{"id":4634,"date":"2021-04-30T12:28:45","date_gmt":"2021-04-30T12:28:45","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4634"},"modified":"2021-04-30T12:28:46","modified_gmt":"2021-04-30T12:28:46","slug":"amma-garuu-kiristoos-warra-duaniif-angafa-taee-duaa-kaeera-1ffaa-qor-1520","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/amma-garuu-kiristoos-warra-duaniif-angafa-taee-duaa-kaeera-1ffaa-qor-1520\/","title":{"rendered":"\u201cAmma garuu Kiristoos warra du\u2019aniif angafa ta\u2019ee du\u2019aa ka\u2019eera.\u201d 1ffaa Qor. 15:20"},"content":{"rendered":"\n<p>Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos du\u2019a sababa Addaamiin dhufe du\u2019ee barbadeessuuf du\u2019ee awwaalame. Awwaalamee hin hafne; guyyaa sadaffaatti du\u2019a mo\u2019ee jireenya nuuf labsuuf du\u2019aa ka\u2019e. Kabajni Isaaf yaa ta\u2019utii Gooftaan keenya Fayyina namootaaf jedhee fedhii Isaatiin gidiraan hedduun akka irra ga\u2019u, Fannoo irratti akka fannifamu fi du\u2019u akkasumas guyyaa sadaffaatti du\u2019aa akka ka\u2019u duraan dursee Duuka Bu\u2019oota Isaatin \u201cEgaa gara Iyyaruusaaleemitti ni baana; ilmi namaa harka angafoota luboota fi fariisotaatti dabarfamee in kennama; murtee du\u2019aa itti ni murteessu; warra hin amaninittis dabarsanii ni kennu; itti tufus ni rebus ni ajjeesus; guyyaa sadaffaattis ni ka\u2019a.\u201d jedhee itti himuun isaan beeksisee jira. Luq. 18:31-34 Maat. 20:17-19. Raajoonnis waa\u2019ee Kiristoos biyya lafaa irratti gidiraa inni dabarsu fi akka fannifamu, akka du\u2019u fi guyyaa sadaaffaatti du\u2019a injifatee akka ka\u2019u raajaniiru. Ilma namaa Fayyisuuf Gooftaan keenya Fannoo irratti fannifamee raajii Raajotaa raawwatee jira. Isaay. 53:1-12, Daan. 9:25-27<\/p>\n\n\n\n<p>Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Qulqulluu Lubbuun Isaa Qulqulluu Foon Isaa irraa erga adda baatee booda Qulqulluun Foon Gooftaa keenyaa kan awwaalame; naannuma Gooftaan keenya itti fannifamee ture lafa biqiltuun marfame iddoo Golgoota jedhamtutti dha. Kan awwaalanis Barattoota Gooftaa kan ta\u2019an Yoosefi fi Niqoodimosi dha. Angoofootni lubootaa fi fariisotni Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa sadaffaa isaatti du\u2019aa ni ka\u2019a jedhanii waan sodaataniif gara Philaaxoos deemuun \u201cYaa gooftaa namni kun yeroo lubbuun jirutti guyyaa sadaffaa booda Nan ka\u2019a jedhee dubbatee jira. Kanaafuu barattoonni Isaa halkan deemanii akka Foon Isaa hatanii uummataan \u201cIlaalaa Gooftaan du\u2019aa ka\u2019eera\u201d jedhanii uummata akka hin jeeqneef; Dogongorri boodaa dogongora duraa caalaa badduu akka nutti hin taane; awwaala Isaa hamma guyyaa sadiitti akka eeggamu ajaja dabarsi\u201d jedhaniin. Philaaxoosis \u201cEegdotaan awwaalicha eegsisaa!