{"id":4728,"date":"2023-09-06T05:22:20","date_gmt":"2023-09-06T05:22:20","guid":{"rendered":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4728"},"modified":"2023-09-06T05:29:12","modified_gmt":"2023-09-06T05:29:12","slug":"rakkina-jireenya-kiristaanummaa-keessatti","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/rakkina-jireenya-kiristaanummaa-keessatti\/","title":{"rendered":"RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI"},"content":{"rendered":"<section  class='av_textblock_section av-lm7ah0sa-20c2b45311715be6786cd855c05843f3 '   itemscope=\"itemscope\" itemtype=\"https:\/\/schema.org\/BlogPosting\" itemprop=\"blogPost\" ><div class='avia_textblock'  itemprop=\"text\" ><p style=\"text-align: center;\"><strong>\u201cJaalala Kiristoos irraa eenyutu adda nu baasa?\u201d (Room. 8:35)<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: right;\"><strong>\u00a0 Kutaa Tokko\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>\u00a0\u00a0<a name=\"_Toc132888859\"><\/a>1.Hiikaa Rakkinaa<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Rakkina jechuun maal jechuu dha? Rakkina jechuun qoruumsa, dhiiphina jechuu akka ta\u2019e Aleqaa Kidaane Weldi Kifilee kitaaba isaanii galmee jechootaa (\u1218\u12dd\u1308\u1260 \u1243\u120b\u1275) keessatti hiikanii ni argina. (fuula \/\u1308\u133d\/ 591) akkasumas Liqa Hiruyaan Balaay Makonnin kitaaba isaanii galmee jechoota Afaan Amaariffaa Tinsaa\u2019ee \/\u1275\u1295\u1223\u12a4\/ keessatti \u201cqoruumsa, jeeqamuu, dhiiphina\u201d hiika jedhu kennanii fi ni argina. (fuula \/\u1308\u133d\/ 20) Kiristaana jechuun bishaanii fi Afuura irraa dhalachuun Kiristoosiin kan Uffate, Kiristoosii waliin tokko kan ta\u2019e jechuu dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Duuka Bu\u2019aan Qulqullichi Phaawuloos \u201cKiristoosiin waliin Tokko akka taataniif kan Cuuphamtan hunduu Kiristoosiin uffatanirtuuti\u201d (Gala. 3:27) akka jedhu. Kiristoos adduunyaa kana kan jaallate yookiin jaalala dhala namaaf qabu kan mul\u2019ise, ofii Isaas rakkinatti dabarsee of keennuuni fi dhiphina kessatti dha. Gooftaanis \u201cAnaan hordofuu kan jaallatu yoo jiraate, mataa isaa haa ganu <strong>Fannoo isaa<\/strong> baatee Ana haa hordofu\u201d (Maat. 16:24) jechuun ajaja kenne keessatti Kiristaanonni Waaqayyo Isa Cuuphaadhaan uffatan kanaaf Jaalala qaban daandiin ittiin mul\u2019isan rakkina ta\u2019uu isaa haa qalbeeffannu! Waluuma galatti Jireenyi Kiristaanummaa raawwatee Sirrii kan ta\u2019ee fi Gammachuun Samii kan ittiin dhugoomu, jireenya addunyaa keessatti immoo rakkinni lafaa kan adda irraa hin baane waan ta\u2019eefii dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Waqtii tokko Gooftaan keenya rakkina akka fudhatu yeroo Duuka Bu\u2019oota Isaatti himutti, Qulqullichi Pheexiroos \u201cSirratti hin ga\u2019in \/hin rawwatamiin\/\u201d (Maat. 16:22) yeroo ittiin jedhu Gooftaan keenya hiifatee\/dheekkamee ture. Hiifannaa kanaan booda garuu Qulqullichi