{"id":4737,"date":"2023-09-11T05:27:54","date_gmt":"2023-09-11T05:27:54","guid":{"rendered":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4737"},"modified":"2023-09-11T05:29:10","modified_gmt":"2023-09-11T05:29:10","slug":"rakkina-jireenya-kiristaanummaa-keessatti-2","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/rakkina-jireenya-kiristaanummaa-keessatti-2\/","title":{"rendered":"RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI"},"content":{"rendered":"<section  class='av_textblock_section av-lm99tv44-82fdc9c7baba2f44b409eaab753159f9 '   itemscope=\"itemscope\" itemtype=\"https:\/\/schema.org\/BlogPosting\" itemprop=\"blogPost\" ><div class='avia_textblock'  itemprop=\"text\" ><p style=\"text-align: center;\"><strong>\u201cJaalala Kiristoos irraa eenyutu adda nu baasa?\u201d (Room. 8:35)<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: right;\">\u00a0 <strong>Kutaa Lammaffaa<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>Fannoonis Rakkina yeroo jennu haala lamaan ilaaluu qabna. Isaaniis:-<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>1. Rakkina Kiristoos<\/strong><\/p>\n<ul style=\"text-align: justify;\">\n<li>Dhala namaa garbummaa cubbuu jalatti kufee ture Fayyisuuf, waanjoo garbummaa irraa kaasuuf akkuma Galata Maariyaamii kessatti dubbatame \u2018Addaamiin bilisa baasuuf gara bultoo isaatii duraatti deebisuuf jaallate\u2019 isa jedhame mirkanneesuuf, waadaa kennaa dhabuu fi Ganataa ari\u2019atamuu dhala nama irraa kan ka\u2019e gaabbuu ilma namaatiif Waaqayyoon kenname sana \u201cGuyyaa shanii fi walakkaa booda dhala dhala kee irraa dhaladheen, walakkaa addunyaatti Fannoo irratti fannifamee\u00a0 dhufee si Fayyisa\u201d isa jedhuun Waaqa sadan keessaa tokko Ilmi salphina keenya fudhachuuf gara lafaatti dhufe salphina argateen, rakkina irra gaheetiin kan hubatamuu dha.<\/li>\n<li>Kanaafi Fannoo gaafa jennuu Kiristoosiin irraa addaan baasne ilaaluun Kiristaanootaaf hin malu. Dhugaatti utuu Kiristoos hin dhalatiinii fi Qaraniyoottis Fannoo hin dhaabiin dura Fannoon tureera. Garuu tajaajjilli itti oola tureef kan amma beeknuun faallaa dha.<\/li>\n<li>Rakkinni Kiristosiis kan mirkanaa\u2019e Fannoo irratti ture. Dhiiga dhangalaasuun tajaajjila gara biyya lafaatti dhufeef raawwachuuf Aarsaa fudhataan, Aarsaa ta\u2019ee ofii Isaas dhiyeessee gara Fayyisummaa Fannoo mirkanneessuun handhuura addunyaatti Fannoo bu\u2019uuresse irraa kaaneetu:-\n<ul>\n<li>Fannoo gubbaa irratti waraanamuu qooma Isaa,<\/li>\n<li>Cituu Foon fi dhangaluu Dhiiga Isaa,<\/li>\n<li>Fannoo jiidhaa baatee bitaa fi mirgaatti kufee ka\u2019uu Isaa<\/li>\n<li>Fannoo irratti gidiraa fudhachuu ni yaadanna waan ta\u2019eef, Fannoo jechuun rakkina Gooftaa keenya irra gahe mul\u2019isa.<\/li>\n<\/ul>\n<\/li>\n<\/ul>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>\u00a0\u00a0 2 Rakkina Kiristaanootaa<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">\u201cEenyu iyyuu kan Na faana bu\u2019uu barbaadu Fannoo Koo haa baatu Na faanas haa bu\u2019u\u201d kan jedhuun Gooftaan keenya tokko rakkina Kiristoosiin yaadachuu akka qabnu nu barsiisuuf.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Dabalees raawwiin Kiristaanummaa Kiristoosiin fakkaachuu, akka Kiristoositti, waa\u2019ee Kiristoosiif, Kiristosiin deddeebi\u2019u dha waan ta\u2019eef guddummaan ilaalcha Kiristaanootaas kan irratti bu\u2019uureeffamee Isa fakkaatanii jiraachuu dhaan, ibsamuun isaa Qulqullichi Phaawuloos \u201cKiristoosiin fakkaatanii jiraachuu kan jaallatan ni godansiifamu\u201d akka jedhe rakkina Kiristoos irra gahe hirmaachuun Kiristaanootaa, Fannoo isa jechiisisa.