{"id":4716,"date":"2023-09-01T07:39:23","date_gmt":"2023-09-01T07:39:23","guid":{"rendered":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4716"},"modified":"2023-09-01T08:51:04","modified_gmt":"2023-09-01T08:51:04","slug":"qulqulluu-sinoodoosi","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/qulqulluu-sinoodoosi\/","title":{"rendered":"QULQULLUU SINOODOOSI"},"content":{"rendered":"<section  class='av_textblock_section av-lm09mmhw-46f4cfe9cb83008ab38e07de0e49ee9e '   itemscope=\"itemscope\" itemtype=\"https:\/\/schema.org\/BlogPosting\" itemprop=\"blogPost\" ><div class='avia_textblock'  itemprop=\"text\" ><p style=\"text-align: center;\"><strong>QULQULLUU SINOODOOSI<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: right;\"><strong>Kutaa Lammaffaa<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><a name=\"_Toc143861562\"><\/a><strong>7. Kaayyoo Qulqulluu Sinoodoosii<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kaayyoon Qulqulluu Sinoodoosii inni guddaan tokkummaa Mana Kiristaanaa eeguu dha. Taateewwan yeroodhaa yerootti mudataniin Doogmaa fi Qannoonaa; Sirnaa fi Darbii darboo, seerri ishee akkasumas bulchiinsi ishee akka hin diigamnee fi balaa irras akka hin buunef eegaa dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Bu\u2019uura kanaanis amantii ishee irratti gaaffiin yeroo ka\u2019u ibsa gadi fageenyaan itti kennuu fi baruumsonni fi ilaalchonni haaraan yeroo dhufan bu\u2019uura Doogmaatiin qajeelchuu, sirna Soomaa fi Kadhannaa hojjeechuunis gahee Abbootaa Hangafoota Phaaphaasotaa ijjoollota ishee hoggaananiiti.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Seerri Mana Kiristaanaas mata duree kana keeyyata 15 jalatti ifoomseera.<\/p>\n<ol style=\"text-align: justify;\">\n<li>Amantaa, Qannoonaa, Darbii darboon fi seenaan Qulqulleettii Mana Kiristaanaa fallaa akka hin taaneef eeguu fi eegsisiisuu; tajaajilli ishees guutuu akka ta\u2019u dandeesisuu dha.<\/li>\n<li>Manneen barnootaa Mana Kiristaanaa ishee durii eeguu fi babaldhisuu.<\/li>\n<li>Kawaalotaa fi sirna Kawaalotaa akkasumas sirna Monoksummaa eeguu fi eegsisuu;<\/li>\n<li>Sirna kenniinsaa fi eegumsa Lubummaa bu\u2019uura \u134d\u1275\u1215 \u1218\u1295\u1348\u1233\u12ca (Haqa Afuurawaa) tiin raggaasifameen akka raawwatamuuf hordoffii fi to\u2019annoo taasisuu;<\/li>\n<li>Lallaba Wangeelaa babaldhiisuu fi jajjabeessuun; biyya keessaa fi biyya alaatti amantoota baay\u2019isuu fi eeguu;<\/li>\n<li>Amantoota kessumattis dargaggoonni Amantaa, Qannoonaa, Darbii darboo fi aadaa abboota isaanii irraa fudhatan eeganii baruumsaa fi amalaan boocamanii akka guddataniif; manneen baruumsaa Sanbataa fi manneen barnootaa ammayyaa sadarkaa olaanaatiin cimsuu fi babaldhisuu ;<\/li>\n<li>Sanyiin dhala namaa hundi beela, daaruu, dhukkubaa fi wallaalummaa jalaa bahee nagaa fi tokkummaan waliin yaaduu fi wal gargaaruun jireenya Afuurawaatiin akka jiraatu barsiisuu fi kadhachuu;<\/li>\n<li>Imaammatoota fi karoora (strategy) hojii misooma Mana Kiristaanaa ittiin raawwattu baasuudhaan fi dinagdeen (economy\u2019n) mataa ishee akka dandeessu haalota mijeessuu.<\/li>\n<li>Mana Kiristaanittii keessatti murtii fi qajeelummaan akka iddoo qabatu mirgi hundumaa seera duratti akka kabajamu wal qixxummaa fi tokkummaa akka mirkanaa\u2019u jabaatanii hojjechuu;<\/li>\n<li>Tokkummaa Mana Kiristaanaa eegsisuu fi kabachiisuu;<\/li>\n<li>Qabeenya Mana Kiristaanittii kamiyyuu eeguu, eegsisuu fi to\u2019achuu;<\/li>\n<\/ol>\n<p><strong>8.Olaantummaa Qulqulluu Sinoodosii<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kiristoosii gaditti Mana Kiristaanaaf olaantummaa guutuutiin abbaa ta\u2019anii akka hogganan aangoo guutuu ta\u2019e kan Waaqayyoo irraa isaaniif kennameen Mana Kiristaanaa bulchuu fi hogganuuf aangoo guutuu qabu. Olaantummaa Qulqulluu Sinoodoosii kana seerri Mana Kiristaanaa boqonnaa tokko yaada waliigalaa jalatti keeyyatni 14 qabxiiwwan armaan gadii tarreesseera.<\/p>\n<ol style=\"text-align: justify;\">\n<li>Yaa\u2019iin Qulqulluu Sinoodoosii Afuura Qulqulluutiin durfamu dhaalaa tessoo Duuka Bu\u2019ootaa waan ta\u2019eef akka Mana Kiristaanaatitti aangoo olaanaa isaa xummuraatiin abbaa dha.<\/li>\n<li>Caasaa aangoo Mana Kiristaanaa kamiif iyyuu qaamni olaanaan Qulqulluu Sinoodoosii waan ta\u2019eef seerota, danbiiwwan adda addaa fi qajeelfamoota baasuu fi aangoo murteessu qaba.