{"id":4637,"date":"2021-05-14T09:42:06","date_gmt":"2021-05-14T09:42:06","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4637"},"modified":"2021-05-14T11:12:20","modified_gmt":"2021-05-14T11:12:20","slug":"manni-kiristaanaa-godaansa-irra-jirti","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/manni-kiristaanaa-godaansa-irra-jirti\/","title":{"rendered":"Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!"},"content":{"rendered":"\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"799\" height=\"800\" src=\"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/The-final-The-most-qualified-LOGO-3.png\" alt=\"\" class=\"wp-image-4639\" srcset=\"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/The-final-The-most-qualified-LOGO-3.png 799w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/The-final-The-most-qualified-LOGO-3-300x300.png 300w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/The-final-The-most-qualified-LOGO-3-80x80.png 80w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/The-final-The-most-qualified-LOGO-3-768x769.png 768w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/The-final-The-most-qualified-LOGO-3-36x36.png 36w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/The-final-The-most-qualified-LOGO-3-180x180.png 180w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/The-final-The-most-qualified-LOGO-3-705x705.png 705w\" sizes=\"(max-width: 799px) 100vw, 799px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p class=\"has-text-align-center\"><strong>Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoo Ameen<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p class=\"has-text-align-center\"><strong>Dhimmoota&nbsp; Yeroo ilaalchisuudhaan Ibsa Waldaa Qulqullootaa Irraa <\/strong>Kenname<\/p>\n\n\n\n<p>Manni Kiristaanaa Baroota 1950 irraa eegaltee Kallattii hundumaan Waraanni xiin-Yaadaa irratti taasifamaa tureera. Waraanni xiin-Yaadaa kun yeroodhaa gara yerootti gara waraana caaseeffamaatti guddachuun yeroo ammaa sadarkaa har\u2019a irra jirru kana irra geenyee jirra. Miidhaa baroota dheeraa kana keessatti Mana Kiristaanaa irra gahaa ture agarsiistoo kan ta\u2019an raawwwiiwwan hedduu caqasuun ni danda\u2019ama.<\/p>\n\n\n\n<p>&nbsp;Fakkeenyaaf baroota darban keessa naannoowwan Adda addaatti Kiristaanotni Kiristaanota waanuma ta\u2019an qofaaf &nbsp;adda baafamanii ajjeefamuu, ari\u2019atamuu, gubachuu Mana Kiristaanaa, saamamuu qabeenya Kiristaanotaa, tokko yoo ta\u2019u, Qabeenya ibsama eenyummaa ishee kan ta\u2019an daangaa \/qarqaraa\/ hanga walakkaatti saamuu fi balleessuu &nbsp;darbees qaamota isaan birootiif tajaajila akka laatu taasifamuun immoo agarsiistuu adda ta\u2019ee dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Keessattuu bara amma keessa jirru kana keessatti Miidhaa Mana Kiristaanaa irra gahaa jiru Adda kan isa taasisu, bilisummaa, wal-qixxummaa, wal danda\u2019uu fi waliin jiraachuu jechoota jedhaman dawoo taasifachuu isaati. Bilisummaa, wal qixxummaa, isaan biroo akka ofii taasifatanii jaalachuun bu\u2019uura barsiifata Kiristaanummaa keenya akkuma ta\u2019uu isaatti hawaasni Kiristaanaa keenya kana aadaa isaa taasifatee