{"id":4706,"date":"2023-08-28T10:05:58","date_gmt":"2023-08-28T10:05:58","guid":{"rendered":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4706"},"modified":"2023-08-28T10:15:01","modified_gmt":"2023-08-28T10:15:01","slug":"maqaa-abbaa-kan-ilmaa-kan-afuura-qulqulluu-waaqa-tokkoo-ameen","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/maqaa-abbaa-kan-ilmaa-kan-afuura-qulqulluu-waaqa-tokkoo-ameen\/","title":{"rendered":"QULQULLUU SINOODOOSI"},"content":{"rendered":"<section  class='av_textblock_section av-llupi07i-f3095aa27b6f2e9df2d9d46df99e3d89 '   itemscope=\"itemscope\" itemtype=\"https:\/\/schema.org\/BlogPosting\" itemprop=\"blogPost\" ><div class='avia_textblock'  itemprop=\"text\" ><p style=\"text-align: center;\"><strong>QULQULLUU SINOODOOSI<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><a><strong>1.\u00a0<\/strong>\u00a0<strong>\u00a0\u00a0 Seensa<\/strong><\/a><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Raajii dubbatameen barri lakkaa\u2019amee yeroo raawwatu addunyaan kun ni dabarti. Akka baruumsa Kitaaba Qulqulluutti yoo ta\u2019e addunyaan kun erga darbee booda jireenya bara baraa hin badnee fi hin jijjiiramne kan ta\u2019e addunyaan haaraa fi addaa ni jira. Innis Mootummaa samii irraa Mootummaa Waaqayyooti.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Mootummaa Waaqayyoo kana argachuuf bakka badhaadhinaa fi hawwattuu taate keessaa sababa cubbuu isaatiif kan ari\u2019atame dhalli namaas; cubbuu fi yakka Uumaa isaa irratti raawwateen waan gaabbeef gatii kanfalee gara ofii Isaatitti araarse bakka cufamtee turtee fi keessaa ari\u2019atame kanatti deebisuun boodas immoo dhufaatii Isaa lammaffaa fi darbuu addunyaa kanaan booda abdii Mootummaa Isaatii akka argatu abdiin kennameefi jira.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Daandiin gara Mootummaa Isaatitti dhala namootaa hunda fidduu fi Mootummaa Waaqayyoo kanaaf namoota qaqqabsiistu immoo daandii dhugaa Kiristanummaati. Daandii tokkittii fi dhugaati. \/Ermi. 6:16\/.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Amantaan Kiristaanaa bu\u2019uura Raajotaa fi Duuka Bu\u2019ootaa irratti akkuma hundofte \/Efe. 2:20\/; gonkumaa si\u2019a tokkichaa Waaqayyoo biraa karaa Qulqullootaan nuuf kennamteetti. \/Yihu. 1:3\/<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kiristanummaanis nu Fayyisuuf foon keenya \/dhala namaa\/ kan uffatee fi kabajamaa Dhiiga Isaatiin gara Fayyinaatti kan nu deebise Iyyasuus Kiristoosiin; boodas sirritti Isa kan hordofaanii fi rakkina Inni fudhateen Isa fakkaachuuf waadaa kan galan maatiiwwan Gooftaa keenyaa 120\u2019n fi boodas adda durummaan abboota Wareegamtootaa, Beektootaa, Qajeeltootaa, Phaaphaasotaa fi dabalatanis warreen maqaa Isaatti amananiin lallabamuun addunyaaf misiraachoo lallabdeetti.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kana jechuun Kiristaanummaan Kiristoosiin argame jechuu dha. Namoota Kiristoositti amananii, maqaa Isaatiin Cuuphamanii fi mucummaa Sillaassee argatan hundumaaf itti waamama Fayyisaa kan ta\u2019e Kiristoosiin argatanii dha. Kiristoos irraa, Kiristoosiin, Kiristoos biraa kan nuuf hundoofte Kiristanummaan waa\u2019ee Kiristoosi lallabuun, waa\u2019ee Kiristosii ragaa bahuun dhugaa addunyaatti kan labsitu jireenyi Kiristaanummaa jireenya Kiristosiin taateti.