{"id":4589,"date":"2020-05-27T17:11:26","date_gmt":"2020-05-27T17:11:26","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4589"},"modified":"2020-05-27T17:11:45","modified_gmt":"2020-05-27T17:11:45","slug":"ragaa-baatoota-koo-taatu-h-d-b-18","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/ragaa-baatoota-koo-taatu-h-d-b-18\/","title":{"rendered":"\u201cRagaa Baatoota Koo taatu.\u201d  H.D.B. 1:8"},"content":{"rendered":"\n<p><strong><em>\u201cAfuurri Qulqulluun isin irratti yeroo bu\u2019etti humna ni fudhattu, Iyyaruusaaleem, Yihuudaa, Samaariyaa fi hanga handaara Addunyaatti ragaa baatoota Koo taatu\u201d<\/em><\/strong> Jecha kana kan dubbate Gooftaa fi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha. Kan dubbates du\u2019aa erga ka\u2019een boodaa guyyaa afurtamaaf Duuka Bu\u2019oota Isaa gidduutti argamuun sammuu isaanii isaaniif banuun kitaaba isaaniif erga ibseen booda gara abbaa isaatti yeroo ol ba\u2019uutti dha. Egaa Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos Duuka Bu\u2019oota Isaa waggaa 3 fi ji\u2019a sadii isaan waliin ta\u2019uun addunyaa hadhoofte kana sagalee isaatiin erga mi\u2019eesseen booda isaanin immoo \u201cIsin soogidda addunyaa ti\u201d jechuun&nbsp; Isaa ni yaadatama. Kana bu\u2019uura godhachuudhaan addunyaa cubbuun hadhoofte kana sagalee Isaan akka mi\u2019eessaniif isin soogidda addunyaa kanaa ti. Anaafis ragaa baatota Koo taatu jedheeni. Gooftaan keenya Duuka Bu\u2019oonni ragaa baatota Isaa akka ta\u2019aniif dursanii waan gochuu qaban isaanitti himee ture. Innis \u201c<strong><em>Kunoo, isa Abbaan Koo isin abdachiise isiniif Nan erga; Waaqa irraa humna hamma argattanitti Iyyaruusaaleem keessa turaa<\/em><\/strong>\u201d Luq. 24:49 jechuun ragaa baatuu ta\u2019uun dura sooma fi kadhannaadhaan Iyyaruusaaleem keessa turaa jedheeni. Sana booda, humna argattuu jedhee isaaniin abdachiise. Kana qofa miti, hamma Bitaaniyaatti isaan baasee harka Isaa mataa isaanii irra kaa\u2019ee ni eebbiseen. Kana jechuun aangoo lubummaan isaan muudee osuma Isaan arganii gara samiitti ol bahe. \u201cIyyasuus, Inni isin biraa gara samiitti ol bahe Kun, akkuma amma itti gara samii ol bahuu Isaa argitan kanatti immoo, deebi\u2019ee in dhufa.\u201d jechuudhaan dhufaatiin Gooftaa Keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos ifatti yookan haala nama hundumaaf mul\u2019achuu danda\u2019uun akka ta\u2019e nu hubachiisa. Raajoonni sobduun bara keenya kana keessatti jiran \u201cGooftaan Mul\u2019ataan naaf mil\u2019atee yoom akka dhufu natti himeera.\u201d jedhanii raagu. Kun raajii sobaa akka ta\u2019e beekuu qabna. Guyyaa sana ilma namaa dhiisnee Ergamoonni Waaqayyoo iyyuu kan hin beekne akka ta\u2019e Kitaabni Qulqulluu nuuf mirkaneessee jira. (Maat. 24:36, Maar. 13:32).<\/p>\n\n\n\n<p>Egaawoo akkuma mata duree irraa hubannutti \u201cRagaa baatoota Koo taatu\u201d jedhee isaanitti hime.&nbsp; Duuka Bu\u2019oonni Gooftaa humna erga fudhataniin booda ragaa baatota isaa akka ta\u2019aniif Kiristoosiin addunyaatti labsanii alagoota gara Kiristaanummaa akka fudhatan taasisan. Dursa garuu ofii isaanii Kiristoosin fudhatanii, amananii qaama isaanii taasifatanii jiru. Gara ragaa bahuutti deemuun duras soomaa fi kadhaannadhaan Iyyaruusaaleem kan taate Mana Kiristaanaa keessa turuun humna argatanii jiru. Sana booda beela, dheebuu, goodaansa, gidiraa hundaa fi du\u2019a osoo hin sodaatin Kiristoosin addunyaaf labsanii jiru. Kana jechuun Duuka Bu\u2019oonni fi Abboonni Duuka Bu\u2019oonni Kiristaanummaa Labsanii nuun kan ga\u2019an sagaleedhaan qofa osoo hin taanee jireenya isaanii guutuu kennuudhaani. Egaa wal harkaa fuudhinsi kun nu bira yeroo gahu ni gaha akka waan jedhamee dhaloota dhufuuf dabarsuu dhiisnee kan keenya kan ta\u2019e, ofuma keenyaa ceepha\u2019aa, ofuma keenyaa maddii dhaabbannee harka itti reebaa, akka waan nu hin ilaallannee taajjabdoota taane hafne.