Pheexiroos waa\u2019ee Kiristinnaa fi Rakkinaa akka addaa adda hin baane akkas jechuun ragaa ba\u2019a \u201cYaa jaallatamtootaa isin gidduutti akka abiddaatti isiin qoruudhaaf rakkina ta\u2019uudhaaf, waanti ajaa\u2019ibsiisaan waanta isiinitti dhufeef hin diinqisifatiinaa\u201d erga jedheen booda itti fufee \u201cGartuu Kiristaanaa ta\u2019aanii rakkina fudhachuu garuu,waa\u2019ee maqaa kanaaf Waaqayyoon haa galateeffatu malee hin qaanefatiin\u201d (1<sup>ffaa <\/sup>Pheex. 4 :12-16) jedha.Qulqulluun Luqaasis \u201cDuuka Bu\u2019oota waamanii ni reeban, maqaa Iyyasuusiinis akka hin dubbanne abboomanii isaan hiikanii\u201d jechuu dhaan waa\u2019ee rakkina Duuka Bu\u2019oota erga barreesseen booda \u201cIsaaniis waa\u2019ee maqaa Isaatiif tuffatamuun kan isaaniif malu ta\u2019ee waan lakka\u2019amaniif fuuldura Yaa\u2019iitii isaanitti tolaa ba\u2019anii\u201d (Hoji.Du.Bu. 5:41) nuun jedha. \u00a0Duuka Bu\u2019oonni dhiphinni qaama foonii isaanii irra ga\u2019u isaanitti hin dhaga\u2019amiin hafee utuu hin taane, Abbaa hundumaa kan ta\u2019e Waaqayyoo waliin yeroo hundaa waan hojjetaniifi lapheen isaanii boqonnaa gammachuu samii fi nageenya argachaa waan tureefi dha. Irra caalaattis Fayyisaan Adduunyaa Iyyasuus Kiristoos \u201cAdduunyaa keessa yeroo jirtan rakkinni isiin irra jira, haa ta\u2019uu malee jabaadhaa Ani adduunyaa moo\u2019adheera\u201d (Yoh. 16:33) jechuun nuuf dhugoomsa.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong><a name=\"_Toc132888860\"><\/a>2.Rakkinni Eessaa Dhufaa?<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Dursinee akkuma caqasuuf yaalle rakkina yeroo jennu dhiphina, qoruumsa, dhukkuba, hongee, waraana yookiin nageenya dhabuu, beela ta\u2019uu danda\u2019a.karaaleen rakkinnoonni itti dhufan garaa gara yemmu ta\u2019aan, barreeffama kanaaf madda rakkinaa kutaa Afuritti qoodnee ni ilaalla.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong><a name=\"_Toc132888861\"><\/a>2.1 Ofii \/Mataa\/ ofii irraa:-<\/strong> Rakkinni hawwii foonii(cubbuu) mataa(ofii) keenyaa irraa dhufuu danda\u2019a, dhalli namaa aangoo argachuu dhaaf, qarshii \/maallaqa\/ argachuu dhaaf, fudhatama argatee beekamaa ta\u2019uuf, ofii isaa warreen kaan irraa adda baasee hawwii of guddisee mul\u2019isuuf qabu irraa, rakkinna salphaa yookiin rakkina cimaa ofii isaa irratti fiduu danda\u2019a. Fedhiiwwan kunneenis kan badanii fi darban yoo ta\u2019aanis fedhiiwwan kanneen guutachuudhaaf daandiin ilmi namaa irra deemu garuu mataa ofiis ta\u2019u akkasumas baay\u2019oota rakkinaaf, gidiraafi qorumsaaf qaqqabsiisuu danda\u2019eera. Adduunyaa irratti ta\u2019u, darbees biyya keenya keessatti waantotni hanga ammaatti arginee fi ammattis kan argaa jirru waraanonni (lola), wal ajjeessuu fi wal balleessuu, dhukkuboonni, sanyiin, afaaniin, gareen, lagaan wal qooduun ragaalee ta\u2019u.