Kiristoos qoqqoodamee jiraayii?

Kutaa Lama

Afaan oromootti kan hiike Taddalaa

Waa’ee kabaja ilmaan namootaa barnoonni Mana Kiristaanaa Ortoodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa maal jedhaa?

Amaloomni uumamaa ilma namaa tokko akkuma ta’e, kabajni isaas ilmaan namootaa hunduma biratti tokko dha. Wal-qixxummaa fi obbolummaan kabaja amala wal fakkaataa kanaati malee kennaa /badhaasa (arjoomina) yookiin argannoo yookiin hayyama qaamolee siyaasaa miti.

Yaadoliin armaan dura kaasne falaasama “istook” keessatti osoo hin hafne kan ka’u ta’us, bocaa fi hiikkaa, bu’uura, daandii ciminaa isaan dhugaa kan kenne garuu Kiristaanummaa dha.

Dhugumaan Duuka Bu’ichi akkuma jedhe ilmaan namaa kan wal caalan yoo ta’e, kennaa Waaqayyoon isaaniif kennuudhaani. Sababni isaas kennaa adda addaa dha. “Hammuma

Waaqayyoon kennaa nuuf kenne kennaawwan gara garaa qabna” akkuma jedhu. Afuurri garuu, tokko dha. Tajaajilli isaa garuu, gara gara dha. Gooftaanis tokko dha. Halli hojii isaa gara garaa dha. Waaqayyoon waan hundumaa hundumaaf raawwatu garuu tokko dha. “… qaamni tokko akkuma kutaawwan qaamaa hedduu qabu garuu, kutaawwan qaamaa hedduun kunniin qaama tokko akkuma ta’an Kiristoosis akkasuma. Ayihuudis yoo taane, nama Giriikiis yoo taane, gabrootas yoo taane, naamusa qabeessas yoo taane hundumti keenya Afuura tokkoon, qaama tokko akka taanuuf cuuphamnee jirraatii hundumti keenya Afuura tokkicha sana dhuugnee (goonfannee) jirra.” Qor. 1ffaa 11:17-32

Ilmaan namootaa maqaa Kiristaanummaa fi qabeenya ilmummaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin Kiristaanonni qaban abbaa tokko Waaqayyo Abbaa, Gooftaa tokko qoricha keenya Iyyasuus Kiristoos, Afuura jiraataa tokko Afuura Qulqulluu, abdii tokko innis jireenya bara baraa qabu. Inni kun nama ta’uudhaan qoqqoodamee hin beeku. Iddoo jireenyaa tokko isheenis waaqeffannaa kan itti raawwatan Mana Kiristaanaa Qulqulleettii qabu.

Itti fufa 

Kiristoos qoqqoodamee jiraayii?

Kutaa tokko

Afaan oromootti kan hiike Taddalaa

Addunyaan keessa jiraannu komii (wantoota garaa nama hanqatan) fi walitti bu’iinsaan kan guutamtee dha. Qorannoowwan akka mirkaneessanitti walakkaan uummata addunyaa iddoowwan walitti bu’iinsaa keessa kan jiraatanii dha. Amma amma walitti bu’iinsi kun babal’atee yeeroo wayii tokkotti biyyoota tasgabbaa’oo kan jedhaman kan akka biyyoota lixa Awrooppaa osoo hin hafne walitti bu’iinsaaf saaxilamaa dhufaa jiru.

Sababoonni walitti bu’iinsi itti ka’an hedduun jiraachuu danda’u. Fakkeenyaaf jarraa 20ffaa qofa yoo ilaalle biyya tokko keessatti sababoota walitti bu’iinsi itti eegaluu fi dhumni isaas barbadaa’insa kan itti fidu keessaa inni tokko rakkoo sababa sanyummaatiin uumamu dha. Ta’us, yaadolii bu’uuraa; (sanyiin maali? Ilmaan namaa sababa sanyii kamiif wal-lolu? Maalif walitti bu’iinsa hamaadhaaf saaxilamu? Gama barnoota Kiristaanummaatiin akkamitti ilaalamaa?) jedhan ilaaluutu nurra jiraata.

   Komiiwwan hawaasaa fi walitti bu’iinsa ilaalchisee dhugaawwan xiyyeeffannoo barbaadan lamatu jiru. Inni jalqabaa walitti bu’iinsawwan biyyoota guddachaa jiran keessatti ka’aniin uummanni walakkaan kan du’aaf saaxilaman maddi isaa sababa sanyii irraa kan ka’anii dha. Sababni waraana addunyaa lammaffaa Adoolf Hiitlar “sanyiin/qoomoon koo sanyii namaa hundumaa olii dha”; “sanyiin Jarmanootaa aduudhaa gaditti sanyii filatamaa dha” kan jedhuu dha.  Waraana addunyaa lammaffaa booda biyyoota 22 keessatti walitti bu’iinsawwan uumaman jiru ture. Walitti bu’iinsawwan kanneeniin ilmaan namootaa du’an miliyoona 3-8 akka gahu qorannoowwan mirkaneessanii jiru. Badiiwwan kanneen dibbeewwan injifannoo itti rukkutamaniin, kan namoota hedduu hirmaachisaniin qaqqaban immoo namoota kanaa olii galaafataniiru. Wal-waraansa sanyii irratti bu’uureffatanii biyyoota giddutti gaggeeffaman keessatti uummanni gara miliyoona 25tti dhiyaatan kallattiidhaan du’aaf saaxilamanii jiru.