<\/li>\n<li>Qulqulluun Sinoodoosii keeyyata kana keeyyata xiqqaa 2 jalatti kan ibsame dubbiiwwan walii galaa kanaan utuu hin daangefamiin;<\/li>\n<li>Amantaa fi Qannoonaa Mana Kiristaanaa ilaalchisee qaama aangoo olaanaa Mana Kiristaanittii waan ta\u2019eef dhimmoota Amantaa, Qannoonaa, Darbii darboo fi aadaa irratti deebii ni kenna; dhimmoota bu\u2019uura amantichaa kitaabotni ilaallatan akka barreeffamanii fi hiikkaan akka irratti keennamu ni taasisa.<\/li>\n<li>Mana Kiristaanaatti kabaja Ayyaanotaa fi Soomawwan ilaalchisee dhimmoota ka\u2019an irratti murtii xummuraa ni kenna.<\/li>\n<\/ol>\n<p><strong>9.Hojii fi itti gaafatamummaa Qulqulluu Sinoodoosii<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Armaan olitti akkuma ibsame kaayyoon Qulqulluu Sinoodoosii inni guddaan tokkummaa Mana Kiristaanaa eeguu dha. Taateewwan yeroodhaa yerootti dhalataniin Doogmaa fi Qannoonaa; Sirnaa fi Darbii darboo, seerri ishee akkasumas bulchiinsi ishee akka hin diigamnee fi balaa irras akka hin buunef eeguu dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Bu\u2019uura kanaanis amantii ishee irratti gaaffiin yeroo ka\u2019u, ibsa gadii fageenyaan itti kennuu fi baruumsoonni fi ilaalchonni haaraan yeroo dhufan bu\u2019uura Doogmaatiin qajeelchuu, sirna Soomaa fi Kadhannaa hojjeechuunis gahee Abboota Hangafoota Phaaphasotaa ijjoollotaa ishee hoggaananiiti.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Itti gaafatamummaa fi gahee Qulqulluu Sinoodosii kanas Manni Kiristaanaa seera ishee keeyyata 16 irratti baldhinaan kan raggaasiste kallattiin yeroo barreessinu akka armaan gadiitti kanneen tarreeffaman ilaaluun ni danda\u2019ama.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Qulqulluun Sinoodoosii Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa aangoo fi haala raawwii hojii asii gaditti tarreeffame ni qabaata.<\/p>\n<ol style=\"text-align: justify;\">\n<li>Qulqulluun Sinoodoosii Mana Kiristaanaa olaantummaan ni gaggeessa; ni hoggana, ni eegasi.<\/li>\n<\/ol>\n<ol style=\"text-align: justify;\" start=\"2\">\n<li>Bu\u2019uura seerri Mana Kiristaanaa \u134d\u1275\u1215 \u1218\u1295\u1348\u1233\u12ca (Haqa Afuurawaa) eeyyamuutiin seeroota, danbiiwwanii fi qajeelfamoota adda addaa ni baasa, ni haaromsa (foyyeessa); ni haqasi.<\/li>\n<li>Qabeenyawwan albuudaa fi kuusaa meeshaawwaanii Mana Kiristaanaa guutummaatti qajeelfama (policy) ni baasa, ni murteessaasi.<\/li>\n<li>Baajata waggaa Mana Kiristaanattis ni dhugoomsa; haala rawwii isaatis ni to\u2019ata.<\/li>\n<li>Caasaa bulchiinsa Mana Kiristaanaa akkasumas, sadarkaa fi itti waamama biiroowwaanii ni murteessa.<\/li>\n<li>Itti waamamiinsi isaanii Mana Lubummaa Walii galaa teessoo Paatriyaarikiif Yuunvarsitiiwwanii fi Kolleejjiiwwan Afuuraa ni dhaaba. Haala simannaa barattootaa fi ramaddii hojii yunvarsitiiwwanii fi kolleejjotaa ilaalchisee danbii ni baasa.<\/li>\n<li>Bulchiinsii fi tajaajilli Mana Kiristaanaa bu\u2019uura Qannoonaa Mana Kiristaanaatin akka hogganamu ni taasisa.<\/li>\n<li>Amantaan Mana Kiristaanaa Ortoodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa biyya keessaa fi alatti babaldhisuun amantootni akka baay\u2019atan ni taasisa.<\/li>\n<li>Manneen barnootaa Afuuraa fi ammayyaa hanga humni eeyyametti nannoowwan keessatti ni dhaaba; ni babaldhisas.<\/li>\n<li>Wangeelaa Mootummaa Kiristosii fi Qannoonaa Mana Kiristaanaa ni barsiisa; ni babaldhisasi. Biyya keessaa fi alatti biiroo waajjira kutaa biyya lallabaa fi teessoo Phaaphaasii akka barbaachisummaa isaatti ni hundeessa.<\/li>\n<li>Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa hariiroo fi walitti dhufeenyi isheen Manneen Kiristaanaa warra alaa (obbollotaa) wajjiin qabdu ni babaldhisa ni jajjabeessasi.<\/li>\n<li>Biyyoota alaatti kanneen argaman Kutaawwan biyya lallabaa fi Manneen Kiristaanaa tajaajilaa fi kan ramadamanii fi akkasumas Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa akkasumas barumsa Mana Kiristaanaa biyya keessatti kennamuun baratanii barumsa biyya alaa Luboota fi beektota barachuu (hordofuu) danda\u2019an adda baasuu fi ulaagaa filannoon akka ergaman ni taasisa ykn ni baasa.<\/li>\n<li>Mana Kiristaanattii bakka bu\u2019anii hojiifis; wal gahiifis ta\u2019u qorannaaf filannoo bakka buutota biyya alaatti ergamaniif qajeelfama ni baasa.<\/li>\n<li>Phaaphaasota Sinoodoosii dhaabbii keessa hojjeettan ji\u2019a sadi sadiin ramadaa akka hojjetan taasisa.<\/li>\n<li>Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaatti aangoo olaanaa irratti kanneen ramadaman.