{"id":4678,"date":"2023-07-11T11:54:30","date_gmt":"2023-07-11T11:54:30","guid":{"rendered":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4678"},"modified":"2023-09-06T05:30:17","modified_gmt":"2023-09-06T05:30:17","slug":"waaqayyon-calluma-jedhaa-laata","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/waaqayyon-calluma-jedhaa-laata\/","title":{"rendered":"Waaqayyon Calluma jedhaa laata?"},"content":{"rendered":"<section  class='av_textblock_section av-ljy80ama-cd34c9864f0e43302996a1142126c8a9 '   itemscope=\"itemscope\" itemtype=\"https:\/\/schema.org\/BlogPosting\" itemprop=\"blogPost\" ><div class='avia_textblock'  itemprop=\"text\" ><p style=\"text-align: center;\">\n<p style=\"text-align: center;\"><strong>Waaqayyon Calluma jedhaa laata?<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: right;\"><strong>Kutaa Tokko<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: right;\"><strong>Diriibaa Chaalaa\u00a0 \u00a0<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Adunyaa irra yemmuu jiraannu rakkinni fi gammachuun, kufati fi milkayinni, dadhabbii fi jabinni akkasumas, wantoonni adda addaa nurraatti wal jijjiru. Ta\u2019us, kuni nuuf waan haaraa miti. Addunyaarra yemmuu jiraattan rakkinni isinirra jira jedhamnerraati. Nuti warreen diina aafuraa kan qabnu mitiiti namni kamiyyu nama ta\u2019uu isaatin bu\u2019aa ba\u2019iin isa mudata. (Yoh.16\u136133)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Nuti Kiristaanonni immoo qormaata namni kamiyyuu qoramuun addatti addunyaa Aafurawaa yaadaa waan jirannuuf kanuma caalu qoramna. Manni amantaa qormaataan adda baatee hin beektuuti. Ergamoota addunyaarraa eegalee qormanni ittuma jijjiirama.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Akka dhuunfattis ta\u2019e akka mana amantaatti qormaatilee nu mudataniif karaa adda ta\u2019een furmaata barbaaduuf yaaluun Kiristaanotaaf kan baratame qofa osoo hin taane dirqama nurraa eegamu dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Akkaatuma qormaatichatti deebiin nuti kenninu gargar yaa ta\u2019u malee, akkuma human keenyatti gahee keenya bahuuf yaalii ni goona. Ta\u2019us, yeroo tokko tokkoo waan nurraa eegamu osoo raawwannu Waaqayyoon kan barfate (ture) ykn cal jedhe nutti fakkaatee \u201cmaalif?\u201d jechuu dandeenya. Abdii gara kutachutti kan deemnus hin dhabamnu. Sila ta\u2019eet yeroo qormatan raafamnu malee yeroo dhabnu yeroo dhiphinaa Waaqayyo osoo nu ilaallu akka hin argine osoo dhagahu akka hin dhageenye, cal kan jedhu maalif ta\u2019a? Dhugaa dha Waaqayyoo gaarii ta\u2019u isaa dhugumatti namni amanu gaaffii akkanaatin hin qoramu. Kan inni raawwatu hundi sirrii ta\u2019uu isaa beekaati. Yeroo beela\u2019u, yeroo quufus, yeroo dheebotus, yeroo garaa gahus, yeoo gaddus, yeroo gammadus yeroo hiyyummaa, yeroo soorummaas Waaqayyoo sirri dha jechuu danda\u2019uun amantaa isaa gudda dha. Waaqayyoon maalilf kana goudhe? jenne osoo gaafannee miti yaada Isaa qorannee bira gahuun kan hin dandeenye ta\u2019uu jalqaba amanuu qabna.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Waaqayyoon yeroo nuti qofatti deebii akka laatu sana ta\u2019u baannaan Waaqayyoon cal nan jedhe jedhanii amanuun sirrii miti. Akka yaada keenyatti kan ture yoo nutti fakkaates inni yeroo itti hojjatu qaba. Cal yemmuu nuun jedhus gaarummaadhaafi. Maacafa Qulqullu irratti jireenya dhuunfaan keenyaanis ta\u2019u akka mana amantaatti rakkinni yeroo nurra gahu kan callise hanga nutti fakkaatutti Waaqayyoon sababa garagaraatiin turuu danda\u2019a.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>Jireenya dhunfaa keenyatin<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Qormanni yeroo nutti deddeebi\u2019u ykn rakkinni yeroo nu qunnamu yookanis wanta tokko guddisnee yeroo barbaannu rakkinoota keenyaaf furmaata ni laanna. Wanti barbaannu akka nuuf milka\u2019u gara Waaqayyootti iyyina. Yeroo kana dafnee deebii yoo hin arganne wanti hundi gaarummaafi dha jennee amanuu fi obsaan eeguu qabna. Jireenya abbotiirraa akka ilaallutti Waaqayyo wanta barbaannu ykn rakkinoota keenyaaf dafee deebii keennuu dhisuuf sababa qaba ta\u2019a.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Waaqayyoon abbaa obsaadha waan ta\u2019eef nutis obsa nu barsiisu barbaade kadhaanna keenyaf dafee deebi kennu dhisuu danda\u2019a. Yeroo baay\u2019ee wanti barbaannu dafee deebii argate taanaan gatii isaa xiqqeessun jira. Kanafuu, wanta nuuf kenname salphifnee akka hin ilaalle waan barbaduuf deddeebinee yeroo dheeraa booda nuuf kennuu barbaada. Bu\u2019aawwan amantaa keessaa inni tokko obsas ni shaakallu dha. Kan biraan Waaqayyoon kadhannaa keenya deebii osoo hin kennin yoo ture ykn caallisee fi yeroo nu dhorkatu yaaduu kan qabnu kan nuti kadhannerraa foyya\u2019aa nuuf qophessees akka ta\u2019uu danda\u2019u dha. Kanafis agarsiistu lama fudhachuu dandeenya. Jireenya Qulqullotaarraa akkuma dubbisnutte Qulqulloonni dhala dhaban baayyeetu jiru. Waaqayyoon Iyyasus Kirisitoos \u201cDubartootarraa kan dhalatan keessaa Yohaannis cuuphaa kan caalu hin kaane\u201d jechuun ragaa kan baheef Qulqulluu yohhaannis cuuphaa kan dhalatee dhala dhabaduu kan turte Elsaabeel fi luba Zakkaariyaas irraati (Mat.11-11). Qulqullonni kunniin baroota baayyeef dhala argachuuf kadhataa turaniiru. Booda garuu, yeroon dhala argachuu isaanii darbee abdii kutatanii turan. Waaqayyoon garuu bara, dulluma isaanitti kan karaa qulqulleessu fi kan Isa cuuphu danda\u2019u Qulqullummaa kan qabu Qulqullu Yohaannis cuupha kenneefi.