Keessummaa Qaanaa

Wiirtuu Finoota Salaamiin    

“Tajaajila irratti yommuun hirmaadhu sammuun koo inni dadhabe ni haaromfama”.

Bara 2009 Yunivarsiitii adda addaa keessatti barachaa turaniifi eebbifaman keessaa baay’een isaanii qabxii ol’aanaa fiduun meedaaliyaa waancaa akka badhaafaman taa’anii jiru.Waancaa fi meedaaliyaa argatan barnoota baruumsa Mana Kiristaanaa isaan barsiisaa ture Waldaa Qulqullotaaf kennaadhan gumaachun firii isaa agarsiiseera.

Barattoota kanneen keessaa yunvarsiitii Dabra Maariqoos kaampaasii buree koollajjii   qonnaatti kutaa baruumsa misooma bosonaa/forestry/tti barattuu kan turte Asaayyech Aggidaw ishee tokko turte.

Barattuun Asaayech Aggidew bara 2009 yunvarsiitii Dabra Maariqoos irraa qabxii 3.85 fiduudhaan dubartoota keessaa tokkoffaa ta’uun badhaasaa waancaa argattee jirti.Waancaa argatteefis ka ana gargaare Waaqayyo jechuun Waldaa Qulqullootaa, Wiirtuu Finoota i gumaachitee jirti.

Read more