{"id":4624,"date":"2020-12-16T08:50:53","date_gmt":"2020-12-16T08:50:53","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4624"},"modified":"2020-12-16T08:54:33","modified_gmt":"2020-12-16T08:54:33","slug":"soomaan-booichaa-fi-wawwaachuudhaan-gara-kootti-deebiaa-raaj-iyu-212","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/soomaan-booichaa-fi-wawwaachuudhaan-gara-kootti-deebiaa-raaj-iyu-212\/","title":{"rendered":"\u201cSoomaan, boo\u2019ichaa fi wawwaachuudhaan gara Kootti deebi\u2019aa\u201d Raaj. Iyu 2:12"},"content":{"rendered":"\n<p class=\"has-text-align-right\"><strong><em><span style=\"color:#0ae5cc\" class=\"has-inline-color\">Tolasaa Juulaa<\/span><\/em><\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Dhalli namaa bifaa fi fakkeenya Waaqayyootiin uumamee kabaja guddaadhaan gannata keessaa jiraachuu osoo qabuu abboommii Waaqayyoo cabsee karoora afuura xuraawaatiin waan gufateef,Addaamii fi ijoolleen isaa waggaa 5500 guutuu Waaqayyoo irraa gargar bahanii gara biyya lafaatti darbatamuudhaan garbummaa seexanaatiin gidiraa daangaa hin qabne simachaa turan<\/p>\n\n\n\n<p>Addaam abboommii cabsee yakka yoo raawwate illee Waaqayyoon garuu ijoollee isaa dhiphina keessatti dhiisuu waan hin jaalanneef \u201cYaa addaam eessa jirta?\u201d Ser.Uum 3:9, jedhee waame. Addaam garuu \u201cGannata keessatti sagalee kee nan dhagahe; qullaa koos waanan ta\u2019eef nan sodaadhe,nan dhokadhes\u201d Ser.Uum 3:10, jechuudhaan Waaqayyo irraa adda bahuun kennaa isaa dhabanii hangam akka qullaa nama taasisu ragaa bahuudhaan qalbii isaa geeddarate&nbsp;&nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p>&nbsp;Abboonni fi Raajonni hedduunis ilmaan Addaam gara gannataatti akka deebi\u2019aniif kadhannaa fi sagada baay\u2019ee yoo taasisan illee, gaarummaan isaanii akka huccuu abaarsaatti lakkaa\u2019ame malee Addaamii fi ijoollee isaa iddoo kabaja isaanii kan duraatti isaan deebisuu akka hin dandeenye raajichi Isaayyaas \u201cHundi keenya akka baalaa harcaanee jirra,yakki keenya akka qilleensaa nu fudhate\u201dRaj.Isa 64:6,jedhee dubbateera.<\/p>\n\n\n\n<p>Qulqulluun Phaawuloos sababa cubbuu addaamiitiin duuti biyya lafaa kana hunda irra akka ture yeroo dubbatu\u201cCubbuun nama tokkoon gara addunyaa akkuma dhufe. Duutis karaa cubbuutiin akka gale, akkasumas namoonni hunduu cubbuu waan raawwataniif duuti nama hundumaa ni qaqqabe\u201dRoom 5:12, jechuudhaan nuuf mirkaneessa<\/p>\n\n\n\n<p>Waaqayyos ilmaan isaa gara kabaja isaaniitti deebisuudhaaf \u201cilma ilma kee irraa dhaladheen si fayyisa\u2019 jechuudhaan Addaamiif waadaa waan galeef waadaa ijoollee Addaamiif taasifame guyyaa bilisummaa kana ijaan arganii; arjummaa waadaa sanaan taasifamtu qooddachuudhaaf hawwuun Raajonni hedduun imimmaan isaanii dhangalaasanii aarsaa dhiyeessanii gara Waaqayyootti kadhannaa taasisaa turan. Isa kanatu Sooma Raajotaa jedhama.<\/p>\n\n\n\n<p>Dhiifamni isaa kan baay\u2019ate, hammeenyi isaa kan fagaate Waaqayyo cubbuu jalaa ijoollee Addaam haguugee baraaruuf haadha isaa kan taate sanyii Qulqulleettii akka nuuf hanbise yeroo ifa baasu \u201cWaaqayyo Gooftaan Samii fi lafaa osoo sanyii nuuf hanbisuu baatee akka sadoom taanee akka gamoraas fakkaannee turre\u201dIsa1:9, jechuudhaan sanyii cubbuu daddarbaarraa bilisa taate haadha Gooftaa ta\u2019uuf qophoofte waa\u2019ee Dubaroo Maariyaamii Dubbata.