jiraachaa tureera. Kana Ta\u2019uu isaatiinis hawaasni Kiristaanaa hanga har\u2019aatti, gidiraa fi qormaata suukaneessaa irra gahaa jiru kana nageenyaa fi tokkummaa biyyattii dursiisuun fi dandeettii fageessee yaaduu waan goonfateef akkasuma illee abdii gara fuula duraatti ni fooyya\u2019a jedhuu fi jijjiiramni ni dhufa jedhuun obsa daangaa darbeen obsee dabarsaa turee jira. Garuu, obsi kun akka gowwummaa fi sodaatti lakkaawamuun inni ni fooyya\u2019a jennee gara bal\u2019inaan eegaa turre caalaattuu, ibsamni Eenyummaa Mana Kiristaanaa ta\u2019an, iddoowwan waaqeeffannaa ishee saamamuun itti cimaa dhufeera. Kana irraas kan ka\u2019e Baadiyyaatti inni jalqabame Manni Kiristaanaa Ayyaanota adda babbayiidhaaf kan itti fayyadamtu iddoowwan Waaqeeffannaa ishee irraa fudhachuu fi tajaajila birootiif oolchuun guddachaa dhufee, sadarkaa guutuu Addunyaatti Ayyaana kan itti kabajju iddoo kabaja Fannoo tajaajila birootiif oolchuu fi yaalii dabarsanii laachuu sadarkaa arguu irra gahuun keenya, Miidhaan kun sadarkaa guddaa irra gahuusaaf agarsiisa guddaa dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Kana Hundumaa wajjiin qabiyyeen isaa maalis haa ta\u2019u maal Qulqulluu Paatriyaarkiin akka namaatti Miira itti dhagahamuu fi yaada isaanii ibsachuu danda\u2019uun mirgaa uumamaa isaanii ta\u2019ee osoo jiru, dubbii isaanii akka fedhii siyaasa isaanii bakkaan gahachuuf akka milkaa\u2019inaatti fayyadamanii Siinoodoosii qoqqooduu fi laaffisuuf darbees dhaabbata tokkummaa ishee walitti buusuuf gurmaa\u2019inni taasifamaa jiru baay\u2019isee kan nama gaddisiisu ta\u2019ee arganneerra.<\/p>\n\n\n\n<p>Dabalataanis, raawwii Mana Kiristaanaa kana godaansisuu keessatti Qaamota ishee dhimmichaaf itti fayyadamuuf fageenyi deemame dhimmicha baay\u2019isee yaaddeesaa isa taasisa.<\/p>\n\n\n\n<p>Isaan Kana Hundumaa iddoo tokkotti yommuu&nbsp; ilaallu Hawaasa idil-Addunyaa fi qaamota birootiif mitii Kiristaanota hundumaaf illee karaa qixatti ifa hin taaneen Mannni Kiristaanaa Godaansa Irra jiraachuu ishee muul\u2019isa.<\/p>\n\n\n\n<p>Kanaaf:-<\/p>\n\n\n\n<p>1<sup>ffaa<\/sup>.&nbsp; Hawaasni Kiristaanaa hundi keenya Manni Kiristaanaa yeroo kam iyyuu caalaa godaansa irra akka jirtu hubannee akka Abbootii keenya darbanii daandii isaan Godaansa Mana Kiristaanaa simataniin simachuuf qophaa\u2019uu qabna.<\/p>\n\n\n\n<p>2<sup>ffaa<\/sup>. Qaamota Mana Kiristaanaa Taatanii garuu Miidhaa Mana Kiristaanaa irratti tooftaa fi haala dhokataa ta\u2019een irra gahaa jiru hubachuu dadhabuudhaan sadarkaalee adda addaatiin qaama rakkina kana cimsu ta\u2019aa kan jirtan gocha keessan kana duubatti deebitanii ilaaluun akka irraa of qusattan akeekkachiisna.<\/p>\n\n\n\n<p>3<sup>ffaa<\/sup>. &nbsp;Mana Kiristaanaatti Iddoo itti gaafatamummaa irra teessaniii mirga Mana Kiristaanaa eegsisuu fi adaraa \/yaboo\/ Amantoota eeguuf isinitti laatame faayidaa yerootii fi fedhii siyaasaaf fayyadamaa qaamotni of taasistan gocha keessan kana irraa akka of qusattan isin beeksisuu barbaanna. Dabalataanis, Qulqulluu Paatriyaarikii wajjiin wal qabatee beekkamtii Qulqulluu Siinoodoosii fi qajeelcha isheetiin ala akkasumas, sirna Mana Kiristaanaa bifa hin hordofneen qaamotni sosochii taasisan gocha isaanii kana irraa akka of qusatan yaadachiisuu barbaanna.