{"id":4480,"date":"2019-12-06T08:30:47","date_gmt":"2019-12-06T08:30:47","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4480"},"modified":"2019-12-06T08:30:48","modified_gmt":"2019-12-06T08:30:48","slug":"oduu-gammachiisaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/oduu-gammachiisaa\/","title":{"rendered":"Oduu Gammachiisaa!!!"},"content":{"rendered":"\n<h2 class=\"wp-block-heading\"><strong>Dubbii Maariyaam<\/strong><\/h2>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"842\" height=\"595\" src=\"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/dobi-ma-pdf_001.png\" alt=\"\" class=\"wp-image-4481\" srcset=\"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/dobi-ma-pdf_001.png 842w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/dobi-ma-pdf_001-300x212.png 300w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/dobi-ma-pdf_001-768x543.png 768w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/dobi-ma-pdf_001-260x185.png 260w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/dobi-ma-pdf_001-705x498.png 705w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/dobi-ma-pdf_001-450x318.png 450w\" sizes=\"(max-width: 842px) 100vw, 842px\" \/><figcaption>Kitaaba Dubbii Maariyaam<\/figcaption><\/figure>\n\n\n\n<p>Dubbiin Maariyaamii qaama Barumsa\nhundee Mana Kiristaanaa \/Doogmaa\/ Ortodoksii keessaa isa tokko dha. Dubbii\nFayyina dhala namaa keessatti fi, waayee seenaa Kakuu Haaraa fi Adeemsa hojii dhala\nnamaa fiyyisuu Gooftaa Keenya Qoricha Keenya Iyyasuus Kiristoos keessattis\nbarumsa murteessaa ta\u2019e dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Waaqayyoo iccitii addunyaa kana\nittiin fayyise keessatti Dubbiin Maariyaami bakka guddaa fi iccitii guddaa qaba.\nDubbii Mariyaamii sirnaan hubaachuu fi hubachuu dhabuun, kufaatii fi fayyina\nnamoota hedduuf bu\u2019uura dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Seenaa Uumamaa keessatti kan akka\nishee kabaja fi jaalala Waaqayyo fulduratti argate kan hin jirre haati keenya\nDurbee Maariyaam Uumaa ishee kan deesse \u2018Haadha Waaqayyoo\u2019 kan taate, Rajjiin\nguddaa kan raawwatameefi dha. Kunis, Sanyii ishee kan ta\u2019an ijoollee Addaam\nhundumaaf badhaadhinaa fi milkaa\u2019ina guddaa dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Dubbiin Maariyaam ilaalcha fi\nejjennoo Amantaa sirrii qabaachuu caalayyuu jireenya Afuuraa guyya guyyaa\nkeessattis faayidaa fi furmaata hedduu kan qabu, waadaa fi kadhannaan Haadha keenya\nMaariyaami gahee fi kabaja guddaa akkamii Waaqayyo biratti akka qabu kan nu\nhubachiisu dha. Manni Amantaa Keenya Umriin badhaatuu ija taateef, birsiisaa fi\nkitaabota hedduu hundee amantii nuhubachiisan bay\u2019ee qabdi. Garuu, hedduun\nisaanii Afaan Gi\u2019iiziin yoo jiraatan, muraasni isaanii gara afaan Amaariffaa fi\nAfaan Oromootti hiikaman illee bal\u2019inaan uummata bira gahanii jiru jechuun ni\nulfaata. Dabalataanis, barumsawwan gurguddoon akkasii, dhaloota yeroo yeroon\nka\u2019uuf haala uerootiin himamuu akka qaban seenaan nuuf ibsa.<\/p>\n\n\n\n<p>Imaanaa kana fudhachuun Barsiisaa\nMana Amantaa keenyaa kan ta\u2019an Amaanu\u2019eel Mallasaa, mata duree \u201cDUBBII\nMAARIYAAM\u201d jedhuun bifa cimina qabuun fi hawwataa ta\u2019een barreessanii\ndhiyeessuun isaanii Ortodoksoota maraaf Misiraachoo guddaa dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Kitaabicha keessatti barumsa Mana Amantaa\nWaa\u2019ee Dubbii Qulqulleettii Dubroo Maariyaam isa qajeelaa, maddawwan amanamoo Mana\nAmantaa keenya irraa waraabuun mata dureewwan saglan itti aanan jalatti haala\nhawwataa fi dubbifamaa ta\u2019een kitaaba Qulqulluu irratti hundaa\u2019uun nuuf\ndhiyeessanii jiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Mata dureewwan kunis;<\/p>\n\n\n\n<p>1.