<\/p>\n\n\n\n<p>Ka\u2019uumsa mata duree keenyaa irratti \u201cIyyaruusaalem, Yihuudaa, Samaariyaa, hanga handaara addunyaatti ragaa baatota Koo taatu.\u201d kan jedhu yeroo ilaallu<\/p>\n\n\n\n<ol type=\"1\"><li>Iyyaruusaalem:- Maatii fi Naannoo Mana Kiristaanaa namoota jiran (maatii Mana Kiristaanaa waan ta\u2019aniif)<\/li><\/ol>\n\n\n\n<p>Kana jechuun haadha, abbaa, obboleessa, obboleettii, haadhaa manaa ijoollee, firoota keenya nu waliin jiran, hojjattoota keenya illee ni dabalata jechuu dha. Ofii keenya fayyinee namoota kanneen biroos fayyisuu osoo dandeenyuu nuti garuu waa tokko raawwachuuf yaalii illee hin goonu. Nuti shakkii amanuu dhabuu hagam akka dabarsine lapheen keenya ni beeka. Kanaafuu laphee guutuun amannee ofii keenyas fayyinee maatii keeenya fayyisuun nu irraa eegama.<\/p>\n\n\n\n<ul><li>Maatii keenya barsiisuuf Kitaaba Qulqulluu fi Qabsuura Qulqullootaa dubbisuun haa eegallu.<\/li><li>Gara Mana Kiristaanaa Deemuun sirna Qiddaaseee akka hordofan affeeruu<\/li><li>Foonii fi dhiiga Isaa akka fudhatan taasisuu.<\/li><\/ul>\n\n\n\n<p>&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp; Fil. 1:1-3, 2<strong><sup>ffaa<\/sup><\/strong> Moot. 5\u13611-13, Yoh. 1:45<\/p>\n\n\n\n<ul><li>Yihuudaa:- Ollaa fi Iddoo hojii<\/li><li>Naanoo hojiitti haasawa cubbuuf nama affeeru haasawuu dhiisuu<\/li><li>Dilbata kan baranne iddoo hojii fi mana baruumsatti hiriyyoota keenya barsiisuu<\/li><li>Kitaaba akka dubbisan affeeruu fi maal akka irraa argatan gaafachuu<\/li><li>Garraamummaa jaalalaa fi afuuraan karaa jibbiinsii fi xiiqii hin qabneen gaggeeffamuu 1<strong><sup>ffaa<\/sup><\/strong> Xim. 1:19<\/li><\/ul>\n\n\n\n<p>Walumaa galattii jireenya keenya hundaan mana yookan maatii keenya biraa kaasee hanga addunyaa guutuutti ragaa baatota Kiristoos ta\u2019uun nu irraa eegama. Duuka Bu\u2019oonni Gootfaan keenya Iyyasuus Kiristoos waan isaan barsiise waan Isa irraa argatan gidiraa fi darara mootota addunyaa kanaa osoo hin sodaatin onneee fi laphee isaanii guutudhaan Afuura Qulqulluu irraa kennaa argatan fayyadamuun kan arganii fi dhagahan ragaa ba\u2019anii jiru. \u201c Nuti kan dhageenyee fi kan argine ragaa ni baana\u201d (H.D.B. 4:20) Eegaa hundumti keenyaa akkuma Duuka Bu\u2019oota humna akka argannuuf Iyyaruusaaleem keessa turuutu nu irraa eegama. Sana booda akka Duuka Bu\u2019oota Ragaa baatoota Isaa taana.&nbsp; Waaqayyo Gooftaan hanga dhumaatti Iyyaruusaaleem kan jedhamte Mana Kiristaanaa Keessa akka jiraannu nu haa gargaaru.<\/p>\n\n\n\n<p>Galanni Waaqayyoof haa ta\u2019u!<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>\u201cAfuurri Qulqulluun isin irratti yeroo bu\u2019etti humna ni fudhattu, Iyyaruusaaleem, Yihuudaa, Samaariyaa fi hanga handaara Addunyaatti ragaa baatoota Koo taatu\u201d Jecha kana kan dubbate Gooftaa fi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha. Kan dubbates du\u2019aa erga ka\u2019een boodaa guyyaa afurtamaaf Duuka Bu\u2019oota Isaa gidduutti argamuun sammuu isaanii isaaniif banuun kitaaba isaaniif erga ibseen booda gara abbaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[65,73,75],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4589"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4589"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4589\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4590,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4589\/revisions\/4590"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4589"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4589"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4589"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}