{"id":4696,"date":"2023-07-18T10:49:40","date_gmt":"2023-07-18T10:49:40","guid":{"rendered":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4696"},"modified":"2023-07-18T10:52:45","modified_gmt":"2023-07-18T10:52:45","slug":"waaqayyoon-calluma-jedhaa-laata","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/waaqayyoon-calluma-jedhaa-laata\/","title":{"rendered":"Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?\u00a0\u00a0"},"content":{"rendered":"<section  class='av_textblock_section av-lk8666qx-c33d85fb732d4809849ae2a18613ec70 '   itemscope=\"itemscope\" itemtype=\"https:\/\/schema.org\/BlogPosting\" itemprop=\"blogPost\" ><div class='avia_textblock'  itemprop=\"text\" ><p style=\"text-align: center;\"><strong>Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?<\/strong><strong>\u00a0\u00a0<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: right;\">\u00a0 <strong>Kutaa Lammaffaa<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: right;\"><strong>Diriibaa Chaalaa\u00a0 \u00a0<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>Mana amantarratti rakkinni osoo baayyatu Waaqayyoon maaliif callisaa?<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Akkuma dhuunfa keenyaa yommuu rakkinni numudatu Waaqayyootti iyyinu, akkasuma Mana amantaarras rakkinni yommu gahu furmaata Isumarraa eegna. Haala hubannaa keenyarraan kan ka\u2019e kan ture ykn callisee yoo nutti fakkaate maalif? jenna. Luboonni yommuu wareegaman, Manniamantaa yommuu gubatu, hordoftoonni yommuu godaanan kitaabni qulqulluu yommuu saamamu, Manni Qulqullummaa yommuu sarbamu Waaqayyon akkamiti callisaa? jenna. Akkas kan jennu tari abaarsi Waaqayyoon bu\u2019ee namoota badii kana raawwatan maaliif hin nyaatnne ykn hin balleessine jennee eegna ta\u2019a yoo akka yaadne ta\u2019u dhiisee akka nuti yaadne ta\u2019uudhiisa. Akkamittis yaa eegnu garuu, nuti karaa eegne waantoonni ta\u2019an bita nutti galuu danda\u2019uu isaa booda abdi kutanna.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Hunda dursinee wanti beekuu qabnu rakkinni karaa Waaqayyoon ittiin dubbatu ta\u2019uu isaati. Eyyeen Waaqayyoon karalee heddu dubbata. Karaa uumamtoota Isaan, afaan Qulqullootaatin, Kitaabotaa fi raajoota Isaan akkuma dubbatu rakkinaanis ni dubbata. Rakkinaan kan nutti dubbatu \u201cmaalif?\u201d kan jedhu yoo jiroate Karaalee uumamtoota Isaa fi kan biroon yommuu dubbatu kan hin dhageenye waan jiruufi dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kanaafuu, Waaqayyoon maaliif cal nuun jedhee? Maalifis hin dhaggeeffanne? jennee of gaafachuun gaari dha. Rakkina kanaan maal nu barsiisuu barbaade?<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Maal akka sirreeffannu barbaade? jennee irraa deddeebiin ofii keenyaan yoo of sakattaane maal akka nutti dubbachaajiru yoo hubanne waan nurara eegamu yoo goone, waan balleessinedabsinee yoo sirreessine yeroo sana maalif callise jechuu ni dandeenya ta\u2019a. Yeroo sana yoo gaafanne deebii ni arganna. Sababni jalqabaa namoota gaabbiidhaan deebi\u2019aniif yeroo gabbii kennaafi jira ta\u2019a. Seenaa Mana amantaa keessatti warreen mana amanta rai\u2019ata turan booda gabbii galuudhaan sadarkaa Qulqullummaa abbotii baayyeetu gahan jiru. Fakkenya kaasuuf yoo ta\u2019e, Duuka Bu\u2019oota keessaa lamaan isaanii barreeffamee kan argannu jalqabarratti Mana amanta (warreen Kiristoositti amanan Kiristaanota) ari\u2019achaa kan turan booda yeroo Fannoo Goofta Qulqulluu Isxifaanoos aarsaa ta\u2019uun warreen ajjeesan waliin kan ture booda Duuka Bu\u2019oota ajjeesuuf Kiristaanota hunda hidhuuf kan ture booda kaayyoo badii isaa kanaaf deemaa kan ture booda arjummaa Waaqayyoon kan waamame Qulqullichi Phawuloosi dha (H.d 20\/30-9).