{"id":4612,"date":"2020-09-12T10:53:08","date_gmt":"2020-09-12T10:53:08","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4612"},"modified":"2020-09-12T10:53:10","modified_gmt":"2020-09-12T10:53:10","slug":"%e1%8b%88%e1%8a%a2%e1%89%b5%e1%88%ad%e1%88%b5%e1%8b%91-%e1%89%b0%e1%89%80%e1%89%a5%e1%88%8e-%e1%8a%90%e1%8c%8d%e1%8b%b5-%e1%8a%a5%e1%88%b5%e1%88%98-%e1%89%a0%e1%8a%a5%e1%8a%95%e1%89%b2","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/%e1%8b%88%e1%8a%a2%e1%89%b5%e1%88%ad%e1%88%b5%e1%8b%91-%e1%89%b0%e1%89%80%e1%89%a5%e1%88%8e-%e1%8a%90%e1%8c%8d%e1%8b%b5-%e1%8a%a5%e1%88%b5%e1%88%98-%e1%89%a0%e1%8a%a5%e1%8a%95%e1%89%b2\/","title":{"rendered":"\u201c\u12c8\u12a2\u1275\u122d\u1235\u12d1 \u1270\u1240\u1265\u120e \u1290\u130d\u12f5 \u12a5\u1235\u1218 \u1260\u12a5\u1295\u1272\u12a0\u1201 \u1266 \u12a5\u1208 \u12a8\u1348\u120e\u1219 \u12a8\u1218 \u12ed\u1275\u1240\u1260\u1209 \u1290\u130d\u12f0 \u1218\u120b\u12a5\u12ad\u1275 \u12a5\u1295\u12d8 \u12a2\u12e8\u12a0\u121d\u1229\u1361\u1361 Keessummoota simachuu hin dagatinaa haala kanaan namoonni tokko tokko osoo hin beekin Ergamoota simatanii jiruutii\u201d Ibro. 13:2"},"content":{"rendered":"\n<p><strong><em>Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen<\/em><\/strong><\/p>\n\n\n\n<p><strong><em>Qaam\u2019ee\/Phaagumee-3<\/em><\/strong><\/p>\n\n\n\n<p class=\"has-text-align-right\"><strong><em>Qopheessaan:-Tolasaa Juulaa<\/em><\/strong><\/p>\n\n\n\n<p><strong><em>Qajeelchaa karaa kan Ergamaa Rufaa\u2019eel (<\/em><\/strong><strong><em>\u1245\u12f1\u1235<\/em><\/strong><strong><em> <\/em><\/strong><strong><em>\u1229\u134b\u12a4\u120d<\/em><\/strong><strong><em> <\/em><\/strong><strong><em>\u1218\u122b\u1204<\/em><\/strong><strong><em> <\/em><\/strong><strong><em>\u134d\u1296\u1275<\/em><\/strong><strong><em>)<\/em><\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Guyyaa kanatti kan yaadatamu hangafoota Ergamootaa torban keessaa tokko kan ta\u2019e yaadannoo Ergamaa Qulqulluu Rufaa\u2019eelii yommuu ta\u2019u ayyaanni yaadannoo guyyaa kanas qabiyyee armaan gadii kanneen kan of keessaa qabu dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Gosa Niftaaleem jedhamu keessaa kan dhalatee fi biyya Faarsi bittaa kolonummaa mooticha Silminaasoor jala kan ture namichi maqaan isaa Xoobiit jedhamu tokko ni ture. Haati manaa isaa Haannaa jedhamti. Ilma tokkicha Xoobiyaan jedhamu qabu ture. Obboleessi Xoobiit immoo Raagu\u2019eel jedhama. Haati manaa Raagu\u2019eel Adinaan jedhamti. Raagu\u2019eelis mucayyoo Saaraa jedhamtu qaba ture. Mootichi Silminaasoor Xoobiit waan jaalatuuf aangoo isaaf kennee yoo turellee, Silminaasoor du\u2019ee yeroo mootichi Sanaakireem jedhamu muudamutti Xoobiit aangoo irraa akka bu\u2019u taasifame. Afuurri xuraawaan Asmaandiyoos jedhamu mucayyoo Raagu\u2019eel Saaraa kan jedhamtu kana irra buluudhaan abbaa warraa 7 ishee jalaa ajjeesee ture.<\/p>\n\n\n\n<p>Guyyaa tokko Xoobiyaan abbaan isaa Xoobiit akka dulloomee ijji isaas arguu akka dadhabe dhagahee abbaa isaa bira deemuuf biyya Nanawee irraa ka\u2019ee osoo karaa deemuu nama tokkoon walitti dhufee deemsa isaanii eegalan. Xoobiyaan yoo beekuu baatellee nama fakkaatee isa wajjiin deemaa kan ture kun Ergamaa Rufaa\u2019eel ture. Osoo deemanuu biiftuun dhiitee jennaan iddoo tokkotti goranii buluudhaaf murteessan. Kanaan booda Xoobiyaan dadhabbii irraa boqachuudhaaf gara lagaa deemee yeroo inni qaama isaa dhiqatu Quxummiin tokko laga keessaa itti bahe. Yeroo kanatti Ergamichi kun qurxummii kana qabiitii qali, tiruu fi hadhooftuu isaa of eeggannoodhaan qabii baasi jedheen.<\/p>\n\n\n\n<p>Xoobiyaanis qurxummicha qabee erga qaleen booda tiruu fi hadhooftuun maaliif barbaachisa? jedhee Ergamicha gaafate. Innis nama afuurri xuraawaan irra bule fayyisuu akka danda\u2019u itti hime. Osoo karaa deeman Ergamichi har\u2019a mana nama Raagu\u2019eel jedhamuu tokkotti waliin bulla. Innis mucayyoo Saaraa jedhamtu qaba, isheenis akka haadha manaa kee taatuuf ani abbaa ishee nan gaafadha jedhee yeroo Ergamaan Rufaa\u2019eel itti himu, Xoobiyaan immoo kanaan dura namoonni Saaraa fuudhan 7 akka du\u2019an waan beekuuf anis yoon ishee fuudhee du\u2019e maatii koo namni gargaaru hin jiru jedhee sodaate.