{"id":4576,"date":"2020-05-04T14:04:42","date_gmt":"2020-05-04T14:04:42","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4576"},"modified":"2020-05-04T14:07:44","modified_gmt":"2020-05-04T14:07:44","slug":"amma-garuu-kiristoos-warra-duan-hundaaf-angafa-taee-duaa-kaeera-1ffaa-qor-15-12-32","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/amma-garuu-kiristoos-warra-duan-hundaaf-angafa-taee-duaa-kaeera-1ffaa-qor-15-12-32\/","title":{"rendered":"\u201cAmma garuu Kiristoos warra du\u2019an hundaaf angafa ta\u2019ee du\u2019aa ka\u2019eera\u201d (1ffaa Qor. 15: 12-32)"},"content":{"rendered":"\n<p>Kutaa Tokko<\/p>\n\n\n\n<p>Adeemsa jireenya dhala namaa\nkeessatti dhalachuu, jiraachuu fi du\u2019uun ta\u2019iiwwan deddeebi\u2019anii mul\u2019atanidha.\nDhimma kana ilaaluun namoonni tokko tokko jireenyi dhala namaa hanga lafa kana\nirratti jiruu fi deddeebi\u2019u qofatti malee duunan faayidaa dhabeessa ta\u2019a\njedhanii kan yaadan jiru. Garuu jireenyi dhala namaa jireenya addunyaa kana\nirraa bira darbee akka itti fufu Manni Kiristaanaa keenya ni barsiisti. Barumsa\nishee kanaanis barumsa Duuka Bu\u2019ootaa irratti kan hundeeffattedha. Duuka Bu\u2019aan Qulqulluu\nPhaawloos ergaa isaa gara saba Qoronxoositti erge irratti \u201c<em>Amma garuu Kiristoos warra du\u2019an hundaaf angafa ta\u2019ee du\u2019aa ka\u2019eera;\nduuti karaa namaa akkuma ta\u2019e du\u2019aa ka\u2019uunis karaa namaa ta\u2019eera. Hunduu sababa\nAddaamiin akkuma du\u2019an hunduu ammoo Kiristoosiin du\u2019aa ka\u2019u\u201d <\/em>jechuudhaan\ndhalli namaa du\u2019ee akka hin hafnee fi jireenya bara baraatiif akka ka\u2019u nu\nbarsiiseera. Barruu kana keessattis waa\u2019ee du\u2019aa ka\u2019uu dhala namaa Du\u2019aa Ka\u2019uu\nGooftaa Keenya Qoricha Keenya Iyyasuus Kiristoosiin nuuf labsame waliin wal\nbira qabnee barumsa Manni Kiristaanaa keenya nu barsiistu ilaalla.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Dhalli namaa du\u2019aaf hin uumamne.<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>&nbsp;Uumamni dhala namaa du\u2019ee tortoree akka hafuuf\nosoo hin taane jireenya bara baraa argachuun akka Waaqa isaa galateeffachaa\njiraatuuf ture. &nbsp;Seenaa sirna uumamaa\njalqabaa keessatti akkuma hubannutti duuti hin turre. Namni akkuma Ergamootaa\nakka bara baraan jiraataniif uumamani malee akka du\u2019aniif hin turre. Waaqayyo\nnama bifa Isaatii fi fakkaatti Isaatiin yemmuu uumu; Afuura jireenyaas yemmuu\nirra bulchu; lubbuun isaa qofa jiraattuu bara baraa akka taatuuf osoo hin taane\nlubbuun isaa foon isaa wajjin tokko taatee hanga bara baraatti akka jiraattuufi\ndha. Kanas Waaqayyo dhala namaa akka bifa Isaa fi akka fakkeenya Isaatti uumuu\nisaatiin dhalli namaa jiraattota bara baraa akka ta\u2019aniif uumamuu isaanii\nhubanna. Kanaafuu, Addaamii fi Hewaaniin uumee bakka jireenyi bara baraa jiru\ngammachuudhaan akka jiraataniif jannata keessatti isaan galche; dhukkubaa fi\ndu\u2019as hin beekani ture. (S.Uum.1: 26-30; 2: 8-9)<\/p>\n\n\n\n<p>Kanaaf Manni Kiristaanaa keenya\ndhalli namaa du\u2019ee tortoree hafuuf akka hin uumamne