\n<ol>\n<li>Barreessaa olaanaa Qulqulluu Sinoodoosii<\/li>\n<li>Hoji gaggeessaa Mana Lubummaa Walii galaa<\/li>\n<li>Itti aanaa hojii gaggeessaa Mana Lubummaa Walii galaa<\/li>\n<li>Koomishineera Koomishinii misoomaa<\/li>\n<li>Itti gaafatama qajeelcha dhimma alaa<\/li>\n<\/ol>\n<\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify;\">Miseensotni boordii gosoota hojii addaa addaa filuutiin akka muudaman taasisa.<\/p>\n<ol style=\"text-align: justify;\" start=\"16\">\n<li>Qulqulluun Sinoodoosii yaa\u2019iiwwan yeroo adda addaatti taasisu irratti ajandoota ni raggaasisa. Akka barbaachisummaa isaattis ni fooyyessa.<\/li>\n<li>Dhimmoota Mana Kiristaanaa ilaachisee warreen badii dalaganiif arjummaa fi dhiifama ni kenna; dhiifama ni taasisa; barbaachisaas yoo ta\u2019e Qannoonaadhaan ni adaba.<\/li>\n<li>Biiroo Mana Lubummaa Waliigalaa fi caasaawwan isa jala jiranii fi akkasumas itti waamamni isaanii Qulqulluu Sinoodoosiif qaamota ta\u2019an biroo sochii hojii fi herregaa waggaa waggaan ni qorachiisa; akka barbaachisummaa isaattis odiitara alaatiin akka qoratamu ni taasisa. Gabaasa odiitii dhiyaatus qoratee murtoo malu ni kenna.<\/li>\n<li>Biiroowwan hojii sadarkaadhaan jiraniif danbii ittiin sochii hojii madaalu (sakkata\u2019u) ni baasa. Manni Kiristaanaas Miidiyaawwan hawaasaa biroo irratti haala ittiin tajaajilamtu qajeelfamoota tarreessuun ni baasa.<\/li>\n<li>Maqaa Mana Kiristaanaatiin kan walitti qabamu haa ta\u2019uu malee Qulqulluun Sinoodoosii kallattiin kan hin beekne; hin to\u2019annee fi maallaqaa fi qabeenya irratti hin abboomne kamiyyuu akka hin jiraanne to\u2019annoo jabaa ni taasisa. Raawwii isaas ni hordofa; seeranis mirga isaa ni eegsiisisa.<\/li>\n<li>Manni Kiristaanaas Miidiyaawwan hawaasaa biroo irratti haala ittiin tajaajilamtu qajeelfamoota tarreessuun ni baasa.<\/li>\n<li>Dhaabbilee misoomaa; hojii gaarii yookiin tola ooltummaa ni dhaaba.<\/li>\n<li>Kawaalota baroota dheeraa lakkoofsisan ni jajjabeessa. Kawaalota haarota; Manneen Kiristaanaaa magaalaa fi baadiyyaaa ni bu\u2019uurressa; dambii ittiin Kawaalonni gaggeeffaman sirna ni baasa.<\/li>\n<li>Bu\u2019uura Qannoonaa Mana Kiristaanaatiin haala qopheeffamaa fi itti fayyadama Meeshaalee Qulqullaa\u2019oo ilaalchisee danbii ni baasa.<\/li>\n<li>Mana Kiristaanittii keessatti hammatamanii tajaajila Afuuraa gumaachuuf waldaalee dhaabbattanii fi fuuldurati dhaabamaniif akka barbaachisummaa isaatti beekamtii ni kenna; waldoonni kunneenis Qindeessaa fi Qajeelcha Manneen barattoota sanbataa jalatti akka qindaa\u2019an ni taasisa. Danbii itiin bulmaata waldootaas qoratee ni dhugoomsa; ni haaromsa (foyyeessa); barbaachisaa ta\u2019ee yoo argames waldoota kana ni dhorka, ni haqasi.<\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify;\">Keeyyata kana keeyyata xiqqaa 19 irratti bu\u2019uura ka\u2019ameen maallaqaa fi qabeenya waldaalee kanneenii moodela Mana Kiristaanittiin akka walitti qabamu taasisa; maallaqa waldaalee; bulchiinsa fi qabeenya isaanii ni too\u2019ata; oditii ni taasisa; sirreefamas ni fudhata. Waldoonnis bulchiinsa Mana Kiristaanaa keessa akka hin galleef ni too\u2019ata; waa\u2019ee bulchiinsa waldaalee fi too\u2019annaa isaanii danbii tartiibaan ni baasa.<\/p>\n<ol style=\"text-align: justify;\" start=\"26\">\n<li>Seera Mana Kiristaanaa kanaatiin adda bahanii qaamota biroof kan hin kennamne dhimmoota Mana Kiristaanaa irratti murteessuuf aangoo guutuu ni qabaata.<\/li>\n<li>Seera Mana Kiristaanaa kana keeyyata 9 irratti tajaajila walitti qabama Afuuraa sabakaa irratti murtee kennu irra deebii sakkatta\u2019ee fi qulqulleefatee qajeelfamaa fi murtee ni kenna. Manni Kiristaanaa fi dhimmoota Mana Kiristaanaa ilaallatan murteen Qulqulluun Sinoodoosii kennu kan xummuraa ta\u2019a.<\/li>\n<li>Waa\u2019ee moggaasa Qulqullummaa danbii ni baasa, waa\u2019ee nama Qulqulla\u2019aa moggafamuus murtoo ni kenna.<\/li>\n<li>Manni Kiristaanaa manneen marii Kiristaanota adduunyaatti, Mannee Kiristaanaa waliigalaa Afrikaa, biyyoota keessaa fi alaa, addunyaa irratti kan argaman dhaabbatoottaa fi waldaalee biroo waliin hariiroo qabdu ni murteessa.<\/li>\n<li>Ephisqophoosonni akka muudamaniif barbaachiisaa ta\u2019ee yoo argame Qulqulluun Sinoodoosii yaa\u2019ii waliigalaa (guutummaan) murteessaa; bu\u2019uura seera Mana Kiristaanaatiin akka filatamanii fi ramadamaniif ni taasisa. Akkasumas, hangafootni Phaaphaasotaa fi Ephisqophoosota Biyya Lallabaatti fi kutaawwaan hojii garaagaraa irratti ni ramada. Sababa Quubsaanis ni jijjiijira<\/li>\n<li>Manni Kiristaanaa miidiyaalee hawaasaa mataa ishee fi kanneen biroon haala ittiin tajaajilamtu danbii tarreeffamaan ni baasa.