\u201d jechuun deebiseef. Eegdota cimoo ta\u2019an filuun amma guyyaa sadii akka awwaalicha eegan ajaja dabarsan. Isaanis gara awwaalichaa deemuun dhagaa guddaan awwaalcha irra kaa\u2019ame irratti mallattoo isaanii gochuudhaan akka hin jijjiramne sodaatanii eegaa turan. Maat. 27:62-67. Jireenya kan namaaf hiru Waaqni jiraataan Kiristoos du\u2019ee guyyaa sadii fi halkan sadii awwaala keessatti awwaalameetu ture. Nuuf jedhee Xoofoo du\u2019aa dhugee guyyaa sadii fi halkan sadi awwalamee akka turu duraan dursee dubbatee ture. Kunis warra aangoo du\u2019aa fi awwaalchaa keessa turan hundaaf mallattoo Fayyina jireenyaa isaanif akka ta\u2019uufi dha. Gooftan keenya barumsa Isaa yeroo barsiisaa turetti, barreessitoonni fi fariisootni tokko tokko \u201cYaa Barsiisaa keenya Si irraa mallattoo arguu barbaadna\u201d jedhanii gaafatan. Inni garuu, deebisee&nbsp; \u201c Dhalli sagalgaltuu fi hamtuun mallattoo barbaada; mallattoo Raajaa Yoonasin ala mallattoon biraa hin kennamu. Yoonas garaa qurxummii keessa guyyaaa sadii fi halkan sadi akkuma ture akkasuma Ilmi Namaa (Kiristoos) garaa lafaa keessa guyyaa sadii fi halkan sadi ni bula.\u201d ittin jedhe. Ni raawwates. Maat. 12:38-39<\/p>\n\n\n\n<p>Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos erga du\u2019e booda Qulqulluu Foon Isaa Yoosefi fi Niqoodimoos huccuu Qulqulluun seera Kafanuu Kadhannaa Kakuutiin deeggarameen kafananii gara awwaalaatti fudhatan. Waaqummaa Isaatin samii fi lafa irratti iddoo hundumaatti guutuu ta\u2019ee kan argamu; Waaqummaa Isaatiin foon Qulqulluu kan uffate Inni guyyaa sadii fi halkan sadi awwaala keessa yeroo turetti qaama lubbuu Isaatiin gara si\u2019oolitti deemee lubbuu achi keessatti cunqurfamaa, gidirfamaa turan bilisaa baasee jira. Ilmi Waaqayyoo Kiristoos foon Isaatin yeroo awwaala keessa turetti guyyaa sadii fi halkan sadiif Waaqummaa Isaatiin Abbaa Fi Afuura Qulqulluu wajjin takka illee osoo adda hin ba\u2019in addunyaa bulchaa ture. Barumsa kanaan wal qabatu ilaalchisee sirritti ibsuuf abbootii Mana Kiristaanaa Ortodoksii walakkeessa jaarraa afraffaa kan turan phaaphaasii biyya Iskindiriyaa kan ta\u2019an Qulqulluu Eraaqlis kan barsiisan keessaa&nbsp; \u201c<em>Gooftaan koo, Uumaan koo Si\u2019ii dha. Addunyaa dursitee kan jiraachaa turte, har\u2019as kan jiraattu Si\u2019ii dha. Kan samii irraas Si\u2019ii dha. Kan lafa irraas Si\u2019ii dha. Samii irratti Abbaa fi Afuura Qulqulluu wajjin tokko taatee kan jiraattu si\u2019ii dha. Adduunyaan kun osoo hin uummaminii jalqabee Teessoo Waaqummaa irra kan ture si\u2019ii dha. Ammas muka fannoo irratti kan fannifame si\u2019ii dha. Foonin rakkoo fi dhiphina kan fudhatte si\u2019ii dha. Abbaa fi Afuuraa Qulqulluu wajjiin tokko ta\u2019uu keetiif du\u2019a kan hin qabne si\u2019ii dha. Nu waliin tokko ta\u2019u keetinis fedhii keetin kan duute si\u2019ii dha. Awwaala keessas kan bulte si\u2019ii dha. Ergamaa Kee Qulqulluu Kiruubeel irra kan jirus si\u2019ii dha. Warra du\u2019an wajjiin awwaala keessa kan bultes si\u2019ii dha. Dhiphinaa fi du\u2019aa keetin fayyinni nuuf kenname. Warra du\u2019an wajjinis kan lakkaawwamte Si\u2019ii dha. Warra du\u2019anifis ka\u2019umsaa kan kennuuf Si\u2019ii dha. Guyyaa sadii fi halkan sadi awwaala keessa kan bulte Si\u2019ii dha. Waaqummaa Keetin kan hin qabamne foonumma dadhabuun Jechi Qaamawaa Waaqayyoo Si\u2019ii dha.