{"id":4586,"date":"2020-05-27T14:58:59","date_gmt":"2020-05-27T14:58:59","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4586"},"modified":"2020-05-27T15:02:28","modified_gmt":"2020-05-27T15:02:28","slug":"amma-garuu-kiristoos-warra-duan-hundaaf-angafa-taee-duaa-kaeera-1ffaa-qor-15-12-32-2","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/amma-garuu-kiristoos-warra-duan-hundaaf-angafa-taee-duaa-kaeera-1ffaa-qor-15-12-32-2\/","title":{"rendered":"Amma garuu Kiristoos warra du\u2019an hundaaf angafa ta\u2019ee du\u2019aa ka\u2019eera\u201d (1ffaa Qor. 15: 12-32)"},"content":{"rendered":"\n<p class=\"has-text-align-center\"><strong>Kutaa Lama<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p><strong>Abdii Du\u2019aa Ka\u2019uu Ilma Namaa<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>&nbsp;Dhalli namaa harka isaatin ajaja Waaqayyoo cabsuun du\u2019a ofitti fidus Waaqayyo garuu dhala namaa kufe kana akka kufetti du\u2019a bara baraatiif isa hin dhiisne. Waaqayyo badii dhala namaa hin jaalanne nama gara bakka kabaja isaa duraatti deebisuuf yaadee cubbuu fi du\u2019a balleessee du\u2019aa ka\u2019uu fi jireenya bara baraa dhala namaatiif kan kennu ta\u2019uu Isaa dursa karaa Raajota Isaatin fedha Isaa nuuf ibsee jira. Faarsaa Daawit irratti <em>\u201cAfuura kee ni ergita; ni uumamus; fuula lafaas ni haaromsita\u201d<\/em> inni jedhu sagalee du\u2019aa ka\u2019uuti. (Faar.103: 30). Waaqayyo du\u2019a balleessee nu haaromsee akka nu jiraachisu sagalee Faarsaa Daawit waliin kan walfakkaatu Mul\u2019ata Yohaannis keessatti <em>\u201cKunoo hunda iyyuu haaraan taassisa\u201d <\/em>&nbsp;jedhee nutti hima. (Mul. 21:5) Raajichi Isaayiyyaasis <em>\u201cwarri du\u2019an jiraattota ta\u2019u; reeffawwanis ni ka\u2019u; yaa warra lafa irra jiraattanii jiidhi kee jiidha ifaati waan ta\u2019eef; laftis warra du\u2019an baasti waan ta\u2019eef ka\u2019aa faarfadhaa!\u201d<\/em> jedhee barreesse.(Isaa. 26:19). Kunis waa\u2019ee du\u2019aa ka\u2019uu dhala namaa hundaa dhuma addunyaa irratti raawwatamuu nu hubachiisa.<\/p>\n\n\n\n<p>Akkasuma raajichi Daani\u2019eel <em>\u201cBara sanas waa\u2019ee ijoollee uummata keetiif inni dhaabatu Ergamaa guddaan Mikaa\u2019elin ni ka\u2019a; uummata irrattis erga ta\u2019ee eegalee hanga bara sanaatti rakkoon ta\u2019ee hin beekne bara rakkoo ta\u2019a; bara sanas uummanni kee kitaaba Isaa irratti barreeffamee argame hundi tokkoon tokkoon isaanii ni fayyu. Warri biyya lafaa keessatti mugan&nbsp; baay\u2019een isaaniis ni ka\u2019u; gariin (walakkaan) isaanii gara jireenya bara baraa; gariin&nbsp; isaanii ammoo gara qaanii fi gara rakkoo bara baraatti. Ogeessonni akka ifaa; warri namoota baay\u2019ee gara daandii qulqullummaatti deebisan ammoo akka urjiitti bara baraan ifu.\u201d (Daan. 12:1-3) jechuun dubbata.