{"id":4595,"date":"2020-08-28T09:43:14","date_gmt":"2020-08-28T09:43:14","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4595"},"modified":"2020-08-28T10:17:41","modified_gmt":"2020-08-28T10:17:41","slug":"ajjeechaa-mucaa-keenya-haacaaluu-sababeeffachuun-naannoo-oromiyaa-godinaalee-tokko-tokko-keessatti-dhiibbaa-qindaaeen-ortodoksoota-miidhaman-gargaaruu-fi-deebisanii-dhaabuu-ilaalchisee-ibsa-m","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/ajjeechaa-mucaa-keenya-haacaaluu-sababeeffachuun-naannoo-oromiyaa-godinaalee-tokko-tokko-keessatti-dhiibbaa-qindaaeen-ortodoksoota-miidhaman-gargaaruu-fi-deebisanii-dhaabuu-ilaalchisee-ibsa-m\/","title":{"rendered":"Ajjeechaa mucaa keenya Haacaaluu Hundeessaa sababeeffachuun naannoo Oromiyaa godinaalee tokko tokko keessatti dhiibbaa qindaa\u2019een Ortodoksoota miidhaman gargaaruu fi deebisanii dhaabuu ilaalchisee ibsa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa irraa kenname"},"content":{"rendered":"\n<p class=\"has-text-align-center\"><strong>Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko ameen<\/strong><\/p>\n\n\n\n<h2 class=\"has-text-align-center wp-block-heading\"><strong><span style=\"color:#2100a3\" class=\"has-inline-color\">\u201c\u12a0\u121b\u1295 \u12a0\u121b\u1295 \u12a5\u1265\u1208\u12ad\u1219 \u12a8\u1218 \u1275\u1260\u12ad\u12e9 \u12c8\u1275\u120b\u1205\u12c9 \u12a0\u1295\u1275\u1219\u1364 \u12c8\u12d3\u1208\u121d\u1230 \u12ed\u1275\u134c\u1223\u1215\u1364 \u12c8\u12a0\u1295\u1275\u1219\u1230 \u1270\u1283\u12dd\u1291\u1364 \u12c8\u1283\u12d8\u1295\u12ad\u1219 \u134d\u1225\u1210 \u12ed\u12a8\u12cd\u1290\u12ad\u1219\u201d \u12ee\u1210 16:20<\/span><\/strong><\/h2>\n\n\n\n<h2 class=\"has-text-align-center wp-block-heading\"><strong><span style=\"color:#1200a3\" class=\"has-inline-color\">\u201cDhugaa dhugaa isiniin jedha isin ni boossu, ni wawwaattus, biyyi lafaa garuu ni gammada, isinis ni gadditu, haa ta\u2019u malee gaddi keessan gammachuutti ni geeddarama\u201d Yoh 16:20<\/span><\/strong><\/h2>\n\n\n\n<p>Haacaaluu Hundeessaa maqaan cuuphaa isaa Humna Gabri\u2019eel kan ta\u2019e waxabajjii 22 bara 2012 galgala finfinneetti ajjeefamuun isaa ni yaadatama, manni amantaa ajjeechaa tasaa mucaa ishee irratti raawwatame sanaan gaddi ulfaataan itti dhaga\u2019amee jira, haa ta\u2019uutii gadda ajjeechaa kanaan itti dhaga\u2019ame akka baatuuf yeroon osoo isheedhaaf hin laatamin, gadduun ishee irraanfatamee akka diinaatti lakkaa\u2019amtee naannoo Oromiyaa naannawa tokko tokkotti kiristaanota ijoollee ishee irratti dhiibbaa fi gidiraan isaan irratti raawwatamee jira.