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>Kanaaf Abbaan Sinoodaa Phaaphaasii biyya Gibxii \u201cIn fact, christian life is practically a journey to Golgotha; and christianity without a cross is really not christianity.<br \/>\n<\/strong>Those who have received their good things on earth, will have no share in the Kingdom, as the story of the rich man and Lazarus explains to us (Luke 16:25).<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">\u201cDhugaatti, jireenya Kiristaanaa shaakkalli daandii gara Golgotaatti, fi Kiristaanummaan Fannoo malee Kiristaanummaa dhugaa miti. Akkuma seenaan sooresichaa fi Alaazaar nutti himuuttis, lafa irratti warreen waantoota gaarii fudhatan, mooticha biratti gatii hin qaban\u201d jechuun jireenya Kiristaanummaa jireenya Fannoo ta\u2019uu himan.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Akkuma dubbanne akka dhuunfaatti, garee fi Mana Amantaas waliin ni qabata. Kiristaanummaaf hirmaannaa rakkina \/gidiraa\/ Kiristoosii irratiini akkuma Qulqullichi Phaawuloos \u201cIsaa fi humna du\u2019aa ka\u2019uumsa Isaa akkan beekuuf, rakkina Isaatiinis akkan hirmaadhuuf, gara du\u2019aa ka\u2019uumsa warra du\u2019aaniittis naaf ta\u2019ee akkan gahuuf, du\u2019aa Isaatiin fakkaachuun hawwa\u201d(Filiph. 3:10-11) akkuma jedhe.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Ammas waa\u2019ee hirmaannaa Kiristaanootaa kan rakkina Kiristoosii kana \u201cKiristoos waliin fannifameera, anis ammaa jiraataa ta\u2019ee hin jiraadhuu Kiristoos garuu anaan irratti ni jiraata\u201d (Gal 2:20).<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kanaafuu, yoo kiristoos waliin jiraachuuu jaallatte, Kiristoos waliin rakkachuu \/fannifamuu\/ qabda, ykn Isaaf rakkachuu \/fannifamuu\/ qabda, akkasumas yoo gara du\u2019aatti si qaqqabsiisa ta\u2019ee illee, dhiphachuufii qabda\u201d jechuun beekaan biyya Gibxii jireenyi Fannoo jireenya Kiristaanummaa, jireenyi Kiristaanummaas jireenya Fannoo ta\u2019uu nutti himan. Kanumatti fufuunis<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kiristanummaa keessatti, dhiphinni kee, rakkina keessatti kan ati gammaddu fi goonfoo jireenya isa qorumsa keen ifoome sanan gara galataatti jijjiramta. Jaalala Fannoo, jaalala rakkinaa fi wareegamumma akkasumas dadhabbii Waaqayyoof fi Mootummaa isa dhuftuuf jecha qabachuu dha.\u00a0 Qulqullichi Phaawuloos waa\u2019ee Waaqummaa Kiristoos \u201cInni gammachuu isa fuldura jiruuf Fannoo dhaan obsee, teessoo mirga Waaqayyoo ta\u2019eera\u201d (Ibr. 12:2) akka jedhe. Dabalees \u201cKanaafis waa\u2019ee Kiristoosiif rakkina fudhachuu, arrabsamuu, dhiphachuu, rakkachuus, nan jaaladhe. Rakkina yeroon fudhadhutti battalumatti nan jabaadhaatii\u201d (2<sup>ffaa<\/sup> Qor. 12:10) sirumaa rakkina fudhachuun akka nama ciimsu hubachiise.