<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Mee yaa hubannu QulqullIchii Phaawulos dura rakkina Mana amantaarraan gahaa sababa tureef Waaqayyoon osoo obsuufi baate, balleessee turee ifni inni lafarratti ifee isaan argame sun eessaa akkamitti argama ture? Dhugumatti namoonni bara sana turani fi rakkina sababa isaatin isaan irra gahaa kan ture Kiristaanonni gara Kiristaanummaatti waamamuu isaatiin dura \u201cNamni kun rakkinoota kana hunda geessisaa Waaqayyoon maaliif callise ilaala? jedhanii gafachaa kan turan erga waamame booda immoo\u201d Waaqayyoon hojii Isaa hundaan sirriidha meeshaa isaa kan ta\u2019e saa\u2019oliif kan obse hunda keenyaaf barumsa kennuuf ture\u201d akka jedhan hubattanii?<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kan biraan immo Mana amantaa ari\u2019achuun Kiristaanota rakkisuun kan beekamu booda obsa Waaqayyoon gara Kiristaanummatti kan waamamanii fi Waaregamummaa fudhachuun kan boqate Ariyoosi dha. Bara Diyoqilixiyanoos bulchaa Iskindiriyaa kan ture baay\u2019ina garaa jabina isaatiin mootonni hedduun aarsaa waaregamummaatiin dararee yeroo du\u2019ufi didan gaa nama kanatti ergaa kan turan. Namni garaa jabeessi kun rakkina addaatiin ajjeesa ture. Wareegamtoonni baay\u2019een harka isaatti du\u2019an. Dhumarratti garuu, Waaqayyoon arjummaa isaatiin gara amantatti isadeebiseera. Rakkinni inni Kiristaanotarraan gahu xiqqeenyaan akka dhamdhamu godheera. Kiristaanota eeboodhaan sodaachisaa dhiphina isaanitiin gammadaa ture. Xiyya furguggeessisaa ture keessaa takka duubatti deebitee ija isaa waraante rakkinni haalaan isa dhiphise. Yeroo sanatti amantoota naannoo sana jiraatan keessaa isa tokkoon gorfame dhiigaa wareegamtootatiin ija isaa dibate fayyee Kiristoositti amane.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Dhumarrattis maqaa Kiristoosiin raga bahee wareegame. Guraandhala 8 yaadatamee oola. Qulqulloota kunneen irraa wanti hubannu Waaqayyoon yeroo isaan Mana amantarraa rakkina geessisan obsuun umrii isaanii yeroo gabbii kennaafi akka jiru dha. Namoota nu ari\u2019atan keessaa waamicha Waaqayyotiin deebi\u2019ani ofiif aarsaa ta\u2019ani ykn nu dursanii Gannata kan galan ykn nutis aarsaaf kan nu jajjabeessan ta\u2019uun kan jijjiiraman yoo ta\u2019an maalitti beekna?<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Waaqayyoon yeroo rakkinni nu mudatu Waaqumma Isaa akka hubannu fi amantaa keenyatti akka cimnu hanga yeroo isaatti callisu dandana\u2019a. Akka Kitaaba Qulqulluu irratti ibsametti Waaqayyoon Duuka Bu\u2019ota isaa walin hobdoo osoo imalanu bubbee hamaan ka\u2019uun osoo dhiphatanu Gooftaan rafee ture. Sodaadhaan osoo jiranu baduuf jirraati nu oolchi jedhanii Isadammaqsan.Waaqayyoonis akkuma ka\u2019een jecha dubbateen danbaliinsun cal jedhe. Ergamoonni Isaas aja\u2019ibsiifatani akkas ittiin jedhan. \u201cLaggeeni fi qilleensi kan siif ajajaman Ati eenyu dha? (luq 8=22-25) Seenaa kanarraa Waaqayyoon qillensi humna qabu akka ka\u2019u eyyamuu Isaa fi hanga sodaan isaanii cimutti callisuu Isaa Ergamoonnis amantaa isaan Isarratti qaban akka cimu godhe. Jechuun laggeeni fi qillens kan Isaaf ajajaman ta\u2019uu isaa akka hubatan godheera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Waaqayyoon