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kiristaanummaan Amantaa Gooftaan tokko kan itti Waaqeeffamu; cuuphaa tokkoon mucummaan kan ittiin argamu, abdii tokkoon tokkummaadhaan kan itti jiraatamuuti. Galmi Kiristaanummaas dhala namaa hundaaf sagalee misiraachoo kan ta\u2019e Wangeela lallabuun; Kiristoositti amanuun jiraatanii Mootummaa Waaqayyoo akka dhaalan dandeessisuu dha. Kiristaanummaanis kan babal\u2019altu karaa Mana Kiristaanaatini. Manni Kiristaanaas immoo namoonni Kiristootti amananii fi Kiristoosi Waaqeffatan kan itti walitti qabaman; akkasumas, gamtaa namoota Kiristoositti amananii; tokkoon tokkoo Kiristaanotaas jechuu dandeenya. Manni Kiristaanaa kun Kiristoosiin kan hundooftee fi Dhiiga Isaatiin kan ishee hundeesse dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Haa ta\u2019uu malee, amantii kana keessa namoota jiraatan kan jeequu fi yaada isaanii kan hiru yaadonni faallaa fi addaa ta\u2019an yeroo addaa addaatti kaayyoo fi galma adda addaa qabatanii ka\u2019aa turaniiru. Yaadonni fi ilaalchonni kunniin namoota Mootummaa Waaqayyoo keessaa baasuu fi hundee muka wayinii \/Yoh. 15:1-\/ Kiristoos irraa kutuuf; tokkummaa akka hin qabaanne waan taasisuuf; tokkummaan Kiristaanotaa akka hin diigamnee fi abdii Mootummaa Waaqayyootti seenuu akka hin dhabneef yaa\u2019iin Qulqulluu Sinoodoosi barbaachiise.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Tartiiba arginu kana keessaa isa guddaa fi olaanaa kan ta\u2019e waa\u2019ee Qulqulluu Sinoodosii ilaalla. Inni Mana Kiristaanaa keenyaaf sadarkaa hoggansaa isa olaanaa kan qabuu fi seera ittiin bulmaata Mana Kiristaanaa kan baasuu fi raawwii isaatiif haal-duree barbaachisu kan dabarsu, murteewwan kan murteessuu fi raawwachisiisu dha waan ta\u2019eefi.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Qulqulluun Sinoodoosiin bulchaa, hogganaa fi qaama olaanaa Mana Kiristaanaati akkuma jenne bulchiinsi Mana Kiristaanaa immoo qabxiiwwan armaan gadiitiin gaggeeffamuu qaban. Qaamonni Mana Kiristaanaa sadarkaa isa xiqqaatii hanga guddaatti tartiibaan keenye kunninis akkaataa seera Mana Kiristaanaa keeyyata 11 irratti barreeffameen sirna bulchiinsa gaarii fiduuf waantota armaan gadiitiin akka hogganamaniif ni hubachiisti. Manni Kiristaanaa bu\u2019uura Kitaabota Qulqulla\u2019oon irra guddeessaan waantota armaan gadiin ni gaggeeffamti.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">1. Afuurawummaa<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">2. Haq-qabeessummaan<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">3. Seera Qabeessummaa<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">4. Iftoomina<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">5. Amanamummaa<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">6. Itti gaafatamummaa<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">7. Tajaajiltummaa<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">8. Icciitii eeguun<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Gaggeessitoonni Mana Kiristaanaas qabxiiwwan armaan gadiitiin gaggeeffamuun Mana Kiristaanaa haala gaariitiin gaggeessuu qaban.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong><a>2.