{"id":4517,"date":"2019-12-24T14:24:14","date_gmt":"2019-12-24T14:24:14","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4517"},"modified":"2019-12-26T13:51:33","modified_gmt":"2019-12-26T13:51:33","slug":"wareegamummaan-akka-itti-fufu-waan-taasistaniif-galatoomaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wareegamummaan-akka-itti-fufu-waan-taasistaniif-galatoomaa\/","title":{"rendered":"Wareegamummaan akka itti fufu waan taasistaniif galatoomaa!"},"content":{"rendered":"\n<p>Jaarraa 10<strong><sup>ffaa<\/sup><\/strong>tti kaatee Manneen\nKiristaanaa kutaalee biyyattii adda addaatti mootota bara Akusimii,\nphaaphaasota, hayyoota fi amantootaan ijaaraman siidaawwan fi hambaalee bocamni\nfi dhaabaman kan barbadeessite Yoodiit Gudit erga dabarte (boqatte) booda, hayyootni\nItiyoophiyaa, moototni, phaaphaasonni fi amantootni kanneen darban irraa\nmuuxannoowwan lama argataniiru. <\/p>\n\n\n\n<p>Inni tokko, akkuma nuti gamoo Manneen Kiristaanaa dhagaa fi booraleen ijaaraa turre; isaanis ijaaraa turaniiru. Karaa biraatiin immoo Manneen Kiristaanaa dhagaa irraa bocanii ijaaraniiru. Bara badiinsaa yoodiitiin (Waagoota afurtamaa) booda, Manneen Kiristaanaa dhagaa fi biyyee suphee (booralee) irraa ijaaraman yommuu diigaman; kanneen kattaa tokko irraa bocamanii fi gar-tokkeen holqa godhamanii ijaaraman Meeshaalee Qulqullaa\u2019oo isaan keessa turan yoo dhuman illee Manneen Kiristaanaa kun garuu, akkuma gaarreen Gari\u2019aaltaa irratti mul\u2019atan sana abidda irraa hafanii isan argannee jirra.<\/p>\n\n\n\n<p>Moototni,\nphaaphaasotni fi hayyooni bara Zaaguwee kan darbe irraa wantoota lama baratanii\njiru. Gama tokkoon, \u201cManneen Kiristaanaa barbadaa\u2019an maaliif barbadaa\u2019an?\u201d kan\njedhu fi \u201cManneen Kiristaanaa osoo hin gubatiin bara keenya kanaan gahan sababa\nmaaliin diigamuu dhaban?\u201d kan jedhu adda baasuu ture. <\/p>\n\n\n\n<p>Kanneen diigaman dhagaa fi biyyee irraa waan ijaaramaniif hidhattiitni Yoodit gudit salphumatti dhagaa isaa keessaa luqqisaa diiguun barbadeessaniiru. Isaan kattaa irraa bocamanii ijaaraman garuu, gubuufi ta\u2019e diiguuf rakkisoo waan ta\u2019aniif bara badiinsaa sana qaxxaamuruu danda\u2019anii har\u2019aan gahanii jiru. <\/p>\n\n\n\n<p>Kanaafuu, seenaa Mana Kiristaanaa kana itti fufsiisuuf, bakka isheen bara badiinsaa Yooditiin dura qabdutti deebisuun yoo barbaachise, Manneen Kiristaanaa kattaa irraa bocaman ijaaruu qabna jedhanii Qulqulluu Laaliibalaa fa\u2019a Manneen Kiristaanaa kudha tokko dhagaa tokko irraa kan bocanii ijaaran jiru. Akka guutuu biyyattittiis Manneen Kiristaanaa dhibba lamaa ol ta\u2019an kattaa irraa bocamanii ijaaramuu isaaniitiin bara badiinsaa jaarraa 15<strong><sup>ffaa<\/sup><\/strong> darbanii bara keenya kanaan gahaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Bara Mannia Kiristaanaa keenya qormaata keessa itti seente kanatti muuxannoowwan darban hojii irra oolchuun barbaachisaa dha. Gama tokkoon, \u201cKanneen kanaan dura gubatan maaliif akka gubatan fi kanneen gubachuu danda\u2019an sabani isaanii maal ture?\u201d kan jedhu fi \u201cWaan maal raawwanne fi raawwachuu dhiisneefi dha?\u201d jechuun gaafachuu fi \u201cBadiin sun irra deebi\u2019ee akka hin mudanne fi kan ijaarames dhaloota irraa dhalootaatti darbuu akka danda\u2019uuf maal gochuu qabna?