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Bara Kakuu Duraatti bara Noohi rakkinni addaa qaqqabee fi badiin dhala namootaa irraa kan ka\u2019e rakkinni adduunyaa irratti dhufe. (S.Uum. 7:10) Akkasumas biyyoota Sadoomii fi Gamooraa keessatti Ijaafis gurraafis rakkinni fi badiinsi keessummaa ture, hawwii dadhabaa fi cubbuu irraa kan ka\u2019e dha. (S.Uum. 19:24)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Israa\u2019eelootaaf godaansi \/adeemsi\/ guyyootaa fi halkanoota 40 gara waggoota 40tti kan guddateef, Uumati Israa\u2019eelis summii bofaan hiddamee kan dhumeef; darbees rakkinoota hedduu isaan irra qaqqabeef sababni cubbuu isaan of irratti fidanii fi dheebuu hawwii cubbuu jallinaa fedhii isaanii akkasumas seera Waaqayyoof bitamuu dhabuu dha. (S.Lakk. 14:34, 21:6)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Akka nama tokkootti (Personality) yoo ilaalle immoo abboommii Isaa irra darbuun, abboommii Isaa dagachuun, ajaja abboommii fi seerotaaf abboomamuu dhiisuun Waaqayyoo irra adda kan nu baasaa jiran fedhiiwwan foonii fi hawwii daangaa hin qabnee fi sirrii hin taane kan ofii keenyaan ofiitti fidneeni.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Qulqullichi Yohaannis ergaa isaa keessatti \u201cAdduunyaa fi adduunyaa keessa kan jiran hin jaallatinaa, adduunyaa keessa kan jiru hunduu innis hawwii foonii fi ijatti midhaginaan waa\u2019ee qabeenyaafis of jajuun adduunyaa keessaa waan ta\u2019eef malee Abbaa irraa waan hin taaneef, eenyu iyyu adduunyaa yoo jaallate jaalalli Waaqayyoo isa keessa hin jiru\u201d (1<sup>ffaa <\/sup>Yoh. 2:15) jedha, Qulqullichi Yaa\u2019iqoobiinis \u201cHaa ta\u2019u malee tokko tokkoon hawwii ofiin harkifamuuni fi gowwoomfamuun ni qorama\u201d (Yaa\u2019i. 10:14) jechuun maddoota rakkinoota nutti dhufan keessa tokko kan ta\u2019e hawwii mataa keenyaa ta\u2019uu isaa ifatti nutti mul\u2019isa.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong><a name=\"_Toc132888862\"><\/a>2.2. Diyaabiloos irraa:-<\/strong> Rakkinni yookiin qoruumsi Diyaabiloos irraa dhufuu ni danda\u2019a.\u00a0 Itti waamama maqaa Isaatiif galanni fi kabajni haa ta\u2019uutii Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos kawaala Qoroonxos keessatti guyyoota fi halkanoota 40 erga soomee booda diyaabiloos waantota gurguddoo sadiin of jajjumma, jaalala qarshii fi Albadhesummaan qoree ture. Qulqullichi Luqaasis kana yeroo mul\u2019isuu fi ibsu \u201cDiyaabiloos qoruumsa isaa hundumaa erga xumureen booda\u00a0 <strong>yeroodhaaf <\/strong>Isa irraa adda ba\u2019e\u201d (Luq. 4:13) jedha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Diyaabiloos hojii isaa hojjeechuudhaaf hawwii (fedhii) foonii dadhabaa keenya akka meeshaatti itti fayyadama. Qulqullichi Phaawuloos namoota Efesooniin \u201cDheekkamaa cubbuus hin rawwatinaa, dheekkamsa keessan irratti aduun hin seenin, diyaabiloosiifis daandii hin keenninaa\u201d (Efe. 4:26) jedha. Kunis diyaabiloos hawwii foonii keenya dadhabaan yookiin fedhii keenyatti fayyadamee qoorumsaa fi rakkina nutti fiduu akka danda\u2019u\u00a0 kan nutti mul\u2019isuu dha. Karaa biraatiin obboloota gidduutii jaalalli yeroo dhibamu diyaabiloos immoo wal jibbuu fi wal qoqqoduu caaluuf itti fayyadama.Waraansi afaanii fi dubbii namoota gidduutti raawwatuus jibbiinsaa fi addaa adda ba\u2019uu caaluuf, akkasumas wal balleessuu caalutti guddifata.