Sanyiin maali?

Akkaataa kuusaa jechoota (hiikkaa) Alaqaa Kidaanawaldi Kifleetiin sanyii jechuun firii xinnoo biqiltu jechuu dha. Sanyii namaa immoo gosa, qomoo, dhaloota jechuudhaan hiika. Addunyaa ammayyaawaa keessatti jechi sanyii jedhu dur irraa eegalee kan ture ta’us, akka qorannoo afaanii Awrooppaanotaatiin jalqaba kan argame (kan fayyadaman) jaarraa 16ffaa keessa dha. Jaarraa 17ffaa keessa qorattoonni Faransaayi sanyii maatii ibsuuf itti fayyadamanii jiru. Jarmanoonni jechicha jaarraa 18ffaa keessa namoota bifa gogaa isaaniitiin fi boca qaama isaaniitiin ilmaan namoota gara garaa ibsuuf itti fayyadamanii jiru. Qorataan inni biraa immoo sanyii adii, keelloo, gurraachaa fi diimaa jechuudhaan bifa gogaa namaa gargar baasuuf fayyadamee jira. Amma amma immoo afaan iddoo isaa malee seenee sanyii ibsuuf hojii irra oolee sodaa balaa gargar ba’uu fi addaan bittinnaa’uu yoo ta’u ni argina.

Sanyummaan maali?

Sanyummaan ilmaan namootaa kan gargar qoodu; kan sadarkaa kennuu fi garee “isaan” jedhuun kan qoqqoodu dha. Haaluma kana hordofuudhaan caba hawaasaa ilmaan namootaa gara jibbiinsa walxaxaa fi itti fufiinsa qabuutti kan galchuu dha. Sanyummaan ilmaan namootaa dallaa qoqqoodamiinsaa kanaan ala isaan taasisee hin ilaalu. Ibidda barbadaa’iinsaa namoota gara tokkotti yookiin gara addaa addummaatti masakuu dha. Namoonni sanyummaadhaan jaaman immoo yommuu isa hoogganan bu’aan /dhumni/ isaa maal ta’uu akka danda’u tilmaamuun nama hin dhibu. Ilaalchi akkanaa kun utubaawwan barnoota Kiristaanummaa wajjin kan deemu miti. Ilaalcha barbaadaa’iinsaa namtolchee fi namoota garaa jabaataniin dhalatee dha. Tokkummaa ilmaan namootaa “hundumtuu ijoollee Addaam tokkichaa fi Hewaan takkitiiti malee kan biroo miti” barnoota jedhu, gama amala kabajamaa ilmaan namaa fi Afuurummaa Kiristaanummaatiin bakka hin qabu. Manni Kiristaanaa Qulqulleetiin sanyummaa kan mormitu barnoota Kitaaba Qulqulluu fi darbaa darboo ka’uumsa godhachuudhaani.

Waa’ee tokkummaa ilmaan namootaa Kiristaanummaan kan beekuu fi kan barsiisu

Jecha abdii dur durii amantaa Ayihudotaatiin tures ta’ee jalqaba Wangeelaatii hanga dhumaatti ilmaan namootaa tokkummaa gonka ta’een kan simattu dha. Kunis barnoota “Waaqayyoon tokkoo dha” jedhu irraa eegala. Jalqabnis xummurris (Aalfaa fi Oomeegaan) Waaqayyoo dha. Qulqulluun Phaawuloos waa’ee tokkummaa Fayyinaa fi ka’uumsa addunyaalessummaa yoo dubbatu Qulqulleettii Sillaasee giddu gala kan taasise dha. Tokkummaan isaanii hin qoqqoodamne sun bu’uura tokkummaa ilmaan namootaa taasisee dubbatee jira. Goolabni sanyummaa immoo qabatamaan gara mootummaa Waaqayyoo ganuutti kan geessu dha.

Raajoonni Israa’eel ofii isaanii sanyii qofaan osoo hin taane waaqolii tolfamoo ofii isaaniitiin qoqqoodanii biyya lafaa boqonnaa dhoorkanii kan turan ilaalcha dogoggoraa irra dhaabbachuu isaaniitiin ture. Raajoonni namoota durii yommuu gorsan kan dubbatan “Waaqayyoon kan hundumaa, hunduma keessa kan jiru, Gooftaa hundumaa danda’u dha” barnoota jedhu gara biyya lafaatti fiduudhaani dha. Abbootiin seera uumamaa ka’uumsa godhachuudhaan tokkummaa ilmaan namootaa gad-fageenyaan bal’isanii barsiisanii jiru.

