{"id":4579,"date":"2020-05-19T08:19:51","date_gmt":"2020-05-19T08:19:51","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4579"},"modified":"2020-05-19T08:20:50","modified_gmt":"2020-05-19T08:20:50","slug":"seera-kiristoos-raawwadhaa-gal-62","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/seera-kiristoos-raawwadhaa-gal-62\/","title":{"rendered":"\u201cSeera Kiristoos raawwadhaa!\u201d Gal 6:2"},"content":{"rendered":"\n<p style=\"text-align:right\"><strong><em>Dn. Yooseef Baqqalaa<\/em><\/strong><\/p>\n\n\n\n<p style=\"text-align:right\"><strong><em>Hiikaa: Soorii Moosisaa<\/em><\/strong><\/p>\n\n\n\n<h2 class=\"wp-block-heading\"><em>Seerri Kiristoos Maali<\/em><em> dha<\/em><em>?<\/em><\/h2>\n\n\n\n<p>Seerri\nKiristoos Jaalala dha. Jaalli namni tokko kan nama biraa waliin kan walii walii\nisaa kan ittiin gaggeessu; walii yaaduu irratti kan hundaa\u2019e jaalala laphee fi\nkennaa Afuuraa ti. Walitti dhufeenya gaarii namoota gidduu jiru irraa ka\u2019uun\ntokko kan biraaf kan raawwatu waan gaariin jaalala dha. Nama biraaf kan\nRaawwannu jaalalli gaariin kun Waaqayyo biratti gatii guddaa qaba. Kanaafis\nwalitti dhufeenya guyya guyyaa keessatti kan beela\u2019e nyaachisuun, kan dheebote\nobaasuun, kan daare daara baasuun, kan rakkate gargaaruun, kan gadde\njajjabeesuu fi hojiiwwan gaariin kana fakkaatan hundi jaalala namni namaaf qabu\nirraa kan ka\u2019e dha. Hojiiwwan gaarii kana fakkaatan kan raawwatan hundaa Gooftaa\nkeenya Qorichi keenya Iyyasuus Kiristoos murteedhaaf yeroo dhufutti,\n\u201cEebbifamtoota ijoollee Abbaa Koo koottaa addunyaan yeroo uumamtee eegalee kan\nisiniif qophaa\u2019e Mootummaa Koo dhaalaa! Hundumaa gadi kan ta\u2019an obboloota Koo isaan\nkana keessaa isa tokkoof waan raawwattaniif akka Anaaf raawwattaniti.\u201d jechuun\ngatii kabajamaa akka nuuf kennu Wangeelaan nutti dubbatee jira. Maat. 25:35-36<\/p>\n\n\n\n<p>Nama\njaalachuu fi nama gargaaruun jaalala ti. Waaqa jaalala kan ta\u2019e Waaqayyoo biraa\ngatii argamsiisa. Qulqulluu Phaawuloos \u201cEgaahoo yeroo yoo arganne nama hundaaf\ngaarii yaa raawwannu.\u201d kan jedhe gaarummaan jaalalaan kan raawwatamu gatii\nAfuurawaa inni argamsiisu sirritti waan hubateefi dha Gal. 6:10. Jaalala kan\njedhame kun namaaf waan gaarii hojjachuu, dadhabbina namaa illee haguuguun ykn\ndhoksuun raawwii ibsamu dha. Qulqulluu Phaawuloos isa kana ilaalchisee \u201cIsin\nkeessaa tokkoon tokkoo namaa ba\u2019aa isa tokkoo haa baatu, akkasumas seera\nKiristoos raawwadhaa!