yeroo rakkinaa yommu Isa waamnu kan callisu nutti fakkaatus hanga bannutti nu hin ilaalu. Hanga abiddatti darbatamutti cal jedha. Garuu, abiddatti erga darbatamne booda abidicha dursuun Ergamaa Isaa nuuf erguudhaan nu oolcha. Hanga baaburaan daakamutti callisuu danda\u2019a yaa ta\u2019u male, osoo ilkaan baburichaa nurra hin bu\u2019in libsanna ijaa caalaa saffisaan Ergamaa Isaa nuuf erguun nu olchata. Seenaa Qulqullootaa waareegamtoota irras kan barannu kanuma dha. Ijoollee sadan gara ibiddaatti hanga darbatamantti ni callise. Labsii \u201cAbiddatti darbatamuu qabu\u201d jedhu hanga baasanitti ni callise. Mootichi akka abiddatti darbatamanu ennaa labsu inuma callise. Harki fi milli isaanii hidhamee ibiddatti ennaa darbataman ni callise. Yeroo ibiddatti darbataman garuu, ibiddichi osoo isaan hin gubin ergama isaa ergee osoo rifeensi mata isaani keessa takkalle hin gubatin akka eegaman godhe. Hojii Isaa kanaan Waaqayyoon hunda danda\u2019aa ta\u2019uu Isaa ibseera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Mootichi fayyisuu Waaqayyootti amanee labsii isaa hanga hagutti gaheera. Kanafuu, Waaqayyoon yeroo callise nutti fakkatu dhumarratti nu fayyisuuf akka ta\u2019e yaa amannu. Garuu, yoo nu fayyisuu baate hoo? Kaayyoon Kiristaanotaa rakkinarraa bararamuu qofaa? Dhumarratti nu fayyisuu danda\u2019aa dhugaa jedhu akka hubannuufi malee, kayyoon Kiristaanummaa rakkinarraa bararamuf qofaa miti. Wareegamtoonni ibiddattis kan darbataman, baaburaanis darbataman kan daakamani barbadaniti malee, rakkinarraa bararamuuf qofa miti. Fayyuuf osoo barbadani jalqabumayyuu maaliif dirree Wareegamummaatti bahu. Waaqayyoon rajii sana ilaalanii warra deebi\u2019aniif jedhee ibidarraayis rakkinota biroo irraayis ni fayyisa malee fedhiin isaani maqaa Kiristoosin gidiraa fudhatanii darbuu dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Jireenya ijoollee sadani rraayis kanuma hubanna. \u201cIbidicharraa nu bararuu danda\u2019a\u201d jecha jedhuun dandeettiii fayyisuu Waaqayyoon ibsaniiru.Wareegamummaas akka barbadan garuu \u201cYoo nu fayyisuu baates waaqa namtochee ati dhabdeef hin sagadnu\u201d jecha jedhuun ni hubanna.Waaqayyoon fayyisaa ta\u2019ee osoo jiru Wareegamummaa akka fudhannu yoo jaalate ni gubanna malee isaaf sagaduu dhiisne fakkaattii ati harkaan hojjatteef hin sagadnu (Danaa 3=18) Waaqayyoon Waaqummaa Isaatin raajii mul\u2019isuu yoo barbade namni namummaadhan \u201crawwateera\u201d hanga jedhutti callisa ta\u2019a. Wanti hundi erga xumuramee booda, adda citeera kan jedhame itti fufee yeroo argamu waan yaannu olitti yaada amantaaf qabnu nu dirqisisa. Dhugumaan rajicha kan mirkaneessu kanumaani dha. Seera uumamaatii ol kan ta\u2019e gocha kana kan argan ni amanu. Kanaaf raajota rajiin godhamefin alatti raajii kana arguudhaan gara amanuutti dhufaniif raawwatamu dha. Kana erga ta\u2019e, xiyyeeffannaan keenya du\u2019a foonirraa ta\u2019uu hin qabu. \u201cMaalif\u201d jennee yoo of gaafanne foonin du\u2019uu caalaa barabaraaf lubbuudhaan akka hin dune dhiphachuu lubbuudhaan qabna. Yeroo hundumaa rakkinni Mana amantarra yommu gahu carraa gaaris qaba. Kunis, Wareegamumma dha. Rakkinni yommu jijjiiramu Wareegamummaanis ni jijjiirama ta\u2019a. Rakkinichi sarbamuu qaamaas ta\u2019us Wareegamtoota lubbuu Manni amantaa ni argatti, Barumsa amantaarratti ka\u2019u warreen hin amanne (shakkitooni) yommu ta\u2019u Manni amantaa beektota ykn barsisota ni argatti. Bara shekkitummaa Ariyoos Maarqoriyos ni ka\u2019e. Akkuma waligalaatti ka\u2019uun shekkifootaa Qulqulluu sirritti akka qo\u2019annuf carraa anuu kennaa. Mootonni hin amanne yommu ka\u2019an Manni amantaa Waaregamtoota hin darbine argatti. Yeroo rakkina Manni amanta Qulqullota akkanaatiin ibsamti.