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Inni biraan immoo akka Iyoob Waaqayyo fuulduratti jaalatamuu fi kabaja yoo qabaannu, seexanni boqonnaa malee rakkinoota jajjaboo nutti fida \u201cSeexannis Waaqayyo fuulduraa deeme, Iyoobinis kophee miilla isaatii jalqabee hanga mataa isaatti madaa hamaadhaan rukute\u201d (Iyoob 2:7) jedha. Kitaabni \u201cDinni keessan diyaabiloos waanta Liqimsuu barbadee akka leenca barooduutti ni nanna\u2019aatii\u201d (1<sup>ffaa<\/sup> Pheex. 5:8) akkuma jedhu, dinni keenya qoruumsa fi rakkina baay\u2019isuutiin boojuu argachuuf jecha boqonnaa malee yeroo hundaa dhama\u2019a.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong><a name=\"_Toc132888863\"><\/a>2.3. Waaqayyoo biraa:-<\/strong> Rakkinni eebbaa fi gatii samii irraaf Waaqayyo biraa dhufuu danda\u2019a.Waaqayyo Abrihamiin ilma isaa Arsaa akka Isaaf taasisuuf ajajee ture. Kun qormaata dhiphisu Waaqayyoo biraa kan Abrihamiif dhiyaateedha. (S. Uum. 22:1-15) Abrihaam garuu kan ajajame raawwachuu dhaaf Waaqayyo fuulduratti guddina amantii isaatii mul\u2019iseera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kakuu Haarattis Gooftaan keenya amantii Duuka Bu\u2019oota yeroo qoru ni argina. Gooftaan keenya gara bidiruutti seenee erga rafeen booda bidiruuttin qilleensa jabaan dhiphattee turte. Duuka Bu\u2019oonni Isaa dhiphachuu isaanii irraa kan ka\u2019e \u201c Yaa Gooftaa, nu fayyisi, baduufi\u201d jechaa dammaqsan. \u201cIsiin warri amantiin isiinitti hir\u2019ate, waa\u2019ee maaliif sodaattuu? Ittiin jedheen. Kana boodas ka\u2019ee qilleensaa fi galaanicha hifate, tasgabbiin guddaanis ta\u2019e\u201d (Maat. 8:23) jedha. Duuka Bu\u2019oota Isaatiin bori rakkina guddaa ni fudhatuuti amma irraa eegalee qoruumsa keessa darbuu isaanitti agarsiisuuf, isaan shaakalsiisuuf akkasumas dandeettii rakkina baachuu isaanii ciimsuu dhaaf qoruumsa kana isaaniif dhiyeesse. Qulqullichi Yohaannis afaan Warqee \u201cMoo\u2019attoota adduunyaa kanaa kan ta\u2019an Duuka Bu\u2019oota Isaa qofa qabatee gara bidirruutti seene\u201d jechuudhaan, Gooftaan keenya gara bidiruuchaatti seenuu Isaan dura namoonni baay\u2019een kan Isa hordofan ta\u2019us rakkina bidiruu sana keessa tureef kan filataman garuu Duuka Bu\u2019oota Isaa qofa akka ta\u2019an mul\u2019isa.\u00a0 Qulqullichi Phaawuloos qoruumsoota Waaqayyo biraa ta\u2019an \u201cNamoota hundumaaf rakkina ta\u2019uun ala rakkinni biraan isiin irra hin geenye, haa ta\u2019u malee hanga dandeessaniin caalaa akka qoraamtaniif kan hin eeyyamne\u00a0 Waaqayyo amanamaa dha, akka obsitaniifis akka dandeessanitti qoruumsicha waliin karaa jalaa ittin miliqxanis isiniif qopheessa\u201d (1<sup>ffaa <\/sup>Qor. 10:13) jechuun ni ibsa.