\u201cGariin isaanii gara jireenya bara baraatti\u201d<\/em> kan jedhame du\u2019aa ka\u2019uu kabajaa kan Qulqullootaa kan agarsiisu yemmuu ta\u2019u; <em>\u201cgariin isaanii gara rakkoo bara baraatti\u201d<\/em> kan jedhu ammoo du\u2019aa ka\u2019uu cubbamtootaa kan agarsiisudha. Warreen ogeessota jedhaman Qulqulloota dha. Isaan du\u2019aa ka\u2019uu dhumaa irratti akka biiftuutti ifanii; akka urjiilees bareedanii mul\u2019achuun isaanii kennaa bara dhumaa irratti Waaqayyo biraa isaanii kennamu dha. Kabajnii fi kennaan kun hundi kan argamu; namnis kan gara kabaja isaa jalqabaatti deebi\u2019u jalqaba irratti cubbuun isaa yoo isaaf haqamu; abaarsi isaas yemmuu irraa ka\u2019u dha. Kanaafis Gooftaan nama ta\u2019ee murtii du\u2019aa sababa cubbuutiin dhufe namummaa Isaatiin fudhatee beenyaa ta\u2019ee du\u2019as du\u2019a Isaatiin haqeera. Sababa du\u2019a Isaatiin namootaaf du\u2019aa ka\u2019uu fi jireenya bara baraa kennee jira. Kanaaf, Gooftaan Fannoo irratti aarsaa ta\u2019ee guyyaa jimaataa fannifame sana lubbuu Isaa Qulqulleettii taate foon Isaa Qulqulluu ta\u2019e irraa yeroo adda baasetti awwaalonni banamanii Qulqulloota rafanii (du\u2019anii) turan keessaa foon baay\u2019een ka\u2019ani. ( Maat.27:52)<\/p>\n\n\n\n<p>Gaafa guyyaa sanaa ture lubbuuwwanis si\u2019ool keessaa baasee jannatatti kan isaan galche. Egaa, Kiristoos aarsaa ta\u2019uun du\u2019a Isaa kabajamaa ta\u2019een cubbuu fi du\u2019a dhabamsiisee nama gara kabaja isaa duraatti deebisee jira. Booda irra ammoo foonii fi lubbuu isaa walitti deebisee (tokko taassisee) Du\u2019aa Ka\u2019uumsa kabajaa kenneefi mootummaa Waaqayyoo galcha. Waaqayyo dhala namaa waan jaalatuuf jireenya bara baraa kenneef. Kanaafis foon hin tortorre uffatee akka du\u2019aa ka\u2019uuf abdii kenne. Abdii isaa kanas haala itti raawwatu Qulqulluu Phaawuloos yeroo ibsu:- \u201c<em>kan hin tortorre ta\u2019anii ka\u2019u; nutis ni jijjiiramna, inni tortoru kun isa hin tortorre uffachuuf; inni du\u2019u isa hin duune uffachuun irra jiraataatii; garuu, inni tortoru kun isa hin tortorre yemmuu uffatu; inni du\u2019u kunis isa hin dune yemmuu uffatu; yeroo sana duuti injifatamuu isaatiin liqimfame jedhamee sagaleen barreeffame ni raawwata. Yaa du\u2019a waraanni kee eessa jira? Yaa si\u2019ool injifannoon kee meerre? Waraanni du\u2019aa cubbuudha; humni cubbuus seeradha; Garuu&nbsp; karaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos Waaqayyo injifannoo&nbsp; nuuf kennuuf galatni haa ta\u2019u.\u201d( 1Qor. 15:51-57) <\/em>jedha. Dhalli namaa abdii kutatee akka hin hafneef Waaqayyo jalqaba abdii du\u2019aa ka\u2019uu raajota isaarra bulee itti hime. Kanaafuu jireenyi dhala namaa hanga lafa irra deddeebi\u2019u qofatti osoo hin taane jireenya bara baraatiif uumamuu isaa nu hubachiise. Isa hubachiise kanas Waaqayyo ofuma Isaa raawwachuudhaan abdii jechaan kenne sana gochaan mirkaneesse. Mirkaneessi Waaqayyo raawwate kunis du\u2019uudhaan du\u2019aa ka\u2019ee agarsiisuu Isaati.