\u201d jedhamneerra. Kanaafuu, seera Kiristoos kan jedhame\njaalala dha. Kunis barsumsa hojiidhaan mul\u2019atuu dha Gal. 6:2. Fayyisaan Keenya\nIyyasuus Kiristoos jaalala Isaa gonkaa irraa kan ka\u2019e ba\u2019aa ilma namaa baatee duuti\nIsaaf kan malu osoo hin taane, foon keenya uffachuun du\u2019a mo\u2019ee ka\u2019uun mo\u2019icha\nakka nuuf kenne, hir\u2019ina keenya keenya balleessaa keenya obsuun nama gara\njireenyaatti gara Fayyinatti deebisuun jaalala gonkaa hojiidhaan ibsamee dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Jaalalli\nqooqa Ergamootaan dubbachuudhaa olitti kan kabajamee dha. Jaalalli dhugaan\nbeekumsa fi arjoomina kamiyyuu ni caala waan ta\u2019eefi dha. Jaalalli bu\u2019uuraa\njireenya kiristaanummaa akka ta\u2019e Qulqulluu Phaawuloos 1<strong><sup>ffaa<\/sup><\/strong> Qor. 13:1-10 irratti jireenyi ykn qabsuurri jaalalaan\nhin mi\u2019oofne kan hin fayyadne ta\u2019uu isaa nutti himee jira. Sababni isaas\n\u201cJaalalli ni obsa, jaalalli namaaf gadda, jaalalli hin boonu, jaalalli ana\nqofatu jiraata hin jechisisuu, jaalalli waan hamaa hin yaadu, jaalalli dhugaa\nwaliin yeroo hunda ni gammada, jaalalli hundumaa ni amana. Akkasumas jaalalli\nhin kufu.\u201d jechuun nu barsiisee jira. Haala kanaan kan jaalalatuuf arjummaa\ntaasisa, ni obsaafis. Kanaafuu, kan isaa illee osoo hin hafin ni dhiisaafi ykn\nni kennaafi. Nama jaalatu akka hin dhabneef gadi of qabummaadhaan, garraamummaadhaan,\nobsaan of\u2019eeggaanoodhaan ni jaalata. Eef. 4:2. Namni hunduu kan jaalatu arjummaa\nfi gara laafummaa qabu irraa osoo hin sassatin ni qooda, waan hundaanuu garaa\nhin jabaatu. Eef. 4:32 <\/p>\n\n\n\n<p>Namni\nWaaqayyotti amanu hundumtuu kan jaalalaa ta\u2019uutu isa irraa eegama. Fannoo\nirraatti addunyaaf beenyaa ta\u2019ee kan fannifame Fayyisaan Addunyaa Iyyasuus\nKiristoos kan nu barsiise nama hunda jaalachuu akka qabnu dha. Bu\u2019uurri baruumsa\nfi amantii amantaa Kiristaanaa jaalala kanaan ibsamuu qaba. Qulqulluu\nPhaawuloos Gal. 5:6 irratti \u201cKiristoos Iyyasuusiidhaan ta\u2019uun amantii jaalalan\nraawwatamuu dha malee kittanamuu yookan kittanaamuu dhiisuun hin fayyadu.\u201d jechuun\nnu barsiisa. Kunis amantii kan sochoosuu fi hojii gaariin akka hojjatamu kan\ntaasisu inni guddaan jaalala dha. Kanaan alattis bilisummaa Afuuraatiif kan\nwaamamne amantaa Kiristaanaa keenyaa fedhii foonii fi qoruumsa garaa garaatiin\nakka hin gufannee fi dhabeessa akka hin taane yeroo nu akeekkachiisu \u201cYaa\nobboloota isin fakkenyuummaadhaaf waamamtaniittu. Fakkeenyuummaan keessan fedha\nfooniif akka isin hin kennine. Garuu, jaalalaan walii walii keessaniif akka\ngarbootaa ta\u2019aa!\u201d Gal. 5:13 jechuun akka of eeggannuuf nutti himee jira. Amantaa hojiidhaan ibsuuf jaalalli baay\u2019ee murteessaa dha. \u201cHaa ta\u2019u malee\nyoo wal ciniintan, wal nyaattan illee &nbsp;akka wal hin balleessine of eeggadhaa!\u201d Gal.\n4:14 Kana irraa ka\u2019uun jaalalli raawwii hojii amantaa ta\u2019uu isaa hubanna. <\/p>\n\n\n\n<p>Kanaafuu,\ngidduu keenya jaalalli jira jechuun tokkummaa fi wal hubachuun nu gidduu jira\njechuu dha. Kana yoo ta\u2019e immoo namoonni jaalala tokkoon jiraatu, waan tokko\nyaadu, kaayyoo tokkoof hojjatu, karaa tokko irra deemu. Akkasumas, laphee tokko\nta\u2019u. Wangeela tokkoon tajaajilaa Afuuraa ykn Mootummaa tokkoof kan waamamani\ndha. H.D.B. 1:14 \u201cLaphee tokkoon ta\u2019anii kadhachaa turani.