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong><a name=\"_Toc132888864\"><\/a>2.4. Namoota hin Amanne biraa:<\/strong>&#8211; Jireenya Kiristanummaa keessatti rakkinni karaa ittiin dhufu keessaa inni tokko namoota hin amannee irraatti. Bara Abbootii irraa eegalee Waaqummaa Waaqayyootiin karaa namoota fayyan irratti karaa namoota hin amanne rakkinni itti dhufaa ture. Har\u2019as itti dhufuutti jira. Fara\u2019ooniin Gibxii Isra\u2019eeloota irratti rakkina jabeessuu isaa fi dheekamsa adabbii 10n irraa barachuus ta\u2019e deebi\u2019uu dhiisuun isaa, bu\u2019aa amanuu dhabuu isaatiti.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kana ta\u2019uu isaaf Isra\u2019eeloonni galaana Ertiraa yeroo ce\u2019an inni liqimfameera. Hojii Duuka Bu\u2019ootaa irrattis bartoota Gooftaa irratti waaqa harkee kan waaqessanii fi Tolchaataniin rakkina irratti jabeessaa akka turan ni dubbata. Fakkeenyaaf Elmaas tolchaan jedhamu Wangeela akka lallabnee fi hin barsiisneef isaan qoraa, warreen kaan macaafa isaanii gubaa, tajaajila isaanii irratti gufuu itti ta\u2019aa turan. Ari\u2019atamuu fi reebamuun rakkinoonni garaa garaa mootota hin amannee fi Heeroodis irraa isaan mudachaa tureera. \/Hoji.Du.Bu. 13:8, 19:19\/<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kanaaf ture \u201cRakkina fudhannee, gidirfamne (dhamaanes), Waangelas dubbanne\u201d jechuun Qulqullichi Phaawuloos rakkina isaanii ibse. 1<sup>ffaa <\/sup>Tasa. 2:2 Dabalataanis godaansifamuu,beela\u2019uu, dheebochuu, tuffatamuu fi arrabsamuu k.k.f yeroo tajaajila isaanii rakkina baramee fi amaleefatame ta\u2019uu isaafi.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Haa ta\u2019u malee, Abbootiin keenya duraanii kan isaan dhiiphatanii fi yaadan waa\u2019ee rakkina isaan muudatuu fi ofii isaaniif osoo hin taane waa\u2019ee Qulqulleetti Mana Kiristaanaa fi Meeshaawwan Qulqullaa\u2019oo achii keessa turaniifi. Qulqullichi Phaawuloos Saba Qoronxoosiif yeroo erguu barreesseera. 2<sup>ffaa<\/sup> Qoro. 11:28<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Jireenyi namoota Qulqullootaa bara Wareegamtootaas akka mul\u2019isutti holqawwanii fi gammoojjii garaa garaa keessatti amantii isaaniif dhiiga dhangalasuu namootni akka Diyooqilxaanoos fi kan isa fakkaatan rakkina isa irra qaqqabsiisan ta\u2019uu seenaan Mana Kiristaanaa ni mul\u2019isa.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Bara keenyas namoota Amalooma Iyyaasuus Kiristoositti hin amananneen kallattii gara garaan rakkinni nutti dhufuu danda\u2019a. Yihudoonni Fannoo Gooftaa keenya Iyyaasuus Kiristoos akka awwaalan, Tufitii fi Seera baruumsa Mana Kiristaanaa awwaaluuf namootni fiigan, amantii isaanii Tawaahidootiin kan fayyanii tajaajiltootaa fi amantoota warreen qoran haftee fi harcaatiin yihudootaa baroota keessatti ni ka\u2019uutii. \u201cRakkina isinitti dhufeef hin ajaa\u2019ibsifatiinaa\u201d akkuma jedhame, waa\u2019ee Amantaa kan hin amanne fi shakkitoota irraa rakkina dhufuun utuu hin raafamiin jireenya Afuurummaa fi baruumsa Tawaahidootti jabaachuutu nu irraa eegama.