<\/p>\n\n\n\n<p>4<sup>ffaa<\/sup>. Lammiiwwan Itiyoophiyaa Biyyaa fi nageenya jaalattoota ta\u2019an Mana Kiristaanaa irratti karaa tokkummaa fi qindaa\u2019een dhiibamaa fi Godaansa ishee kana hubatanii Mana Kiristaanaa Maddii akka dhaabbatanii fi rakkinoota kana dhabamsiisuuf gahee isaanii akka bahan ni gaafanna.<\/p>\n\n\n\n<p>5<sup>ffaa<\/sup>. Yeroo dhiyoo booda diinotni Mana Kiristaanaa Caaseeffama mootummaa fayyadamanii Mana Kiristaanaa keenya karaalee adda addaatiin yeroo miidhaa irraan gahan, Kiristaanota yeroo ajjeesan, fi yeroo qa\u2019ee isaanii irraa buqqisan mootummaan ibsaa kan ture ta\u2019us, garuu, guyyaa tokkoo ifatti ba\u2019ee dhiifama gaafatee hin beeku. Birqabaan, qaamotni biroo qabeenyawwan Mana Kiristaanaa irratti gaaffii seeraan alaa kaasaniif deebii kennuuf deemsa dheeraa taasisuuf fageenya dheeraa deemuun dhiifama yeroo gaafatu ni muul\u2019ata. Kun godaansi Mana Kiristaanaa irratti taasifamaa jiru miidhaa mootummaadhaan irratti taasisfaamaa jiru ta\u2019ee akka fudhatamu taasiseera. Kanaaf, mootummaan godaansi Mana Kiristaanaa irra gahaa jiru &nbsp;dhaabsisuuf gahee isaa akka bahatu waamicha dabarsina<\/p>\n\n\n\n<p>6<sup>ffaa<\/sup>. Mootummaan murtiiwwan yeroo murteessu bifa amma muul\u2019achaa jiruun, iyyaa fi mirga Mana Kiristaanaa dhiibaa haqummaas jal\u2019isaa kan deemuu fi godaansi Mana Kiristaanaa irratti taasifamaa jiru &nbsp;dhaabsisuuf gahee isaa kan hin baanee fi hin dhaabsisne yoo ta\u2019e, nageenya dhabuu gahuu fi rakkina dhufuuf itti gaafatamummaa kan fudhatu ta\u2019uu qalbeeffachiisuu jaalanna.<\/p>\n\n\n\n<p>7<sup>ffaa<\/sup>. Dhuma irrattis Amantoota dhimma kana wajjiin wal qabatee&nbsp; haalota gara fuula duraatti jiraatan hordofaa kan ibsinu ta\u2019uu hubattanii dammaqinaan akka hordoftan isin hubachiisuu barbaanna.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"has-text-align-center\">Caamsaa guyyaa 3\/2013 &nbsp;B.A.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"has-text-align-center\">Waldaa Qulqullootaa<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoo Ameen Dhimmoota&nbsp; Yeroo ilaalchisuudhaan Ibsa Waldaa Qulqullootaa Irraa Kenname Manni Kiristaanaa Baroota 1950 irraa eegaltee Kallattii hundumaan Waraanni xiin-Yaadaa irratti taasifamaa tureera. Waraanni xiin-Yaadaa kun yeroodhaa gara yerootti gara waraana caaseeffamaatti guddachuun yeroo ammaa sadarkaa har\u2019a irra jirru kana irra geenyee jirra. Miidhaa baroota dheeraa kana [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[75],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4637"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4637"}],"version-history":[{"count":3,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4637\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4644,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4637\/revisions\/4644"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4637"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4637"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4637"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}