\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Hiikkaa Qulqulluu Sinoodoosi<\/a><\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Sinoodoosi jechuun jecha afaan Giriikii irraa kan argame yommuu ta\u2019u, hiikaan isaas yaa\u2019ii, wal gahii yookiin walitti qabama jechuu dha. \u00a0\u00a0\u00a0 \u00a0Sinoodoosii jechuun yaa\u2019ii tiksitootaa, yaa\u2019ii Abbootaa, Yaa\u2019ii bulchitootaa (hoggantootaa), walitti qabamaa (walgahii) bulchitoota Manneen Kiristaanaa yeroo ta\u2019u, Paatriyaarikiin yaa\u2019ii Phaaphaasotaa gaggeeffamuu dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Qulqulluun Sinoodosii Abbootiin Hangafoota Phaaphaasotaa waa\u2019ee Doogmaa, Qannoonaa, Sirnaa fi darbii darboo Mana Kiristaanaa akkasumas, akkaataa hoggaansa isheetiin kan itti mari\u2019atan yaa\u2019ii Afuura Qulqulluutiin durfamuu dha. Kunis \u201cQulqulluu Sinoodoosii jechuun yaa\u2019ii guddaa Paatriyaarikii, Hangafootni Phaaphaasotaa, Phaaphaasotaa fi Ephiisqophosootni raawwatanii dha\u201d jedhamee Seera Mana Kiristaanaa keessatti kan ibsamee dha. \/Seera Mana Kiristaanaa Keeyyata 2(2)\/.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Qulqulluun Sinoodoosii yaa\u2019ii Afuuraa Waaqayyoo yaadaa fi fedhii Isaa ijjoollotaa fi Mana Kiristaanaa Isaatiif ittiin dabarsuu dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>Jechoota (maqoota) hiikkaa (galmee jechootaa) barbaadan muraasa asii gadiitti haa ilaallu:-<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><a><strong>3.\u00a0\u00a0<\/strong>\u00a0\u00a0 <strong>Egaluu Qulqulluu Sinoodoosii<\/strong><\/a><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Beektonni tokko tokko sirna Qulqulluu Sinoodoosii kan eegale Gooftaan Duuka Bu\u2019oota Isaa waliin yaa\u2019iiwwan taasise bu\u2019uura godhachuuni.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong><a>4.\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Qulqulluu Sinoodoosii baroota keessatti.<\/a><\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong><a>4.1. Bara Duuka Bu\u2019ootaa<\/a><\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Yaa\u2019iin Qulqulluu Sinoodoosii kan eegale Qulqulloota Duuka Bu\u2019ootaani dha. Ajaja Kiristoosiin gara kallattiiwwan afranutti Duuka Bu\u2019oonni ergamanii akka barsiisan yeroo ajajaman, bu\u2019uura abboommii uumaa isaanii yeroo raawwatan sababoota garaagaraaf ta\u2019us, Duuka Bu\u2019oonni wal gahii taasisaa, yaa\u2019ii gaggeeffachaas turaniiru.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Qulqullootni Duuka Bu\u2019oonni Kitaaba Qulqulluu irratti galmaa\u2019ee akkuma jiru yaa\u2019iiwwan sadii taasisaniiru. <strong>Inni jalqabaa<\/strong> bakka Yihudaatti abbaa tokko filanii Duuka Bu\u2019aa muuduudhaaf taasisanii dha. \/Hoji.Du.Bu.1:15-16\/<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>Inni lammaffaan<\/strong> immoo diyaaqoonota 7\u2019n muuduuf yaa\u2019ii \/Sinoodoosii\/ taasifamee dha. \/Hoji.Du.Bu.6:1-6\/<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>Inni sadaffaaan ykn xummuraa<\/strong> namoota al-amantoota (ormootaa) fi Yihuudota keessaa gara Kiristaanaatti deebi\u2019an giddutti rakkina uumame furuuf yaa\u2019ii taasifamee dha. \/Hoji.Du.Bu.15:1\/<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><a><strong>4.2. \u00a0Baroota adda addaa keessattii hanga bara keenyaatti<\/strong>.<\/a><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Akkuma bara Duuka Bu\u2019ootaatti ilaalle Abbootni bara isaanitii fufanii ka\u2019anii fi Mana Kiristaanaa itti fufsiisanis rakkinoota Mana Kiristaanaa mudatan hiikuudhaaf walitti qabamaa turan. Seenaa gara boodaatti yeroo ilaallu Mana Kiristaanaa ishee duriitti Amantaa Qulqullootaaf si\u2019a tokkicha kennamte eeguudhaaf walitti qabama naannoo (local council) fi kan adduunyaa (ecumenical council) yaa\u2019iiwwan Sinoodoosii ta\u2019an akka gaggeeffaman ni hubanna.