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong><a name=\"_Toc132888865\"><\/a>3. Rakkina Keessatti Callisuu Waaqayyoo<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Wangeela keessatti akkuma ifoome, bidiruuttiin qilleensi hanga galagalchuutti rakkina ta\u2019e keessatti Duuka Bu\u2019oonni dhiphatanii yeroo turanitti Gooftaan keenya garuu rafee hanga Isa dammaqsanitti hin kaane ture. (Maat. 8:23) Qilleensa dhiphisu keessatti hirribi hanga hin dammaqsinetti qabu hirriba akkamiitii? Utuu hin beekiin hafeeti akka hin jenneef hirriba keessaa yemmuu dammaqu maaltu mudate? Rakkina maalitus isin argate? Hin jenneeni, caalumaattis \u201cisiin warri amantiin isiinitti hir\u2019ate, waa\u2019ee maaliif sodaattuu?\u201d Ittiin jedheen malee. Callisuun Waaqayyoo beekuu dhabuu Isaa waliin raawwatee kan walitti hin dhufne ta\u2019uu isaa raajichi \u201cAni Waaqa dhiyooti malee Waaqa fagoo miti. Namni dhoksaan yoo miliqse, Ani hin argineere? Samii fi lafas kan guute Ana mitiree? jedha Waaqayyo.\u201d (Eerm. 23:23) jechuu dhaan ni dubbata. Ogeessichi Qulqulluun Salomooninis Waaqayyoo Foon Isaatiin rafe yoo jedhame illee Waaqummaa Isaatiin garuu hundumaa kan beeku ta\u2019uu isaa \u201cAni raafeera, lapheen koo garuu dammaqeera\u201d (Faar. Faar. Caalu Kan Salomoon. 5:2) irratti jechuun ibsa.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kadhannaa Waadaa ykn Kidaanii irratti \u201c\u12a5\u121d\u1245\u12f5\u1218 \u1215\u120a\u1293 \u12a9\u120e \u12e8\u12a0\u121d\u122d \u1364 \u12c8\u12a5\u121d\u1245\u12f5\u1218 \u1215\u120a\u1293 \u12ed\u1348\u1275\u1295 \u12c8\u12d8\u12a5\u1295\u1260\u1208 \u1295\u1235\u12a0\u120e \u12ed\u1201\u1265 \u134d\u1275\u12c8\u1270\u1290\u201d jedha gara Afaan Oromootti yeroo deebifnu \u201cYaada laphee hunda dursee hundumaa kan beeku, yaaduun dursee hundumaa kan qoratu, utuu hin kadhatiin waanta barbaadnu beekee kan nuuf keennu\u201d (Kiidanii barii kutaa 2<sup>ffaa<\/sup>) irratti. Qulqullichi Yohaannis afaan Warqee Duuka Bu\u2019oonni Isaa hanga dammaqsanitti hirribaa ka\u2019uu dhabuu Kiristoos akkas jechuun \u201cWaaqayyoon waanta barbaadnu utuu itti hin himiin ni beeka, kadhannaa kan taasifnu Waaqayyoon hoggannuuf (dursuuf) ykn abboomuuf miti, caalumaattis nuti yeroo kadhannu hariiroon nuuyif Isa gidduu jiru akka mul\u2019atuuf malee, mataa keenya gadi qabannee yeroo kadhannu gad of qabummaa qabeenya akka taasifannuu fi yaadannuufi dha\u201d jechuun ibsa.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Yeroo tokko tokko callisuu Waaqayyoo hormootni \/al-uumamtootni\/ illee \u201cDhugaan isaan bira hin jirtu, Uumaan Isaaniis hin jiru\u201d jedhanii hanga dubbatanitti ga\u2019uu ni danda\u2019a. Dhangala\u2019uu dhiiga Qulqullootaa, gubachuu Manaa fi Meeshalee Qulqullaa\u2019oo Mana Kiristaanaa, dhiphachuu fi du\u2019a tajaajiltootaa, qaaniin fi waanti nama leeyyaasiisu dubartootaa fi ijjoollota xixxiqqoo irra ga\u2019uu fi gudeedamuu isaanii fi k.k.f yeroo ta\u2019an, \u201cAl-uumamtootni \/Hormoonni\/ Waaqni isaanii eessa jira? Akka hin jenneetti dhiiga garboota Keetii dhangala\u2019e baasi ijoota keenya duratti ormoonni haa baran\u201d (Faars. 