barsiisti. Waaqayyo du\u2019aaf\nakka nama hin uumnes irra deddeebiidhaan ni ibsiti. Salamoon inni ogeesichi <em>\u201cWaaqayyo du\u2019a hin uumne; bara baraan akka\njiraatuuf uumama uume; badiin namootaa Isa hin gammachiisu\u201d<\/em> jechuudhaan nu\nhubachiisa. Dhalli namaa akka hin dune qofa osoo hin taane bakka duuti hin\njirre akka jiraachaa tures&nbsp; <em>\u201cAwwaallis daangaa kana keessa hin turre<\/em>\u201d&nbsp; jechuudhaan nu hubachiisa (Xibab\/Oggummaa.\n1:13-16). Dhalli namaa du\u2019aaf hin uumamne erga ta\u2019ee duuti akkamiin dhufe? Gaaffii\njedhu ilaaluun du\u2019aa ka\u2019uu dhala namaa hubachuuf nu gargaara. Sababni du\u2019a\ndhala namaa Waaqayyo irraa fagaachuun ajaja Isaa cabsuu dhala namaati. Kanaaf\nogeessichi Solomoon <em>\u201cWarreen Waaqayyo\nirraanfatan garuu sagaleedhaan Isa waamani; hiriyyaa isaaniis Isa taassisani;\nkanumaanis badani\u201d<\/em> jedhee dhalli namaa fedhaan du\u2019a akka ofitti fide dubbata.\n(Xibab\/Ogg. 1:13).<\/p>\n\n\n\n<p>Duuti kan eegale Addaamii fi Hewaan\nseera uumaa isaanii cabsuun yeroo balleessaa hojjetan ture. (S.Uum. 2:17)&nbsp; kanaafuu, gatiin&nbsp; cubbuu jalqabaa du\u2019a ta\u2019e. (S.Uum. 3:16-19)\nIsaan seera uumaa isaanii yemmuu diigan; isaanis kabaja uumama isaanii jalqabaa\nirraa haqamani. Kennaan isaaniis isaan irraa mulqame; qullaa isaaniis hafani. Sana\nbooda biyya bareedduu fi qulqulleettii taate keessaa ari\u2019amanii biyya rakkoonii\nfi duuti irra jiru keessa jiraachuu eegalani. Yeroo sanaa eegalee duuti Addaamii\nfi Hewaan irratti injifannoo argatee bittaa isaa jala galche. Dhalli namaa\nAddaamii fi Heewaan irraa dhalatan hundi hirmaattotaa fi dhaaltota balleessaa\nisaanii ta\u2019ani. Kana waan ta\u2019eef Duuka Bu\u2019aan Qulqulluu Phaawuloos <em>\u201cSababa nama tokkootiin cubbuun gara\naddunyaatti gale; cubbuudhaanis duuti seene; akkuma kanaa hunduu waan cubbuu\nhojjetaniif duuti dhala namaa hunda bira ga\u2019e\u201d<\/em> jechuun dhufaatii du\u2019aa\nhubachiisee jira (Room.5:12).<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Kutaa Tokko Adeemsa jireenya dhala namaa keessatti dhalachuu, jiraachuu fi du\u2019uun ta\u2019iiwwan deddeebi\u2019anii mul\u2019atanidha. Dhimma kana ilaaluun namoonni tokko tokko jireenyi dhala namaa hanga lafa kana irratti jiruu fi deddeebi\u2019u qofatti malee duunan faayidaa dhabeessa ta\u2019a jedhanii kan yaadan jiru. Garuu jireenyi dhala namaa jireenya addunyaa kana irraa bira darbee akka itti fufu Manni Kiristaanaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[65,67,75],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4576"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4576"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4576\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4577,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4576\/revisions\/4577"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4576"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4576"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4576"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}