<\/p>\n\n\n\n<p>Haa ta\u2019u malee, booda dubbiin Ergamichaa waan itti toleef afuura xuraawaa isheerra bulee namoota ajjeesaa ture kana hadhooftuu qurxummii sanaan isheerraa baasuu akka danda\u2019u laphee guutuudhaan waan amaneef gara mana Raagu\u2019eel deemanii achi bulan. Kanaan booda Raagu\u2019eelis yeroo Xoobiyaa argetti ilma obboleessa isaa akka ta\u2019e hubatee gammachuudhaan simate. Erga wal baranii yaada wal jijjiiraniin booda Xoobiyaan akka Saaraa fuudhee haadha warraa taasifatu murteessani. Xoobiyaanis kadhannaa taasisee hadhooftuu qurxummii sana yeroo itti aarsu afuurri xuraawaan Asmaandiyoos jedhamu isheerraa bahee gaa\u2019elli isaaniis eebbifame.<\/p>\n\n\n\n<p>Raagu\u2019eel qabeenya isaaniif kennee gara biyya isaaniitti isaan gaggeesse. Yeroo Xoobiit bira gahan Xoobiit ijaan waan hin agarreef ilma isaa simachuuf osoo jedhuu lafarratti kufe. Ilmi isaa Xoobiyaanis hadhooftuu fidee dhufe sana yeroo ija abbaa isaatti dibu Xoobiit ijji isaa banamee ilaaluu jalqabe. Yeroo kana irraa jalqabee nama fakkaatee isaan wajjiin deemaa kan ture sun, \u201cAni kadhannaa namootaa gara samiitti kanan ol Baasu Ergamaa Rufaa\u2019eli dha\u201d jedhee yeroo isaanitti dubbatu hundi isaanii gara lafaatti kufanii isaaf sagadan. Kunis wanta haaraa osoo hin taane akkuma abboonni keenya kanneen akka Iyyaasuu Ergamootaaf sagaduu isaanii kan mirkaneessu dha. Iyya 5:14<\/p>\n\n\n\n<p>&nbsp;\u201cKeessummoota simachuu hin dagatinaa haala kanaan namoonni tokko tokko osoo hin beekin Ergamoota simatanii jiruutii\u201d Ibro. 13:2 jedhamee akka barreeffamee Xoobiyaanis Ergamaa Ruufa\u2019eel ergamaa Waaqayyoo ta\u2019uu isaa osoo hin beekin isa simatee isa waliin akka Ergamichi ajajetti deemuun, waan Ergamichi ajajes fudhachuu isaatin eebbifamee jira. \u201cErgamaan Waaqayyoo naannawa warreen isa sodaatanii ni qubata, isaanis ni oolcha\u201d Faar. 33\/34:7, jedhamee akkuma barraa\u2019e ergammoonni Waaqayyoo yeroo gidiraa keenyaa nu gargaaruudhaaf Waaqayyo biraa ni ergamu, labooba ibiddaa keessaa nu baasu, hammeenyaa fi gidiraa biyya lafaa kana irraa nu baraaru.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"has-text-align-center\">\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u25baGalanni Waaqayyoof<\/p>\n\n\n\n<p class=\"has-text-align-center\">&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp; \u25baDeessuu haadha isaatiif<\/p>\n\n\n\n<p class=\"has-text-align-center\">\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u25baUlfaataa Fannoo Kiristoosiif haa ta\u2019u.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen Qaam\u2019ee\/Phaagumee-3 Qopheessaan:-Tolasaa Juulaa Qajeelchaa karaa kan Ergamaa Rufaa\u2019eel (\u1245\u12f1\u1235 \u1229\u134b\u12a4\u120d \u1218\u122b\u1204 \u134d\u1296\u1275) Guyyaa kanatti kan yaadatamu hangafoota Ergamootaa torban keessaa tokko kan ta\u2019e yaadannoo Ergamaa Qulqulluu Rufaa\u2019eelii yommuu ta\u2019u ayyaanni yaadannoo guyyaa kanas qabiyyee armaan gadii kanneen kan of keessaa qabu dha. Gosa Niftaaleem jedhamu [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[75],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4612"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4612"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4612\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4613,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4612\/revisions\/4613"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4612"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4612"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4612"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}