78:10) hanga jennuutti callisuu ni danda\u2019a. Jaallatamtoota maatii Waaqayyoo! Waaqayyoon waanta nu irra ga\u2019ee fi nu irratti raawwatame qofa osoo hin taane, yaada keenya keessa waanta jiruus ta\u2019ee waa\u2019ee borii ni beeka. Haa ta\u2019uu malee gahee keenya akka baanuuf, jabeenya amantii keenyas ilaaluuf ni barbaada. Waantootni raawwatamanii fi haalonni yoo ciman kadhannaa keenyaan haa dammaqsiinu, innis deebii gaaffiiwwan keenya hundaa nuuf deebisaati. Qulqulluun Phaawuloos fi Barnaabaas \u201cGara Mootummaa Waaqayyootti rakkina hedduudhaan seenuutu nu barbaachiisa\u201d (Hoji.Du.Bu. 15:21) kan jedhaniis yeroo hunda haa yaadannu. Waanta irraanfatamu mitiihoo.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><a name=\"_Toc132888866\"><\/a><strong>4. Gargaarsa Waaqayyoo Rakkina Keessatti<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Rakkinni fi qoruumsi yeroo baay\u2019atu \u201cWaaqayyo utuu nu wajjiin jiraate ta\u2019e akkas hin taanu ture\u201d jennee ofii keenyaaniis namoota biroonis ni mormiina. Dhugaa dha! Baay\u2019ina cubbuu fi yakka dalaguu keenyaan, seera irra daddarbuu keenyaani fi Waaqayyoo irraa fagaachuu keenyaan rakkinoonni nutti dhufan hedduun ni jiru. Rakkinoota kanneen akkasii qalbii jijjiiratanii (gaabbii galanii) dabarsuun ni mala. Kana jechuun garuu rakkinoonni hundumtuu cubbuu irraan kan ka\u2019e qofa dhufu jechuu miti, gaabbii gallee jireenya Afuurummaa qajeelaa ta\u2019e keessa utuu jirruu rakkinnii fi qoruumsi nutti dhufuu ni danda\u2019a. Daranis caalee akka malee nu mudachuu danda\u2019a. Dabalataaniis, baay\u2019achuun rakkinootaa fi idaa\u2019amiinsi qormaataa Waaqayyoo nu wajjiin jiraachuu dhabuu Isaa hin agarsiisu!<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Uumaan utuu jiruu uumamni yeroo dhiiphatu, Kiristoos utuu jiruu dambaliin qilleensaa yeroo jabaatu \u201cKiristoos waanta nu waliin hin jirreef malee utuu jiraatee rakkinni nutti hin baay\u2019atu ture\u201d hin jedhinaa. Isa yeroo hordofnu, Isa waliinis yeroo jiraannu, kan Isaa kan ta\u2019e Fannoon Isaa nu waliin jiraatii, lapheen keenyaas hin dagatiin, yaada keenyaanis haa qalbeeffannu! \u201cBarbaadee kan nu argate Fannoo Isaatiniitii, nutis barbaadnee kan Isa argannu Fannoo Isaatinii\u201d. Qeerloos biyya Itiyoophiyaa kan jedhamu beekaa fi Qulqulluun biyya keenyaa Abbaan Giyoorgiis Isa Gaasiccaa \u1218\u133d\u1210\u1348 \u121d\u1225\u1322\u122d (Macaafa Icitii jedhu barreesse keessatti \u201c Yaa warreen laphee dhiba\u2019aa!(laphee Pheexiroos keessa kan jiruun) rakkina fudhachuu fi du\u2019uu Isaa fudhachuu waanta dideef Pheexiroosiin akka hifate ykn dheekkame hin dhageessanii?