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Gama biraatin yeroo rakkoleen akkanaa uumaman Manni amanta Qulqullsa;a akka jirtu dha. Qaama keenya keessaa iddoon tokko osoo dhukkubsate qamni dhukkubsate kun warra kaan ni faala qaama kana jaalannus akka muramu goona muramuu isaatin gaddinus garuu, yoo muramuu baate warra kaan waan faaluuf balaan isaa kan caalu ta\u2019a. Yeroo rakkina Mana amantaa warren of faalani warreen kaanis faaluuf yaalan ni jiru. Kanaaf amanticha keessaa of baasuun ykn immoo balaa addaatiin ni badu.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Warreen Wareegamummaan darban kana wajjin akka walitti hin makneef of eegachuu qabna. Wareegamummaan warri darban Waaqummaa Waaqayyoon akka ganan gaafatamanii hin gannu jedhaniiti ykn Mana amantaa hin leeyyisisnu jedhaniiti. Walumaa galatti kaayyoon isaanii amantaaf dhaabachuurratti kan hundaa\u2019e sababa ta\u2019eef kan Wareegaman isaan dhugumatti Wareegamtota. Isaaniif rakkinni isaanii badhasa duti isaanii boqonnaa dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Wareegamummaan kan hin dabarre ykn sababa biraan kan du\u2019an hundu ni abaramu jechuu dha? Yaadni jedhu akka hin jiranneef eenyumti keenya waa\u2019e hin beekne yaaduu kan qabnu Waaqayyoon yeroo rakkinota armaan olitti ibsaman sanan Mana amantaarraa adda kan basu akka jiru dha. Kanarraa kan darbe wanuma kamiyyu homa jechu hin dandeeny oo barbadames humni keenya hi eeyyamu.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Dhumarratti wanti yaadu qabnu Waaqayyoon wanta nurraa eegu akka rawwannu carraa nuuf laachaa (kennaa) jirachu Isaati. Inni gargaarsa eenyumaatin alatti waan fedha Isaa godhuu ni danda\u2019a. Rakkina Mana amantaa furuu ni danda\u2019a. Yaa ta\u2019u malee, baayyina jaalala isaatirraan kan ka\u2019e nutis hojii Isaarratti akka hirmaannu nurra bulee hojjachuuf fedha Isaa ta\u2019u mala. Kanas baruuf isinirraa wantin barbaadu ni jira hanga nuun jedhutti eeguu hin qabnu. Namoota hojii Isaa keessatti hirmaachisuun fedha Isaa akka ta\u2019e Kitaaba qulqullurratti ibseera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kitaaba Asteer irratti seenaan ibsame kan nutti mul\u2019isu kunis eeyyama Waaqayyootiini dha. Asteer yommu sanatti saba isheerratti duuti labsameefsooma labsite. Ofifis soomaa gara Waaqayyootti ibsite cal jette.\u201d Kan narraa eegamu Kadhachuu fi rakkinicha gara Waaqayyootti yaadachisuu dha\u201d jette. Inumayyuu Waaqayyoon isheerra bulee akka hojjatu amantee mooticha dabaree ishee malee seentee dubbiste. Waaqayyoon ishee wajjin jira waaa ta\u2019eef fuldurasattis ulfina argatte. Labisiin du\u2019aa Israaeelotaa akka jijjiiramu ni goote.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Hanga xummuraatti rakkinni jirutti tokkoon tokkoo keenyaa wanti gochuu qabnu nutti dhagahamuu qaba.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Yoo ta\u2019eyyuu jalqabarratti gabbii galuu, Fooni fi Dhigaa Kiristoos fudhachuu Kiristoos waliin ta\u2019uu dandeenya. Wanti nurrea eegamu maali? jennee yaaduu fi hojii eegaluun dirqama keenya dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>Dhumarrattis<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Yeroo rakkinaa akka hin taanetti yaadurraa akka carraatti yoo fudhanne ni fayyadamna. Jalqabarratti yeroo kana carraaluwan gaggaarii lama qabna.