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Erga rukkatamanii boodas, Abbaan Duuka Bu\u2019ootaa \u201cIsaaniis yaa\u2019icha fuulduratii utuu gammadanii ba\u2019an, maqaa Isaatiif rakkina akka fudhataniif Afuurri Qulqulluun carroomseeraatii\u201d (Hoji.Du.Bu.5:41) akkuma jedhe, garuu gammachuu fi kabaja rakkina fudhachuun qabus \u201cRakkinaan yoo Isa fakkaanne kabajaan Isa fakkaanna\u201d (Room. 8:17) jechunis ibseera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kanaafuu achii irraan akkas jedhe \u201cHaa ta\u2019uu malee rakkinni biyya lafaa \/addunyaa\/ kun kabaja nuuyif mul\u2019achuuf jiru sana waliin akka hin qiixxaanne yaadaa\u201d (Room. 8:18) kunis rakkinicha irra kabaja Isaatu caala nuun jedha. Akka Duuka Bu\u2019aan Qulqullichi Pheexiroos jedhutti immoo \u201cHaa ta\u2019uu malee waa\u2019ee qajeelinaaf rakkina yoo fudhattan isiin galateefamoodha, isa isiin doorsiisuus hin sodaatinaa, hin na\u2019inaas.\u201d(1<sup>ffaa<\/sup>Pheex 3:14) \u00a0Kanaafi, rakkinni\u00a0 eebbaan xumurama. Gooftaan keenya Kiristoosiis \u201cYeroo isin arrabsanii fi isiin godaansiisan, waa\u2019ee Koos isin, haamaa hundumaa yeroo isinitti dubbatanitti galateeffamoodha. Gammadaa, tolaas taasisaa, gatiin keessan samii irratti baay\u2019eedhaati, isiin dura raajoota turaniis ari\u2019ataniiruutii\u201d (Maat. 5:11-12) jechuun ilaalcha kanaan rakkinaaf gammachuu inni qabu ibse.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Abbaan Sinoodaas ammas akkas jedhu \u201cNuti Fannoo dhaaf, gammachuu fi badhaasa isa addaan hin baasnu, akkanumas gargarsaa isaa fi kennaa Waaqayyoos addaa adda hin baasnu.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kiristaanni fannoo baachuu qaba, garuu qofaa baachuu hin qabu Waaqayyoo qofaatti isa hin dhiisuuti. Gargaarsi Waaqumma isa deeggaruu fi ol ol kaasu ni jira. Gargaarsa warra Wareegamtootaa waliin tureetu warra rakkatan gargaaraa, akkasumas kallattii adeemsa hundumaatiin nama amantii waliin dhaabbateefi ni taasifama.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Gooftaanis akkas jedhee ibseeraati \u201cAni sii waliinan jira hin sodaatiin, haamaa si irratti raawwachuuf kan ka\u2019u hin jiruutii hin sodaatiin\u201d (Hoji.Du.Bu. 18:9,10) akkuma jedheen akkasumas \u201cGara deemtu hundumaatti Waaqayyoon Waaqni kee si waliin jiraati hin sodaatiin, jabaadhu, \u201c(Iyaa 1:9) Darbees \u201cSii waliin wal waraanu, haa ta\u2019u malee si Fayyisuuf jecha Ani si waliiniti si hin mo\u2019an\u201d (Erm 1:19) akkuma jedhame barreeffame.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kanaafuu rakkini Kiristaanootaa Fannoo dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Fannoo baachuun kun rakkinaa fi dhiiphina fudhachuun siruumatti Kiristoosiif jecha rakkachuuni. \u00a0Guyyaa du\u2019a Isaati dursee Gooftaan keenya Iyyaasuus Kiristoos Duuka Bu\u2019oota isaatiin akkas jechuun dubbatee ture \u201cAddunyaan yoo isiin jibbe, isiin dura Anaan akka jibbe hubadhaa. Addunyaan yoo isiin jibbe isiin dura Anaan akka jibbe beekaa. Addunyaa keessaa yoo taatan addunyaan kan isaa kan ta\u2019e ni jaallata ture, haa ta\u2019u malee addunyaa keessaan isiin filadhe malee addunyaa keessaa waan hin ta\u2019iniif kanaafuu addunyaan isiin jibba\u201d (Yoh. 15:18-19) jechuun dubbata.