\u201d jechuun yaaduun nurra jira. Hojiiwwan lamaan kana yaaduu yoo dandeenye, yoomiyyuu taanaan Manni Kiristaanaa mo\u2019attuu waan taateef fi Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo itti fufuun ishee waan hin hafne ta\u2019uu isaatiin hojii ijoollee ishee jechuunis hojii amantootaa itti fufsiisuu dandeenya. Namootni biroo imimmaan keenya nuuf haa qoorsan jennee hin boonyu. Gara Uumaa keenyatti boonya malee. Kan hiojjennus jaalala kanaani dha. Eenyu iyyuu akka nubirmatu, eenyu iyyuu akka nugargaaru,  fi eenyu iyyuu mirga keenya deebisee akka nuuf kennu hin gaafannu. Kadhannaa keenya hundumaa keessatti \u201c \u1208\u1200\u1308\u122a\u1275\u1290 \u12a2\u1275\u12ee\u1335\u12eb\u2026  Biyya keenya nuuf eegi\u201d osoo hin jedhin oollee iyyuu hin beeknu. Biyya kana obboleewwan keenya biro waliin taanee hojjannee jirra. Seenaa ishees katabneerra, faarfanneerra, og-fakkiidhaanis bareechisnee har\u2019aan geessineerra.<\/p>\n\n\n\n<p>Abbootni keenya gaarreen Gara\u2019altaa bocanii Manneen Kiristaanaa yeroo hojjetan eenyu irraa iyyuu gargaarsa hin arganne. Manneen Kiristaanaa gurguddoo Finfinnee fi magaalota gurguddoo keessatti argamanis gargaarsa qaamolee biroon osoo hin ta\u2019in amantootaan kan ijaaramanii dha. Abbootni keenya, biyya kadhattu keessa Mana Kiristaanaa nama hin kadhanne nuuf dhaalchisanii dabraniiru. Hammuma amantootni keenya du\u2019aniin; <strong><em>Wareegamtoota<\/em><\/strong> horachaa akka jirru ni amanna malee, gadda baay\u2019isuun laphee keenya hin dhoofnu, fuula keenyas hin moccorru. Manneen Kiristaanaa mukaan ijaarre yeroo diigamu gamoon, kan gamoon ijjaarre yeroo diigamu immoo dhagaa bocamaan, inni dhagaa bocamaan ijaarame yeroo diigamu immoo sookoon (warqeen), inni sookoon ijaarame yeroo diigamu immoo diyaamadiin ijaaraa itti fufna. Abbootni keenya booyicha, hiyyumma hamilee fi gad-aantummaa gonkumaa nuunbarsiisne. <\/p>\n\n\n\n<p>Har\u2019a\nManneen Kiristaanaa fi amantoota Wallagga Lixaa gargaaruuf kan walitti qabamne\nisitti hin fakkaatiin. Wallaggi Lixaa biyya Qulqullootaati. Wallaggi biyya Kiristaanota\nciccimoo fi Gootota ta\u2019aniiti. Lakkoofsi isaanii haa xiqqaatu malee, biyya\nqajeelotaa fi gar-laafeeyyiiti. Kurnoo warri magaala guddittii keessa jirru hin\nbaafne baasuu uummata danda\u2019u dha Wallaggi. Najjoo, Qilxuu Kaarraa, Gimbii,\nMandii fi k.k.f. bakkeewwan akkuma Akusimi fi Laalibalaatti eebba guddaa lafa\nqabanii fi daawwatamnii dha. Achitti Manneen Kiristaanaa gurguddoo jiraachuu\ndhabuu danda\u2019u; garuu, Kiristaanotni gurguddoon biyya itti argamanii dha. <\/p>\n\n\n\n<p>Yeroo tokko\nyaa\u2019ii Afuuraaf gara Qilxuu Kaarraa deemnee guyyaa keessa gara sa\u2019aatii 10tti\nachi geenyee gara bakka yaa\u2019ichatti yoo siqnu uummanni akkuma keessan kenetti guutee\n(baay\u2019inaan) argameera. Barumsi Wangeelaa jalqabame. Faarfannaanis ittuma fufe.\nYaa\u2019ichi takka turee goolabama jennee osoo eegnu; ituma fufa malee hin\ndhaabbatu. An nadiqinaan qideessaa yaa\u2019ichatti siqee \u201cYaa\u2019ichi yoom goolabamaa!\u201d\njedhee gaafannaan; \u201cYeroo isin gara dhuftanitti deebitani.\u201d Naan jedhan.\nDhugumatti immoo yaa\u2019iin Jimaata jalqabame gaafa nuti gara itti dhufne yeroo deebinu\nuummanis gara mana isaa yeroo galu xummurame.<\/p>\n\n\n\n<p>Kanaafuu,\nroorroo uummata sanaa dhagahuu dhiisuun sagalee Waaqayyoo dhagahuu dhiisuu dha.\nBakkichi Kiristaanotni sa\u2019aatii digdamii afuriif osoo aara hin galfatiin iddoo\nitti Waaqayyoo galateessanii dha. Bakka Kiraistaanotni jireenyi Afuuraan isaa\nitti inaaffessu dha. Gara galma mana barnoota Sambataa yeroo seentan, tarree\nmaqaa waldaalee barreeffaman maxxanfamee jiru ilaalee maal akka ta\u2019e gaafannaan\n\u201cDabaree guyyaa Qurbaanaa miseensota waldaalee adda addaati\u201d naan jedhan. Kanaafuu,\nyaa\u2019iin kun Warri Qulqulluu Fooni fi Dhiiga Gooftaa hin fudhanne warra\nQulqulluu Fooni fi Dhiiga Gooftaa fudhatan gargaaruuf qophaa\u2019e dha\n(habalakaan). Yaa\u2019ii kana irraa barumsa suga ittiin argannu fudhanna.