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kitaaba Sirakirratti katabame kan argamu Tewoodosiyoos lammaffan inni xiqqaan waggoota hedduuf Mootuma Isaa kan dhaalu ilma akka argatu Waaqayyoon kadhachaa akka turefi ta\u2019us ilma akka dhabedha. Waaqayoon kanas ka ntaasisef sababa waan qabufidha. Dhaloonni isaa booda ka\u2019an Waaqayyoon kan ganan waan ta\u2019eef Tewoodoosyoos ilma osoo qabaate dhalootasana duuka waan jiraateef \u201d Ilmi kee Ana yeroo ganu arguu hin barbaadu\u201d jedhee waan tureef Waaqayyoon dhala kan dhorkateef. Kanas karaa firoota isaati kaara monoksoota isaatiin ibseera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Waan nu hin fayyadne kadhachuu barbada ta\u2019u danda\u2019a jennee yaadu. Yoomiyyuu nuti namootatti borifi beekumsi nutti hanqata. Kan nu fayyadu fi nu miidhu hunda adda baafne ni beekna hin jennu.Yaada kanaaf fakkeenya kan nuufta\u2019u kitaaba Qulqulluu irratti kan barreeffame kadhannaa haadha Yohannisiifi Ya\u2019iqoob fi deebii Waaqayyoon laatef yaadachuun gahadha. Akka yaada isheetti ijoolleen ishee bitaa fi mirga isaa akka dhabataniif kadhachaa turte. Garu,\u00a0 du\u2019a itti kadhachaa turte. Waaqayyoon kadhannaa isheetiif deebiin inniitti kennef \u201cIyyasuus deebisee kan kadhattan hinbeektaniti\u201d ani dhugaa kanan jiru dhuguu dandeessuyii? Anis kanan cuphamaa jiru cuphamuu dandeesssuuyi? (Mat.20:20-23)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Nutis har\u2019a kan kadhannu hin beeknuti Waaqayyon kan cal jedhe nutti fakkaata. Callisuun Isaa garuu maf akka ta\u2019e yaaduu qabna. Akkuma armaan olitti ibsamee obsa akka shaakallu Waaqayyoon kadhannaa keenyaaf dafee deebii nuuf kennu dhiisuu danda\u2019a. Haalli keesa jirru mataan isaa kan nu fayyadu fi jireenya keenya Aafurawaa kan guddisu waan ta\u2019eef ifatti nu dhoowwata.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Rakkinni akka irra fagaatuuf kan kadhate Qulqulluichi Phaawuloos rakkinni irraa fagachuu didnan dhumarra rakinichi kan isa fayyadu ta\u2019uu hubatee akkas jedhee ni arganna \u201cKanafuu, mul\u2019achuu guddaan akkan hin nyaatamne waranamu foon kootif iinnis kan nahurcuquu ergama seexana naaf kennamera kunis akkan hin nyaatamnefidha. Kanaf narraa kkaadda hinbanef waaqayyo si\u2019a sadin kadhadhe, innis kennan koo nigahee humni dadhabbidhan rawata nan jedhe. Kana booda humni waaqayyo akka narra buluf dadhabbi baay\u2019edhan nan ofjaja sin jaaladha.\u201d Kanafuu waa\u2019ee Kiristoos dadhabbiidhaan, deddebidhan, rakkachuudhaan, gammachuudhaanis, dhiphinaanis, nan gammada yoon dadhabu yommu sana nan jabaadha (1ffa qor 12-7-10).<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Jaalatamtoota koo kan booda Waaqayyoon deebii yeroo nuu flaatu hanga gammannu yommu callisus kannutti fakkaate gaarummaf jennee gammaduu qabna. Callisun Isaas deebii dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: right;\"><span style=\"text-align: justify;\">Nuu haa turu!<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: right;\"><strong>\u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0<\/strong><\/p>\n<\/div><\/section>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Adunyaa irra yemmuu jiraannu rakkinni fi gammachuun, kufati fi milkayinni, dadhabbii fi jabinni akkasumas, wantoonni adda addaa nurraatti wal jijjiru. Ta\u2019us, kuni nuuf waan haaraa miti. Addunyaarra yemmuu jiraattan rakkinni isinirra jira jedhamnerraati. Nuti warreen diina aafuraa kan qabnu mitiiti namni kamiyyu nama ta\u2019uu isaatin bu\u2019aa ba\u2019iin isa mudata. (Yoh.16\u136133)<\/p>\n","protected":false},"author":4,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[73],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4678"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/4"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4678"}],"version-history":[{"count":6,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4678\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4734,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4678\/revisions\/4734"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4678"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4678"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4678"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}