Amaloota Sirna Waaqeffannaa Ortodooksii
…Dn. Miikiyaas Asras…
- Gara Samiitti kan nama baasudha
Sirni waaqeffannaa Ortodooksi Kiristaanota ardii itti uumaman irraa kaasee gara samiitti kan geessudha. Kiristaanotni dhugooman galata laphee irraa burqeen qalbiidhaan samii gahanii iccitii Waaqayyoo arguun kabaja Isaa dhandhamataniiru. Hayyuun qulqulluun Yaareed waan kanaaf fakkeenya gaaridha. Boodas sababa galata kanaatiin kennaadhaan kabajni Waaqayyoo isaan dhandhamatan bara baraan argachuuf addunyaa dabru kana irraa gara addunyaa hin darbineetti seenaniiru. Nutis galata samiirraa ta’e kana yommuu galateeffannu isaan hordofuun bu’aa gaarii akka nuuf kennu Waaqa keenya ni kadhanna. Kadhaa Mana Kiristaanatti “ኀበ ተርኅወ ገነት ወኀበ ተነጽፈ ዕረፍት ይክፍለነ ነሀሉ ውስተ በአቶሙ ለቅዱሳን፤ Iddoo jireenya qulqullotaa ishee taatee Gannata banamtetti, bakka boqotaa ishee qophoofte keessa jiraachuf Waaqayyo nuuf haa eeyyamu ( Kitaaba Sa’aataatii) akkuma jedhame.
- Tajaajila Yeedaloodhaan dhiyaatudha
Uumamni hundi uumaa isaanii ni galateeffatu. Keessumattuu Ergamootni fi ilmi namaa afuurawaa kan ta’e fi Waaqayyo irraa kan kennameef jireenya bara baraa argachuuf sababa kan ta’u qabeenya yeedaloo fi faaruu ni qabu. Hayyuun qulqulluun Yaared samii irraa sagalee addaa ittiin faarfatu dhaga’uu isaa ibsuuf “ዋይ ዜማ ዘሰማዕኩ በሰማይ እመላእክት ግናይ” (Samii Ergamoota irraa yeedalloo dhaga’ee) jechuun ragaa ni baha. Kadhannaa Qiddaasee irrattis “ተፈሥሑ በእግዚአብሔር ዘረድአነ ወየብቡ ለአምላከ ያዕቆብ ንሥኡ መዝሙረ ወሀቡ ከበሮ መዝሙር ሐዋዝ ዘምስለ መሰንቆ” (“Waaqa nu gargaareetti haa gammadnu; Waaqa Yaa’iqoobis galateefadhaa; faaruu qabadhaa, dibbees kennaa; faaruun baganaa waliin kan walsimatudha” jechuun ni galateeffanna. Miidhaginni yeedaloo kan itti hin calaqisne tajaajilli Sirna waaqeffannaa Ortodooksii hin jiru.Yeroo adda addaatti kan ka’an abbootiin nama akka Ergamootaa kan taasisu, qulqulluu Yaareediin isa samiirraa dhufe sagaleen suni tajaajila Mana Kiristaanatiif akka oolu gama isaaniin hiree gumaachaniiru.
- Kennaan qulqulluun kan itti dhiyaatudha
Sirni waaqeffannaa Ortodooksii namni eeyyama isaatiin qaama isaa qulqulluu taasisee akka aarsaatti kan tajaajilaaf dhiyeessudha.
Miirri qaama namaa hundi Waaqayyoof bitamuudhaan kaayyoo itti uumamaniif kan itti milkeessan Sirna samii gubbaati. Ijji waan gaarii ta’e hunda ilaala, afaan Waaqayyoon galateeffata, funyaan kadhannaan kan itti olbahu foolii ixaanaa ni urgeeffata, jilbi ni jilbeeffata , gurri jecha Waaqayyoo dhaga’uun ni gammada. Kanaan alas dafqaa fi dadhabbiin kan argate (horate) irraa Waaqayyoof kennaa ni laata. Akka Qaayeel kan hin taane gaarummaan akka Abeelitti kan ta’e tajaajila aarsaa gaarii ni dhiyeessa.
Walumaagalatti
Mana Kiristaanaa Ortodooksii beekuf yookaan caalmaatti hubannoo ishee gonfachuuf Sirna waaqeffannaa ishee xiinxaaluu fi gadi-fageenyaan qorachuun dirqama. Manni Kiristaanaa bara duuka bu’ootaatii eegaltee qabattee eegdee kan jirtu amantaan Ortodooksii baruma duuka bu’ootaatii jalqabdee kan fudhatte sirna waaqeffannaatiin ibsaa ni jiraatti. Amantaadhaan kan ishee fakkaatan waliin sirna waaqeffannaa fudhatteen waliin akka kadhatan, aarsaa dhiyeessaniifi jireenya akka argatan tokkummaa afuurawaa ni laatti. Amantaan garuu kan ishee irraa adda bahaniin sirna fi iccitii ishee irraa gargar ni baasti.
Bakka amantaan tokko hin taanetti sirni waaqeffannaaa tokkummaan waan hin qabaanneef kana ni raawwatti. Kanaafuu yeroo hundumaa gaarummaa Waaqayyoo fi bareedina iccitii Mana Kiristaanaa hubachuuf dhaaba amantaatiin gara Mana Kiristaanaa fiduun nu irraa eegama. Mana Kiristaanaa ala taa’anii hubachuun waan hin dandaa’amneef, ishee waliin jiraachu fis ta’ee fayyadamuuf gara tajaajila ishee dhufuun ni barbaachisa. Achittis Waaqayyo qulqulloota waliin dhugumatti ni arganna.
Burqaa:- Gubaa’ee qaanaa irraa kan fudhatame