\nEebbifamoon abbaan keenya hojii guddaa hojjetaniiru. Hojiin abboota gurguddoo\nirraa eegamus kanuma. Qulqulluun abbaa keenyas asitti argamuu keessaniin waan\nabbaa tokko irraa eegamu raawwattaniittu. Tikseen bakka hoolonni isaa\nargamanitti hin argamne eessatti argamaree? Daran caalchisnee, bareechisnee fi\nisa darbe irraas foyyeessinee ni ijaarra. Ayyaana Wareegamtootaas daran\nkabajna.<\/p>\n\n\n\n<p>Jaalleewwan nugubdani fi nu&#8217;ajjeeftanis Qabsuurri fi Sinkisaarri (Galmeen Qabsuuraa) keenya akka itti fufu waan taasiftaniif guddaa galatoomaa! Galmeen Qabsuura keenyas \u201c\u12c8\u1260\u12db\u1272 \u12d5\u1208\u1275 \u12a0\u12d5\u1228\u1348\u2026\u1364 Guyyaa kanattis&#8230;boqate. \u201d jechuun jalqabu waan goolabame nutti fakkaatee ture; isin garuu itti fufuu akka qabu nubarsiistaniittu. Biraannaa qopheessuuf ammas gogaa duuguu; halluus bulbuluu akka qabnu nutti himtaniittu. Imalli Mana Kiristaanaas itti fufuu akka qabu nutti himtaniittu waan ta\u2019eef ammas guddaa galatoomaa! Nuti boonaa kan turre \u2018Qulqulluun Laalibalaan kana raawwate, abba abaluun kana hojjete fi k.k.f.\u2019 jechaa seenaa Manneen Kiristaanaa jabana duriini ture; har\u2019as seenaa dhalootaa irraa dhalootatti darbu akka raawwannu nukakaastaniittu waan ta\u2019eef galatoomaa! Osoo isin jiraachuu baattan akkasitti walitti hin qabamnu ture. Osoo isin ka\u2019uu baattan akkasitti lafa irra teenyee hin barannu ture waan ta\u2019eef ammas galatoomaa! Bakka kanatti yaa\u2019ii akkamii taasisnee akka turre ni yaadatama; amma garuu, seenaan sun akka jijjiiramu waan taasiftaniif guddaa galatoomaa!<\/p>\n\n\n\n<p>Walitti qabamuun qofa akka hin hafne, hojii kana caalu hojjechuu akka dandeenyu, dhaloota dhufuufis seenaa gidiraa fi roorroo nurra gahaa ture osoo hin ta\u2019in; seenaa gaarii nuti hojjenne dabarsuu akka dandeenyu onnee keenya, miila keenya fi giphii keenya hojii irra akka oolu taasisuu qabna. Barri hirriibaan dabarsine amma nugaha. Yeroon kun yeroo wal-arrabsuuni fi wal-jibbuun itti goolabamuu qabu dha. Yeroon kun Waldaaleen, lallabdoonni, faarfattoonni, itti gaafatamtootni Manneen Kiristaanaa, monokisootni, phaaphaasotni hundumti keenya kaayyoo Mana Kiristaanaa tokkittii kanaa raawwachiisuuf onnee tokkoon ka\u2019uuf guyyaa isa dhumaa ta\u2019uu qaba. Hordaa (Irfii) qabanneerra. Kanaa booda duubatti deebi\u2019uun hin jiru.<\/p>\n\n\n\n<p style=\"text-align:center\">Haasawa\nMuhaaza Xibabaati Dn. Daani\u2019eel Kibrat taasise irraa kan fudhatame<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Jaarraa 10ffaatti kaatee Manneen Kiristaanaa kutaalee biyyattii adda addaatti mootota bara Akusimii, phaaphaasota, hayyoota fi amantootaan ijaaraman siidaawwan fi hambaalee bocamni fi dhaabaman kan barbadeessite Yoodiit Gudit erga dabarte (boqatte) booda, hayyootni Itiyoophiyaa, moototni, phaaphaasonni fi amantootni kanneen darban irraa muuxannoowwan lama argataniiru. Inni tokko, akkuma nuti gamoo Manneen Kiristaanaa dhagaa fi booraleen ijaaraa turre; [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4517"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4517"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4517\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4520,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4517\/revisions\/4520"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4517"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4517"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4517"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}