{"id":4581,"date":"2020-05-19T12:49:55","date_gmt":"2020-05-19T12:49:55","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4581"},"modified":"2020-05-19T12:49:58","modified_gmt":"2020-05-19T12:49:58","slug":"caamsaa-11-yaadannoo-boqonnaa-qulqulluu-yaareed","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/caamsaa-11-yaadannoo-boqonnaa-qulqulluu-yaareed\/","title":{"rendered":"Caamsaa 11 Yaadannoo Boqonnaa Qulqulluu Yaareed"},"content":{"rendered":"\n<p style=\"text-align:right\"><em>Soorii Moosisaa<\/em><\/p>\n\n\n\n<p>Guyya\nkanattis fakkeenya Suraafeel kan ta\u2019e abbaan faaruu lammii Itiyoophiyaa kan ta\u2019e\nQulqulluu Yaareed boqateera. Qulqulluun kunis gosa&nbsp; firoota Abbaa Geedeewooni dha. Innis Manneen\nKiristaanota Itiyoophiyaa Keessatti Ijaaraman kan dursitu luba Mana Kiristaanaa\nAksuumi dha. Manni Kiristaanaa Kunis Amantaan abbaa kabajaa kan ta\u2019e Gooftaa\nkeenya Iyyasuus Kiristoos kan keessatti lallabamee fi Waaqa kan deesse Giiftii\nkeenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiidhaan kan kabajamtee dha. Abbaa Geedeewoonis\nQulqulluu Yaareed baruumsa barsiisuu yeroo eegalutti baroota baay\u2019eedhaaf\nqabachuus ta\u2019ee qo\u2019achuu dadhabe. Guyyaa tokko barsiisaan isaa isatti aaree rukutee\ndhukkubse. Qulqulluun Yaaredis baqatee urufatti, baay\u2019ina gadda isaa irraa kan\nka\u2019e gaaddisa mukaa jala taa\u2019ee Yeroo raammon muka irra baatus arge. Raammon\nsunis walakkaa mukichaa geessee kufaa turte. Yeroo baay\u2019ee erga kufteen booda\ndhiphina guddaadhaan mukicha irra baate. Qulqulluun Yaareedis ciminaa raammoo\nsanaa erga argeen booda gara barsiisaa isaa Afuurawaatti deebi\u2019ee, yaa abbaa\nkoo dhiifama naaf godhitii waan feete nagodhi jedheeni; barsiisaan isaas ofitti\nisa simate. <\/p>\n\n\n\n<p>Kana\nboodaa boo\u2019icha baay\u2019eedhaan gara Waaqayyootti kadhannaan lapheen isaa ifeefi\nyeroo gabaabduu keessatti kitaabolee Kakuu Duraa fi Kakuu Haaraa xummuree\naangoo daaqonummaanis muudame. Yeroo sanatti sagalee gadi qabaadhaani malee akka\nhar\u2019aa kanatti sagalee guddaadhan &nbsp;faarfannan Mahaaleetii hin jiru ture. &nbsp;Waaqayyos yaadannoo isaaf dhabbuu feenaan\n\/Gannata Edoom\/ keessaa sinbirroota sadi ergeefi. Isaanis afaan namaatin itti\ndubbatanii gara Iyyaruusaalem ishee samiitti isaan waliin ol isa baasan.\nAchittis luboonni 24 kan ittiin galateeffatan Mahaaleetii isaanii barate. Gara qalbii\nisaa gara lafaattis yeroo deebi\u2019etti Mana Kiristaanaa qarqara Aksumitti argamtu\ntakkas sa\u2019atii saditti seenee sagalee guddaadhan, \u201cHallee Luyaa Abbaaf, Hallee\nLuyaa Ilmaaf Hallee Luyaa Afuura Qulqulluuf, arjaan Tsiyoon samii uume.\nLammaaffas akkamitti akka ishee ijaaru akkaataa ijaarsa dunkaanaa museetti\nagarsiise, isa barsiisee,\u201d jedhe. Galata kanas <strong>Ariyaam <\/strong>jedhee moggaase. Sagalee isaa yeroo dhagahanitti mootichi,\nmootittiin, Phaaphaasiin luboota hunda waliin, qondaaltotni mootummaa fi\nuummanni gara isaatti fiigichaan dhufanii isa dhaggeeffachaa oolan. <\/p>\n\n\n\n<p>Sana\nboodaa waggaa hanga waggaatti, akkaataa kutaa baraatin, gannaa fi bona, birraa\nfi arfaasaa waqtii