<\/li>\n<li>Manneen murtii Afuuraa ni hundeessa, seera aangoo fi hojii isaanii murteessu qopheessuudhaan mana marii bakka bu\u2019oota ummataatti akka raggasifaman ni taasisa, sadarkaa manneen murtii kanneen irratti abbaa murtiiwwan tajaajilan ni dhugoomsa. Bu\u2019uura seeraatiinis aangoo irraa isaan kaasa.<\/li>\n<li>Danbii ittiin manneen barnoota bu\u2019uuraa Mana Kiristaanaa ittiin eegamanii fi babaldhatan ni baasa.<\/li>\n<li>Dhimmoota Ephisqophosootaa, Phaaphaasotaa yookiin hangafa Phaaphaasotaa ilaalchisee iyyannoowwan ol ka\u2019an kamif iyyuu qofummaan murtii ni kenna.<\/li>\n<\/ol>\n<p><strong>\u00a010.Murtiiwwan Qulqulluu Sinoodoosii fi raawwii isaanii<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Akka seera Mana Kiristaanaa keenyaatti murteewwan Mana Kiristaanaa keenya ilaallatan kamiyyuu fi dhimmoota Mana Kiristaanaa keenya waliin wal qabatan hundumaatiif itti gaafatamummaa hunda duraa kan qabuu fi aangoo olaanaa kan qabu Qulqulluu Sinoodoosii akka ta\u2019e keeyyata 17 waa\u2019ee itti hojii fi itti gaafatamummaa Qulqulluu Sinoodoosii jedhu jalatti ilaalleerra.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Qulqulluu Sinoodoosis biyya keenyaas sadarkaa caasaa Mana Kiristaanaa keenyaa eeggateen bara hundeeffamee kaasee dhimmoota Mana Kiristaaanaa barumsa, bulchiinsa, Doogmaa, Qannoonaa, Amantaa, seerotaa fi sirnoota ishee ilaalchisee hanga har\u2019aatti waantoota murtoo barbaachisaaniif walitti qabamee yaa\u2019ii isaatiin yoo waanta ariifachiisaa ta\u2019e yaa\u2019ii dhaabbataa waggaattii dhisee ariifannaan walitti qabamuun, yoo kan hin ariifachiisne ta\u2019e immoo yeroo walitti qabama isaa dhaabbataa waggaatiin walitti dhufuun faayidaa Mana Kiristaanaa dursiisuun murtii Mana Kiristaanaaf fayyadu akka murteessu ni beekama.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Murteen isaa kun immoo akka bakka qabatuuf yookiin raawwii argatuuf caasaa bulchiinsa Mana Kiristaanaa kan eeggateen oli irraa gara gaditti kutaawwan keessa darbuu qabuun qaama dhimmi isaa ilaallatuun akka raawwatamu taasifama. Kanaafis keessummatti caasaa bulchiinsa Mana Lubummaa Walii galaatiin gara biyya lallabaatti, achiin booda gara Mana Lubummaa Aanaatti, achi irraan Manneen Kiristaanaa tokkoon tokkoo baadiyyaa fi magaalaa keessatti argamaniin haala, yeroo fi raawwii isaa eegachuun tartiibaan kan raawwatamu ta\u2019a. Karaa biraatiinis akka nama dhuunfaa tokko tokkotti kan raawwatamus ta\u2019uu danda\u2019a (sadarkaa) dhuunfaatiin, sadarkaa waldaaleen, sadarkaa tajaajiltootaan, sadarkaa gaggeesitootaan (itti-gaafatamtootaan), sadarkaa qaamota mootummaa seektaroota garaagaraan, qaamota dhaabbilee mit-mootummaa fi tola ooltummaa addaa addaan kan hojiitti jijjiiramu ta\u2019uu danda\u2019a.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Seerri Mana Kiristaanaa keeyyatni 21 waa\u2019ee murtoo Qulqulluu Sinoodoosii akka armaan gadiitti ibseera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Qulqulluun Sinoodoosii dhimmoonni (ajandaawwan) gurguddoo irratti mari\u2019atee murtoo dabarse qaboon yaa\u2019ii barreessaa olaanaatiin qophaa\u2019ee fudhatama yeroo argatu mallattoo miseensotaan ni dhugooma.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Murtiin Qulqulluu Sinoodoosii miseensa yaa\u2019icha irratti argamees hin argamne irrattis raawwatamaa ni ta\u2019a.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Murtoo Qulqulluu Sinoodoosii kan muudamaa fi ramaddii hojii ilaallatu xalayaan barreessaa olaanaatiin qophaa\u2019ee Qulqulluu Paatriyaarikiitiin mallattaa\u2019ee tessoo kutaa ilaallatutti ni ergama.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Murtoo Qulqulluu Sinoodoosii kan mudamaa fi ramaddii hojii hin ilaallanne kamiyyuu xalayaan barreessaa olaanaa Qulqulluu Sinoodoosiitiin teessoo kutaa ilaallatutti ni ergama.<a name=\"_Toc143861566\"><\/a><strong>11.Dursaa Yaa\u2019ii Qulqulluu Sinoodoosii<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Qulqulluun Sinoodoosii tajaajila Mana Kiristaanaa kana itti fufsiisufis ta\u2019e, babaldhisuuf yaa\u2019ii adda addaa yeroo barbaachiseetti ni gaggeessa. Akka seera Mana Kiristaanaa bara 2015tti tumame keeyyata 20 waa\u2019ee dursaa yaa\u2019ii Qulqulluu SinoodoOsii dubbatu kanaan Abbootni Mana Kiristaanaa yeroo walitti qabamanii fi haala yaa\u2019ii isaanii ilaalchisee keeyyatni akka armaan gadiitti kaa\u2019ee jira.