{"id":4742,"date":"2025-07-03T11:24:51","date_gmt":"2025-07-03T11:24:51","guid":{"rendered":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4742"},"modified":"2025-07-07T05:12:19","modified_gmt":"2025-07-07T05:12:19","slug":"miila-yaad-sammuu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/miila-yaad-sammuu\/","title":{"rendered":"Miila Yaad-Sammuu"},"content":{"rendered":"<section  class='av_textblock_section av-mcnavxrz-e6731b4afef9bf1d960fc1e8c72ce5df '   itemscope=\"itemscope\" itemtype=\"https:\/\/schema.org\/BlogPosting\" itemprop=\"blogPost\" ><div class='avia_textblock'  itemprop=\"text\" ><p style=\"text-align: center;\"><strong>Miila Yaad-Sammuu<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: right;\"><strong>Hailemichael Galanaa<\/strong><\/p>\n<p>Yaa&#8217;iin \u00a0banamee\u00a0 waltajjii \u00a0irratti \u00a0miira \u00a0gaariin\u00a0 \u00a0keessa \u00a0galanii\u00a0 \u00a0Qulqulluu\u00a0 \u00a0kan \u00a0ta&#8217;ee sagalee Waaqayyoo hayyooni Mana Kiristaanaa yeroo barsisan miirri gaariin dhaggeeffataa\u00a0 akka \u00a0isaan \u00a0faana jiran \u00a0amanuudhaani. Maaddiin jireenyaa qophaa&#8217;e yeroo dhiyaatu, hirmaattonni hirmaachuuf nimalaaf waan ta&#8217;eef Gurra keenyaanis ta&#8217;e keessa laphee keenyaan dhaggeeffachuun gahee keenya dha.<\/p>\n<p>Darbee \u00a0darbee garuu \u00a0karaa tokkoonis ta&#8217;e \u00a0karaa biraa\u00a0 keessaa yookiin alaa \u00a0rakkoon Mana Kiristaanaa akkasumas sagantaalee raawwataman kadhannaa, Lallaba fi barnootaa kennamu, akkasumas faaruu faarfatamu dhaggeeffachus ta&#8217;e \u00a0hordofuu dadhabuu dandeenya. Abbootiin keenyas &#8220;Miila Yaad-sammuu \u00a0keessanii faana gara\u00a0\u00a0 Mana Kiristaanaa \u00a0dhufuu\u00a0 \u00a0qabdu&#8221; \u00a0yeroo \u00a0\u00a0jedhan \u00a0kan \u00a0dhageenyu \u00a0kanaafi dha. Kana \u00a0ta&#8217;uu baannan qaama keenyatu argame malee nuti akka \u00a0nama lubbuun \u00a0keessa hin jirreetti teenye akka \u00a0jirru nutti\u00a0 himu. Yookin ammoo naannoo sanatti kan \u00a0argame qaama keenya \u00a0haa ta&#8217;u malee yaanni keenyas, sammuun keenyas miila yadd-sammuutiin \u00a0gara \u00a0biraa\u00a0 deemee ta&#8217;a. Kanaafuu kan biroo yaada foonii\u00a0 fi yaada addunyaa baasuu \u00a0fi buusuun nyaataa fi dhugaatii kan samii nudhabsiisa.<\/p>\n<p>Sammuun \u00a0keenya\u00a0 \u00a0guutuma\u00a0 guutuutti \u00a0dhiibbaa \u00a0malee, yaad-sammuu keenyaan \u00a0immoo yaada tokkoon sassaabamee xiyyeeffannoo itti kenninee \u00a0dhaggeeffachuu fi hordofuu yoo dadhabne jireenya\u00a0 Afuurawaa keenyaan ni miidhamna. Hundumaa olitti jireenya \u00a0keenyaaf kan barbaachisu nyaata jireenya kan argannu Mana Waaqayyootti waan ta&#8217;ef, keessumayyuu \u00a0Mana \u00a0Kiristaanaa \u00a0yeroo \u00a0deemnu\u00a0 xiyyeeffannoon \u00a0keenya guutuma\u00a0 \u00a0guutuutti\u00a0 \u00a0kan\u00a0\u00a0\u00a0 ta&#8217;uu\u00a0\u00a0 \u00a0qabuu\u00a0 \u00a0Waaqa\u00a0 \u00a0keenyatti\u00a0 \u00a0kadhannaan\u00a0 \u00a0itti dubbachuu fi sagalee saa dhagahuu dha.