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Inni duraa kan sirritti jaalatamu Waaregaama ta\u2019uu dha. Carraa filachuu qabnu dha jennee yaanna? Kanaafillee bara Wareegamumman itti baay\u2019ate kana keessa jirachuun mataan isaa filatamuu akka ta\u2019e yaannee of qophessu dha. Keessa keenyaan barbaannee fi Waaqayyoos kadhannee kan nuuf milkaa\u2019u yoo ta\u2019e carraa gaarii dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Abaarsi warra cubbamootaaf dhufe Qulqullootaafis akkuma ga\u2019u eebbi Qulqulloataaf dhufes cubbamootaaf ni ga\u2019a. Warra maluuf eebbi bu\u2019e yoo keessa keenyairaanbarbanne nuufis ni kennama. Dhigni Wareegamootaa akka jabaatan ni taasisa. Qulqulloota Wareegamtootaarrayis kan barannu kanuma dha. Kan jalqabaa fi carra gaari kanarratti hirmachuuf humna kan hin qabne fi rakkinicha sodaannee akka Isa gannu Waaqayyoon waanbeekfuf immoo eegumsa Isaa adda ta\u2019een nu eege, Bara gaarummaattis akka ceenu nu gochuu danda\u2019a. Wanta nurraa eegamu goonee jireenya gaabbi qabu, Foonii fi Dhigaa Isaa fudhachuun akka eeyyama Keeti nuuf yaa ta\u2019u jenene isarratti dhisuu dha. Kan dandeenyu fi kan nu fayyadu Isumatu beeka. Kana hundumarraa hin taanu yoo ta\u2019e, carraan keenya maal ta\u2019a laata? Barreessuufis dubbisuufis nama sodaachisa Waaqayyoon akka fedha Isaatti dhiigaa Wareegamtootaaf jedhee nu yaa fayyisu! Sugni Isaa nurraa adda hin bahin!<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>Galanni Waaqayyoof haafa\u2019u<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>Durbee Isa deesseefis<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>Fannoo Isaa kabajamaafis<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>Galanni haa fa\u2019u<\/strong><\/p>\n<\/div><\/section>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Akkuma dhuunfa keenyaa yommuu rakkinni numudatu Waaqayyootti iyyinu, akkasuma Mana amantaarras rakkinni yommu gahu furmaata Isumarraa eegna. Haala hubannaa keenyarraan kan ka\u2019e kan ture ykn callisee yoo nutti fakkaate maalif? jenna. Luboonni yommuu wareegaman, Manniamantaa yommuu gubatu, hordoftoonni yommuu godaanan kitaabni qulqulluu yommuu saamamu, Manni Qulqullummaa yommuu sarbamu Waaqayyon akkamiti callisaa? jenna. Akkas kan jennu tari abaarsi Waaqayyoon bu\u2019ee namoota badii kana raawwatan maaliif hin nyaatnne ykn hin balleessine jennee eegna ta\u2019a yoo akka yaadne ta\u2019u dhiisee akka nuti yaadne ta\u2019uudhiisa. Akkamittis yaa eegnu garuu, nuti karaa eegne waantoonni ta\u2019an bita nutti galuu danda\u2019uu isaa booda abdi kutanna.<\/p>\n","protected":false},"author":4,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[73],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4696"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/4"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4696"}],"version-history":[{"count":4,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4696\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4701,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4696\/revisions\/4701"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4696"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4696"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4696"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}