<\/p>\n\n\n\n<p>Ortodoksummaa isaanii qofaan haala suukaneessaa ta\u2019een gajaraadhaan ni qalaman, qoncooradhaan ni muraman, meeshaa qara qabuu fi albeedhaan ni waraanaman, meencadhaan ni kukkutaman, uleedhaan rukutamanii dhagaadhaan waraanamanii du\u2019an, reeffi isaanii karaa irra harkifamuudhaan gidirfamaa oole, qaamni isaanii kan guyyoota hedduuf iddoo adda addaatti kufee tures garaa bineensotaatiif qallaba ta\u2019e, dubartoonni ijoollee isaanii, abbaa isaanii fi abbaa warraa isaanii fuulduraatti ni gudeedaman, manni, qabeenyi isaan waggoota hedduuf itti dadhaban qo\u2019annaa fi eerumsaan addaa bahuudhaan erga saamameen booda kan hafe gaazii (boba\u2019aa) irratti firfirfamuudhaan ibiddaan gubatee barbadaa\u2019e, namoonni mana isaanii hoo\u2019aa keessaa buqqa\u2019anii dukkana gannaa mana awwaalaa fi galma dallaa Mana Amantaa keessatti argamu keessatti, dhaabilee mootummaa gara garaa, akkasumas mana namoota dhuunfaa keessatti dheessanii dabarsuudhaaf dirqamanii jiru, dhibbaa hawaasummaa fi xiin sammuutiif saaxilamanii jiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Manni amantaa miidhaa kana akkuma dhageesseen waxabajjii 24 bara 2012 sinodoosii dhaabbataadhaan ibsa gaddaa baaftee jirti, biyya keessaa biyya alaatti gaddaa fi kadhannaadhaan gara Waaqayyootti iyyachuudhaan turte, qaamonni mootummaa kanneen dhimmi ilaallatus warreen badii raawwatan hin obsinu, haqa barbaachisaa ta\u2019e ni kennina, namoota miidhamaniif beenya ni laanna jedhanii waadaa galan raawwachuu isaanii obsaan eegdee turte, ta\u2019us qaamoleen kunneen lammiilee dursanii miidhaa irraa ittisuu fi eeguu, haqa labsuu, namoota miidhaman haala sirriitiin beenyaa laachuuf itti gafatamummaa isaanii yeroodhaanii fi gahumsaan yommuu isaan bahan manni amantaa hin argine.<\/p>\n\n\n\n<p>Dhimmicha irratti kan mari\u2019ate sinoodoosii dhabbataanis koree guddaa iddoo sanatti qaamaan argamee miidhaa qaqqabe qoratu mana barreessaa mana lubummaa waliigalaatiin akka dhaabbatu qajeelcha kennee jira, bu\u2019uura kanaanis koreen guddaan kun namoota miidhaman yerootti gargaaruu fi walitti fufiinsaan deebisanii dhaabudhaaf kan isa dandeessisu koree xixxiqqoo gara garaa gurmeessudhaan gara hojiitti galee jira.<\/p>\n\n\n\n<p>Sagantaa koreen guddaan kuni baaseen hojii jalqabaa kan taasise naannolee dhiibaan irratti raawwatame tokko tokkoon adda baasudhaan adeemsa miidhamtoota jajjabeessuu fi ragaa funaanuu ture, Eebbifamtoonni Hangafoota Phaaphaasotaa, jaarsonni biyyaa, waldaaleen afuurawoo fi &nbsp;miidiyaalee qunnamtii hedduu dabalatee Jilli (\u120d\u12a1\u12ab\u1295) 260 kan keessatti hirmaatan deemsi kun naannolee miidhaaa cimaan irra gahe keessaa aanaalee 25 kan of keessaa qabu kutaa lallabaa 6 keessatti argaman kan haguugeedha.<\/p>\n\n\n\n<p>Namoonni ijoon koree guddaa kanaa warreen miidhaman haasofsiisudhaanii fi naannolee miidhaan irra gahe daaw\u2019achuudhaan gabaasa isaan dhiyeessaniin ajjeechaa mucaa keenya Humna Gabri\u2019eeliitti fufuudhaan naannoo oromiyaa iddoo gara garaatti namoonni caasaa mootummaa dawoo taasifatan kanneen amantii fi saba biraa balaaleffatan humna duraan dursee gurmaa\u2019e waliin ta\u2019uudhaan miidhaa tooftaa fi gocha bineensummaa kan ummata Ortodoksii irratti xiyeeffate akka ta\u2019e mirkanaa\u2019eera.