{"id":4550,"date":"2020-03-03T10:02:54","date_gmt":"2020-03-03T10:02:54","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4550"},"modified":"2020-03-03T10:34:52","modified_gmt":"2020-03-03T10:34:52","slug":"sooma-guddaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/sooma-guddaa\/","title":{"rendered":"Sooma Guddaa"},"content":{"rendered":"\n<p style=\"text-align:right\">Qopheessaan: <strong>Liqa Gubaa\u2019ee Qalama Warqi Wubineh<\/strong> <\/p>\n\n\n\n<p style=\"text-align:right\">Gara Afaan Oromoottii kan hike:- <strong>Soorii Moosisaa<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Gooftaa\nfi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos erga cuuphaameen booda guyyaa afurtama kan\nsoome; nutis akka soomnuuf Mana Kiristaanaa keenya irraa kan ajajamne keessaa\nSoomni Guddaan isa tokko dha. Nuti amantoonni gocha Gooftaan keenya raawwate\nfakkeenya godhachuudhan ni soomna. Soomni Guddaan torban saddeet (guyyoota 55)\nqaba. Sanbattan Sanbata Duraa 8 fi Dilbata 7 of keessaa qaba. Kunis guyyoota 15\njechuu dha. Guyyoota 15 kana keessattis nyaata soomaa ykn bu\u2019aa loonii fi\nbeelladotaa manaa kanneen biroo irraa soomama malee midhaani fi bishaan irraa waan\nhin soomamneef guyyoota 40 ta\u2019a. Soomni kunis maqaa garaa garaatin waamama. <\/p>\n\n\n\n<ol><li>Sooma Guddaa:- Gooftaan keenya erga cuuphameen booda kan\nsoome waan ta\u2019eef; \u201cWaaqayyo guddaa dha, magalaan waaqa keenya garaa irratti\ngalanni guddaa dha.\u201d &nbsp;Faar.47(8):1\n\u201cGooftaan keenya guddaa dha humni isaas guddaa dha.\u201d Faar.146(7):5 akkuma\njedhame Gooftaan keenya kan soome waan ta\u2019ef <strong>Sooma Guddaa<\/strong> jedhame.<\/li><li>Sooma Hudaadee:-Hudaadee jechuun lafa qonnaa ykn ooyiruu\nmootummaa bal\u2019aa jechuu dha. Hojii ooyiruu mootummaa kana namni hundumtuu itti\nbobba\u2019ee hojjata. Soomni Gooftaa baay\u2019ina guyyootaan soomawwan kanneen biroo\ncaala. Akkasumas, soomni guddaanis sooma Gooftaan keenya Mootiin samiif lafaa\nsoome waan ta\u2019eef &nbsp;namni hundumtuu akkuma\nhojii ooyiruu mootummaa irratti bobba\u2019ee hojjatu sana, sooma Gooftaa &nbsp;soomuu akka qabu agarsiisuuf <strong>Sooma Hudaadee<\/strong> jedhame.<\/li><li><strong><sup>\u2039\u2039<\/sup><\/strong><strong>\u1260\u12a0\u1270<\/strong><strong> <\/strong><strong>\u133e\u121d<\/strong><strong><sup>\u203a\u203a<\/sup><\/strong>&nbsp;jedhama:\nseensa soomaa jechuu dha.<\/li><li>Sooma Afurtamaa jedhama:- Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos\nguyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa waan soomef. Maat.4:1 <\/li><li>Sooma Gooftaa (Iyyasuus):- Gooftaan keenya soomee soomaa\njedhee waan ajajeef.<\/li><li>Sooma Muusee<\/li><\/ol>\n\n\n\n<p>Kan Gadi-Bu\u2019e (Zawarada)<\/p>\n\n\n\n<p>Torbeewwan\nsooma guddaa keessaa inni jalqabaa <strong>kan\ngad-bu\u2019e<\/strong> ykn <strong>Zawarada<\/strong> (bara\nAddaam) jedhama.<strong> Zawarada<\/strong>:- jechuun\ngubbaa irra kan dhufe, kan gadi bu\u2019e jechuu dha. Kunis Waaqni keenya Addaamii fi\nijoollee isaa du\u2019a irraa fayyisuuf Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos nama\nta\u2019uu isaa fi hojii fayyinaa raawwachuu isaa agarsiisa. \u201cSamii irraa kan bu\u2019een\nalatti gara samiitti kan ba\u2019e hin jiru.