<\/p>\n\n\n\n<p>Raajichi Isaayyaas abdii dhalachuu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoo kana fageenyatti ilaaluudhaan \u201cDubroon dubrummaan ni ulfoofti, Ilma ni deessi, maqaa isaas Amaanu\u2019eel jettee ni yaamti\u201d Raj.Isa 7:14 jedhee akkuma ragaa bahetti,yeroo fi iddoon osoo isa hin daangessin Kiristoos Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa dhalate maqaan isaa yaa ulfaatu!<\/p>\n\n\n\n<p>Akka lallaba barnoota Mana Kiristaanaa Ortodooksii Waloomaatti Soomni kun maqaa adda addaatiin yaamama:-<\/p>\n\n\n\n<ul><li>Sooma Raajotaa:-Dhalachuu Gooftaa raajonni soomaa fi sagadaan eegaa waan turaniif<\/li><li>Sooma Addaam:-Waadaan fayyina Addaamiif galame kan itti raawwatame waan ta\u2019eef<\/li><li>Sooma Lallabaa:-Icciitiin Waaqayyo nama ta\u2019uu isaa bal\u2019inaan kan itti lallabamu waan ta\u2019eef<\/li><li>Sooma Gannoo:-Xumurri sooma kanaa dhalachuun Gooftaa kan itti kabajamu waan ta\u2019eef<\/li><li>Sooma Duuka Bu\u2019ootaa:-Duuka Bu\u2019oonni sooma dhaloota Kiristoosiitiin dura raajonni sooman kana isaanis yaadannoodhaaf irra deebi\u2019anii waan soomaniif<\/li><\/ul>\n\n\n\n<p>Soomni kun yeroo hundumaa sadaasa 15 eegalee muddee 29 kan xumuramu yommuu ta\u2019u,bara Yohaannis yoo ta\u2019e garuu phaagumeen jahaan(6\u2019n)waan ooltuuf muddee 28 kan hiikkatu ta\u2019uu isaa yaa\u2019ii Qulqulluu sinoodoosiitiin kan mirkaneeffamee fi kitaabilee mana amantaa keenyaa irratti baarraa\u2019ee kan argamu waan ta\u2019eef, seeraa fi ittiin bulmaata mana amantaa keenyaa hubannee dhaloota barsiisuun dirqama kiristaanummaa keenyaati.<\/p>\n\n\n\n<p>Soomni raajotaa sooma labsii miseensonni mana amantaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa soomanii sagaduudhaan karoora afuura xuraawaa moo\u2019ataanii lubbuu isaaniitiif galaa jireenyaa ittiin sassaabatani.<\/p>\n\n\n\n<p>Keessaa isa tokkoodha waan ta\u2019eef dhimma lubbuu keenyaa irratti qoosaan waan hin barbaachifneef hundumti keenya qalbii tokkoon maaddii qulqulluummaa kana irraa hirmaannee suga argachuu qabna.<\/p>\n\n\n\n<p>Saba Kiristaanaa warreen biyya keessaa fi biyya alaa jiraattan hunduma keenyaaf! soomni kun kan hammeenyaa fi gidiraa qorumsa biyya lafaa ittiin moo\u2019annu, kan firii Afuurawaa keenya ittiin cimsannu, kan amantaa keenyaan cimnee hanga dhumaatti ittiin dhaabbannu akka nuuf ta\u2019u arjummaan Waaqayyoo, araarsummaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam, gargaarsii fi eeggumsi Ergamootaa nurraa adda hin bahin.<\/p>\n\n\n\n<p>Galanni Waaqayyoof<\/p>\n\n\n\n<p>Deessuu haadha isaatiif<\/p>\n\n\n\n<p>Ulfaataa Fannoo Kiristoosiif haa ta\u2019u<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Tolasaa Juulaa Dhalli namaa bifaa fi fakkeenya Waaqayyootiin uumamee kabaja guddaadhaan gannata keessaa jiraachuu osoo qabuu abboommii Waaqayyoo cabsee karoora afuura xuraawaatiin waan gufateef,Addaamii fi ijoolleen isaa waggaa 5500 guutuu Waaqayyoo irraa gargar bahanii gara biyya lafaatti darbatamuudhaan garbummaa seexanaatiin gidiraa daangaa hin qabne simachaa turan Addaam abboommii cabsee yakka yoo raawwate illee Waaqayyoon garuu [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[75],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4624"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4624"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4624\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4625,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4624\/revisions\/4625"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4624"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4624"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4624"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}