<\/p>\n\n\n\n<p>Miidhaa waxabajjii 22 halkan irraa jalqabee hanga waxabajjii 24 bara 2012 guyyoota walitti aanan sadi\u2019iif taasifameen namoonni 67 ol ta\u2019an haala suukaneessaa fi jibbisiisaa ta\u2019een ajjeefamanii jiru, namoonni 38 miidhaa cimaan yommuu irra gahu namoonni 29 immoo miidhaan qaamaa salphaan irra gahee jira, namoonni 7000 ol iddoo jireenya isaanii irraa buqqa\u2019uu bira darbee miidhaa xiinsammuu sadarkaa gara garaatiin ibsamuuf saaxilamanii jiru, qabeenya isaanii qarshii biiliyoona 5 olitti tilmaamamus saamichaa fi gubaatidhaan dhabuu isaaniis gabaasa sadarka duraa koree guddichaa kana irraa hubachuun danda\u2019amee jira.<\/p>\n\n\n\n<p>Koreen guddaan hammeenya miidhaa kanaa hubate kun miidhamtoota saffisaan iddoo jiranitti gargaaruu fi walitti fufiinsaan dhaabudhaaf akka danda\u2019amuuf gurmii isaa haala haara ta\u2019een cimsuudhaan ergama isaa yeroo dhiyootti raawwachuudhaaf tooftaa baafatee socho\u2019aa jira, hanga miidhama kanaas tilmaama nama tokkootiin adda baasudhaaf kan hojjechaa jiru yommuu ta\u2019u, bu\u2019uuruma kanaan gargaarsi namoota miidhamanii fi maatii isaanitiif akka gahuuf, walitti fufiinsaan deebisee dhaabudhaaf haala ni mijeessa.&nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p>Koreen guddichi bu\u2019uura ragaa qo\u2019annoo miidhamaatiin gargaarsa yeroo geessuu fi deebisee dhaabuu irra darbee mootummaan hojiin saffisaan raawwachuu qabu ni jira jedhee yaada, isaanis:-<\/p>\n\n\n\n<ol type=\"1\"><li>Namoonni miidhaman miidhaa tooftaa qabeessaa fi jibbisiisa isaan irra gaheen sodaa nageenyaa guddaa keessa akka jiran gabaasaa fi ragaa dhiyaateen mirkaneeffannee jirra, yerootti haalli keessa jiran vaayirasii koronaa fi dhukkuboota daddarboo birootiif kan isaan saaxilu akka ta\u2019e taajjabuudhaaf danda\u2019amee jira, kanaaf mootummaan naannoo oromiyaa fi mootummaan federaalaa Ortodoksoota Itiyoophiyaa mirga lubbuudhaan jiraachuu fi qabeenya horachuu, mirga namummaa fi mirga lammummaa kabachiisudhaan wabii nageenyaa fi jireenyaa akka isaaniif mirkneessuuf manni amantaa cimsitee akeekkachiifti.<\/li><li>Mootummaan humnoota miidhaa karoorsan, kan raawwatanii fi kan deeggaran akkasumas itti gaafatamummaa isaanitti laatame dhiisanii dhiibbaa kana cal\u2019isanii kan ilaalan, aanga\u2019oota caasaa keessa jiranii fi qaamota nageenyaa hojii badiinsaa raawwatan too\u2019annaa jala oolchudhaanii fi seeraan itti gaafatamtoota taasisuudhaan hanga dhumaatti haqa akka mirkaneessu ni hubachiifti, haala kanaanis miidhamaan boodas yoo ta\u2019e yaalii mootummaan seera kabachiisudhaaf &nbsp;taasisaa jiru kana manni amantaa itti dhiyeenyaan kan hordoftuu fi kan dinqisiifattuudhas, bu\u2019a qabeessuummaa isaatiifis gargaarsa isheerraa eeggamu kamiiyyuu raawwachuudhaaf kan qophoofte ta\u2019uu ishees ni ibsiti.