\u201d 1Phex 3:8 irratti\nQulqulluu Pheexiroos \u201cDhuma irratti hundi keessanuu laphee tokkoon ta\u2019aa\ngidiraan nama biraa isiniif akka ta\u2019eetti fudhadhaa, akka obbolaatti wal\njaaladhaa!\u201d jechuun akka nu barsiise nutis waa\u2019ee jaalalaaf jennee namoota wal\njaalatan fakkaannee bultoo Waaqayyoo kan ta\u2019e madda jaalala dhugaa haa taanu.\nKanaafi dha Qulqulluu Phaawuloos Eef. 5:2 irratti \u201cJaalalaan deddeebi\u2019aa,\njaalala hordofaa!\u201d kan nuun jedheef. Sababni isaas sossobaa kan hin qabne\njaalalli dhugaa (gonkaa) diina ykn gufuu cubbuu waaan ta\u2019eefi dha. Jaalalli\nhammeenya nu gidduuu jiru kan balleesu meeshaa afuura ti. Fkn. 10:2 irratti \u201cLolli\nmormii kaasti; jaalli garuu cubbuu haguugdi.\u201d jechuun nu barsiisee jira.\nAkkasumas, Qulqulluu Pheexiroos ergaa isaa 1<strong><sup>ffaa<\/sup><\/strong> 4:4 irratti \u201cJaalalli baay\u2019ina cubbuu ni\nuuwwisaatii, hunda dura cimsaati wal jaaladhaa!\u201d nuun jedhee jira. Kanaafuu, jireenyi\nnuti jiraannus jaalalaan yoo hin mi\u2019oofne hiika hin qabuutii nama jaalalaa\ntaanee jaalalaan jiraachuu qabna.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Jaalala Akkamitti Hojiitti Hiikuu\nQabna?<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Qulqulluu\nDaawiit Faar. 132:2 irratti \u201cObboloonni tokkummaan yoo ta\u2019an ni bareeda.\u201d\njechuun akka nutti hime waliif yaaduu laphee irraa madde, walgargaaruu, waliif\ngadduu, walumaa galatti laphee tokkoon ta\u2019uu akka qabnu nu hubachiisa. Qulqulluu\nYohaannisis 1<strong><sup>ffaa<\/sup><\/strong> Yoh.\n4:7 irratti \u201cWalii walii keessan jaaladhaa!\u201d nun jedhee jira. Kanaafuu,\njaalalli nu gidduu jiraachuu qabu jaala lafarraa isa boru badu jaalala yeroo gabaabaa\nosoo hin taane gatii hin badne kan nuuf kennisisu jaalala isa samii kan Afuuraa\nta\u2019uun nu hubachiisee jira. Akkasusmas, 1<strong><sup>ffaa<\/sup><\/strong>\nYoh. 4:20-21 \u201cEenyumtuu Waaqayyo nan jaalaldha jechaa obboleessa isaa kan jibbu\ninni sobaa dha. Obboleessa isaa isa ijaan argu kan hin jaalanne kan ijaan hin\nargin Waaqayyoon akkamiin jaalachuu danda\u2019aa? Waaqayyoon kan jaalatu obboleessa\nisaas akka jaalatu ajajni kun Isa biraa nuuf kennamtee jirti. Kanaafuu, kun\najaja Waaqayyoo ta\u2019uu isaa haa beeknu.\u201d Armaan olitti akkuma ibsame walii walii\nkeenyaa akka jaalannu Waaqayyoo irraa kan nuuf keennamee dha. Bu\u2019uura amantii Kiristaanummaa\nirratti kan dhaabbanne hundi keenyaa jaala gonkaa kanaan wal jaalachuu akka qabnu\nhaa beeknu. Sababni isaas jaalalli samii fi Afuuraa ajaja Waaqayyoo\nraawwachuudhaan tajaajilaa amanamaa fi jaalatamaa ta\u2019uu kan mirkaneessuu dha.\nQulqulluu Pheexiroos ergaa isaa 1<strong><sup>ffaa<\/sup><\/strong>\n1:22-23 irratti \u201cDhugaaf kan ajajamtan nuffiin kan keessa hin jirre jaalala\nobbulummaatiin lubbuu keessan jabeessaatii laphee keessan irraa wal jaaladhaa!