{"id":4592,"date":"2020-08-25T09:14:37","date_gmt":"2020-08-25T09:14:37","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4592"},"modified":"2020-08-25T09:14:39","modified_gmt":"2020-08-25T09:14:39","slug":"yeroo-lama-kan-koo-taate","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/yeroo-lama-kan-koo-taate\/","title":{"rendered":"Yeroo lama kan koo taate"},"content":{"rendered":"\n<p>Yeroo tokko namichi tokko gosoota warqii qubeellaa, amartii mormaa qabu hunda walitti qabuun, baqsuun Fannoo hojjate. Haa ta\u2019u garuu ogummaa harka isaatiin kan hojjate Fannoon warqii sun akkuma salphaatti jalaa bade. Samii ba\u2019ee lafa seenes barbaadu garuu argachuu hin dandeenye. Gaddee abdii erga kuteen booda gara mana nama biraa deemuun mana isaatti fannifamee arge. Sana booda qabeenya kiyya waan ta\u2019eef naaf deebisuu qabda jechuun gatii isaa gaafate. Gatiin isaa guddaa ture. Hojii jalqaba harka isaa waan ta\u2019eef dirqama bituu qaba. Kanaafuu haadha manaa isaafis ta\u2019ee nama kamittuu akka hin gurgurre kadhatee waadaa galfatee deeme. Sana booda gadi of deebisun hojjataa guyyaa ta\u2019e, biyya hin beekne deemun, waan qabu hundaa gurguruun, hojii harka isaa kan taate Fannoo Warqii sana bite. Gaggaragalchee dhungachaa fudhatee gara manaatti yeroo galus \u201cyaa Fannoon-nana yeroo lama kan koo taate, jalqaba sin tolche, lammaffas sin bite.\u201d jedhe jedhama.<\/p>\n\n\n\n<p>Nutis Kiristoosiif akkasii dha. Jalqaba irratti harka Isaa Qulqulluudhaan, bifaa fi fakkeenya isaatiin nu uume. Boodaas cubbuudhaan gara addunyaatti badnee yeroo turretti, nuuf jecha gadi of deebisuun du\u2019a salphinaa du\u2019uun dhiiga isaatiin nu bite. Lubbuu Isaa dabarsee of kennuun harka daabiloosii nu baafate. Kanaafuu yeroo lama kan Isaa kan Waaqayyoo taane. Jaalalli nuuf qabus dachaa dachaa dha. Isa kana kan hubate meeqaa keenya akka taane garuu manni haa lakkaa\u2019u. Oolmaa isaa kana yaadannee akka jiraannu Waaqayyo nu haa gargaaru. Ameen!<\/p>\n\n\n\n<p>Madda:- Veenisiyaa<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Yeroo tokko namichi tokko gosoota warqii qubeellaa, amartii mormaa qabu hunda walitti qabuun, baqsuun Fannoo hojjate. Haa ta\u2019u garuu ogummaa harka isaatiin kan hojjate Fannoon warqii sun akkuma salphaatti jalaa bade. Samii ba\u2019ee lafa seenes barbaadu garuu argachuu hin dandeenye. Gaddee abdii erga kuteen booda gara mana nama biraa deemuun mana isaatti fannifamee arge. Sana [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[76],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4592"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4592"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4592\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4593,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4592\/revisions\/4593"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4592"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4592"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4592"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}