&nbsp;\nHiika fi Maqaa Kabaja Dubree Mariyaam<\/p>\n\n\n\n<p>2.&nbsp;\nSeenaa Durbee Maariyaam<\/p>\n\n\n\n<p>3.&nbsp;\nSababa Ulfina Durbee Maariyaam<\/p>\n\n\n\n<p>4.&nbsp;\nFakkeenya Adda Addaa Abboonni Durbee Ittiin Ibsan<\/p>\n\n\n\n<p>5.&nbsp;\nRagaa Ba\u2019iinsa Kitaabolee Bara Kakuu Haaraa Waa\u2019ee Durbee<\/p>\n\n\n\n<p>6.&nbsp;\nRagaa Ba\u2019iinsa Hayyootaa, Waa\u2019ee Durbee Maariyaam<\/p>\n\n\n\n<p>7.&nbsp;\nDeebii Shakkitootaa Waa\u2019ee Durbee Maaiyaam<\/p>\n\n\n\n<p>8.&nbsp;\nKakuu \/Waadaa\/ Araaraa<\/p>\n\n\n\n<p>9.&nbsp;\nAyyaanota Durbee Maariyaam fi kanneen biroo isaan kana jalatti\nibsamaniin barumsa guddaa nuuf dhiyeessanii jiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Ortodoksoonni Amntaa keenyatti\ncimnee, shakkii tokko malee amannee Mootummaa Waaqayyoo dhaaluuf, maatii fi\nwarren nudhagahan hunda barsiisuun cimsuu fi shakkii keessaa baasuuf, barumsa Wangeelaa\nisa dhugaa addunyaan irra dogongoraa jiru ibsuuf beekumsi akkasii bay\u2019ee nu\nbarbaachisa.<\/p>\n\n\n\n<p>Dabalataanis, dhaloota keenya\nittiin qaruuf fi ijoollee keenya ittiin barsiisuuf kitaabni kun gumaacha guddaa\nqaba. <\/p>\n\n\n\n<p>Lallabdoonni Wangeelaa fi faarfattoonni;\nbarumsaa fi faarfannaa keessan beekumsa cimaa akkasiiitiin deeggaruuf,\nbaratoonni Sanbataas \/Dilbataas\/ bakka barsiisonni hin argamnettillee kan\nittiin of gargaartani dha. Kitaabichi barumsa hedduu fuulawwan muraasaa 176\nkeessatti gabaabsee nuuf dhiyeessee jira.<\/p>\n\n\n\n<p>Boordii Editooriyaalii \/Gulaallii\/\nWaldaa Qulqullootaatiin sirreeffamee fi Eyyamamee Waldichaan kan maxxanfame dha.\nKitaaba kanas;<\/p>\n\n\n\n<ol><li>Dukkaanota Waldaa\nQulqullootaa hundumatti fi<\/li><li>Kutaalee Misooma\nWaldaa Qulqullootaa wiirtuuwwanii fi wiirtuuwwan aanaatti ni argattu.<\/li><\/ol>\n\n\n\n<h3 class=\"wp-block-heading\">Odeeffannoo dabalataaf lak. bilbilaa<\/h3>\n\n\n\n<p style=\"text-align:center\"><strong>0111540484, 0111246184 0111244530\u2019n bilbiluun argachuu dandeessu.<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Waaqayyo kadhannaa fi Waadaa Durbee\nMaariyaamiin Mana Amantaa Keenya, Biyya Keenya Itiyoophiyaa fi uummata ishee hunda\nnuuf haa eegu! Barsiisaa Keenyaafis Sagalee Jireenyaa haa dhaggeesisu! <\/p>\n\n\n\n<p style=\"text-align:center\"><strong>Dubbisa Gaarii!<\/strong> <\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Dubbii Maariyaam Dubbiin Maariyaamii qaama Barumsa hundee Mana Kiristaanaa \/Doogmaa\/ Ortodoksii keessaa isa tokko dha. Dubbii Fayyina dhala namaa keessatti fi, waayee seenaa Kakuu Haaraa fi Adeemsa hojii dhala namaa fiyyisuu Gooftaa Keenya Qoricha Keenya Iyyasuus Kiristoos keessattis barumsa murteessaa ta\u2019e dha. Waaqayyoo iccitii addunyaa kana ittiin fayyise keessatti Dubbiin Maariyaami bakka guddaa fi iccitii [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4480"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4480"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4480\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4482,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4480\/revisions\/4482"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4480"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4480"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4480"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}