\u201d Kan jedhe jecha Gooftaa Keenya Iyyasuus\nKiristoos irraa ka\u2019uun hayyuun Qulqulluun Yaareed &nbsp;\u201c\u12d8\u12c8\u1228\u12f0 \u12a5\u121d\u120b\u12d5\u1209&nbsp;\u12a0\u12ed\u1201\u12f5 \u1230\u1240\u1209 \u12c8\u121a\u1218 \u12a2\u12eb\u12a5\u1218\u1229 \u12a5\u130d\u12da\u12a0 \u12b5\u1209 \u12d8\u12e8\u1210\u12e9<\/p>\n\n\n\n<p>&nbsp;\u1260\u1243\u1209\u1361\u1361\u201d\njechuudhan jalqaba Digguwaa Soomaa irratti guyyaa kana ibse. Hiikni isaas\n\u201cAddaamin fayyisuuf samii irraa kan bu\u2019e Yihuudonni fannisan. Aangoo samii kan\nqabu Gooftaa hundaa akka ta\u2019e eenyumtiyyuu hin beekne.\u201d Kattabbiin (\u12f5\u122d\u1233\u1295) kunis Mana Kiristaanaa keenyatti Sanbata jalqaba soomaa\nta\u2019e jala bultii isaa ni faarfatama, ni galateeffama. Torbee kana keessayyuu\ndilbaataaf Wiixata galatni dubbatamu kitaabolee Ooritii fi Raajotaa keessaa kan\nfudhatamanii dha. Lammaffaa torbeen kun Muusee jedhamuun beekama. Waaqayyo\nGooftaan samii irraa bu\u2019uu fi fannoo irratti fannifamuun Addaamin fayyisuu isaa\nwaan yaadachiisuufi dha. Dabalataanis, torbeen kun Sooma Hirqaal jedhama.\nHirqaal (Eeraaqliyas) mootii Biizaantaayinii ture. Torbeen kun maqaa isaatin\nsababni waamamuuf &nbsp;bara sanatti\nFaarisoonni Iyyeruusaalemiin weeraranii Fannoo Gooftaa keenyaas booji\u2019anii\nfudhatanii turan. Mootin kunis gara Faaris deemee Fannoo Gooftaa isaan irraa\nfudhatee gara Iyyerusaalem deebi\u2019eera. Hirqaal Faarsi wajjin osoo wal hin\nwaraanin dura Duuka Bu\u2019ootni Sinoodoosii isaani irratti namni nama ajjeese\numurii isaa guutuu haa soomu jedhanii murteessanii seera baasanii waan turaniif\nsoomii kana sodaatee waan tureef amantoonni Iyyerusaalem turan yaada isaa kana deeggaruun\n\u201cati diina keenya nuuf balleessi, Fannoo Gooftaa keenyaas nuuf deebisi malee umuriin\nnama tokkoo 70 yoo baay\u2019ate 80 waan ta\u2019eef guyyaa shan shan addaan qooddannee\nsiif soomna\u201d jechuun soomaniifi jiru. Kana bu\u2019uura godhachuun warreen hin\nhubanne si\u2019a tokko soomuun kan dhiisan yoo ta\u2019u; warren hubatan garuu,\ndursayyuu Duuka Bu\u2019oonni soomaa turan jechuun waggaa waaggaadhan jalqaba sooma\nguddaatti sooma Hirqaal kan sooman ta\u2019eera. Manni Kiristaanaa keenyas kana\nbu\u2019uura gudhachuudhan torbee jalqaba Sooma Gooftaa Keenya Iyyasuus Kiristoos\nmaqaa sooma Hirqaal jedhu kennuufin akka soomamu taasisteetti. (Sinkisaara\nBitootessa 10). Sooma Digguwaa Qulqulluu Yaared irratti Zawarada jedhamee kan\nbeekamu waqtii sooma afuurtamaa keessaayyuu Katabbii (Dirsat) torbee jalqabaa faarfatamu\ndha. Yaadni ijoon of keessatti qabates faayidaa soomaa, kadhannaa, kennaa fi jaalalaa\nguddisee kan barsiisu dha. Hayyichi Qulqulluu Yaareed Digguwaa Sooma irratti\n\u201cWaaqayyo Muuseedhaan uummannis horiinis hundumtuu sanbata dadhabbii isaanii irraa\nhaa boqotan jedhee ajaje.