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Abdiin Du\u2019aa Ka\u2019uu Nuuf Kenname Du\u2019aa Ka\u2019uu Gooftaatiin Mirkanaa\u2019e<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Manni kiristaanaa keenya du\u2019aa ka\u2019uu dhala namaa yeroo barsiistutti ragaa qabattee malee akkanumaan miti. &nbsp;Ragaan ishee kunis jalqaba kan Mana Kiristaanaa hundeesse Gooftaa fi uumaan ishee du\u2019ee du\u2019a injifachuun du\u2019aa ka\u2019uu kiristoos bu\u2019uura godhachuudhaanidha. Ka\u2019umsii fi ga\u2019umsi barumsa Mana Kiristaanaa dhimma du\u2019aa fi du\u2019aa ka\u2019uu irratti kan xiiyyeffate yoo jedhame kan dhugaa irraa fagaate hin ta\u2019u. Kaayyoonii fi galmi inni dhumaa kan itti Kiristoos nama ta\u2019ee du\u2019a balleessee du\u2019aa ka\u2019uu fi jireenya bara baraa nu gonfachiisuuf akka ta\u2019e sagalee wangeelaa irratti barreeffameera. Amantaan kiristaanaa ka\u2019umsa isaa irraa, wangeelli jalqaba irratti yemmuu lallabamu waa\u2019ee du\u2019aa ka\u2019uu Kiristoos akka ta\u2019e gaafa guyyaa shantammaffaa ragummaan Qulqulluu Pheexroos irraa kenname nuuf mirkaneessa. (HDB.2:14-36) Yihudoonni foon Gooftaa boolla keessaa akka hin kaane taassisuun awwaalanii ture. (Maat.27:62-66) Garuu, Gooftaan&nbsp; boolla naaf bana! Kanan ittiin gannazame naaf hiikaa! Osoo hin jedhiin boolla cufamee jiru keessaa aangoo Waaqummaa Isaatin du\u2019a irraa adda bahee gaafa guyyaa sadaffaa ka\u2019e. Boolli inni itti awwaalames duwwaatti hafe, Kiristoos, inni du\u2019aa ka\u2019es, harka Isaa dhisamanii fi cinaacha Isaa eeboodhaan waraaname akka agarsiise Duukaa Bu\u2019oota fi hordoftoota Isaa hundatti mul\u2019ate.<\/p>\n\n\n\n<p>Yihudoonni Kiristoos akka du\u2019aa hin kaanetti boolla inni itti awwaalame marsanii waardiyyoota isaaniif amanamoo ta\u2019anii fi jabina qaban filatanii eegsisaa turani. Garuu hanguma cimsanii awwaala Isaa eegsisan du\u2019aa ka\u2019uu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos cimsanii raggaassisani. Kanas Qulqulluu Eefireem inni biyya Sooriyaa faaruu Isaa waa\u2019ee dhalachuu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos faarfate irratti :- <em>\u201cYaa Gooftaa du\u2019aa ka\u2019uun kee akka mirkanaa\u2019uuf Yihudoonni awwaala kee marsanii waardiyyootaan eegsisani. Yaa Gooftaa osoo si awwaalanii dhiisanii deemaniiru ta\u2019ee; duuka bu\u2019oonni kee dhufanii foon kee hatanii fudhatanii deeman jedhanii sobuuf isaaniif mijata ture; garuu awwaala kee marsanii eeguu isaaniitiin du\u2019aa ka\u2019uu kee mirkaneessani. Sababiin isaa Duuka Bu\u2019oota keetu foon kee hate jechuuf isaanii hin mijanneetii!\u201d <\/em>jechuun dubbata.<\/p>\n\n\n\n<p>Yihudoonni boolla Gooftaan keenya Iyyasiuus Kiristoos itti awwaalame marsanii eeganis du\u2019aa ka\u2019uu Isaa hambisuu hin dandeenye. Du\u2019aa ka\u2019uu Isaa warreen hubatan Duukaa Bu\u2019oonni Isaa ragoota du\u2019aa ka\u2019uu Isaa ta\u2019uun amantaa Kiristaanummaa babal\u2019isani. Warra diinota du\u2019aa ka\u2019uu ta\u2019an hunda qaanessani. Eeboos, ibiddas, seefiis, rakkinas hunda osoo hin sodaatiinii fi hin leeyya\u2019iin hanga du\u2019aatti Wangeela du\u2019aa ka\u2019uu Isaa barsiisanii jiru. Sababni isaan du\u2019a osoo hin sodaatiin hafaniifis isaan hirmaattota du\u2019aa ka\u2019uu Kiristoos akka ta\u2019an waan