soomaa fi ayyaanotaa, sanbattan, akkasumas ayyaanota\nErgamootaa, Raajotaa fi Duuka Bu\u2019ootaa, Toloota fi Wareegamtootaa, Danaagiliif\nakka ta\u2019u taasisee yeedaloowwan sadaniin hojjate. Yeedaloowwan sadan kunis\nGi\u2019iizii, Izilii fi Araaraayii dha. Dubbiin namootaa, iyyi sinbirrootaa,\nbineeldotaa fi bineensootaa yeedaloowwan sadan kana keessaa hin bahu. <\/p>\n\n\n\n<p>Guyyaa\ntokkos Qulqulluu Yaareed mootii Gabramsaqal fuul-dura dhaabbatee osoo faarfatu,\nmootichi sagalee yeedaloo Yaareed osoo dhaggeeffatuu lapheen isaa faaruudhaan\nwaan fudhatameef ulee sibilaa isaatiin miila Qulqulluu Yaareditti gadi dhaabbate.\nMiilaa isaa keessaayis dhiigni fi bishaan ni dhangalaa\u2019e. Qulqulluu Yaareedis\nMaahileet hanga xummurutti itti hin dhagahamne ture. Mootichis kana arginaan ni\nrifate; ulee isaas miila Qulqulluu Yaared irraa buqqise; gatii dhiiga keetif waan\nbarbaadde na gaafadhu jedheen; Qulqulluun Yaaredis akka nan hin dhowwanneef\nnaaf kakadhu jedheen. Mootichi yeroo kakateefitti gara Kawaalaa deemee akkan\nMonokkosuuf&nbsp; naaf eeyyami jedheen. Mootichi\nerga dhagaheen booda aangawoota isaa waliin baay\u2019ee gadde, akka hin dhorkineef\nkakuu sana sodaatee osuma gadduu gaggeesse. Sana booda Qulqulluun Yaareed gara\nMana Kiristaanaatti seenun Taabota Tsiyoon fuuldura dhaabbatee, \u201cgonkaa kan taate,\nkan galateeffamte, ulfina ol\u2019aanaa kan gofatte, baha ifaa, gulantaa jireenyaa\nkan taate\u201d galata jedhu hanga xummuraatti yeroo dubbatu ciqilee tokko lafa irra\nol ka\u2019e. &nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p>Kana\nbooda gara kaaba biyyattiitti deemuun soomaf kadhaannaan murtaa\u2019uun foon isaa\nbaay\u2019ee dadhabsiisuun jiraachuun; Qabsuura isaas achitti goolabe. Maqaa isaa nama\nwaamuuf, yaadannoo isaa nama kabajuuf Waaqayyoon waadaa kenneefi. Kana booda nagaadhan\nboqote. <\/p>\n\n\n\n<p>Galanni\nWaaqayyoof haa ta\u2019u, &nbsp;kadhannaa Qulqulluu\nYaareedin dhiifama nuuf haa taasisu. Eebbi isaa bara baraan nu waliin haa ta\u2019u.\nAmeen! <\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Soorii Moosisaa Guyya kanattis fakkeenya Suraafeel kan ta\u2019e abbaan faaruu lammii Itiyoophiyaa kan ta\u2019e Qulqulluu Yaareed boqateera. Qulqulluun kunis gosa&nbsp; firoota Abbaa Geedeewooni dha. Innis Manneen Kiristaanota Itiyoophiyaa Keessatti Ijaaraman kan dursitu luba Mana Kiristaanaa Aksuumi dha. Manni Kiristaanaa Kunis Amantaan abbaa kabajaa kan ta\u2019e Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos kan keessatti lallabamee fi Waaqa kan [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[75],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4581"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4581"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4581\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4582,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4581\/revisions\/4582"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4581"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4581"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4581"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}