nama qaanessa. Yeroo Kiristaanonni gara sirna kadhannaa qidaassee adeeman,yeroo gara Mana Kiristaanaa adeeman nuti garuu kaaffee keessa kan teenyu yoo ta’e of ilaluun gaariidha.Yeroo uumanni dadhabdoota gargaaru,yeroo bakka qubannaa (mana jireenya) ijaaru nuti garuu kan keessa hin jirre (irratti hin hirmaanne) yoo ta’e of ilaalun gaariidha. Fakkeenyummaa keenyan gaafii keessa kan galchu waan ta’eef jechuudha. Kanneen amananiifis gufuu ta’a.

Jireenya Goofta keenya irraa namoota barsiifnuuf karaa hundaa fakeenya ta’uu akka qabnu irraa baranna. Kitaabni Qulqulluun kana yeroo ibsu “Hordooftoota keef fakkeenya ta’i” jechuun ibsa (1Pheex.4:11). Karaa biraas “Jireenyaanis, jaalalaanis amantaanis qulqullummaanis kanneen amananiif fakkeenya ta’i” jechuun ibsa.

Faayidaa Soomaa

Soomni seera, ajaja, abboomii, fedha, eeyyama Waaqayyoo raawwachuuf, Isaaf bitamuuf, qormaata irraa of eeguf, addunyaa keessaa bahuuf, hojjii qulqullummaa   raawwachuuf, amantaan, naamusaan, qulqullummaan, tajaajilaan, jireenya afuurummaan cimnee dhaabachuuf  ni fayyada.

Soomuu dhiisuun nama foonii (addunyaa) nama taasisa. Fedha fooniif, yaada xuraa’aaf, hawwii addunyaaf akka bitamnu nu taasisa. Kanaafis soomuun kallattiilee hundaanuu gaariidha; dirqama Kiristaanumaatis. Rom.12:14; 1Qor.6:12-13; Yoh.6:7.

Namni yeroo seera soomaan of bichisiise jireenya (lubbuu) isaa kadhannaa, gaabbiin yeroo gaggeesutti yeroo gara Waaqayyootti adeemuuf tataafattutti obsi, tasgabbiin, nageenyi, boqonnaan lubbuu isa ni barbaachisa. Soomni jireenya foonis ta’e lubbuuf ni barbaachisa, ni fayyadas.Soomni amaloota fedha fi hawwii foonii irratti ol aantummaa gonfachuuf ni fayyada. Qormaata keessa injifannoon darbuuf, yaada diinaa (foonii) moo’achuuf ni gargaara. Afuura foonii, cubbuu,xuraa’ummaa,shakkii moo’achuuf ni fayyada. Amamntaa ni cimsa; Waaqa waliinis tokko ni taasisa.1Qor.7:7, 8:8.

Gosoota Sooma

Akkaataa seera Mana Kiristaanaa keenyaan soomni sooma dhuunfa fi gamtaa jedhamuun bakka lamatti qoodama.

  1. Sooma dhuunfaa

Kun Kiristaanni tokko abbaa lubbuu (luba) isaa waliin marii’achuun  waa’ee dhimma cubbuu raawwateef, balleessaa, badii isaaf jecha Waaqa irraa dhiifama, araara, arjummaa argachuuf jecha, cubbuu irraa dhiqamuuf, aaraa galfii lubbuu argachuuf jecha kan soomudha. Soomni kun sooma dhiifamaa, sooma qulqullummaaf jecha kan raawatamudha. Otoo qaamni biraa soomu keenya hin beekiin kan raawwatamudha. Gabaabumatti soomni kun sooma dhimma (sababa) waa’ee balleessaa, cubbuu fi xuraa’ummaa keenyaaf jecha Waaqni dhiifama akka nuuf kennuf jecha dhiifamaan, araaraan fi arjummaan akka nutti deebi’uuf kan raawwanudha.