<\/li><li>Haala nama gaddisiisuun gidiraa fi miidhaan kan isaan irratti raawwatame ta\u2019ee osoo jiru namoota qulqulluu miidhaa kana keessaa harka hin qabne,ortodoksummaa isaanii qofaan hidhamanii gidirfamaa waan jiraaniif dhimmi isaanii of eeggannoodhaan ilaalamee hidhaa keessaa akka hiikkaman ni akeekkachiifti<\/li><li>Namoonni aangoo mootummaa irra jiranii fi paartileen siyaasaa tokko tokko miidhaa haala malee kan wareegamtoota miidhaman irratti taasifame kana bu\u2019aa garee fi siyaasaatiif fayyadamuudhaan gadda keenyatti qoosuurraa akka of qusatan, mootummaan hordoffii barbaachisaa gochuudhaan akka tasgabeessu manni amantaa cimsitee ni yaadachiifti.<\/li><li>Ji\u2019a Waxabajjii miidhaa gaheen duras ta\u2019ee booda, naannoo oromiyaa fi naannolee birootti iddoowwan tokko tokkotti Mana Kiristaanaa fi amantoota irra deddeebi\u2019ee kan gahaa ture bifa qindaa\u2019een dhiibbaan ifa ta\u2019e gahaa ture, miidhaan gahaa ture bifaa fi baay\u2019inaan dabalaa dhufee jira. Mootummaan naannoolee baay\u2019een fedha gaarii mariidhaf agarsiisaniin dhiibbaa fi miidhaa hanga danda\u2019ame daangessuuf yaalamullee keessaayyuu bulchiinsi mootummaan naannoo Oromiyaa yeroo ammaa garuu waamicha rakkoo waliin ta\u2019anii furuuf dhiyaateef turuu isaatii fi fudhachuu dhiisuu isaatiin Mana Kiristaanaa keenya gaddisiiseera. Naannichattis kutaawwan lallabaa muraasatti, Qulqulluu Sinoodoosin kan daangeesse gareen seeraan alaa, mirga seeraan Mana Kiristaanaatiif&nbsp; kenname sarbuu irraa eegalee caaseeffama bulchiinsa ishee hanga diiguutti ija jabaatanii, mootummaan naannichaa gaaffilee Mana Kiristaanaaf deebii ariifachiisaa kennuu dhiisuu isaatiin maal na dhibdee agarsiisun akka ta\u2019e hubachuun nama hin rakkisu. Kana ta\u2019uu isaatiin rakkoo kaleessaa yaaluuf, caalattiyyuu boru haala sodaachisaa ta\u2019een kan dhufu hanbisuuf, waliin hojjachuun alatti furmaatni biraa hin jiru jennee amanna. Kanaafuu mootummaan naannichaa gaaffii keenya fudhatee nu waliin hojjachuuf qophaa\u2019aa akka ta\u2019u Manni Kiristaanaa ni akeekkachisti (hubachiisti).<\/li><li>Seensa bara 2012 guyyaa tokkotti miidhaa lammiilee fi amantoonni 97 ji\u2019a onkololeessa keessa, akkasumas ji\u2019a amajjiitti sirna kabaja ayyaana Cuuphaatti ajjeechaa fi saamicha raawwatameen eegalee, naannoowwan biyya keenyaa gara garaatti Mana Kiristaanaa fi amantoota irra gidiraa fi yakkawwaan gahaa jiran mootummaan qulqulleessee murteef akka dhiyeessu, firii isaas ifatti uummataaf akka beeksisu Manni Kiristaanaa cimsitee ni beeksisti.<\/li><li>Qulqulleettin Manni Kiristaanaa nageenya biyyaa fi uummaaataaf argamsiisteen, aadaa qulqullaa\u2019aa ijaartee fi qannoowwan bifa gaarii dhaalchisteen Itiyoophiyaanota hunda biratti kabajamuu fi jaalatamuu kan qabdudha. Kennaa ishee guutuu irraa lammiin Itiyoophiyaa hin qooddannee ni jira jedhamee kan hin tilmaamne ta\u2019uu isaatin, haadhaa fi oolmaa hundaati jennee amanna. Ta\u2019us waggoota dhiyoodhaa asitti miidhaawwan Mana Kiristaanaa keenya irratti deddeebi\u2019ee ga\u2019aa jiru, deddeebi\u2019ee kan dubbatamu \u201cyeroo ce\u2019uumsaa kan mudatan\u201d jedhamanii kan bira darbaman osoo hin taane, ilaalchaa fi seenessa dogoggoraatii fi ilaalchaawwan