<\/p>\n<ol style=\"text-align: justify;\">\n<li>Walgahiin Qulqulluu SinoodoOsii walitti qabummaa Paatriyaarikiitiin hogganama ykn durfama. Paatriyaarikichi sababa garaagaraan yaa\u2019icha dursuu yoo hin dandeenye miseensota isaa gidduudhaa abbaa muudamaan dursu bakka buusuun walgahiichi (yaa\u2019ichi) gaggeefamuu danda\u2019a.<\/li>\n<li>Sababoota armaan gaditti tarreeffaman sadanii alatti Paatriyaarikichi dursaa tessoo sana utuu hin ta\u2019in ykn hin jiraatiin yaa\u2019iin Qulqulluu Sinoodoosii gaggeefamuu hin danda\u2019u.<\/li>\n<\/ol>\n<ol style=\"text-align: justify;\">\n<li>Paatriyaarikichi umurii (dulloomuu) fi sababa hir\u2019ina fayyaatiin abbaa yaa\u2019icha dursu bakka buusuu yoo hin dandeenye;<\/li>\n<li>Amantaa fi Qannoonaa Mana Kiristaanaa ilaalchisee Waitti qabamni Qulqulluu Sinoodoosii akka godhamuuf gaaffii miseensonni Qulqulluu Sinoodoosii yeroo isa gaafatan eeyyamamaa ta\u2019uu yoo baate;<\/li>\n<li>Ya\u2019ichi Paatriyaarikichaa dhimma ilaallatu yoo ta\u2019e, bu\u2019uura Murtii Afuurawaatiin ni<\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify;\">raawwatama.<\/p>\n<ol style=\"text-align: justify;\" start=\"3\">\n<li>Armaan olitti sababoota tarreefamaniin Paatriyaarikichi yaa\u2019ii sana gaggeessuu yoo hin dandeeenye mudamaa aangootiin dursummaa kan qabu Abbaa Qulqulluu Sinoodoosiitiin filatameen yaa\u2019ichi gaggeeffamuu ni danda\u2019a.\u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 <strong>12.Sirna Walgahii (Yaa\u2019ii) Qulqulluu Sinoodoosii<\/strong><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify;\">Olitti Mata duree yaa\u2019ii Qulqulluu Sinoodoosii jedhu akkuma ilaalle mata duree isa kana jalatti immoo yaa\u2019ii Qulqulluu Sinoodoosii kanaaf sirnoota isaa akka armaan gadiitti ni ilaalla. Seerri Mana Kiristaanaas keeyyata 19 jalatti baldhinaan haal armaan gadii fakkaatuun nuuf kaa\u2019ee jira.<\/p>\n<ol style=\"text-align: justify;\">\n<li>Murtiin Afuuraa keeyyata 5 lakkoobsa 164 irratti bu\u2019uura ajajuun Qulqulluun Sinoodoosii waggaatti si\u2019a lama walgahii dhaabbataa ni adeemsisa. Yeroon Walitti qabamaas (yaa\u2019ichaas):-<\/li>\n<\/ol>\n<ol style=\"text-align: justify;\" start=\"2\">\n<li>Yaa\u2019iin inni jalqabaa waggaatiin guyyaa gaafa Onkoololeessa 12<\/li>\n<li>Yaa\u2019ii inni lammaffaan du\u2019aa ka\u2019uumsi oolee gaafa guyyaa 25<sup>ffaa<\/sup> \/Rikba Kahinaat\/ kan adeemsifamuu dha.<\/li>\n<li>Yaa\u2019ii Qulqulluu Sinoodoosii kan waamu Paatriyaarikicha yookiin yaa\u2019ichi kan waamame Sinoodoosii dhaabbataan yoo ta\u2019u ykn barreessaa Qulqulluu Sinoodoosiin yoo ta\u2019ee dha.<\/li>\n<li>Dhimmi ariifachiisaa fi tasaa yeroo mudatu:-<\/li>\n<li>Waamicha Qulqulluun Paatriyaarikii yookiin Sinoodoosii dhaabbataan yookiin waamicha barreessaan Qulqulluu Sinoodoosii taasisaniin yaa\u2019iin Qulqulluu Sinoodoosii adeemsifamuu danda\u2019a.<\/li>\n<li>Miseensota walii galaa Qulqulluu Sinoodoosii harka sadii keessaa harki lama yaa\u2019iin walii galaa akka gaggeeffamuuf yoo gaafatan waamichi taasifamuu fi yaa\u2019ichi gaggeefamuu danda\u2019a.<\/li>\n<li>Keeyyata kana keeyyata xiqqaa 5 kan ibsame akka jirutti ta\u2019ee sababa dhukkubaa fi sababoota humnaa olii garaagaraan miseensonni tokko tokko yoo hin argamin:-<\/li>\n<li>Dhimma Amantaa fi Qannoonaa Mana Kiristaanaa ilaalatuun miseensota walii galaa harka 4 keessaa sadii kan argaman yoo ta\u2019e;<\/li>\n<li>Dhimmoota bulchiinsaa yoo ta\u2019e miseensota walii galaa harka 3 keessaa 2 kan argaman yoo ta\u2019ee dha.<\/li>\n<li>Qulqulluun Sinoodoosii yaa\u2019iiwwan kam irratti iyyuu murteewwan yeroo dabarsu:-<\/li>\n<li>Waa\u2019ee haala bulchiinsaa dhimma ilaallatu yoo ta\u2019e miseensota argaman keessaa harka walakaa ol yaadni sagalee deeggarsaa argate ni darba.<\/li>\n<li>Dhimma tokko murteessuuf sagaleen miseensotaa walqixa yoo ta\u2019e rammaddii Qulqulchi Paatriyaarikii ykn walitti qabaan keessa jiru ni darba<\/li>\n<li>Amantaa fi Qannoonaa Mana Kiristaanaa kan ilaallatu yoo ta\u2019e sagalee guutuutiin darba. Dhimma Amantaa fi Qannoonaa yoo ta\u2019e, caaldhisuun sagalee kennuu dhiisuun hin dandaa\u2019amu. Yoo argame garuu bu\u2019uura keyyata 18 keyyata xiqqaa 5 irraatiin ni raawwatama.