  1. Sooma Gamtaa (tokkumaa)

Soomni gamtaa sooma tokkumaati. Sooma Kiristaanota hundaa ilaalattudha. Namni gaafaa guyyaa 40 fi 80 tti cuuphamee miseensa Mana Kiristaanaa ta’e, namni aangoo mucummaa Sillaasee argate kamiyyuu, kan umriin isaa waggaa 7 ol ta’e hundi  rakkoo fi dhibee humnaan ol ta’een kan dhibame yoo ta’e malee soomota tokkummaa kanneen soomuu qaba. Walumaagalatti akkaataa seera Mana Kiristaanaa keenyaan sooma gamtaa (tokkummaa) jedhamuun kanneen beekaman bakka 7 tti qoodamu. Isaanis :-

  1. Soomaa Gooftaa (Hudaadee, Sooma Guddicha)
  2. Sooma duukaa bu’ootaa
  3. Sooma Gannaa (Sooma Raajotaa)
  4. Sooma Filsetaa (Sooma Maariyaam)
  5. Sooma Gahaad (guyyaa jala-bultii Cuuphaa kan soomamu)
  6. Sooma Nanawwee fi
  7. Sooma Fayyinaa (sooma Roobii fi Jimaataa)

Kiristaanni hundi soomota kanneen tokkummaan, jaalalan, gaabbi galuun, cubbuu keenya irraas deebi’uun soomuu qabu. Gaabbii galuun qalbiis jijjiirachuun soomnee fooniis ta’e lubbuun akka fayyadamnuuf fedha fi eeyama Waaqayyoo nuuf haa ta’u, amen.

Tajaajila Afuuraa, Duuka-bu’ummaa fi Qormaata isaa

 Lammessaa Guuttataa

Jireenyi Kiristaanumaa jireenya qulqullummaatti. Qulqullummaan isaan kan argamu immoo inni tokko karaa tajaajila afuuraatti. Dhalli namaa keessumaa Kiristaanni kan inni uumame qulqullummaa isaa eegun hojii fayyinaa kan jireenya fi qulqullummaa raawwachuun Waaqayyoonis tajaajiluun cubbuu irraas of eegun Mootummaa Waaqayyoo dhaale jireenya barabaraa akka argatuufidha. Tajaajilli afuuraa cubbuu irraa of eeguf, hojii fayyinaa jireenya fi qulqullummaa raawwachuun Mootumaa Waaqayyoo dhaalle jireenya barabaraa argachuuf ni fayyada. Kana malees haala jiruu fi jireenya keenya akkaata sagalee, seeraa, ajaja, abboomii fi fedha Waaqayyootti gaggeessuf ni fayyada. Tajaajila afuuraa yeroo jennu daandii fayyinaa kan jireenya fi qulqullummaatti jechuudha. Waaqa waliin tokko ta’uuf gara isaatti dhiyaachuf,jireenya Kiristaanummaan, sooman, kadhannaa fi sagadaan cimnee dhaabbachuuf ni fayyada.

Jireenyi tajaajillmmaa fi duuka bu’ummaa jireenya qormaata adda addaan guutamedha. Qulqulluun Phaawuloos kana yeroo ibsu akkana jedha:

 “Dadhabbiin baay’isee, reebamuun baay’isee, hidhamuun   du’aaf yeroo hedduun ta’e, Ayhuud yeroo tokko hir’atu reebicha afurtama yeroo shan na reeban. Yeroo sadiin uleen reebame, yeroo tokko dhagaan na dhahan, dooniin koo yeroo sadii na jalaa cabe, guyyaa fi halkan galaana keessan ture, yeroo hedduus daandii irran deeme, karaa galaanan soda, karaa hattootaan sodaa,karaa sanyii koos sodaa, karaa warreen hin amannees sodaa,karaa magaalas sodaa,karaa daandiis sodaa, karaa obboloota sobduus sodaan narra turre; dadhabbii fi dadhabbiin yeroo hundaas ciisicha dhabuun, beelaa fi dheebbuudhaan yeroo hedduus soomaan, qorra fi  qullaa ta’uun, kanneen hunda hafan otoo hin lakkaa’iin guyyaa guyyaan kan na yaaddessuu waa’ee dhimma Manneen Kiristaanootatti” jechuun ni ibsa. 2Qor.11:22-29.