\u201d jechuudhaan &nbsp;sanbatni\nilma namaaf qofa osoo hin taane lubbuu kan qabu hundi akka itti boqatu jechuun\nguyyaa boqonnaa ta\u2019uu ishee dubbata. \/S.Ba\u2019uu.20:10, 25:12,\/. Waqtiin (barri)\nkunis bara sooma Muusee jedhama. Sooma soomuun fedhaan qofa osoo hin taane kan\najajamee dha. Raajichi Iyyu\u2019eel \u201cSooma fi qabadhaa, cimsaa, Sagantaa Kadhannaa\nlabsaa, jaarsoliis mana uumaa keenyaatti sassabaatii tokkummaadhaan garas Waaqayyootti\niyyaa.\u201d Jedheera. Iyyu.1:11, 2:12, 12:15-16 Duuka Bu\u2019aa Qulqulluu Phaawuloosis \u201cSoomaa\nfi Qulqullummaadhaan murtaa\u2019atii Waaqayyoon tajaajilaa.\u201d Jedheera. 2Qor.6:4-6 <\/p>\n\n\n\n<p>Soomni\nosoo hin barbaachisnee ta\u2019eetii Gooftaan keenya \u201cYeroo soomtaniitti akka warra\nof-tuultotaa (of-agarsiistotaa) hin ta\u2019inaa\u2026qajeelummaaf jedhanii kan beela\u2019an\nkan dheebotan isaan eeebbifamtoota dha.\u201d Jedhu ture. Maat.5:6-16 Raajichi\nDaawwitis \u201cJilboonni koo soomuun dadhabaniiru, foon koos dibata dhabuun\nhuuqqateera.\u201d Faar.108:24 jechuun isaa barbaachisummaa soomaa nu hubachisa.\nDaan.9:3-4, 10:5 Akka maxxantuutti nama waliin kan jiraatu afuurri xuraawwaan\nseexanni kan bahu soomaan akka ta\u2019e Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos\ndubbateera. Maat.17:21, Maar.9:2 <\/p>\n\n\n\n<p>Qulqulloonni\nDuuka Bu\u2019oonni \u201cMisirroon isaan biraa yeroon itti fudhamu ni dhufa yeroo san ni\nsoomu\u201d kan&nbsp; jedhe jecha Gooftaa bu\u2019uura\ngodhachuun Gooftaan keenya du\u2019aa erga ka\u2019ee fi ol ba\u2019een booda soomanii seera\nsoomaas hojjataniiru. H.D.B.13:3 Abboota&nbsp;\n318. \u201cDuuka Bu\u2019oonni kan soomanii fi akka soomnu kan ajajan soomuu\nqabna.\u201d Jechuun sooma akka soomnu murteessuun isaanii jecha Gooftaa kana bu\u2019uura\ngodhachuuni dha. Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos hundeessaa\nseeraa kan ta\u2019e guyyyaa 40 fi halkan 40 soomee akka soomnu ajaje malee callisee\nsoomaa hin jenne. Kanaafuu, soomni ajaja ta\u2019uu isaa hubannee hundi keenyaa\nsoomu qabna. Soomnee akka eebbifamnu nu haa gargaaru!!! <\/p>\n\n\n\n<p style=\"text-align:center\">Galanni\nWaaqayyoof haa ta\u2019u!!!<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Qopheessaan: Liqa Gubaa\u2019ee Qalama Warqi Wubineh Gara Afaan Oromoottii kan hike:- Soorii Moosisaa Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos erga cuuphaameen booda guyyaa afurtama kan soome; nutis akka soomnuuf Mana Kiristaanaa keenya irraa kan ajajamne keessaa Soomni Guddaan isa tokko dha. Nuti amantoonni gocha Gooftaan keenya raawwate fakkeenya godhachuudhan ni soomna. Soomni Guddaan torban saddeet [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[75],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4550"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4550"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4550\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4551,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4550\/revisions\/4551"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4550"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4550"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4550"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}