siyaasaa bu\u2019uura godhachuudhaan bifa qindaa\u2019ee fi gurmaa\u2019een kan raawwataman sosochiiwwan Ortodoksoota qulqulleessuu akka ta\u2019ee yeroo yerootti ifa ta\u2019aa dhufuu isaatin Manni Kiristaanaa hubattee jirti, yeroo dhiyootti osoo hin sirreeffamin yoo itti fufe raawwii hamaan akka dhufus Manni Kiristaanaa ni hubachiisti. Kanaafuu mootummaan federaalaa fi naannoo, ilaalcha dogoggoraa fi seenessa sobaa bu\u2019uureffachuun ta\u2019e jedhamee kan raawwatamu Ortodoksoota gidirsuu fi dadhabsiisuu miidhaa amantaa irratti xiyyeeffate dursee akka ittisuu fi haqa mirkaneessuu, miidhamtoota sirnaan kaasuu fi deebisanii dhaabuun dirqama heera mootummaa akka ba\u2019u cimsitee akeekkachisti.<\/li><\/ol>\n\n\n\n<p><strong>Kabajamtoota miidhamtoota amantoota ijoollee afuurawoo keenya;<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Miidhaan kan isin irra gahee fi yeroo ammaa kanatti galma Mana Kiristaanaa fi mana jireenyaa mana nama dhuunfaa jalatti walitti qabamtanii akka jirtan ni beekkama. Kun waa\u2019ee amantaa keessan ishee qajeeltuuf jettanii gidiraan fudhattan galmee Wareegamtoota Mana Kiristaanaa keenyaa irratti qalama warqiin barreeffamee kan jiraatuudha. Hamoota fuulduratti maa\u2019itaba kiristaanummaa keessaniif amanamtanii jabina agarsiistanii fi aarsaa kanfaltaniin birmaadummaa fi tokkummaa biyya keessanii oolchitanii jirtu, birmadummaa Mana Kiristaanummaa keessaniif raggaasistanii jirtu. Kunis dhalootaaf fakkeenya ta\u2019ee dubbatamaa kan jiraatu ta\u2019uu isaatiin Manni Kiristaanaa isaanitti boontee jirti. Gara fuulduraattis Itiyoophiyaanonni hundii fi Ortodoksoonni hundi waan isin barbaachisu hundaan isin waliin dhaabbatu, qofaa keessan akka hin jirre Manni Kiraastaanaa isiniif mirkaneessiti. Gidiraa har\u2019a isin irra gaheen hammeenya kan isin irraan gahan har\u2019aaf haa gammadanis yeroodhaa yerootti haqa seeraan uffattanii imimmaan keessan akka qooruu fi gaddi keessan gammachuutti akka jijjiramu manni kiristaanaa ni amanti.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Jaalatamtoota Itiyoophiyaanota biyya keessaa fi biyya alaa jiraattan;<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Yeroo miidhaan hammeenyaa fi jibbisiisaan itti raawwatee eegalee, barsiisaa fi aadaa waliin jireenya Itiyoophiyaanota duriitin wal gargaruun, ulfaatina jireenyaa dhibeen yaaddessaan addunyaa koronaa Vaayirasii isin irraan gahee fi fageenyi osoo isin hin daangessin warreen miidhaan irra gahe oolchuu fi deebisanii dhaabuuf kan taasistanii fi deggarsa garaa garaa taasisaa jirtan Manni Kiristaanaa keenya addatti ilaalti, garaa garummaan gosaa fi amantii osoo isin hin daangessin hanga du\u2019aatti gahuun deeggarsa namummaa fi Itioophiyummaa taasistaniif<\/p>\n\n\n\n<p>Waaqayyo Gooftaan gatii keessan isiniif haa kanfaluuf Manni Kiristaanaa isiniif kadhatti.