<\/p>\n<p>Akkasumas, \u00a0beektonni \u00a0jecha\u00a0\u00a0 \u00a0hubannoof \u00a0ulfaatu\u00a0\u00a0 hubachuuf \u00a0xiyyeeffannoo \u00a0itti kennuun \u00a0akka\u00a0 \u00a0barbaachisu \u00a0nutti \u00a0himu. \u00a0&#8220;Kanaafis \u00a0miira \u00a0qalbiin \u00a0dhaggeeffachuu \u00a0fi hubannoo fiduudhaaf maal\u00a0 gochuutu barbaachisaa?&#8221; yoo jedhame, deebiin \u00a0isaa duraan dursee rakkoo isaa adda baasuufi gocha furmaata ta&#8217;e raawwachuu dha.<\/p>\n<p>Yeroo baay&#8217;ee yaada bibittinnaa\u2019uu, jeeqamuun sammuu fi miirri jeequmsaa kan\u00a0 mudatu mana keessaa fi bakka itti jiraannu rakkoolee keessaa fi alaa \u00a0ka&#8217;aniini dha. Fakeenyaaf gara Mana \u00a0Kiristaanaa \u00a0deemuu \u00a0keenyaan\u00a0 dura\u00a0 \u00a0maatii, \u00a0ollaa, \u00a0yookiin \u00a0fira \u00a0faana \u00a0rakkoo umameen, jireenya\u00a0 keenya keessatti nyaata guyya \u00a0guyyaan \u00a0nubarbaachisu qopheeffachuuf maallaqa hanga sanaaf ta&#8217;u dhabuu, sababa dhukkuba fi miira lapheetin dhibamuun\u00a0 xiyyeeffannoo dhabuu dha. Haata&#8217;uutii\u00a0 kun \u00a0rakkoo \u00a0humnaa olii yoo ta&#8217;es, yeroo sanatti dhiphachuudhaan\u00a0\u00a0 \u00a0furmaata akka hin arganne of amansisnee garaisa abdii\u00a0 ta&#8217;etti, \u00a0gara \u00a0sagalee Waaqayyootti xiyyeeffannoo keenya deebisnee yoo dhaggeeffannee gaarii dha. Ta&#8217;uu baannan garuu , furmaatas osoo hin argatin \u00a0maaddii Mana Kiristaanaa irraa osoo hin irmaatin hafna.<\/p>\n<p>Rakkoolee akkasii furuuf furmaanni biraa \u00a0gorsa Lubaati. Warri \u00a0abbaa gaabbii qabnu abbaa gaabbii hasofsiisuun yoo \u00a0danda&#8217;ame qaamolee rakkoon\u00a0\u00a0 kun \u00a0faana umame faana\u00a0 hasa&#8217;uun rakkoo\u00a0 \u00a0sana furuun\u00a0 \u00a0gaarii dha. Warreen \u00a0abbaa gaabbii \u00a0hin qabne immoo dafnee qabannee hasofsiisuun ni mala. Rakkoolee maallaqaa fi bu&#8217;uuraa ta&#8217;an \u00a0yoo ta&#8217;es hiruu keenya \u00a0kan guutu \u00a0Waaqayyoo ta&#8217;uu Isaa amanuun barbaachisaa dha. Umamtoota hundumaa kan sooru Isa waan ta&#8217;eef kadhannaan yaadachiisuu, inni hojii fedhe\u00a0\u00a0 akka \u00a0nuuf \u00a0kennu \u00a0kadhachuu, wareegan gaafachuunis nurraa eegama.<\/p>\n<p>Kanaan \u00a0alatti \u00a0garuu, \u00a0giananii foonii, fedhaa fi hawwiin\u00a0 liqimfamnee, sammuun keenya wantoota yaada badaa akkasiitin harkifamuun gara \u00a0badii fi cubbuutti kan\u00a0 nugeessu waan ta&#8217;eef atattamaan\u00a0 sirreeffamuu qaba. Waanta hin taaneen harkifamnee ilaalcha addunyaa \u00a0fi \u00a0yaada \u00a0cubbuun \u00a0qabamnee \u00a0Mana \u00a0Kiristaanaatti \u00a0argamna \u00a0yoo\u00a0\u00a0 ta&#8217;e sammuun \u00a0keenyas ta&#8217;ee; \u00a0lapheen\u00a0 keenya\u00a0 \u00a0badiidhaan\u00a0 kan \u00a0jaamu\u00a0 \u00a0ta&#8217;a. Xiyyeeffannoo dhabuun keenya \u00a0fi miila yaad-sammuu \u00a0keenyaan bakka \u00a0badiitti \u00a0argamuu keenya \u00a0qofa \u00a0osoo hin ta&#8217;in, daandii \u00a0sirri irraa keessabahuun keenyas beekkamaa dha.