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Itti fufuunis \u201cGarbichi Gooftaa isaa irra hin caalu jedhee kanan Isiinitti hime yaadadhaa. Anaan ari\u2019atanii akka turan isiininis ni godaansiisu, sagalee Koo eeganii yoo ta\u2019ee sagalee keessaniis ni eegu\u201d jechuunis kan isaa irraan geessisan Inni Abbaa biraa kan ergame, ofii isaatii Ani Ilma Waaqayyooti, Waaqayyoo dha, jedhee barsiisaa, garuu Isa iyyuu yoo kan fannisan ta\u2019e raga baatoota Isaa immoo kana irra kan caalu kabajuu hin danda\u2019aan. Itti dabalees Kiristoos \u201cDhuguma dhugaan isiniin jedha, isiin ni boossu ni iyyattus. Addunyaa garuu ni gammachiisa, isiinis ni gadditu, haa ta\u2019uu malee gaddi keessan gammachuutti ni jijjiirama\u201d (Yoh. 16:20)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Karaa biraatiin, gammachuu fi moo\u2019ichi Fannoo Kiristoos irraa waadaan Gooftaa keenyaan akka nuuf galame \u201cAnatti utuu jirtanii nageenyi akka isiniif ta\u2019uuf kana isiiniitti dubbadheera. Addunyaa keessa yeroo jirtan rakkinni isiin irra jira. Ta\u2019us jabaadhaa, Ani addunyaa moo\u2019adheeraatii\u201d jechuu dhaan gaddi fi rakkinni har\u2019aas boruu injifachuu fi gammachuu keenyaaf wabii dhaati, moo\u2019achuu isaatiin akka injifannu ibsa. Rakkinni fi gidiraan Kiristaanotaa immoo rakkina Fannooti waan ta\u2019eef rakkachuu fi dhiphachuun ni barbaachisa.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Fannoo baachuun bara Duuka Bu\u2019oota Gooftaatti jireenyi Kiristaanummaa kun ittiin dhugoomeera. Kunis immoo jaallalli Fannoo irraatti isaaniif mul\u2019ate sana ittiin ibsuuf akka jedhanitti. \u201cGara Mootummaa Waaqayyootti rakkina guddaatiin galuun nu irra barbaachisa jechuudhaan\u201d (Hoji.Du.Bu.14:22). Jireenyi Duuka Bu\u2019oota Gooftaa jalqabaas fakkeenyaaf, hangafni Daaqunootaa fi Wareegamaan jalqabaa Isxifanoos dhagaan rukkutamee du\u2019e. Qulqullichi Yohaanisii fi Qulqullichi Pheexiroos hidhamaniiru. (Hoji.Du.Bu. 4:1-4).\u00a0 Qulqullichi Yaa\u2019iqoob, obbolleessi Qulqulluu Yohaannis harka mooticha Heerodisitiin rakkina fudhate. (Hoji Du.Bu. 12:1-2) Seefii dhaan Yaa\u2019iqoobinis ajjeessan. Pheexiroosiinis ni hiidhan.(Hoji Du.Bu. 12:5-19). \u00a0Qulqulluun Phaawuloos fi Silaas waliin hiidhamaniiru. (Hoji. Du.Bu. 16:25-34) Yaarusaaleem keessatti, Qulqullichi Phaawuloos ni hiidhame. Waaqayyoos isaaf mul\u2019atee ni jajjabeesses akkuma jedhu.( Hoji Du.Bu. 23:10-23)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Duuka Bu\u2019oonni Gooftaa Ilma namaa kan jedhame Iyyaasuus Kiristoos adduunyaa kana dabarsuuf lammaffaa deebi\u2019ee yeroo dhufu hanga ni farraddu jedhuutti kabaja kan argatan rakkinaa fi qoruumsa guddaatiin, galmee samii keessatti aboo kan argatan dhiigaan amma qabsuuranitti. \u00a0Kanaafuu, Fannoo baachuunis kan dhugoomu rakkina fi dhiiphinaatiini.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong><a name=\"_Toc132888867\"><\/a>5. Gatii Rakkina Keessatti Cimuu Fi Jabaachuutiin Argamu<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Rakkinni sababa cubbuu keenyaaf nu irra ga\u2019u jireenya Samii irraaf waamicha gabbii Waaqayyoo ta\u2019uu isaa yeroo hunda yaadachuun ni barbaachisa. \u201cDu\u2019a nama du\u2019aa hin eeyyamuutii jedha Waaqayyo Gooftaan, kanaafuu deebi\u2019aatii lubbuun (jireenyaan) jiraadhaa\u201d (Hiisq. 18:32) jedha. Kanaafuu, rakkina sababa cubbuutiin dhufu gabbii galuudhaan ce\u2019uun ni barbaachiisa.