\u201d (\u1218\u133d\u1210\u1348 \u121d\u1225\u1322\u122d \u00a0Boq 15:10) jechuun rakkinni hiika Afuuraa qabaachuu isaa nutti hima. Hundumti keenya Mucummaa (ijoollummaa) keenyatti iciitoota yeroo hirmaannu, Mana Qulqullummaa Kiristoos taanee Inni nu keessa jiraateera, Gooftaa nu keessa jiru yoo kan jaallannu taane, Fannoo Isaa\u00a0 haa baadhannu, \u201cNamni Na hordofuu jaallatu ofii isaa haa ganu, jabaatees Fannoo du\u2019a isaatii baatee guyya guyyaatti Na haa hordofu\u201d (Luq. 9:23) akka jedhe Fayyisaan Addunyaa. Kanaafuu Waaqayyoon warreen amananii fi Isa duukaa bu\u2019an caalaatti ni qoramu. Fakkeenyi kan hin argamneef Haati keenya Dubroon Maariyaam Waaqayyoon waliin taanee qoruumsa keessa akka ceenuutiif fakkeenya keenya ishee duraa fi hangafaatii. Duuka Bu\u2019oonni Isaas \u201cAni hanga raawata addunyaatti isiin waliinan jira\u201d Waaqayyoo isaaniin jedhe qabatanii, qoruumsaa fi rakkinoota hedduu fudhataniiru.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">\u201cNamni Na hordofuu jaallatu ofii isaa haa ganu, jabaatees <strong>Fannoo<\/strong> du\u2019a isaatii baatee guyya guyyaatti Na haa hordofu\u201d (Luq. 9:23) kan jedhuu fi \u201cAnaan hordofuu kan jaallatu yoo jiraate, ofii isaa haa ganu <strong>Fannoo isaa<\/strong> baatee Naa hordofu\u201d (Maat. 16:24) kan jedhu irra kaanee Fannoo kan jedhame maal akka ta\u2019e haa ilaallu. Fannoo jechuun isaa rakkina jechuu isaati.<\/p>\n<p style=\"text-align: right;\"><strong>Nuu haa turu.<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 <\/strong><\/p>\n<\/div><\/section>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>\u00a0\u00a01.Hiikaa Rakkinaa<\/p>\n<p>Rakkina jechuun maal jechuu dha? Rakkina jechuun qoruumsa, dhiiphina jechuu akka ta\u2019e Aleqaa Kidaane Weldi Kifilee kitaaba isaanii galmee jechootaa (\u1218\u12dd\u1308\u1260 \u1243\u120b\u1275) keessatti hiikanii ni argina. (fuula \/\u1308\u133d\/ 591) akkasumas Liqa Hiruyaan Balaay Makonnin kitaaba isaanii galmee jechoota Afaan Amaariffaa Tinsaa\u2019ee \/\u1275\u1295\u1223\u12a4\/ keessatti \u201cqoruumsa, jeeqamuu, dhiiphina\u201d hiika jedhu kennanii fi ni argina. (fuula \/\u1308\u133d\/ 20) Kiristaana jechuun bishaanii fi Afuura irraa dhalachuun Kiristoosiin kan Uffate, Kiristoosii waliin tokko kan ta\u2019e jechuu dha.<\/p>\n","protected":false},"author":4,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[73],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4728"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/4"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4728"}],"version-history":[{"count":5,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4728\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4733,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4728\/revisions\/4733"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4728"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4728"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4728"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}