amananiifi dha ture. Egaa hangafni du\u2019aa ka\u2019uu, jechuunis, Kiristoos isa du\u2019aa&nbsp; ka\u2019uudhaaf isa jalqabaa ta\u2019e akka ilaalle; sagalee isaa irraas akka baranne du\u2019aa ka\u2019uun akka jiru haa amannu; abdiis haa godhannu. <em>\u201cKiristoos ka\u2019umsaa fi jireenyadhaatii Kan isatti amanu yoo du\u2019e illee jiraataa ta\u2019a; kan&nbsp; jiraataa ta\u2019es, kan&nbsp; isatti amanus &nbsp;hunduu bara baraan hin du\u2019u\u201d<\/em> ( Yoh. 11:25-26)<\/p>\n\n\n\n<p>Du\u2019aa ka\u2019uu dhala namaa ilaalchisee Qulqulluu phaawuloos yeroo barsiisaa turetti namoota Qoronxoos keessaa muraasni nami du\u2019e akkamiin du\u2019aa ka\u2019a gaaffii jedhu kaasaa turani. Kanaaf Qulqulluu Phaawuloos<em>\u201cKiristoos du\u2019a akka ka\u2019e kan lallabu yoo ta\u2019e garuu isin keessaa namoonni tokko tokko akkamiin du\u2019aa ka\u2019uun hin jiru jedhu?\u201d jechuun gaaffiiwwan namoonni Qoronxoos kaasaniif yemmuu deebisu: \u201cdu\u2019aa ka\u2019uun erga hin jiraannee Kiristoos hin kaane jechuudhakaa; Kiristoos hin kaane yoo ta\u2019e egaa lallabni keenya faayidaa dhabeessa; amantaan keessanis ammoo faayidaa hin qabu; hanga ammaatti cubbuu keessaniin jirtu. Egaa, warri Kiristoosiin hirriba rafan (du\u2019an) ammoo badaniiru jechuudhakaa! jireenya kana qofaan ( jireenya lafa irraa&nbsp; qofaan) kan Kiristoosiin abdannu yoo ta\u2019e nama hunda caala nuti gowwoota dha.<\/em>\u201d erga jedhee booda itti fufuun waa\u2019ee du\u2019aa ka\u2019uu Kiristoos akkas jechuun ragaa baha.<\/p>\n\n\n\n<p>\u201c<em>Amma garuu Kiristoos warra du\u2019an hundaaf angafa ta\u2019ee du\u2019aa ka\u2019eera; duuti karaa namaa akkuma ta\u2019e du\u2019aa ka\u2019uunis karaa namaa ta\u2019eera. Hunduu sababa Addaamiin akkuma du\u2019an hunduu ammoo Kiristoosiin du\u2019aa ka\u2019u\u201d <\/em>jedhee dubbate. Kanuma wajjin walqabsiisuunis<em>&nbsp; <\/em>Duukaa Bu\u2019ichi ragummaa isaa kakuudhaan kenna: \u201c<em>Akkana ta\u2019uu baannaan ammoo nuti hoo maalif jireenya nama sodaachisu keessa jiraanna ree? Abdii Iyyasuus irraa qabnuun akkan kakadhe Yaa obbolootaa! Guyyaa guyyaadhaan nan du\u2019a; akka nama Eefeesoonitti bineensa wajjin akkan wal\u2019aansoo wal qabe? Warri du\u2019an kan hin kaane yoo ta\u2019e kana raawwachuun koo maal na fayyada?\u201d (1Qor.15:12-32) <\/em>jedhees gaafata.<\/p>\n\n\n\n<p>Ragaa ba\u2019uun Duuka Bu\u2019aa Phaawuloos kun dhugaa ta\u2019uun kan bara baraan jiraatu ta\u2019a. Warri ergaa isaa dubbisan hundi dhugummaa fi sirrii ta\u2019uu ragummaa isaas hubatu. Sababiin isaas jalqaba irratti inni diina du\u2019aa ka\u2019uu ta\u2019ee Yihudoota wajjin walii galuun Kiristaanota osoo ari\u2019aa jiruu Kiristoos inni du\u2019ee ka\u2019e waan isatti mul\u2019ateef amantaa du\u2019aa ka\u2019uu isaa afaaniin qofa osoo hin taane hojii isaatinis, jireenya isaatiinis, du\u2019a isaatiinis, waan mirkaneesseefi dha. ( HDB. 9:1-30; 17:1-34; 22:1-30;23:1-11)<\/p>\n\n\n\n<p>Maarree isa Qulqulluu Phaawuloos argee dhandhamee barsiise kana nuti ammoo barachuu fi amanuudhaan jireenya bara baraa akka argannuuf cimnee dhaabachuutu nurra jiraata. Kiristoos warreen du\u2019aniif angafa ta\u2019uun akkuma du\u2019aa ka\u2019e bara dhumaatti dhalli namaa hunduu jireenya bara baraatiif akka du\u2019aa ka\u2019u amanuu fi abdachuun of qopheessinee eeggachuu qabna.