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Rakkina keessatti jabaachuun lafa irratti keennawwan garaa garaa kan nuuf keennisiisu, samii irratti immoo gonfoo Samii karaa ittiin arganuuti. Qulqullichi Yaa\u2019iqoob \u201cNamni qoruumsa keessatti jaabate (cime) inni ni fayya\u201d (Yaa\u2019i. 1:12) jedha. Qulqullichi Yohaanisiis Mul\u2019ata isaan \u201cGuyyaa kudhanis rakkina ni fudhattu, hanga du\u2019aattis kan amanamte ta\u2019i, gonfoo jireenyaas siifan kennaa\u201d (Mul. Yoh. 2:10) jechuu dhaan kabaja rakkina keessatti argamu ni mul\u2019isa. Aadaa Macaafa Qulqulluu keessatti lakkoobsi kudhan raawwatee guutuu fi waanta guutuu ta\u2019e bakka bu\u2019a, kanaafis kabajaa fi gatii fudhachuutiin dura raawwii kan qabuu fi guutuu akka ta\u2019u Duuka Bu\u2019aan icitii, guyyaa kudhanis rakkina ni fudhattu jechuun icitiin nutti himeera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong><a name=\"_Toc132888868\"><\/a>6. Rakkina keessatti jabaatanii gatii Samii irraa fudhachuuf Maaltu nu irraa barbaachisa ykn eeggama?<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kaayyoon Kiristaanootaa akka walii galaatti Mootumaa Waaqayyoo seenuu dha. Gara Mootummaa Waaqayyootti seenuuf, biyya abdachiifamte ishee Samii keessa jiraachuuf rakkina cimaatu nu eeggata. Badhaasa kana argachuuf immoo rakkina keessatti cimuutu nu irraa eeggama. Akkamitti yoo jettan:-<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">1<sup>ffaa<\/sup>:- inni guddaan fi bu\u2019uurri kadhannaa dha. Dhalli namaa jiraachuu dhaaf afuura baafachuu qaba, namni qilleensa yoo dhabee fi afuura baafachuu yoo hin dandeenye lubbuun isaa foon isaatti adda baati, qilleensa amma osoo hin taane lakkii boodan barbaada namni jedhe qilleensa baafachuuf yeroo daangeeffatu hin jiruuti. Daangaa yeroo (sa\u2019aatii) malee dhalli namaa hunduu ni barbaada.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Qilleensi amma kana yoo kan barbaachisu ta\u2019e, Waaqni qilleensa uume dhala namaatiif hammam kan barbaachiisu haa ta\u2019u? Qulqullichi Gorgoriyoos inni Inzinaazuu \u201cFor we ought to think of God even more often than we draw our breath\u201d jechuunis \u201cWaaqayyoon qilleensa afuura baafattu caalaa yaadadhu\u201d jechuun jireenya keenya keessatti hammam akka nu barbaachiisu nutti hima. (Gregory of Nzianzus on the five theological orations, page 4).<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Akka Kiristaana Tokkootti waa\u2019ee ammaa, gara fuulduraa, waa\u2019ee waanta nuuf raawwatamee, kan hin raawwatamneefis, kan nuuf raawwatuufis (fuulduratti) hundumaaf akka kadhannuuf Qulqulleettiin Mana Kiristaanaa nu barsiisti.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Qulqullichi Yohaannis Kan Qiliimaaqoos \u201cUlee kadhannaa harkatti yoo qabattan hin kuftanii, yoo kuftaniis kufaatiin keessan du\u2019aaf kan qaqqabsiisu hin ta\u2019u\u201d (John climacus, on the Ladder of Divine Ascent) jechuun nu gorsa. Qoruumsii fi rakkinni nu qaqqabee mitiitii, yeroo nagaa keenyaa illee kadhannaa addaan kutuu fi dhiisuu akka hin qabne Gooftaan keenya yeroo nu barsiisu \u201cGara qoruumsaatti akka hin galleef jabaadhaati kadhadhaa\u201d (Maat. 26:41) jechuun nu ajajee isatti aansuun Duuka Bu\u2019aan Qulqullichi Phaawuloos immoo \u201cUtuu adda hin kuutiin Kadhadhaa\u201d (1<sup>ffaa<\/sup>Taas. 5:17) jechuun nu gorsa. Akkasumas miilla Duuka Bu\u2019ootaan kan bakka bu\u2019an Abbootiin beektoonnis kan nu barsiisan kadhaannan jireenya Afuuraa Kiristaanummaa irraa adda ba\u2019uu kan hin qabne jireenya Afuuraatiif isa bu\u2019uuraati nuun jedhu.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong><a name=\"_Toc132888869\"><\/a>7. Rakkina akkamitti Moo\u2019anna \/injifanna\/?