Hewaan cinaacha Addaam irraa argamte; ilmaan namootaa jiraattota ta’an walitti dhufeenya fooniitiin argamsiiste jechuun waan biraa miti hiddi ilmaan namoota tokko dha jechuu dha. Tumaawwan Amantaa, Qannoonaawwan, seeronni hundinuu argamsa hidda ilmaan namootaa Addaam tokkicha (the absolute homogeneity of human nature) taasisuun isaanii gonka tokkummaa ilmaan namootaa kan mirkaneessuu dha malee kan biroo miti.

Hewaan (haadha jiraattota hundumaa) uumamaa biroo osoo hin taane cinaacha bitaa Addaam irraa argamuun ishee cinaacha Addaam irraa kan argamte malee qaama addaa akka hin taane ni beekna ni amannas.

Waaqayyoon “Nama akka bifa Keenyatti akka fakkeenya Keenyatti haa uumnu” yoo jedhu tokkummaan ilmaan namootaa ifa ba’aa jira. Waaqayyoon qaamaan sadi akka ta’e ni amanna.

Garuu, amalooma Isaatiin, bulchuudhaan, amala Waaqummaatiin, aangoodhaan, Waaqa ta’uudhaan, baraa hanga baraatti kan jiraatu ta’uudhaan, Uumaa ta’uudhaan Waaqa tokko dha. Haaluma wal fakkaatuun namnis tokkos baay’eedhaas.

Eessattuu haa dhalatu; eessattis haa guddatu ilmi namaa nama dha. Filatee kan fuudhus kan biyya Jaappaan taates kan Kooriyaa, kan Eeshiyaa taates kan Awustraaliyaa nama ta’uu isheetiini. Namni naannawa jiraatutti bifni gogaa isaa tokko kan tokkoo rraa garaa garummaa qabaachuu danda’a. Afaanii fi aadaadhaanis akkasuma. Kuni garuu, sanyii namaa ta’uu isaatiin qaama isaa jijjiirachuu kan danda’uu miti. Ilmaan namootaas Amaaraas ta’anii Oromoo, Affaaris ta’anii Argoobbaa, kan Faransaayis ta’anii kan Ingiliizii nama jedhamanii waamamu malee maqaa tarree namummaa keessaa bahanii ittiin waamaman hin qaban.

Ilmaan namootaa barnoota Kiristaanummaatiin

Ilmi namaa tokko ta’ee uumamee osoo jiru, sababa iddootiin inni tokko gara mirgaa inni biraa gara bitaatti; yookiin immoo inni tokko gara kaabaatti, inni biraa gara kibbaatti imala; bakkuma jiraatu sanattis akkuma jecha Kitaaba Qulqulluu ni baay’atu /wal-horu/ dachiis ni guutu. Kanuma irraa ka’uudhaan bifa, afaan, aadaa, safuu, sirna, amantii gara garaatiin jiraachuun kan baratame ta’e. Heddumina kanas Kiristaanummaan kan fudhattuu dha malee kan balaaleffattu miti.

Jalqabuma irraa tokko ta’ee kan uumame ilmi namaa afaaniin, aadaadhaan, jiruudhaan, ilaalchaan, qaroominaan, haala jireenyaatiin garaa garummaa qabaatuus Qorichi keenya Iyyasuus

Kiristoos amala keenya goonfatee nama yommuu ta’u; Fannoo Isaatiiniis lolaa fi du’a balleessee dhangala’uu dhiiga Isaa kabajamaatiin tokko nu taasisee jira. Ilmi namaa uumama isa jalqabaatiin tokko ta’ee kan uumame, xummura baraattis Qoricha keenya Iyyasuus Kiristoosiin tokko ta’ee jira.

Kiristaanummaan jiraachuu uummattoota gara garaa kan simatu duudhaa fi shallaggii gatii namoomaa fi biyya lafaatiin miti. Innis tokkummaa foo’amaa Addaam keessa ture ilmaan namootaa dachee boqqonna dhabsisani kan turan yada ilaalcha sirri hin taanen iraatti hundaa’uu isaaniitiin ture.

Garuu, ilmi namaa kufaatii isaa booda gara cubbuutti goruu isaatiin adda addummaa akka miidhaginaatti osoo hin taane, akka ka’uumsa komii fi yaada gargar ba’iinsaaf yommuu itti fayyadaman argina. Kunis garaa garummaa madda walitti bu’iinsaa, wal-dhiibuu ta’uudhaan guddachaa fi babal’achaa dhufee obboleewwan hanga wal-ajjeesisuu gahuu danda’ee jira. Kun immoo barnoota Kiristaanummaa (Ortoodoksaawaa) wajjin gonkumaa /guutumatti/ kan wal faalleessuu dha. Kana waan ta’eef, “Badii gidduu keessanii balleessaa” jedhamee akkuma barreeffame jireenya Kiristaanummaa keenya keessaa Murree gatuu nu barbaachisa.