<\/li>\n<\/ol>\n<p><strong>13.Faayidaa Qulqulluu Sinoodoosii<\/strong><\/p>\n<p>Qulqulluun Sinoodoosii Mana Kiristaanaaf agartuu (ija), abbaa, hogganaa, bulchaa, eegaa fi gaggeessaa dha. Manni Kiristaanaa Kiristoosiin akkuma hundoofte Abbootni Kiristoosirraa aangoo kana argatan immoo Afuura Qulqulluutiin gaggeeffamuun Mana Kiristaanaa kana eegu. Manni Kiristaanaa Abboota kanaan alatti yaaduun ulfaataa dha. Mootummaa Samii irratti Israa\u2019elonni warri lubbuu (Kiristaanonni) hanga walitti qabamanitti biyya lafaa kana keessatti ajaajaa fi abboommii Waaqayyoo raawwachuu fi eeguu Kiristaanotaaf eegdonni yookiin tiksitoonni kunniiin barbaachisoo dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Walitti qabamni fi Tokkummaan Abboota kanaa (Qulqulluu Sinoodoosii) tokkummaa Kiristaanotaa uuma. Diinota Mana Kiristaanaa sodaachisa. Amantoota giddutti garaagarummaan ilaalcha sirnaa fi sirnoota Mana Kiristaanaa Qannoonaa fi darbii darboo akka hin uumamne taasisa.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Manni Kristaanaa akka eegamtu, kabajamtu, caasaan ishee akka sodaatamuu fi kabajamu taasisa.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Gamtaan Qulqulluu Sinoodoosii kunis amantootni amantaa isaaniitti akka jabaataniif, barumsi Mana Kiristaanaa akka babaldhatuuf, Manni Kiristaanaa kallattii hundumaan akka dhageettii argattuuf, mirgi Mana Kiristaanaa akka kabajamuuf Qulqulluun Sinoodoosii barbaachisaa dha. Manni Kiristaanaa abbootni kun faayaa isheeti. Ija amantootaattis bareedina. Faayidaa fi barbaachisummaa Qulqulluu Sinoodoosii salphaatti dubbannee fi barreessinee kan xummurru miti.\u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 <strong>\u00a014.<a name=\"_Toc143861569\"><\/a>Guduunfaa<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Dursinee akkuma dubbanne Kiristanummaan adeemsa waldaan ykn gamtaan keessa ittiin jiraannuu fi walfaanas gara Mootummaa Waaqayyootti adeemsa ittiin deemnu dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Walitti qabamni kun sababa kamiin iyyuu akka hin hiramneef agarsiistuun tokkummaa keenyaa Qulqulluu Sinoodoosiiti.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Amantootni yeroo hundaa sagaleen isaan dhaga\u2019uu qaban yeroo hunda tokkummaa isheetiif agarsiistoota kan ta\u2019an Mana Kiristaanaaf sagalee fi abbaa kan ta\u2019aniif sagalee Qulqulluu Sinoodoosii dhaga\u2019uu ni barbachiisa. Kiristaanni tokkos jireenya Kiristanummaa isaa keessatti danbiiwwaanii fi qajeelfamoota, seerotaa fi murteewwan Qulqulluun Sinoodoosii baasuuf bitamaa ta\u2019uu qaba. Kanaan utuu jiru garuu, kun na quuqe, naaf hin taane, natti hin tolle, na hin gammachiisne, naaf hin mijaanne jechuun dhuunfaanis ta\u2019u gareen faallaa Qulqulluu Sinoodoosii ta\u2019anii adeemuun daandii jireenyaa irraa nama fageessa.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Akka barumsa Mana Kiristaanaa keenyaatti yoo ta\u2019e Qulqulluun Sinoodoosii raawwataa fi kan hin dogongorree miti. Haa ta\u2019uu malee Sinoodosiin dogongore jedhamee daandii biraa fi kutaa ta\u2019e hordofuun immoo badii caalu kan qaqqabsiisuu dha. Sinoodoosiin yoo dogoongore kan sirratu danbii fi sirna Sinoodoosii mataa isaatiin qofa dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Miseensummaa garee waldaa amantootaa murtee Qulqulluu Sinoodoosiif bitamuun biyya lafaa kan irra kan jirtu agarsiistuu Mootummaa Waaqayyoo dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Qulqulluun Sinoodoosii Waaqayyoo yaadaa fi eeyyama Isaa ijjoollotaa fi Mana Kiristaanaaf yaa\u2019ii Afuuraa ittiin dabarsu dha. Israa\u2019eelota fooniif waa\u2019ee tokkummaa isaaniif akkaataa jireenya isaaniif karaa hangafa Raajotaa Musee seera kan hojjeete Waaqayyoon Kiristaanota Kakuu Haaraa keessa jiraannuuf Israa\u2019eelota warra lubbuufis seera kan nuuf hojjetu karaa Phaaphaasota warra galateeffamoo kanneeni dha.\u00a0 Kanaafuu, hoomaa hoolota Kiristoosii fi gamtaa Kiristaanummaa keessaa akka hin baaneef akkasumas jireenya Mana Kiristaanaa fi Kiristoositii adda baanee akka hin dhamaaneef sagalee waliitti qabama galateefamoo phaaphaasotaa sagalee Qulqulluu Sinoodoosii dhaga\u2019uu qabna.