<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kiristaanootaaf rakkinni Abbootiin akkuma dubbatan daandii ittiin madaalamanii gara olitti guddachuuti. Akkuma warqeen Warqii ta\u2019uu isaaf Ibidda keessa darbu akka jechuuti. Rakkinoota nu muudatan garuu akkamiin injifanna yoo jenne qabxiiwwan armaan gadii haa ilaallu.<\/p>\n<ul style=\"text-align: justify;\">\n<li><strong>Obsa:-<\/strong> \u201cIyoob ni obse, Waaqayyoonis ni dhaga\u2019e\u201d \/Yaa\u2019i. 5:11\/ jedhamee akka barreeffame obsa haa qabaannu. Kan hin qoramiin kan eebbifame dha hin jedhamne, kan qoramee, qormaticha keessattis jabaate jedhame malee. Kana waan ta\u2019eefis Gooftaa keenyaa fi Isa fakkaatanii Qulqulloota argaman hundumaa yoo ilaallee, Fannoo isaa baachuutiin rakkinnaan fakkaanne obsaan isa hordofuutu nu barbaachisa. Duuka Bu\u2019oota irraa kan barannuus isa kana waan ta\u2019eefi. Isaan Qulqulloota jedhamanii dhaloota biratti kabajamuu isaaniif obsi isaan yeroo rakkinni isaan qaqqabe obsan; yaa\u2019ii duratti rakkinni yeroo isaanitti jabeeffamu, yeroo tuffatamanii fi jibbaman sana duratti akkuma kaasne \u201cYaa\u2019icha Duraatti waan tuffatamaniif gammadaa (isaanitti tolaa) gadi ba\u2019an\u201d akka jedhu rakkina kennaa dhaan, Ameen nuuf ta\u2019a jechuun simatan.(Hoji. Du. Bu. 5:41)<\/li>\n<li><strong>Jaalala:<\/strong>&#8211; \u201cJaalala Kiristoos irraa eenyutu adda nu baasa? Rakkinna moo dhiphinaa?\u201d (Room. 8:35) irratti jedhamuun akka barreefame Jaalala kan qabu rakkina ni obsa. \/1ffaa Qoro. 13:7\/<\/li>\n<\/ul>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kan nu sodaachiisuu qabu Waaqayyoo irraa adda bahuu dha malee, utuu daandii Waaqayyoo irra deemnuu rakkina nutti dhufuuf dhiiphachuu hin qabnu. Agarsiistuu fi Ibsituun jireenya Kiristaanummaas ta\u2019e jaalala Waaqayyoo Fannoo Isaa baachuun rakkina fudhatanii Isa hordofuu dha. Tajaajilaa fi amanataan waa\u2019ee Waaqayyoo fi Jaalala Mana Kiristaanaa hubates hundumaa dhiisee Gooftaa isaa faana bu\u2019uuf daandii qajeelaa, dhugaa fi Sirrii taate irra adeemuuf ariifata malee daandii dhugaa irraa maquuf sababa rakkinoota kan godhatu miti. Waantotni baay\u2019ee nama sodaachiisan illee yoo qunnaman illee gara boodeetti kan deebi\u2019u miti. Qulqulloonni hundumtuu akkuma dhiisanii isa hordofan jaalalli Waaqayyoo hanga mataa ofii ganuutti nama qaqqabsiisa waan ta\u2019eefi. (Maat. 19:19)<\/p>\n<ul style=\"text-align: justify;\">\n<li><strong>Jabina:-<\/strong> Tokkoon tokkoon tajaajilaa rakkina mataa isaati qaba. Bu\u2019aan isaas jabinaan mul\u2019ata. \u201cTokkoon tokkoon akkuma dadhabbi isaatitti kaffaltii gatii isaas ni fudhata\u201d akkuma jedhame jabinni murteessaa dha.<\/li>\n<\/ul>\n<p style=\"text-align: justify;\">\u201cHundumaan ni dhiibamna malee hin yaaddoofnnu, ni godaansifamna (ari\u2019atamna) malee hin darbatamnu\u201d jechuun Qulqullichi Phaawuloos akkuma dubbate kutannoo tajaajilaaf qabnu jabinaan agarsiisuutu barbaachiisa.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Xumura irrattis Jireenyi Kiristaanummaa rakkinni isaa baay\u2019ee gatiin isaas caalaatti hedduu dhaatii Obsaan, jaalalaan, jabinaan taanee haa tattaafannu. Jabina rakkinaatiin fakkaannee, Fannoo Isaa baannee yoo deddeebine kabajaa nu goonfachiisa. Hundumaa biratti waa\u2019ee maqaa Kootiif Kan jibbamtan ni taatu Hamma Xumuraatti kan jabaatu garuu inni ni Fayya akkuma jedhu, \/Maat. 10:22\/<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><a name=\"_Toc132888870\"><\/a><strong>Guduunfaa<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Jireenyi Kiristaanummaa salphaatti kan ilaalamu osoo hin taane cimaa fi ulfaataadha. Yoo kana hubanne immoo dhugaa qabnu irratti hundoofnee yoo rakkinoonni nu muudatan \u201cFannoo haa baatu\u201d isa jedhu qalbeffachuutu nu barbaachisa.