Jechi kun kan nu hubachiisu jireenyi Kiristaanummaa afuuraa fi tajaajilli dadhabbii, qormaata fi bu’aa bahii hedduu akka qabaatu, nutis otoo hin laafiin/hin dadhabiin, amantaa keenya irraas gara boodatti otoo hin deebi’iin hanga dhumaatti cimnee dhaabbachuu akka qabnu dha. Kanaafidha Goftaan keenya “Hanga dhumaatti cimee kan dhaabbate ni fayya” kan jedhe (Maat.10:22).

Jireenyi tajaajilummaa afuuraas ta’e Kiristaannummaa jireenya bu’aa bahii, qormaata fi dadhabbii adda addaan guutamedha. Jireenya fedha foonii (addunyaa) raawwachaa jirannuu otoo hin ta’iin soomaan, gaddaan, qormaata adda addaan guutameen kan jiraannudha. Dhumni isaa immoo gammachuu fi jireenya barabaraati. Jireenyi Kiristaanummaa fi tajaajilli afuuraa jireenya qulqulloota ittiin fakkaannu keessa isa tokkodha. Kunis jireenya qormaata fi bu’aa bahii akkasumas dadhabbii hedduun guutameen kan ibsamudha.

Qormaanni jireenya Kiristaanummaa keenya ni cimsa, ni jaabbessa, akka jireenya soomaan, kadhannaa fi gaabbiin cimnee dhaabbannu nu taasisa. Yeroo hundaas gara Mana Waaqayyootti akka deddeebinu, haala jiruu fi jireenya keenyas akkaata sagalee Waaqayyoon akka gaggeessinu kan nu taasisudha.

Qormaanni karaa amantaa, soomaa, kadhannaa, gaabbiin, tajaajila fi duuka bu’ummaan nutti dhufu nu cimsa; amantaan akka dhaabbanus nu taasisa. Qormaata kana ala fayyinni waan hin jirreef jechuudha. Gooftaan keenya yeroo fooniin addunyaa kanarra dedeebi’aa turetti foon uffachuu Isaan nama ta’uu Isaan kana malee nuuf fakkeenya nuf ta’uuf jecha qorameera.

Qulqulloonni fi duuka bu’oonni Isaas fakkeenyummaa Isaa erga hubatanii booda qormaata hedduu keessa darbaniiru. Qulqulluun Phaawuloos kana yeroo ibsu: “Ani Kiristoosin akkuman fakkaadhuu isinnis anaan fakkaadha” jechuun ibseera 1Qor.11:1. Jireenyi Kiristaannummaa fi tajaajilli afuuraa jireenya fedha foonii raawwachuun ittiin jiraannu miti. Hojjii jireenya fayyinnaa fi qulqullummaa ittiin raawwachun qormaatas ittiin fudhachuun kan ittiin jiraanudha. Kanaafidha  Kitaabni Qulqulluun “Waa’ee isaas qormaata akka ittiin fudhannuf  malee Isatti qofaa amanuuf hin waamamne” jechuun kan inni ibsuuf. Filip.1:29

Waluumaa galatti tajaajiluun dirqama keenyadha. Tajaajilummaan daandii sagalee Waaqayyoo ittiin baay’isnu, kan ittiin babal’isnu, karaa namoonni gara Mana Kiristaana dhufan, sagalee Waaqayyoo barachuun jireenya fayyinaa qulqullummaa fi gaarummaa ta’e jiraachuun mootummaa Waaqayyoof akka qophaa’an kan ittiin taasisnudha.

Yeroo tajaajillu immoo qormaanni karaa adda addaa, sababa adda addaaf nu mudachuu danda’a. Tajaajila irratti qormaanni qaama tajaajila keenya isa tokko ta’uu isaa hubachuun ottoo abdii hin kutiin Waaqayyoon abdachaa amantaan, jireenya afuurummaan, soomaa fi kadhaannaan cimuun tajaajila keenyatti itti-fufuu qabna. Yoo sana ta’e ni fayyina; kanneen biroos akka fayyaniif ni gargaarra. Tajaajila keenyatti cimnee dhaabbannee, hojii gaariis hojjennee mootummaa Waaqayyoo akka dhaallu Inni nu haa gargaaru; ameen.