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><a name=\"_Toc124333784\"><\/a><a name=\"_Toc143861570\"><\/a><strong>Maddoota barreefamichaa:-<\/strong><\/p>\n<ol style=\"text-align: justify;\">\n<li>\u1260\u12a2\/\u12a6\/\u1270\/\u1264\u1270 \u12ad\u122d\u1235\u1272\u12eb\u1295\u1361 \u1215\u1308 \u1264\u1270 \u12ad\u122d\u1235\u1272\u12eb\u1295 (2015)\u1361\u1361\u12a0\u12f2\u1235 \u12a0\u1260\u1263 \u1275\u1295\u1223\u12a4 \u12d8\u1309\u1263\u12a4 \u121b\u1270\u121a\u12eb \u1264\u1275<\/li>\n<li>https:\/\/eotcmk.org\/a\/\u1245\u12f1\u1235-\u1232\u1296\u12f6\u1235\/<\/li>\n<\/ol>\n<table width=\"100%\">\n<tbody>\n<tr>\n<td><\/td>\n<\/tr>\n<\/tbody>\n<\/table>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>Galanni Waaqayyoof\u00a0 <\/strong><strong>haa ta\u2019u!<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>Haadha Isaa Qulqulleetti Maariyaamiifis galanni haa ta\u2019u.<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>Ulfaataa Fannoo Isaafis galanni haa ta\u2019u.<\/strong><\/p>\n<\/div><\/section>\n<\/div><\/div><\/div><!-- close content main div --><\/div><\/div><div id='av-tab-section-1'  class='av-tab-section-container entry-content-wrapper main_color av-tab-no-transition   av-tab-above-content  avia-builder-el-1  el_after_av_textblock  el_before_av_layout_row  tab-section-not-first container_wrap sidebar_right'  ><div class='av-tab-section-outer-container av-fmz5u4-a905edc54fafe5afa66b498097417d8c'><div class='av-tab-section-tab-title-container avia-tab-title-padding-default' role='tablist'><a href='#tab-1' data-av-tab-section-title='1' class='av-section-tab-title av-active-tab-title no-scroll av-1ew8fg-ba6ee8eedda05cf5925893ba99608360 av-tab-no-icon av-tab-no-image ' role='tab' tabindex='0' aria-controls='av-tab-section-1-1'><span class='av-outer-tab-title'><span class='av-inner-tab-title'>Tab 1<\/span><\/span><span class=\"av-tab-arrow-container\"><span><\/span><\/span><\/a><a href='#tab-2' data-av-tab-section-title='2' class='av-section-tab-title  av-1a1za4-00fde845f465299f801d4fbc7d117011 av-tab-no-icon av-tab-no-image ' role='tab' tabindex='0' aria-controls='av-tab-section-1-2'><span class='av-outer-tab-title'><span class='av-inner-tab-title'>Tab 2<\/span><\/span><span class=\"av-tab-arrow-container\"><span><\/span><\/span><\/a><a href='#tab-3' data-av-tab-section-title='3' class='av-section-tab-title  av-bdy47w-eed169f3ae15e91ea59d324622616700 av-tab-no-icon av-tab-no-image ' role='tab' tabindex='0' aria-controls='av-tab-section-1-3'><span class='av-outer-tab-title'><span class='av-inner-tab-title'>Tab 3<\/span><\/span><span class=\"av-tab-arrow-container\"><span><\/span><\/span><\/a><a href='#tab-4' data-av-tab-section-title='4' class='av-section-tab-title  av-9m7g70-83fd4bc8dc3c99829d7ea0a840ba5dec av-tab-no-icon av-tab-no-image ' role='tab' tabindex='0' aria-controls='av-tab-section-1-4'><span class='av-outer-tab-title'><span class='av-inner-tab-title'>Tab 4<\/span><\/span><span class=\"av-tab-arrow-container\"><span><\/span><\/span><\/a><\/div><div class='avia-slideshow-arrows av-tabsection-arrow' ><a href='#prev' class='prev-slide av_prev_tab_section av-tab-section-slide avia-svg-icon avia-font-svg_entypo-fontello' data-av_svg_icon='left-open-big' data-av_iconset='svg_entypo-fontello' tabindex='-1' title=\"Previous\"><svg version=\"1.1\" xmlns=\"http:\/\/www.w3.org\/2000\/svg\" width=\"15\" height=\"32\" viewBox=\"0 0 15 32\" preserveAspectRatio=\"xMidYMid meet\" aria-labelledby='av-svg-title-1' aria-describedby='av-svg-desc-1' role=\"graphics-symbol\" aria-hidden=\"true\">\n<title id='av-svg-title-1'>Previous<\/title>\n<desc id='av-svg-desc-1'>Previous<\/desc>\n<path d=\"M14.464 27.84q0.832 0.832 0 1.536-0.832 0.832-1.536 0l-12.544-12.608q-0.768-0.768 0-1.6l12.544-12.608q0.704-0.832 1.536 0 0.832 0.704 0 1.536l-11.456 11.904z\"><\/path>\n<\/svg><span class='avia_hidden_link_text'>Previous<\/span><\/a><a href='#next' class='next-slide av_next_tab_section av-tab-section-slide avia-svg-icon avia-font-svg_entypo-fontello' data-av_svg_icon='right-open-big' data-av_iconset='svg_entypo-fontello' tabindex='-1' title=\"Next\"><svg version=\"1.1\" xmlns=\"http:\/\/www.w3.org\/2000\/svg\" width=\"15\" height=\"32\" viewBox=\"0 0 15 32\" preserveAspectRatio=\"xMidYMid meet\" aria-labelledby='av-svg-title-2' aria-describedby='av-svg-desc-2' role=\"graphics-symbol\" aria-hidden=\"true\">\n<title id='av-svg-title-2'>Next<\/title>\n<desc id='av-svg-desc-2'>Next<\/desc>\n<path d=\"M0.416 27.84l11.456-11.84-11.456-11.904q-0.832-0.832 0-1.536 0.832-0.832 1.536 0l12.544 12.608q0.768 0.832 0 1.6l-12.544 12.608q-0.704 0.832-1.536 0-0.832-0.704 0-1.536z\"><\/path>\n<\/svg><span class='avia_hidden_link_text'>Next<\/span><\/a><\/div><div class='av-tab-section-inner-container