<\/p>\n<p>Kanaafis \u00a0kan\u00a0 \u00a0nurraa \u00a0eegamu \u00a0rakkoon\u00a0\u00a0\u00a0 kana\u00a0 \u00a0ta&#8217;uu\u00a0 \u00a0isaa \u00a0hubachuu fi \u00a0beekudhaan furmaata \u00a0barbaaduu \u00a0kan \u00a0ariifatan \u00a0ta&#8217;uu\u00a0 \u00a0qabna. \u00a0&#8220;Akka \u00a0nama\u00a0 kamuu\u00a0 homaa jechuu \u00a0mitii&#8221; jechaa sababa kan umnu \u00a0yoo ta&#8217;e \u00a0daandii \u00a0sirrii irraa \u00a0keessaa baanee gara \u00a0daandii \u00a0badiitti \u00a0deemaa jirraati\u00a0 deebi&#8217;uu qabna.<\/p>\n<p>Namoonni tokko tokko immoo kanneen nanargan jechuun yaadudhan keessa isaaniitti waan \u00a0baay&#8217;ee yaadu. Keessumaayyuu Mana Kiristaanaatti yeroo hirmaatan maal \u00a0akka argachuu qaban osoo hin beekin \u00a0fi hin hubatin \u00a0yookin narraa haa ba\u2019uudhaan, yeroo tokko tokkos\u00a0\u00a0 tuffii\u00a0 \u00a0fi\u00a0 \u00a0yaada\u00a0 \u00a0hin taaneen\u00a0 \u00a0liqimfamu. Laphee\u00a0 \u00a0fi\u00a0 \u00a0kalee\u00a0\u00a0 \u00a0Kan\u00a0 \u00a0sakatta&#8217;u Waaqayyoo \u00a0garuu\u00a0 \u00a0homtuu\u00a0 akka \u00a0jalaa \u00a0hin dhokanne \u00a0akka \u00a0beeku\u00a0 \u00a0garuu irraanfataniit umoo? Kana hundi keenya \u00a0kan deebisuu qabnuu dha. (Far 7\u00f79)<\/p>\n<p>Tokko \u00a0tokko \u00a0ammo irra deddeebin Mana Kiristaanaa walfakkaataa yookin\u00a0 bakkatti argamu isaanii irraa kan ka&#8217;e barteedhaan laphee isaaniin dhaggeeffachuus ta&#8217;e, hordofuu yeroo nuffan \u00a0niimul. Kunis rakkoo wayitaawaa namoota hedduu ta&#8217;eera. Sagaleen\u00a0 \u00a0Waaqayyoo\u00a0 \u00a0&#8220;Hojii\u00a0 \u00a0Waaqayyoo\u00a0 \u00a0narra\u00a0\u00a0 \u00a0bahuun\u00a0 \u00a0kan\u00a0\u00a0\u00a0 raawwatu abaramaa haata&#8217;u&#8221; jedhaati (Eer. 38\u00f710) baay&#8217;ee ofeeggannoo gochuun miila\u00a0 yaad-sammuu keenyaanis Mana Kiristaanaatti argamnee xiyyeeffannoo kenninee \u00a0laphee guutuun hirmaachuun barbaachisaa dha.<\/p>\n<p><strong>Galanni Waaqayyoof haa ta\u2019u!<\/strong><strong><br \/>\n<\/strong><\/p>\n<\/div><\/section>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Yaa&#8217;iin  banamee  waltajjii  irratti  miira  gaariin   keessa  galanii   Qulqulluu   kan  ta&#8217;ee sagalee Waaqayyoo hayyooni Mana Kiristaanaa yeroo barsisan miirri gaariin dhaggeeffataa  akka  isaan  faana jiran  amanuudhaani. Maaddiin jireenyaa qophaa&#8217;e yeroo dhiyaatu, hirmaattonni hirmaachuuf nimalaaf waan ta&#8217;eef Gurra keenyaanis ta&#8217;e keessa laphee keenyaan dhaggeeffachuun gahee keenya dha.<\/p>\n","protected":false},"author":4,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[73],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4742"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/4"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4742"}],"version-history":[{"count":5,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4742\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4749,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4742\/revisions\/4749"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4742"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4742"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4742"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}