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Walumaagalatti amanataa dhugaa kan hunduu jireenya qoruumsaa fi rakkinaan guutame adduunya kana keessa jiruu fi akkataa jalaa ittiin oollu, Waaqayyo rakkina keessatti maaliif akka callisu, rakkina keessattii obsuun Waaqayyo duratti gatii guddaa akka qabu fi kkf hundumaa sirritti hubachuu dhaaf, Doonii (Bidiruu) kan jedhamte Mana Kiristaanaatti jabaachuudhaan, bidiruu kana kan oofuu Gooftaa fi Qooricha keenya Iyyaasuus Kiristoositti amanuu dhaan qoruumsa adduunyaa kanaa hundumaa darbuudhaan bakka ga\u2019uumsaa kan jedhamte Mootummaa Waaqayyoo dhaalchisuu fi galchuu kan danda\u2019u jireenya Ortodoksawaa jiraachuu qaba. Kanaafuu, Qulqulluu Fannoo Kiristoos qabannee, Gooftaa keenya rakkinaan fakkaannee, obsaa fi jabinaan dhaabbannee, Mootummaa Isaa akka dhaalluuf nu haa dandeessisu.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong><a name=\"_Toc132888871\"><\/a>Maddoota barreefamichaa<\/strong><\/p>\n<ol style=\"text-align: justify;\">\n<li>Maxxansa Haamar yeroo 18<sup>ffaa<\/sup> lakkoofsa 6, Fulbaana 2003<\/li>\n<li>https:\/\/hamer.eotcmk.org\/hamer-online\/item\/342-2021-04-07-13-18-57<\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: right;\">Galanni Waaqayyoof!<\/p>\n<p style=\"text-align: right;\">Haadha Isaa Qulqulleetti Maariyaamiif!<\/p>\n<p style=\"text-align: right;\">Ulfaataa Fannoo Isaaf Haa Ta\u2019u!!!<\/p>\n<\/div><\/section>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Fannoonis Rakkina yeroo jennu haala lamaan ilaaluu qabna. Isaaniis:-<\/p>\n<p>1. Rakkina Kiristoos<\/p>\n<p>Dhala namaa garbummaa cubbuu jalatti kufee ture Fayyisuuf, waanjoo garbummaa irraa kaasuuf akkuma Galata Maariyaamii kessatti dubbatame \u2018Addaamiin bilisa baasuuf gara bultoo isaatii duraatti deebisuuf jaallate\u2019 isa jedhame mirkanneesuuf, waadaa kennaa dhabuu fi Ganataa ari\u2019atamuu dhala nama irraa kan ka\u2019e gaabbuu ilma namaatiif Waaqayyoon kenname sana \u201cGuyyaa shanii fi walakkaa booda dhala dhala kee irraa dhaladheen, walakkaa addunyaatti Fannoo irratti fannifamee\u00a0 dhufee si Fayyisa\u201d isa jedhuun Waaqa sadan keessaa tokko Ilmi salphina keenya fudhachuuf gara lafaatti dhufe salphina argateen, rakkina irra gaheetiin kan hubatamuu dha.<\/p>\n","protected":false},"author":4,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[73],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4737"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/4"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4737"}],"version-history":[{"count":3,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4737\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4740,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4737\/revisions\/4740"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4737"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4737"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4737"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}