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Sababa Yaa\u2019ii Keelqeedooniitiin Amantaadhaan gargar bahuun jalqabuu isaatiin dura Sinoodoosiin nannoo hin amaleeffatmne ture. Har\u2019as Kiristaanoota fi Manneen Kiristaanaa hundumaa biratti yaa\u2019iiwwan sadi qofatu fudhatama akka qaban ragaa seenaa Mana Kiristaanaa ni ifoomsa. Yaa\u2019iiwwan kunninis dursummaa abbootiiwwan fi Beektota Mana Kiristaanaatiin kan raawwatamee dha. Isaaniis amantaa deebisuuf, shakkitootaaf deebii kennuuf, Mana Kiristaanaa itti fufsiisuuf, yaadni fi ilaalchi amantootaa akka hin bittinoofneef gochuuf kanneen gaggeeffamanii dha. Yaa\u2019iiwwan kunninis yaa\u2019ii Niiqiyaa (325 B.A); yaa\u2019ii Qusxinxiniyaa (381 B.A); yaa\u2019ii Efeesoon (431) tti kanneen raawwatamani dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Sanaan booda garuu, teessoo Mana Kiristaanaa mataa isaaniitiin Sinoodosii nannoo hundeeffachuun itti fufeera. Egaa Manni Kiristaanaa keenyaas Sinoodoosii mataa isheetiin buluu erga jalqabdee jaarraan walakkaa ol lakka\u2019ameera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>5.\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u00a0<a>Miseensota Qulqulluu Sinoodoosii<\/a><\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Akka Seera Mana Kiristaanaa keenyaa kan bara 2015 Qulqulluu Sinoodosiitiin foyya\u2019uun qophaa\u2019e boqonnaa lama (Caasefamaa fi qoqqoodamiinsa aangoo bulchiinsa Mana Kiristaanaa) jedhu irratti dhaabbachuun keeyyata 18 jalatti waa\u2019ee miseensota Qulqulluu Sinoodoosii kana akka armaan gaditti kallattiin keeyyatichi guutummaan hiikameera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>6.\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u00a0<a>Qaamota Qulqulluu Sinoodoosii<\/a><\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Seera Mana Kiristaanaa keeyyata 17 irratti akkuma barreeffameen kaayyoowwn Mana Kiristaanaa keeyyata 17 irratti barreeffame hojii irra oolchuf qaamota Qulqulluu Sinoodoosii armaan gadii tarreessera. Kaayyoowwan Mana Kiristaanaa raawwachuu fi raawwachiisuuf qaamonni barbaachisan.<\/p>\n<p><strong>Nuu haa turu.<\/strong><\/p>\n<\/div><\/section>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Raajii dubbatameen barri lakkaa\u2019amee yeroo raawwatu addunyaan kun ni dabarti. Akka baruumsa Kitaaba Qulqulluutti yoo ta\u2019e addunyaan kun erga darbee booda jireenya bara baraa hin badnee fi hin jijjiiramne kan ta\u2019e addunyaan haaraa fi addaa ni jira. Innis Mootummaa samii irraa Mootummaa Waaqayyooti.<\/p>\n","protected":false},"author":4,"featured_media":4707,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[73],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4706"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/4"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4706"}],"version-history":[{"count":3,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4706\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4710,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4706\/revisions\/4710"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4707"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4706"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4706"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4706"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}