Tajaajila Afuuraa, Duuka-bu’ummaa fi Qormaata isaa
Lammessaa Guuttataa
Jireenyi Kiristaanumaa jireenya qulqullummaatti. Qulqullummaan isaan kan argamu immoo inni tokko karaa tajaajila afuuraatti. Dhalli namaa keessumaa Kiristaanni kan inni uumame qulqullummaa isaa eegun hojii fayyinaa kan jireenya fi qulqullummaa raawwachuun Waaqayyoonis tajaajiluun cubbuu irraas of eegun Mootummaa Waaqayyoo dhaale jireenya barabaraa akka argatuufidha. Tajaajilli afuuraa cubbuu irraa of eeguf, hojii fayyinaa jireenya fi qulqullummaa raawwachuun Mootumaa Waaqayyoo dhaalle jireenya barabaraa argachuuf ni fayyada. Kana malees haala jiruu fi jireenya keenya akkaata sagalee, seeraa, ajaja, abboomii fi fedha Waaqayyootti gaggeessuf ni fayyada. Tajaajila afuuraa yeroo jennu daandii fayyinaa kan jireenya fi qulqullummaatti jechuudha. Waaqa waliin tokko ta’uuf gara isaatti dhiyaachuf,jireenya Kiristaanummaan, sooman, kadhannaa fi sagadaan cimnee dhaabbachuuf ni fayyada.
Jireenyi tajaajillmmaa fi duuka bu’ummaa jireenya qormaata adda addaan guutamedha. Qulqulluun Phaawuloos kana yeroo ibsu akkana jedha:
“Dadhabbiin baay’isee, reebamuun baay’isee, hidhamuun du’aaf yeroo hedduun ta’e, Ayhuud yeroo tokko hir’atu reebicha afurtama yeroo shan na reeban. Yeroo sadiin uleen reebame, yeroo tokko dhagaan na dhahan, dooniin koo yeroo sadii na jalaa cabe, guyyaa fi halkan galaana keessan ture, yeroo hedduus daandii irran deeme, karaa galaanan soda, karaa hattootaan sodaa,karaa sanyii koos sodaa, karaa warreen hin amannees sodaa,karaa magaalas sodaa,karaa daandiis sodaa, karaa obboloota sobduus sodaan narra turre; dadhabbii fi dadhabbiin yeroo hundaas ciisicha dhabuun, beelaa fi dheebbuudhaan yeroo hedduus soomaan, qorra fi qullaa ta’uun, kanneen hunda hafan otoo hin lakkaa’iin guyyaa guyyaan kan na yaaddessuu waa’ee dhimma Manneen Kiristaanootatti” jechuun ni ibsa. 2Qor.11:22-29.
Jechi kun kan nu hubachiisu jireenyi Kiristaanummaa afuuraa fi tajaajilli dadhabbii, qormaata fi bu’aa bahii hedduu akka qabaatu, nutis otoo hin laafiin/hin dadhabiin, amantaa keenya irraas gara boodatti otoo hin deebi’iin hanga dhumaatti cimnee dhaabbachuu akka qabnu dha. Kanaafidha Goftaan keenya “Hanga dhumaatti cimee kan dhaabbate ni fayya” kan jedhe (Maat.10:22).
Jireenyi tajaajilummaa afuuraas ta’e Kiristaannummaa jireenya bu’aa bahii, qormaata fi dadhabbii adda addaan guutamedha. Jireenya fedha foonii (addunyaa) raawwachaa jirannuu otoo hin ta’iin soomaan, gaddaan, qormaata adda addaan guutameen kan jiraannudha. Dhumni isaa immoo gammachuu fi jireenya barabaraati. Jireenyi Kiristaanummaa fi tajaajilli afuuraa jireenya qulqulloota ittiin fakkaannu keessa isa tokkodha. Kunis jireenya qormaata fi bu’aa bahii akkasumas dadhabbii hedduun guutameen kan ibsamudha.
Qormaanni jireenya Kiristaanummaa keenya ni cimsa, ni jaabbessa, akka jireenya soomaan, kadhannaa fi gaabbiin cimnee dhaabbannu nu taasisa. Yeroo hundaas gara Mana Waaqayyootti akka deddeebinu, haala jiruu fi jireenya keenyas akkaata sagalee Waaqayyoon akka gaggeessinu kan nu taasisudha.
Qormaanni karaa amantaa, soomaa, kadhannaa, gaabbiin, tajaajila fi duuka bu’ummaan nutti dhufu nu cimsa; amantaan akka dhaabbanus nu taasisa. Qormaata kana ala fayyinni waan hin jirreef jechuudha. Gooftaan keenya yeroo fooniin addunyaa kanarra dedeebi’aa turetti foon uffachuu Isaan nama ta’uu Isaan kana malee nuuf fakkeenya nuf ta’uuf jecha qorameera.
Qulqulloonni fi duuka bu’oonni Isaas fakkeenyummaa Isaa erga hubatanii booda qormaata hedduu keessa darbaniiru. Qulqulluun Phaawuloos kana yeroo ibsu: “Ani Kiristoosin akkuman fakkaadhuu isinnis anaan fakkaadha” jechuun ibseera 1Qor.11:1. Jireenyi Kiristaannummaa fi tajaajilli afuuraa jireenya fedha foonii raawwachuun ittiin jiraannu miti. Hojjii jireenya fayyinnaa fi qulqullummaa ittiin raawwachun qormaatas ittiin fudhachuun kan ittiin jiraanudha. Kanaafidha Kitaabni Qulqulluun “Waa’ee isaas qormaata akka ittiin fudhannuf malee Isatti qofaa amanuuf hin waamamne” jechuun kan inni ibsuuf. Filip.1:29
Waluumaa galatti tajaajiluun dirqama keenyadha. Tajaajilummaan daandii sagalee Waaqayyoo ittiin baay’isnu, kan ittiin babal’isnu, karaa namoonni gara Mana Kiristaana dhufan, sagalee Waaqayyoo barachuun jireenya fayyinaa qulqullummaa fi gaarummaa ta’e jiraachuun mootummaa Waaqayyoof akka qophaa’an kan ittiin taasisnudha.
Yeroo tajaajillu immoo qormaanni karaa adda addaa, sababa adda addaaf nu mudachuu danda’a. Tajaajila irratti qormaanni qaama tajaajila keenya isa tokko ta’uu isaa hubachuun ottoo abdii hin kutiin Waaqayyoon abdachaa amantaan, jireenya afuurummaan, soomaa fi kadhaannaan cimuun tajaajila keenyatti itti-fufuu qabna. Yoo sana ta’e ni fayyina; kanneen biroos akka fayyaniif ni gargaarra. Tajaajila keenyatti cimnee dhaabbannee, hojii gaariis hojjennee mootummaa Waaqayyoo akka dhaallu Inni nu haa gargaaru; ameen.