\u201d\njedha. Qulqulluu Phaawuloos&nbsp; 2<strong><sup>ffaa<\/sup><\/strong> Qor. 6:3 irratti \u201cTajaajilli\nkeenya akka hin qeeqamneef waan tokkonillee hin gufachiisnu. Haa ta\u2019uu garuu,\nwaan hundaanuu akka tajaajiltoota Waaqayyoo jaalala nuffii hin qabneeen of\njabeessina.\u201d jechuun jaalalli dhugaa gonkaa nuffii kan hin qabne ta\u2019uu nu\nhubachiisee jira. <\/p>\n\n\n\n<p>Kanaafuu,\nobboolota gidduu jaalalli jiru yeroo tokko mul\u2019atee yeroo biraa kan badu, yeroo\ntokko daraaree waqtiin booda kan coollogu ta\u2019u hin qabu. Kana caalatti amantii\njabaa irratti biqilee, yeroo hundaa daraaree eebba Afuuraa fi arjummaa\nWaaqayyoo argamsiisaa kan jiraatu fi walitti fufaa ta\u2019uu qaba. Kanaafidha\nQulqulluu Phaawuloos 1Tes 3:13 \u201cNuti akkuma isiniif taanuu yeroo hunda walii\nwaliif keessanii jaalalli qabdan haa baay\u2019atu.\u201d jechuun ibsa. Abbootiin keenya\nakka taasisan hunda jaalalli akka jabaatuu fi guddatuuf fiis akka buusuuf\nkadhaannaadhan kan deeggaram,ee of eeggannoodhan kan qabame ta\u2019uu isaa hubanna.\n2<strong><sup>ffaa<\/sup><\/strong> Phex. \u201cSababa\nkanaaf jabina agarsiisaa Waaqayyoon fakkachuun jaalala obbolootaa dabalaa!\u201d jechuun\njaalalli Afuuraa inni gonkaa yeroodhaa yerootti guddachaa deemuu kan qabu\nmi\u2019eessituu jireenya Kiristaanummaa akka ta\u2019e hubachuun jaalala nuffii irraa\nbilisa ta\u2019e qabaachuun seera Isaa eeguun hojiin kan mul\u2019atu akka nuuf taasisuuf\nkadhachuutu nu irraa eeggama. Kan kadhatan kan nama hin dhowwanne, kan itti\nhimatan kan hin daganne Waaqayyo Gooftaan Abboota darbaniif kan kadhatame akka\nnuuf kadhatamu, nama jaalalaas akka nu taasisu, jaalala Isaatiinis jabaannee\ndhaaltuu Mootummaa Isaas akka nu taasisu fedhaa fi jaalala Isaa nuuf haa ta\u2019u.<\/p>\n\n\n\n<p><strong><em>Dn. Yooseef Baqqalaa<\/em><\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Dn. Yooseef Baqqalaa Hiikaa: Soorii Moosisaa Seerri Kiristoos Maali dha? Seerri Kiristoos Jaalala dha. Jaalli namni tokko kan nama biraa waliin kan walii walii isaa kan ittiin gaggeessu; walii yaaduu irratti kan hundaa\u2019e jaalala laphee fi kennaa Afuuraa ti. Walitti dhufeenya gaarii namoota gidduu jiru irraa ka\u2019uun tokko kan biraaf kan raawwatu waan gaariin jaalala [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[73],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4579"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4579"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4579\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4580,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4579\/revisions\/4580"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4579"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4579"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4579"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}