<\/em>\u201d Kitaaba Amantaa Abbootaa Boq. 48:10<\/p>\n\n\n\n<p>Gooftaan keenya du\u2019a mo\u2019ee akka ka\u2019u deddeebisee akkuma barsiise guyyaa sadii fi halkan sadi boolla awwaalchaa keessa erga ture booda du\u2019a injifatee ka\u2019eera. \u201cAkkuma dubbate Ka\u2019eerati as hin jiru.\u201d Maat. 28:6 Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa sadii fi halkan sadi boolla awwaalchaa keessa turee du\u2019a injifate ka\u2019e yeroo jennu; Kabajni Isaaf yaa ta\u2019utii Gooftaan keenya guyyaa jimaataa erga Fannoo irratti fannifame guyyaa walakkaa ta\u2019ee osoo jiruu aduun ifaa dhorkatte, guyyaan ni dukkanaa\u2019e. Akka aadaa lakkoofsa Ibrootatti dukkannii fi ifni walitti guyyaa tokko dha. Akka aadaa lakkoofsa Ibrootaatti halkan guyyaa darbes jirus dabalee waan lakka\u2019amuuf guyyaa jimaataa hanga walakkeessa sa\u2019aatii jahaatti ifa ture walakeessaa sa\u2019aatii sa\u2019aatii jahaa hamma sagalitti dukkana ture halkan jedhamee lakkaawama. Itti aanes sa\u2019aatii sagalii hamma lixa biiftutti deebisee aduu waan baatef guyyaa; Gaafa jimaata halkan walitti akka guyyaa tokkotti lakkawama. Guyyaa sanbataa immoo guyyaa fi halkan dilbataa guyyaa tokko dha. Walumaagalattii, guyyaan jimaataa akka guyyaa lamaatti fudhatamuu fi guyyaa sanbata fi halkan sabata wajjin Guyyaa sadaffaatti Gooftaan keenya du\u2019aa ka\u2019e jennee amanna. Ni barsiifnas.<\/p>\n\n\n\n<p>Duuka Bu\u2019ichi (1<sup>ffaa<\/sup> Pheex. 3:18-19) akkas jedha \u201cKiristoos immoo gara Waaqayyootti nu dhiyeessuuf jedhee, Inni Qulqulluu ta\u2019ee osoo jiruu, warra jal\u2019ootaaf al tokkicha sababa cubbuutiif nuuf du\u2019eera. Foonin du\u2019e Afuuraan garuu jiraataa ta\u2019e. Afuura sanaanis deeme lubbuuwwan mana hidhaa daabiloos keessa jiraniif nageenya fi bilisummaa labsee jira.\u201d Kanaaf Foonii fi Afuurri, Foonii fi Afuura Kiristoosi dha. Jechi \u201cAfuuraan jiraataa ta\u2019e\u201d jedhu Kiristoos cubbuu ilma namaa haquuf namummaa isaatin du\u2019uu isaa agarsiisa. Maat. 27:46. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos yeruma tokkotti du\u2019ee du\u2019aa ka\u2019ee warra du\u2019aanis daawwate. (Ibr. 2:16, 1<sup>ffaa<\/sup> Pheex. 3:22, Qol. 2:15, Efee. 4:8-10 Luq. 16:20, 23:43).<\/p>\n\n\n\n<p>Gooftan keenya Iyyasuus Kiristoos du\u2019ee erga awwaalamee booda guyyaa sadaffaatti humna fi aangoo Isaatiin walakkeessa halkan sanbata guddaa du\u2019a injifatee ka\u2019eera. Fedhii isaatin Fannoo irratti fannifamee nuuf jedhee du\u2019e; aangoo Isaatin du\u2019a keessaa ka\u2019e. Gooftan keenya Iyyasuus Kiristoos biyya lafaa kanatti dhufee Durbee Qulqullulleettii Maariyaam irraa foon Ishee irraa foon lubbuu Ishee irraa lubbuu fudhatee Waloomaan (Tawaahidoodhaan) nama ta\u2019ee, cubbuu malee hojii namni hojjatu hundumaa hojjate. Dursee \u201c Ilma Waaqayyoo, Jecha Waaqayyoo, Waaqa Ilma Waaqaa\u201d