<\/p>\n\n\n\n<p>Akkuma armaan olitti ilaalle jalqaba irraa uumamni dhala namaa du\u2019ee tortoree akka hafuuf miti. Jireenya bara baraatiif uumamee fedha isaatiin du\u2019a ofitti fidus Waaqayyo garuu akka du\u2019etti akka hin hafneef abdii du\u2019aa ka\u2019uu kenneef. Cubbuu dhalli namaa ittiin du\u2019e ajjeesuudhaafis Waaqayyo nama ta\u2019ee du\u2019ee du\u2019a ajjeese. Waaqayyoo ofii du\u2019ee du\u2019aa ka\u2019uudhaanis abdii du\u2019aa ka\u2019uu kenne sana akka raawwatu mirkaneessee jira. Garuu namoonni amma gowwummaadhaan dhalli namaa du\u2019aa ka\u2019uun jireenya bara baraa jiraachuu isaa irratti yeroo gaaffii kaasan ni dhagahamu. Gaaffiin akka kanaa kan amma eegale osoo hin taane durumaa namni du\u2019ee tortoree biyyee erga ta\u2019ee booda akkamiin ka\u2019a? jechuun gaafachaa turaniiru. Garuu namoonni akkanaa kun namni jalqaba yemmuu uumamu lafa biyyee, irraa akka ta\u2019e irraanfachuu isaanii nu hubachiisa. Waaqayyo dhala namaa jalqabumaa biyyee irraa uume. (S.Uum.2: 7) Ammas uumaan isaa biyyee keessaa isa kaasuu danda\u2019a. Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru. Kanaafuu, du\u2019aa ka\u2019uu warra du\u2019aniitti ni amanna; ni abdannas yemmuu jennu Waaqayyoo fi sagalee abdii Isaatti amanuudhaani. ( Yoh. 5:24-29)<\/p>\n\n\n\n<p>Kanaaf amantaadhaan dhaabannee du\u2019aa ka\u2019uu dhala namaa abdannee cimnee eeguun nu irra jiraata. Waaqayyo dhufaatii Isaa lammaffaa irratti <em>\u201cIsin yaa eebbifamtoota Abbaa koo addunyaan osoo hin uumamiin dura gara bakka isinii qophaa\u2019eetti koottaa\u201d <\/em>sagalee jedhu akka dhageenyuuf hojii gaarii haa hojjennu.<\/p>\n\n\n\n<p>Galanni Waaqayyoof haa ta\u2019u!<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Kutaa Lama Abdii Du\u2019aa Ka\u2019uu Ilma Namaa &nbsp;Dhalli namaa harka isaatin ajaja Waaqayyoo cabsuun du\u2019a ofitti fidus Waaqayyo garuu dhala namaa kufe kana akka kufetti du\u2019a bara baraatiif isa hin dhiisne. Waaqayyo badii dhala namaa hin jaalanne nama gara bakka kabaja isaa duraatti deebisuuf yaadee cubbuu fi du\u2019a balleessee du\u2019aa ka\u2019uu fi jireenya bara baraa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[65,68,66,75],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4586"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4586"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4586\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4588,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4586\/revisions\/4588"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4586"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4586"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4586"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}