avia-section-default' style='width:400vw; left:0%;'><span class=\"av_prev_tab_section av_tab_navigation\"><\/span><span class=\"av_next_tab_section av_tab_navigation\"><\/span>\n<div id='av-tab-section-1-1' class='av-layout-tab av-1ew8fg-ba6ee8eedda05cf5925893ba99608360 av-animation-delay-container  avia-builder-el-2  el_before_av_tab_sub_section  avia-builder-el-first  av-active-tab-content __av_init_open ' data-av-deeplink-tabs=\"\" data-av-tab-section-content=\"1\" data-tab-section-id=\"av-tab-section-1-1\"><div class=\"av-layout-tab-inner\"><div class=\"container\"><\/div><\/div><\/div><div id='av-tab-section-1-2' class='av-layout-tab av-1a1za4-00fde845f465299f801d4fbc7d117011 av-animation-delay-container  avia-builder-el-3  el_after_av_tab_sub_section  el_before_av_tab_sub_section  ' data-av-deeplink-tabs=\"\" data-av-tab-section-content=\"2\" data-tab-section-id=\"av-tab-section-1-2\"><div class=\"av-layout-tab-inner\"><div class=\"container\"><\/div><\/div><\/div><div id='av-tab-section-1-3' class='av-layout-tab av-bdy47w-eed169f3ae15e91ea59d324622616700 av-animation-delay-container  avia-builder-el-4  el_after_av_tab_sub_section  el_before_av_tab_sub_section  ' data-av-deeplink-tabs=\"\" data-av-tab-section-content=\"3\" data-tab-section-id=\"av-tab-section-1-3\"><div class=\"av-layout-tab-inner\"><div class=\"container\"><\/div><\/div><\/div><div id='av-tab-section-1-4' class='av-layout-tab av-9m7g70-83fd4bc8dc3c99829d7ea0a840ba5dec av-animation-delay-container  avia-builder-el-5  el_after_av_tab_sub_section  avia-builder-el-last  ' data-av-deeplink-tabs=\"\" data-av-tab-section-content=\"4\" data-tab-section-id=\"av-tab-section-1-4\"><div class=\"av-layout-tab-inner\"><div class=\"container\"><\/div><\/div><\/div>\n<\/div><\/div><\/div>\n<div id='av-layout-grid-1'  class='av-layout-grid-container av-79cyrw-598fccdf37d84cf953f5353b3de54666 entry-content-wrapper main_color av-flex-cells  avia-builder-el-6  el_after_av_tab_section  el_before_av_section  grid-row-not-first  container_wrap sidebar_right'  >\n<div class='flex_cell av-651pek-0c8aca7ab4cff9aa27d77a266104a641 av-gridrow-cell av_one_half no_margin  avia-builder-el-7  el_before_av_cell_one_half  avia-builder-el-first '  ><div class='flex_cell_inner'><\/div><\/div> <div class='flex_cell av-437qoc-61c38e30b2cb77eabd4558ac95722276 av-gridrow-cell av_one_half no_margin  avia-builder-el-8  el_after_av_cell_one_half  avia-builder-el-last '  ><div class='flex_cell_inner'><\/div><\/div>\n<\/div>\n<div id='av_section_1'  class='avia-section av-22kffw-fd74b88a4d7606f1053b647350f1f3a7 main_color avia-section-default avia-no-border-styling  avia-builder-el-9  el_after_av_layout_row  avia-builder-el-last  avia-bg-style-scroll container_wrap sidebar_right'  ><div class='container av-section-cont-open' ><div class='template-page content  av-content-small alpha units'><div class='post-entry post-entry-type-page post-entry-4716'><div class='entry-content-wrapper clearfix'><\/div><\/div><\/div><!-- close content main div --><\/div><\/div><div id='after_section_1'  class='main_color av_default_container_wrap container_wrap sidebar_right'  ><div class='container av-section-cont-open' ><div class='template-page content  av-content-small alpha units'><div class='post-entry post-entry-type-page post-entry-4716'><div class='entry-content-wrapper clearfix'>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Kaayyoon Qulqulluu Sinoodoosii inni guddaan tokkummaa Mana Kiristaanaa eeguu dha. Taateewwan yeroodhaa yerootti mudataniin Doogmaa fi Qannoonaa; Sirnaa fi Darbii darboo, seerri ishee akkasumas bulchiinsi ishee akka hin diigamnee fi balaa irras akka hin buunef eegaa dha.<\/p>\n","protected":false},"author":4,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[73],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4716"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/4"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4716"}],"version-history":[{"count":7,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4716\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4726,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4716\/revisions\/4726"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4716"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4716"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4716"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}