jedhamee waammamaa ture malee Iyyasuus Kiristoos jedhamee hin wammamne. Erga gara biyya lafaatti dhufee foon Dubaroo Maariyaam uffatee booda Iyyasuus Kiristoos jedhamee waammame. Foon Isaa foon haadha Isaa Haadha keenya Dubroo Maariyaamiti. Waaqummaa Isaatiin&nbsp; harka Yohaannisitti cuuphamee guyyaa afurtama fi halkan afurtamaa ni soome. Maat 3:17, Maat &nbsp;4:1-11<\/p>\n\n\n\n<p>Foon Waaqa ta\u2019e kananiis akkuma namaa fakkeenya nuuf ta\u2019uuf ni kadhate. Maat. 26:37-46. Foon Namaa uffatee nama ta\u2019uu Isaa ibsuufis hojii namni hojjatu hundumaa ni hojjate. Fannoo irrattis gidiraa fi dhiphina baay\u2019ee dabarsuun du\u2019a Isaatiin du\u2019a barbadeessuuf du\u2019e. Yoh. 19:30. Qulqulloonii Duuka Bu\u2019ootni Isaa Waaqayyoon du\u2019a keessaa Isa kaase jedhanii kan barsiisan Kiristoos humna Waaqummaa Isaatiin ka\u2019uu Isaa mirkaneessuuf akkasitti barsiisan. Sababiin isaas Nama ta\u2019ee Iyyasuus jedhamee akka namaatti deddeebi\u2019aa waan tureef Yihuudonni aangoo Waaaqummaa Isaa waan hin amanneef, Waaqa ta\u2019uu Isaa ibsuuf Waaqayyo du\u2019aa Isa kaase jedhanii barsiisan. Kunis Waaqayyo Abbaa fi Waaqayyo Afuura Qulqulluu wajjiin tokkoo ta\u2019uu isaa mul\u2019isa. Amalooma isaatiin akka Abbaa fi Afuura Qulqulluutti guutummaadhaan Waaqa dha. Haaluma walfakkaatun \u201cWaaqayyoon du\u2019a keessaa Isa kaase\u201d jechuun Yoosefi fi Niqoodimoos&nbsp; kan Isa awwaalan&nbsp; Ilmi Waaqayyoo jiraataa humna Waaqummaan ka\u2019uu Isaa mirkaneessuuf barumsa kana barsiisan. Kunis Kiristoos Foonin waloome. Waaqni fi namni tokko ta\u2019ee kan du\u2019e Waaqumma Isaan immoo jiraataa ta\u2019ee du\u2019a keessaa ka\u2019uu Isaa Duuka Bu\u2019ootni Isaa Qulqulluu Pheexiroosi fi Phaawuloos hubachisaniiru. \u201cAni fi Abbaan tokko\u201d jedhee Gooftaan keenya aangoo Waaqummaa Isaatiin tokko ta\u2019uu Isa fi Waaqummaa Isaatin du\u2019a injifatee ka\u2019uu akka danda\u2019u nu hubachiisa. Aangoon Abbaa, Aangoo Ilmaa fi Aangoo Afuura Ququlluu wajjin tokko akka ta\u2019e; kan Abbaan kan ta\u2019e hundumtuu kan Ilma Waaqayyoo Kiristoosis akka ta\u2019e \u201cKan Abbaa kan ta\u2019e hundi kan kooti.\u201d Yoh. 16:15 jechuudhaan Abbaa Wajjin aangoo qixa akka qaban dhugoomsa.<\/p>\n\n\n\n<p>Ilmi Waaqayyoo Kiristoos aangoo Isaatin du\u2019aa ka\u2019uu akka danda\u2019u dursee dubbatee ture. \u201cMana Qulqulluuummaa kana diigaa; Anis guyyaa sadaffaatti isa nan kaasa.\u201d Yoh. 2:19-22 jechuudhaan iccitiidhaan isaanitti himaa ture. Icciitii kana ilaalchisee Beektootni Abbootiin Mana Kiristaanaa karaa nuu galuu danda\u2019uun babal\u2019isaanii barressanniru. Fakkeenyaf beektota keessaa tokko kan ta\u2019e Qulqulluu Qeersos&nbsp; Biyya Iskindiriyaa akkasiitti barreesse \u201cNuti Waaqayyoo Abbaan qaama Isaatin qaama irraa Amalummaa Isaatin amala Isaa irraa kan dhalate; Amalummaa Isaatin&nbsp; jiraataa akka ta\u2019e ni dubbanna.\u201d (Amantaa Abbootaa 70:6). Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos gidiraamuu fi dhiphina Fannoo Isaa dursee du\u2019a mo\u2019ee du\u2019a keessaa aangoo fi humna isaatin akka ka\u2019u ibsuuf \u201cMana Qulqullummaa kana diigaa, Anis guyyaa sadaffaatti isa nan kaasa.\u201d yeroo jedhee dubbatutti Ayihuudonni immoo \u201cMana Qulqullummaa kana ijaaruuf waggaa afurtamii jaha nutti fudhate Ati immoo guyyaa saditti deebistee akkamitti kaastaa?\u201d jechuun deebisanii gaafatani. Ayihuudonni kana jedhanii kan dubbataniif kabajni Isaaf yaa ta\u2019uti Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos kan dubbate waa\u2019ee Mana Qulqullummaa isaanin ijaaramee itti fakkaatee waan tureefi dha. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos garuu kan dubbateef waa\u2019ee du\u2019ee du\u2019aa ka\u2019uu Isaa ture. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos du\u2019aa ka\u2019uu isaatin booda jireenya fi Du\u2019aa Ka\u2019umsi nuuf kennameera. \u201cKa\u2019umsi fi jireenyi Ana dha anatti kan amanu yoo du\u2019e ille bara baraan ni jiraata.\u201d Yoh. 11:25, \u201cJecha Koo kan dhaga\u2019u isa Ana ergettis kan amanu jireenya bara baraa qaba; du\u2019aa gara jireenyaatti kan cee\u2019e dha malee itti hin murtaa\u2019u.\u201d Yoh. 5:24 jechuun du\u2019aa ka\u2019uu fi jireenya bara baraa mirga ittiin dhaaluu dandeenyu nuuf kennee jira. Keessumattuu Gooftan keenya du\u2019a injifatee du\u2019aa ka\u2019uun angafa ta\u2019ee ilma namaaf Du\u2019aa Ka\u2019uumsa labse. \u201cAmma garuu Kiristoos warra du\u2019aniif hangafa ta\u2019ee du\u2019aa ka\u2019eera. Duuti karaa namaa tokkoon dhufe; Du\u2019aa Ka\u2019uumsis karaa namaa tokkoon ta\u2019eera. Hundumtuu karaa Addamiin akkuma du\u2019e karaa Kiristoositiin jiraataa ta\u2019e.\u201d 1<sup>ffaa <\/sup>Qor. 15: 20-23. Angafa ta\u2019ee du\u2019aa akkuma ka\u2019e humna Isaatiin jiraattota akka nu taasisu jaalala isaa nuuf haa ta\u2019u.<\/p>\n\n\n\n<p>Galanni Waaqayyoof haa ta\u2019u. Ameen!!!<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos du\u2019a sababa Addaamiin dhufe du\u2019ee barbadeessuuf du\u2019ee awwaalame. Awwaalamee hin hafne; guyyaa sadaffaatti du\u2019a mo\u2019ee jireenya nuuf labsuuf du\u2019aa ka\u2019e. Kabajni Isaaf yaa ta\u2019utii Gooftaan keenya Fayyina namootaaf jedhee fedhii Isaatiin gidiraan hedduun akka irra ga\u2019u, Fannoo irratti akka fannifamu fi du\u2019u akkasumas guyyaa sadaffaatti du\u2019aa akka ka\u2019u duraan dursee Duuka [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[75],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4634"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4634"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4634\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4635,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4634\/revisions\/4635"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4634"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4634"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4634"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}