<\/p>\n\n\n\n<p>Karaa biraatin afuura waliin ta\u2019uutiin, miidhaan Ortodoksoota irra gahe isinitti dhagahamee, miidhaa kana abaaruun miiltoo keenya ta\u2019uu keessan ibsaa fi deegarsa garaa garaatin kan agarsiistan Manneen Kiristaanaa Ortodoksii Addunyaa, Manni Kiristaanaa Ortodoksii Itiyoophiyaa galata isiniif dhiyeessiti<\/p>\n\n\n\n<p>Ammas Teessoo Paatiriyaarikii Mana Lubummaa Waliigalaatti Koree guddaan akeeka kennuun miidhamtoota gargaaruu fi walitti fufinsaan deebisanii dhaabuuf sosochii taasisaa jiru, maallaqaan, meeshaalee fi ogummaadhaan akka gargaartan, akka barbaachisummaa isaatti yaamicha itti fufiinsaan taasisuuf deebiii si\u2019aata taasisuuf akka qophooftan ergaa abbumaa keenya ni dabrsina, kanumaan wal qabatee namoonni biyya keessaa fi biyya alaa jirraattan gargaarsaa fi deeggarsa gochuu kan qabdan sinoodoosii dhaabbatadhaan kan hundaa\u2019e lakkoofsa herreega baankii qaamni funaansa gargaarsaa bane qofaan akka ta\u2019e ni yaadachiifna.<\/p>\n\n\n\n<p>Waaqayyo biyya keenyaa fi addunyaadhaaf nageenya, uummata keenyaaf tokkummaa, ijoollee keenya kan hamminaan ajjeefaman boqonnaa lubbuu fi Mana Amantaa keenyaaf jajjabina akka nuuf kennu ni kadhanna.<\/p>\n\n\n\n<p>Galanni Waaqayyoof haa ta\u2019u<\/p>\n\n\n\n<p>Waajjira Waliigalaa Teessoo Paatiriyaarikii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo<\/p>\n\n\n\n<p>Lakkoofsa herrega baankii koreen guddaan bane<\/p>\n\n\n\n<p>Kiristaanota sababa Ortodoksummaa isaaniitiin hamminaan buqqa\u2019an gargaaruu fi deebisanii dhaabuuf<\/p>\n\n\n\n<ol type=\"1\"><li>Baankii daldala Itiyoophiyaa:lakkoofsa gabaa 8080<\/li><li>Baankii hojii gamtaa (Hibret Bank):1601811299653018<\/li><li>Baankii Wagaagan:0837771210101<\/li><li>Baankii buna internaashinaalii:3359601000003<\/li><li>Baankii Abbaay:1462113492917017<\/li><\/ol>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko ameen \u201c\u12a0\u121b\u1295 \u12a0\u121b\u1295 \u12a5\u1265\u1208\u12ad\u1219 \u12a8\u1218 \u1275\u1260\u12ad\u12e9 \u12c8\u1275\u120b\u1205\u12c9 \u12a0\u1295\u1275\u1219\u1364 \u12c8\u12d3\u1208\u121d\u1230 \u12ed\u1275\u134c\u1223\u1215\u1364 \u12c8\u12a0\u1295\u1275\u1219\u1230 \u1270\u1283\u12dd\u1291\u1364 \u12c8\u1283\u12d8\u1295\u12ad\u1219 \u134d\u1225\u1210 \u12ed\u12a8\u12cd\u1290\u12ad\u1219\u201d \u12ee\u1210 16:20 \u201cDhugaa dhugaa isiniin jedha isin ni boossu, ni wawwaattus, biyyi lafaa garuu ni gammada, isinis ni gadditu, haa ta\u2019u malee gaddi keessan gammachuutti ni geeddarama\u201d Yoh 16:20 Haacaaluu Hundeessaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[79,75],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4595"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4595"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4595\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4598,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4595\/revisions\/4598"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4595"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4595"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4595"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}